Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Onkololeessa 6, 2007 (Oromiyaa) - dhimma   yeroo  amma  oromiyaa  keessatti  ta'a  jiru  ilaalchisee dhamsaa  tboyg (tokkummaa barattoota oromoo yuniversity gondar) irraa  kenname.

Ummatni Oromoo  ummata  ganfaa  Afrikaa  irraa  saba  guddaa fi  saba cimaa dha. Ummani  kuni  ummata  aadaa,  dudhaa fi seenaa  mataa  isaa  ummata  qabu dha. Oromiyaan  qabenyaan  badhatuu  ta'u  ishee  biyyitti  irrattis  ta'e  sadarkaa  adunyaa  irraatti  yeroo  dheeraaf  diinoonni ishee  raga  bahaniruuf.

Haa ta'uu  malee  jarraa  murasaan  dura  sabni  guddaa kun  harka  motii abba  irree  itoophiyaa  jalatti kufee, aadaa fi  seenaan  isaa  jallatee,  abbaan  biyyummaa  isaa  sarbamee, mirgi isaa  dhitamee  ummata  jirachaa  jiru dha. Garuu  sabni kun  bara  seenaa  isaa  kana  keessatti  yeroo  inni  caalisee  bittotaa  kanaaf  bitameruu  hin jiru, qabsoon hadhaawaa hedduu gaggeeffamaa tureraa, har'asi gaggeeffamaa jira.

Yeroo  amma  kanas  ummatiin  Oromoo  gabrummaan  bifa  itti  jijjirate lukkewwaan  wayyanee  kanneen gara  isaani fi  garaa  isanitiin  yadaniin  dhitaan  mirga  namummaa irratti  rawattama jira. Nuyi TBOYG dhittaa  mirga  namummaa  sirna  bicuu  TPLF fi lukkewwaan  ishee  ummata  Oromoo irrati rawwachaa  jiran sadarkaa  ol aanaatti yaaddesaa  ta'uu waan hubatneef   sagalee  keenya saba  Oromoo  isaa guddaa fi  ummata  adunyaaf  dhagesisuu  barbana.

Wayyanee fi  lukkewwaan isaan qabsoo  ummata  garaa  dabarsuuf  jecha  dibbeen  isaan hin  reebneef  shiraa  isaan  hin  xaaxxiin  hin jiru. Yeroo  amma  kannatiis  maqaa  'barkumee'  jedhuun  midiyaa  isaan  guyyaa  tokkolee  rakkina  ummata Oromoo  hin  argisisinee  kannan  lafa  dhita  jiru. Akkasummaas  yeroo  isaan  barbachisuu  bosonna  Oromiyaa uumaan badhaseruu  akka  ibidaan  daraa  hin  goone har'aa  ummata Oromoo  biraatti  fudhattama  argachuuf  jechaa  biqiltuu  milliyoona  meqa  dhabinee  jedhaan TV harkaa qabaniin afarsu. Lammiin Oromoo  kammiyuu  yoo  ta'e, dirqamaa  nannoo  isaa  kunnunsee  labata dhufuu fi  dabarsuu  qaba  malee  waggaa  kuma  tokko  dhegaan  muka  dhabuu  hin  qaban. 'Barkumeen'  kan  sirni  bittuu  TPLF fi  ergamtoon  ishee  lubbuu  isaan  itti  dherefachuuf  jecha  sirba  jiranidha, muka  dhabuun  garu  dirqamaa  lammii  kammiyyuu  yommiyyuu  kan  ta'u  qabuf  kanadha wal  fakesuuf  yaali  gochaa  jiru.

Nuyi  ilimaan  Oromoo  yuniversitii  Gondoritii  argamnuus  guyyaa  har'aa  jechuniis  guyyaa  sirni  bittuu  TPLF fi ergamtoon  ishee  itti  lafa  dhitaa  olaan  kun  guyyaa  gaddaa  ta'e  olera. Ilimaan  Oromoo  yuniversitii  Gondoriti  argamnuus  haala  yeroo  amma Oromiyaa  keessatti  ta'a  jiruu fi  haala  qabsoo  ummata  Oromoo  itti  cimisuun  dandahamuu irratti  mariwwaan  adda  addaa  gochaa  ollera. Barrii  sirni  bicuu  TPLF fi  lukkuwwaan  ishee  kabajaa  jirtuu  kun  bara  gabrumatuu  ummata  Oromoo  irratti  dheratee  malee  Oromoof  jijjiramni  dhufe  hin jiru. Oromoon  akkuma  durii  har'aas dhitaan  mirga  namummaa  irratti  rawwatamaa jira. Akka  FKNti  waggaa  lammaan  dura  hogantonii fi  degartoon  qindominnaa  mana  hidhattii  darbatamaan  rarroo fi  giddiraa  hedduun  irraan gaha  turera. Dhumaa  irrattis  garuu  wayyannoon  mana murtii  isaan  kan isaan  jedhaan  jedhuu fi  kan  isaan  godhii  jedhaan  godhun murtii  jalla jareen  kana  irratti murtesaniruu. Murtoon  isaan  kun  garu  ummata  biyyittii fi  ummata  adunyaa  birratti  akka  inni  fudhatamaa  hin  qabne  waan  bekaniif  harikumaa shiraa  xaxxaaniin  jarreen  kana  mana  hidhaa  irraa  gadhisaniru. Kan  gadhifamuu  isaaniif  sababaa  ta'e  jedhamu  yoo  jiratees, umman  biyyitti  sababaa  jareen  kannaan  fincilaa  nuraati  kachisee  barkumee  lafa  dhitaa  jiru  kana  karratti  nu jala  hambisuu  jedhaani  akka  ta'e  shakkii  tokkoyyuu  hin qabu.

Kan  ummata  Oromoo  garu  kan  bay'ee  nama  gadisisu dha. Hoggantonii fi  degartoon  Macaa fi  Tullamaa  akkasumaas  ilimaan  Oromoo  kuma  hedduutti  lakawwamaan  Oromummaa  isaanif  qofaa  mana  hidha  keessatti  darbatamaani  murtoo  tokko  malee  mana  hidhaa  keessatti  giddiraa  hedduu  arga jiru. Yeroo  amma  kanas  sababaa  'barkumee'  jedhuun  ilimaan  Oromoo  irratti  dulii  hidhaa  labisamee  mana  hidhaati  gurama  jiru. Kanaafu  yeroo  amma  kana   daldalaan  daldalee, barataan baratee, qonnaan  bulaan  qote, hojjetaan  hojjetee  jirachuu  dadhabera. Kanaafu  lammiin  Oromoo  kammiyyuu  yoo  ta'e, yeroo  kammiyyuu  calaatti  dinnummaa  TPLFhubatee yeroo  amma  kanati  ummaatni Oromoo wal malee fi  of malee akka  hin  qabne hubatee   waan  ta'u hundumaa  irratti yeroo  kamiyyuu  caalaatti harika wal qabataan  akka wal cinaa  dhabattaan  gafana. Adda durummaan immoo  darggagoon Oromoo  sadarkaa  adda addaa irraatti  argamtaan  hundumituu obolota keessaan kayyoo  Oromummaaf  jechaa  irbataa  rasaasaa  wayyanee  ta'an  isiin itti  dhagahamee  kayyoo  isaan  itti  warregamaniif  galmaan gesaan, komee fi itti  gafatamummaa  seenaa jala akka  of bastaan  wamichaa  isiin  gona.    

Nuyii  barattooni  Oromoo  yuuniversitii  Gondorii  haali  yeroo  ammas ta'e cubbuun  ilimaan Oromoo  irratti  rawwatama jiruu fi ture qabsoo ummata  Oromoo  fininisee, mirga hiree  ofiii ofiin  murteesu fi mirga abba biyyuma isaa  mirkanesuu  qaba jechaa  ibsa  ejjennoo  armaan gadi  dabarfaneraa.

1)       Dullii hidhaa  ilimaan Oromoo  irratti godhamaa  jiru  hatattamaan  akka  dhabbatuu fi kanneen  mana  hidhaati  guramaniis akka gadii  lakifamaan cimsinee ni gafana!

2)       ' Barkumeen' wayyaaneen ittiin lafa  dhittu fi dhiichisaa jirtu kunis, bara isaan Oromoo bara  ammasiif gabroomsinee jedhaan  malee kan  ummata Oromoof bu'aa buusne jedhanii irraa dubbachuu dandahan miti, kanaaf Oromoo sababa ilaallatuufis bu'aa buses hin qabu!

3)       Ilimaan Oromoo, hogaantottaa fi degarttootaa  Macaa fi Tullamaa dabalatee mana  hiidha  wayyaanee  keessatti  murtoo  tokko  malee  gidiraa  argaa  jiraan akka gadhifamaan, dhabileen  mirga namummaaf  falimmaan dhibbaa  barbachisaa  ta'e  akka  godhaan  ni  gafana.

4)       Tarkanfiin  ilimaan  Oromoo Miniyaapolisii ergamtuu wayyaanee  OPDO  irratti fudhataan  ni  degara.

5)       Shiraa fi tofittaa wayyanee fi  ergamtuun isaani yeroo  amma kana dargaggota  gowoomisuuf yaala jiranitii damaqixaan  kayyoo  ishee  fashlesuuf haxxummaan akka irratti hojjettan waamicha goona!

6)       Ilimaan Oromoo fi  lamawwaan gara  bira biyya  ambaa  irra  dhufitaani biyyaa  keessaatti  argamitaan rakkina  ummata Oromoo fi  lamiwwaan  cunqursamoo  irra  gaha  jiru  kana  akka ummata adunyaatti  saxiluun gahee lammummaa ta'uu hubattanii kana irratti jabaattanii akka hojjettan isiin  gafana!

7)       Kanneen  dhalotaan  ilimaan Oromoo  tataan  immoo lammiwwaan  keessaan badii  tokko  malee  mana hidhaa keessatti  gidiraa  arigaa  jiraan akka  dawwataani fi gargaaran isiin  gafana.

8)       Ilimoon Oromoo  taataani kanneen  kayyoo  dina galmaan  gahuu fi  socho'aa  jirtaan, komee fi  itti  gafatamumaa  seenaa jala akka of bastaan  isiin gafana!

9)       Ummani  Oromoos toftaa  dinni  dalagaa  jiru  kanatti  damaqee  akka balaaleffatu waamicha goona!

10)     Ilimaan Oromoo yuunversitii fi  koollejii  gara  garaa  irraa  eebbifamtaan hojii  adda  addaa  irratti  bobbataan  jirtaan rakkoo  ummata  keessan  hubataan dirqamaa  lamummaa  akka  bataan waamicha keenya!

11)   Wallumagalaatti ummatni  Oromoo  mirga  hiree  ofii ofifiin  murtefachuu isaa hanga  mirkanahuuti waregamaa  barbachisaa  ta'ee akka  basnee, kaayyoo goototi ilmaan Oromoo itti wareegaman bakkaan geenyu isiin  gafana.        

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!                                                    

TBOYG Irraa!

Fulbaana, 2007

     *********            

Lukkeen fi Basaastuun Ilmaan Oromoo Hiraarsuuf Dirqama Fudhatte Saaxilamte!

Godina Harargee Lixaa aanaa mi`eessootti wayyaaneen akkuma amala ishee ilmaan Oromoo hiraarsuu itti fuftee jirti. Haaluma kanaan ilmaan Oromoo hedduu torbee lamaan darbe kana keessa ABOtiin walitti hidhata qabduu maqaa jedhuun  bakka Kaambii chaaynaa jedhamutti hiraarsaa jiran. Kana malees gargaarsa ummata magaalaa mi`eessootiif dhufus hanga ABO of keessaa baaftanitti jechuudhaan baqattoota 1000 lakkaawaman gargaarsa irraa kutanii jiran. Qaamota Mootummaa keessaa kanneen akka ummaticha hiraarsaniif ajaja itti kenne Abbaa Duulaa(Minaasee)akka taheefii kanneen dirqamicha raawwachiisan immoo:

Ajajaa 100 Zaakkoo Muhaammaad, I/A/ajajaa 10, Hayluu Aliyyii, I/G/MIlishaa

Muhaammad Adam(abbaa duula), Damee milshaa kan tahe fi nama Yuusuf jedhamuun akka tahan madden hubachiisanii jiran.

Namoonni hojii basaasummaatiin ummaticha keessa bobbaafaman immoo Hoomaa waraanaa keessa kan ummatatti makan Ahmad nama jedhamu, Ahmad nuur nama jedhamuu fi,

Tikfattee keessaa umatatti kan makame dirqama basaasummaa fudhate  nama Abdurahmaan jedhamu kan soddaa Aliyyi doobbaa yemmuu tahan

Aliyyii Doobbaa immoo nama lubbuu ilmaan Oromoo suuftuu fixuudhaan ammaa Karshalletti argamu akka tahe beekkemaa dha.

 ************

Ejjennoo Maadhee!

1. maandhee Aaannolee 2007, 2. maandheeTulluu riphaa maandheewwan kunniin walii galuun qabsoo kana galmaan ni geenya, miidhaa ayyaana miliiniyeemii sababeffachuun uummata keenya irra

gahu ni balaaleffanna, hanga wareegama lubbuutti qabsoo kana cinaa ni hiriirra jechuun ijjannoo isaanii ibsatanii jiru.

**********

Ibsa Ejjennoo Maadhee:

Maadheen

Gumaabas Girazmach Garoo lakko 3, Huursaa Abbaa Faaroo, Laga Anunu, Laga Gubu Gommaa

Gumabas Araboo Abbaa Boor

Jedhaman jalatti ijaaraman ibsa ejjennoo armaan gadii baafatanii jiru.

Ayyaanni 'barkumee' nu hin ilaallatu! Ilmaan Oromoo marti ayyaana kana balaaleffatuu qaba! Ayyaanni kun ilmaan Oromoo irratti umurii gabrummaa dheeressuun kan karoorfame waan ta'eef Oromoon marti balaaleffatuu qaba!

Hidhaa fi ajjeechaan qabsoo keenya irraa duubatti nu hin deebisu! Ittuu nu jabeessa nu cimsa!

Haga Oromiyaan bilisoomtutti hooggana ABO jalatti hiriirree qabsoo Oromoon bilisummaa isaaf gaggeessu jabinaan ni finiinsina! Tarkaanfachiisna!

Godina Gaanfa Afrikaatti nagaa waaraa fiduuf gaheen ABO Xabatu guddaa fi jabaa dha! Humna Oromoo fi ABO alatti nagaan waaraa gaanfa Afrikaa keessatti dhufuu waan hin dandeenyeef aangawooti addunyaa dhimma naannoo gaanfaa yeroo xiinxalan dhimma kana qalbeeffatan dhaammanna!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net