Hagayya 4, 2007 (Oromiyaa) - Dhimma Fincilaa Irratti Wal Dhabbiin Polisootaa fi Bulchitoota Gidduu Dhalate!
Godiinaa dhiyaa Shawaa Anaa midaaqanyii itti fincilli baratootan ka'ee poolisootaa aniichaa fi bulichiinsootaa anichaa giddutti waal dhabiinisaa uumee jiraa. Sababumaa kanaan guyya gafa 18/11/99 waal dhabinisaa poolisii fi hogaanitoota aniichaa giddutti umaameen dhokaasiin banamee haala addatiin qabanaawee jira, haa ta'u malee garuu amaan tana ille waal dhabinisii umaamee kun fala argatee jira jechuun nama rakkisa. Oromoon bakka jiru mara barattoota Oromoo FDG gaggeessaniif mararfannoo kennuun waliin dhaabbachuun akka hammeenyi irra hin geenye dhaabbachuufi qaba, barattooti haqa uummataa gaafatan itti dhukaasuun sirna miti, kana Oromoon bakka jirutti wal bariifachuu qaba jechuun sabboontoti dhaamaniiru.
*************
Wal Gahiin Wayyaaneen Gaggeessitu Diddaatti Jijjifamaa Jira!
Goodinaa Lixaa shawaa Aanaa Midaaqanyii itti Fiincilli didda gabirumma baratootan durifamee bariisisootan ille itti fufee jira yeroowwan daribaan keessa baraatoonni naanno kana kiitilaayoota waayaanee qaneessun waaliga'ii isaan fiinicilaan cuufan jiraan sababa kanan baratoonni heddun nanno jireenya isaan irra faagatan dhoksaan jiraan. Sababumaa kanaan gochaa hammenyaa barattootaa irratti taasifama jiru kessa
1. Baratoota 18 irratti himanni soba qindeessanii wajiiraa Poolisii Aanaa Midaaqanyii himatanii maatii baratoota kan hidhani dhiphissaa jiru
2. Baratoota kuta 9ffaa immo karddiin akka hin kennamne waan taasiisaniif ummanni kaarddi ijoolle keenyaa maaliif qabamee jedhee mormmi cimaa gocha jira kana malees himanni sobaa baratoota keenya irratti qindeessitan atattamaan akka kaastan jechuudhan mormii guddaa gochaa jira ummanni
Namoonni baratootaa yakkudhan haala hunda qindeessan keessa isaan gudguddon
- Ababee Heellisaa I/gaafatamaa waajjira qonnaa Aanicha
- Kabada Mokonnoon I/gaafatamaa waajira Barnootaa Aanicha
- Addunna Gonffaa dura ta'aa Gandda Magaalaa Ballammii(namiinni kun filanno ummata malee kan humnaan uummata bulchaa jiru yoo ta'u yeroo heddu ummata hiraarisaa jiraa yeroo dabiree baratoota irratti dhukaasee jiraa kun qabatamaan kan ta'e kanaaf namichi kun yoo gochaa farrummaa kana irraa hindeebine waan isa eeggatu xiinxalachuu qaba, irree uummataa dhandhamuuf deema)
- Riqitaa Bulttoo - hojjeetoota basaasa kan jiru
Walga'ii Barsiisotaa ilaalchiisee
Godinaa shawaa Lixaa Ambo, Godar, Aanaa caalliyaa, Geedoo, Aanaa Midaa Qanyii, Bakkoo Daannoo barsiisota Sad.1ffaa fi 2ffaa waliittii qabuun kanneen miseensa OPDO ta'aanii fi hin taanee gargar qooduun walga'ichaa wayita teessisan mormmii guddaan dhalatee. Gaaffiin keenyaa gaaffii barattoonnii kaasaa turaani dha jechuun gaaffii barattoonni kaasaa turan keessaa:
1. ABO dhaaba haqaan uumataa Oromoo bakka bu'ee dha maalif balaleefattu?
2. Hidhamtoonnii Oromoo haa hiikaman
3. Hiree mataa keenyaa ofiin haa murteeffaannu
4. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa haa Banamu
- Hooggantoonni isaa hundi haa hiikaman
- Qaabeenyaan isaa saamamee haa deebi'uu
5. Ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii biyyaa irra Arii'amaan biyyaa isaaniitti haa deebifaman
6. Dhaabnni maaqa Oromootiin Oromoo garboomsaa jiru OPDO dha, kaanaaf isiin gara qabssoo saba keessanitti akka makamtan jechuudhan walga'iicha gara gaaffii Diddaa garbummaatti jijiruun ergamtoota diinaa qaneessaniiru
· Keessattuu Aanaa Midaa Qanyii keessatti mormmii guddaan dhalatee barsiisonnii Maaliif barattoota gaaffii mirgaa kaasan irratti dhukaasa bantanii? Maaliif maatii baratoota qabdanii hiituu ? kaanaafuu rakkoo yeroo dabree baratootaa fi Bulchinsa aanaa gidduutti geessifameef itti gaafataman ergamtoota OPDO Aanichaa ta'uu ibsaa godhan.
· Haala kaanaan balaaleeffachuun barsiisonni baayeen miseensummaa OPDO dhiisanii gara warra miseensa hin ta'iinitti makaman mata dhukubisaaniruu.
*********
Ilmaan Oromoo Hedduu Maqaa ABOtiin Hiraarfamaa Jiru! Walgahiin Barsiisotas Mormiin Xumurame!
Ilmaan Oromoo hedduu maqaa Adda Bisisummaa Oromoottiin dararaan guddaa irra gahaa jira. Namoonni naannoo kanatti socho'an warra mana siree qabatan otoo hin hafiin warra gara magaalaa Mattuu deemanii fi irraa deebihan hundinuu qabamanii hiraarfama jiru. Jiraattoti magaalaa kanaas heddumminaan qabamanii hiraarfamaa jiraachuun hubatameera.
Odeessi naannoo kanaa akka ibsutti walgaa'in barsiisoota koolleejjii mattu gafa guyyaa 12/11/99 - 16/11/99 A.L.Hti moormii fi gaafii ciicciman xumuraani jiru. Kanaan duraas walgaa'ini barsiisoota sadarkaa tokkofaa fi sadarkaa lamaaffaa torbaan lamaan darbaan keessaa mormii cimaan xummurun ni yaddatama.
***********
Wayyaaneen Ummata Oromoo Gidirsuu Itti Fuftee Jirti!
Godina Jimmaa Ona Qarsaa ganda Qarsuu Toliitti tarkaanfiin waraanni wayyaanee fi poolisoonni fudhataa jirtu guddoo hammaataadha. Akka kanaan gaafa guyyaa 26/7/2007
1. Gaalii Jamaal A/Bulguu mucaa waggaa 13;
2. Jaafar A/Biyyaa A/Bulguu mucaa waggaa 16;
3. Kaliifaa A/Raayyaa A/Waajii mucaa waggaa 15;
4. Gaalii A/Maccaa A/Waarrii fi
5. Toofiq A/Boor A/Bulguu mucaa waggaa 14dha;
Jedhamanu jiraattota ganda Qarsuu Tolii ta'an kana waraanni wayyaanee fi poolisoonni Ona Qarsaa walta'uun ijoollee kana rukuttaan guddoo miidhaniiru. Ijoolleen kun yaroo ammaa waajjira poolisa Ona Qarsaatti hidhamanii jireenyaa fi du'a gidduutti argamu. Ijoollee kana maatiin illee yaalchifachuuf poolisa gaafatuuyyuu akka hin eeyyamamneef hubatameera.
Sababni ijoolleen kun garmalee reebamanii miidhamaniif dargaggoota ganda Qarsuu Tolii bakka jarri itti baqatanii jiranu ni beektu; bakka isaa nugeessuu diddani; lakk. Moobaayila jaraa nuuf laachuu diddan jedhamaniiti. Akkasumas Obboloonni keessan WBO dha, fi kkf itti funaananii himatamanii garmalee miidhamanii qaamaa hirrataa jiru. Gara biraan Aaddee Haadha Dilbii A/Garoo fi dubaree Alawiyyaa A/Garoo jedhamanu jiraataa dhuma ganda kanaa ta'an mucaa keessan Xahaa A/Garoo bakka inni jiruu fidaa, nutti himaa jedhamanii guddoo gidirfamaa jiru. Aaddee Haadha Dilbii A/Garoo kun manguddoo waggaa 60 tu guddoo rakkifamaa jiru. Tarkaanfii fokkisaa kana kan fudhataa jiru Waajjira poolisa Ona Qarsaa, Bulchiinsa Ona Qarsaa, Dhimma Nageenya Ona Qarsaa fi damee waraana wayyaanee tu walta'uun ummata gidirsaa jira.
*************
Walgahiin Lukkeen Gaggeeffamu Firii Malee Faca'e!
Kutaa Baalee Aanaa Dodolaa keessatti Walgayiin OPDOn Barsiisota walitti qabdee Mata duree ABO Diina jedhu jalatti mari'achiisuuf walitti qabde Mormii fi Dura Dhaabbannoo Sabboontota Ilmaan Oromoo kanaan harkaa fashalee jira. Akka kanaan ABO diinaa Miti! qaama keenna Nuti diina jennee hin balaaleffannu! Isinuu wallaalatu waan diinni qaama keennaan jedhu isinis ergaa isaanii fuutanii diina jettu kanaafuu karaa irra hin jirtanii
of sirreessaa! Ergaa Diinaa kana ummata keennatti fiddanii ittiin hirakkattinaa Ummanni keenna Firaa fi Diina isaa addaan baasee beeka! Isin warra garaaf Diinatti nugurguru malee warra nuuf dhaabbate miti, kan jedhuu fi kkf deebii kennaniifi wal-gayiin gaafa 18 irraa jalqabee guyyaa kudha shaniif yaadame torbaan tokkotti bu'aa tokkoon alatti addaan faca'ee jira.
Basaasonni Diinaa kan achi irratti ABOn Diina jedhanii nama fudhachiisuuf ergaa diinaa fuudhanii dhufan:
1. Qaaasim Nagaash Itti Gaafatamaa Gurmaayinna Aanaa Magaalaa
2. Qaasim Jaamaa Itti gaafatamaa OPDO
3. Qaasim Dhaqqaboo itti aanaa Sabqunnamtii
4. Abdulqaadir Daallee itti gaafatamaa Aanaa
Namoonni jedhaman kuni ergaa diinaa kana galmaan gayuuf hedduu yaalanis dura dhaabbannaa sabboontotaatiin harkaa fashalee jira. Namoonni kuni gochaa fokkataa kana irraa yoo dhaabbachuu baatan tarkaanfiin dhumaa kan isaan mudatu waan ta'eef balaa isaan irra gayuuf kan itti gaafatamu isaanuma ta'uu hubachiifna!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!