Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Oduu Biyyaa


Sadaasa 10, 2007 (Oromiyaa) - Barattooti Mana Barumsaa Daariyaan Sadaasa 9, Haala O'aan Yaadatanii Oolan!

Barattootni Mana Baruumsa sadarkaa lammaffaa Daariyaan Sadasa sagal guyyaa goototini barattooti Oromoo FDG bifa harayaan itti eegalan haala oo'aan yaadatanii oolan. Barottootni kunneen jiini Sadaasa kun yoomillee taanan kan hin dagatamnee,Tukkummaa uummata Oromoo kan ibsuudha jechuun guyyaa seena qabeessa ta'uu isaa wal hubachiisanii oolaniiru. Wan ta'eef ummanni Oromoo guyyaa kana akka wal yaadachiisan erga heeranii jiru.

Sanatti ansuun Seera Kongrensiin Amerikaa HW-2003 jedhu baase irratti baay'ee kan gammadanii fi Ummanni Oramoos odeeffannoo barbaachisu kennuuf murtiin kun akka hojii irra oolu dhiibbaan gahaa godhamu dhaammatuun yaada fi seera kana kan deeggaran ta'uun hubachiisaniiru.

Dabalataanis lola mootummaan Wayyaanee Ertiraan waliin looluuf of qopheessaa jiru keessatti ummanni Oromoo akka hin hirmaanne jechuun dhaamsa isaanii jabeessanii dabarfatanii jiru.

************

Diddaa Ka'een Wayyaanooti Ummata Nagaa Irratti Dhukaasa Banan!

Gaafa 04.11.07 lixa shawaa ona Midaaqenyi keessatti ayyaana masqalaa jedhamee beekamutu ayyaaneefama oole. Ayyaana kana irratti dur ummati qabatee kan yaa'u alabaa ethiopia akka turee fi isa bara kana immoo ummati akka jirutti alaabaa ABO fi kan abbaa gadaa qabachuun faaruu fi sirba ABO faarsu dhageessissuun dhiichisaa akka oolan hubatamuun maddeen gabaasaniiru.

Wayyaanoti haala kantti rifattee fi aarte poolisiin federaalaa ummata harkaa alaabaa ABO funaanuuf carraaquu irraa kan ka'e ummata waliin walitti bu'iins ta'e akka kanaa guyyaa kana naannoon kun dirree lolaa adda waraanaa itti bobbahe fakkaatee ooleera. Poolisoonni dhukaasa yandoo raabsaa oolanii jiran. Jiraattota magaalichaas hedduu mana hidhaatti guuranii jiru. Borumtaa isaa immoo mana barnootaa deemuun barattootta 35 isintu ummata akka kanatti qinddeesse jechuun qabdee hidhaatti naqxee jirti. isaan keessaa kan maqaan isaan nu dhaqqabe:

1. Garramuu Raggaasaa, 2. Camadaa Nagarii, 3. Wandimmuu Nagarii ti.

Warra hafan akka maqaan isaanii nu dhaqqabeen isin beeysifna.

************

Wayyaaneen Dargaggoota Kaadhimmachuu Baldhinaan Itti Jirti!

Brattoota kuta 10 fi 12 kufan akka isaan galma'anii loltummaa liinjifaman beeksisa baasuun  yeroo ammaa barnootati baay'een barnootaaf abdii kutatan galma'a akka jiranii fi kan immoo fe'ama akka jirantu odeefama. Amma illee dhimma kana irratti SBO  osoo wal irraa hin kunnee utuu olola tolchanii gaarii dha.

************

Qot ee Bulaan Lafa Isaa Irraa Buqifamaa Jira! Laftii fi Naannoon Sababa Investmentiin Hammaataa Jira!

Kana malee naannoo Holataatti  ummata gandaa isa irraa buqqisuun warra ababoo homishaniif lafa isaa laatuufirra darbee bishan dhugaatii ummati itti gargaaramu gara sanatti jallisuun ummata naannichaa bushaan dhugaatii dhabee akka rakkatu taasisanii jiran. Kanuma duukaa kemikaalli ykn xa'oon isaan homisha ababoof itti gargaaramaa jiran dhibee ta'ee jiraattota naannoo sanaa gaga'aa jira.

*******************

Wal Gahiin Wayyaaneen Ooftu Jalaa Fashale!

Wayyaaneeni akkuma beekamu qaamota hawwaasaa adda addaa kan isheen ijaartuf inni guddaan miseensa horachuudhaaf.  Garuu kanatti hin milkoofne.  Kaayyoo dhuma kana bakkaan ga'achuudhaaf dargagoota godina Shawaa kaabaa waldaadhaan walitti qabaman jidduu kana marii misoomaaf dimookiraasii jedhuun aanaa yaayyaa gullalee magaalaa daalatiitti walittii qabdee yeroo siyaasa ishee ololuu yaaltutti harkaa fashalsanii jiru. Akkma kanaan dargagoonni kun isin uummata Oromoo bakka hin buutani filannoo aanaa fi gandaa dhufu kanarratii isin hin fillu dhaabni dhugaan Oromoof dhaabbate ABOdha kanaaf adbiin kenyas dhaabni keenyas ABOdha yeroo jedhanitti OPDOn gamasheetiin kan seenne dhiigan kan baanusi dhiigan jechuudhaan abdii kutachuushee yeroo itti himtutti dargaggaanni kun akkas taanaan bosona gala jechuu keessan waan ta'eef sin faana hin teenyu jedhaan walga'ii dhiitanii bahaniru. Dhumarratti dargagganni kun OPDOn kan lafee Oromoo cabse, kan dhiiga Oromoo dhangalaase waan ta'eef Oromoo bakka hin bu'u jedhii walgahicha bittinsanii addan deeman.

Godinuma kana keesatti baasaasitichi wayyaanee ummata rakkisaa ture kan Taamiruu Hayilee jedhamu hojii isaa fokkotaa irraa akka of qusatu itti himamee waan dideef balaa isarra ga'uuf kan itti gaafatamu isuma ta'u sabboontonni naannoo akkeekkachiisaniiru. 

**************

OPDO Keessatti Garagarummaan Cimaa Dhalachaa Jira!

Godiina arsii keessatti  OPDO gidduu garagarummaan babal'atee hamma hojii irraa wal dhaabutti gahamee jira. Kunis kan ta'e humna nama baratee hirmaachisuu qabna jechuun namoota dirqanii miseensa taasisanii fi namoota homaa hin beeknee kan ofitti amantaa hin

qabnee dur walitti sassaban gidduu garagarummaa yaada uumameeni dha. Haala kanaan namoonni barnoota qaban kun hamma yoomi ummata keenya dararra ummata keenya

caqasuu qabnaa yoo jedhan kuun ammo kana fudhachuu dhabuuni dha. Kun amma godina hunda keessatti walgayii bulchiinsa gaarii jedhuun ta'amee fi ta'amaa jiruu irraa kan madde dha.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Wayyaaneen Basaasota Bobbaaste, Waraana Eritiraa Waliin Ta’uuf Ummata fi Dargaggoota Mariisisna Jechuun Tattaafatuun Hubatame!

Yeroo amma Magala Gimibi keessati wayanonii  Basasitota ishe  haala adda addan bobafitee jiritii. Haali issasi Namota Ufata cicictaa itti ufisitee  Ittini ummata basasa jirit kanafii ummatni magalicha fi naanno sana akka irra of eeguu  dhaamna.

Yeroo  amma wayyaanoti lola Eritira wajjin gegefamufi jechuun dargaggootaa fi uummata Oromoo mariisisaa jira. Kanaaf dargaggooti Oromoo dhimma kana hubachuun akka qabsoo uummata isaaniif malee lukkummaa diinaaf yeroo fi lubbuu isaanii dabarsanii akka hin kenninne dhaamsa jabaa dabarsina!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net