Onkololeessa 6, 2007 (Oromiyaa) - dhimma yeroo amma oromiyaa keessatti ta'a jiru ilaalchisee dhamsaa tboyg (tokkummaa barattoota oromoo yuniversity gondar) irraa kenname.
Ummatni Oromoo ummata ganfaa Afrikaa irraa saba guddaa fi saba cimaa dha. Ummani kuni ummata aadaa, dudhaa fi seenaa mataa isaa ummata qabu dha. Oromiyaan qabenyaan badhatuu ta'u ishee biyyitti irrattis ta'e sadarkaa adunyaa irraatti yeroo dheeraaf diinoonni ishee raga bahaniruuf.
Haa ta'uu malee jarraa murasaan dura sabni guddaa kun harka motii abba irree itoophiyaa jalatti kufee, aadaa fi seenaan isaa jallatee, abbaan biyyummaa isaa sarbamee, mirgi isaa dhitamee ummata jirachaa jiru dha. Garuu sabni kun bara seenaa isaa kana keessatti yeroo inni caalisee bittotaa kanaaf bitameruu hin jiru, qabsoon hadhaawaa hedduu gaggeeffamaa tureraa, har'asi gaggeeffamaa jira.
Yeroo amma kanas ummatiin Oromoo gabrummaan bifa itti jijjirate lukkewwaan wayyanee kanneen gara isaani fi garaa isanitiin yadaniin dhitaan mirga namummaa irratti rawattama jira. Nuyi TBOYG dhittaa mirga namummaa sirna bicuu TPLF fi lukkewwaan ishee ummata Oromoo irrati rawwachaa jiran sadarkaa ol aanaatti yaaddesaa ta'uu waan hubatneef sagalee keenya saba Oromoo isaa guddaa fi ummata adunyaaf dhagesisuu barbana.
Wayyanee fi lukkewwaan isaan qabsoo ummata garaa dabarsuuf jecha dibbeen isaan hin reebneef shiraa isaan hin xaaxxiin hin jiru. Yeroo amma kannatiis maqaa 'barkumee' jedhuun midiyaa isaan guyyaa tokkolee rakkina ummata Oromoo hin argisisinee kannan lafa dhita jiru. Akkasummaas yeroo isaan barbachisuu bosonna Oromiyaa uumaan badhaseruu akka ibidaan daraa hin goone har'aa ummata Oromoo biraatti fudhattama argachuuf jechaa biqiltuu milliyoona meqa dhabinee jedhaan TV harkaa qabaniin afarsu. Lammiin Oromoo kammiyuu yoo ta'e, dirqamaa nannoo isaa kunnunsee labata dhufuu fi dabarsuu qaba malee waggaa kuma tokko dhegaan muka dhabuu hin qaban. 'Barkumeen' kan sirni bittuu TPLF fi ergamtoon ishee lubbuu isaan itti dherefachuuf jecha sirba jiranidha, muka dhabuun garu dirqamaa lammii kammiyyuu yommiyyuu kan ta'u qabuf kanadha wal fakesuuf yaali gochaa jiru.
Nuyi ilimaan Oromoo yuniversitii Gondoritii argamnuus guyyaa har'aa jechuniis guyyaa sirni bittuu TPLF fi ergamtoon ishee itti lafa dhitaa olaan kun guyyaa gaddaa ta'e olera. Ilimaan Oromoo yuniversitii Gondoriti argamnuus haala yeroo amma Oromiyaa keessatti ta'a jiruu fi haala qabsoo ummata Oromoo itti cimisuun dandahamuu irratti mariwwaan adda addaa gochaa ollera. Barrii sirni bicuu TPLF fi lukkuwwaan ishee kabajaa jirtuu kun bara gabrumatuu ummata Oromoo irratti dheratee malee Oromoof jijjiramni dhufe hin jiru. Oromoon akkuma durii har'aas dhitaan mirga namummaa irratti rawwatamaa jira. Akka FKNti waggaa lammaan dura hogantonii fi degartoon qindominnaa mana hidhattii darbatamaan rarroo fi giddiraa hedduun irraan gaha turera. Dhumaa irrattis garuu wayyannoon mana murtii isaan kan isaan jedhaan jedhuu fi kan isaan godhii jedhaan godhun murtii jalla jareen kana irratti murtesaniruu. Murtoon isaan kun garu ummata biyyittii fi ummata adunyaa birratti akka inni fudhatamaa hin qabne waan bekaniif harikumaa shiraa xaxxaaniin jarreen kana mana hidhaa irraa gadhisaniru. Kan gadhifamuu isaaniif sababaa ta'e jedhamu yoo jiratees, umman biyyitti sababaa jareen kannaan fincilaa nuraati kachisee barkumee lafa dhitaa jiru kana karratti nu jala hambisuu jedhaani akka ta'e shakkii tokkoyyuu hin qabu.
Kan ummata Oromoo garu kan bay'ee nama gadisisu dha. Hoggantonii fi degartoon Macaa fi Tullamaa akkasumaas ilimaan Oromoo kuma hedduutti lakawwamaan Oromummaa isaanif qofaa mana hidha keessatti darbatamaani murtoo tokko malee mana hidhaa keessatti giddiraa hedduu arga jiru. Yeroo amma kanas sababaa 'barkumee' jedhuun ilimaan Oromoo irratti dulii hidhaa labisamee mana hidhaati gurama jiru. Kanaafu yeroo amma kana daldalaan daldalee, barataan baratee, qonnaan bulaan qote, hojjetaan hojjetee jirachuu dadhabera. Kanaafu lammiin Oromoo kammiyyuu yoo ta'e, yeroo kammiyyuu calaatti dinnummaa TPLFhubatee yeroo amma kanati ummaatni Oromoo wal malee fi of malee akka hin qabne hubatee waan ta'u hundumaa irratti yeroo kamiyyuu caalaatti harika wal qabataan akka wal cinaa dhabattaan gafana. Adda durummaan immoo darggagoon Oromoo sadarkaa adda addaa irraatti argamtaan hundumituu obolota keessaan kayyoo Oromummaaf jechaa irbataa rasaasaa wayyanee ta'an isiin itti dhagahamee kayyoo isaan itti warregamaniif galmaan gesaan, komee fi itti gafatamummaa seenaa jala akka of bastaan wamichaa isiin gona.
Nuyii barattooni Oromoo yuuniversitii Gondorii haali yeroo ammas ta'e cubbuun ilimaan Oromoo irratti rawwatama jiruu fi ture qabsoo ummata Oromoo fininisee, mirga hiree ofiii ofiin murteesu fi mirga abba biyyuma isaa mirkanesuu qaba jechaa ibsa ejjennoo armaan gadi dabarfaneraa.
1) Dullii hidhaa ilimaan Oromoo irratti godhamaa jiru hatattamaan akka dhabbatuu fi kanneen mana hidhaati guramaniis akka gadii lakifamaan cimsinee ni gafana!
2) ' Barkumeen' wayyaaneen ittiin lafa dhittu fi dhiichisaa jirtu kunis, bara isaan Oromoo bara ammasiif gabroomsinee jedhaan malee kan ummata Oromoof bu'aa buusne jedhanii irraa dubbachuu dandahan miti, kanaaf Oromoo sababa ilaallatuufis bu'aa buses hin qabu!
3) Ilimaan Oromoo, hogaantottaa fi degarttootaa Macaa fi Tullamaa dabalatee mana hiidha wayyaanee keessatti murtoo tokko malee gidiraa argaa jiraan akka gadhifamaan, dhabileen mirga namummaaf falimmaan dhibbaa barbachisaa ta'e akka godhaan ni gafana.
4) Tarkanfiin ilimaan Oromoo Miniyaapolisii ergamtuu wayyaanee OPDO irratti fudhataan ni degara.
5) Shiraa fi tofittaa wayyanee fi ergamtuun isaani yeroo amma kana dargaggota gowoomisuuf yaala jiranitii damaqixaan kayyoo ishee fashlesuuf haxxummaan akka irratti hojjettan waamicha goona!
6) Ilimaan Oromoo fi lamawwaan gara bira biyya ambaa irra dhufitaani biyyaa keessaatti argamitaan rakkina ummata Oromoo fi lamiwwaan cunqursamoo irra gaha jiru kana akka ummata adunyaatti saxiluun gahee lammummaa ta'uu hubattanii kana irratti jabaattanii akka hojjettan isiin gafana!
7) Kanneen dhalotaan ilimaan Oromoo tataan immoo lammiwwaan keessaan badii tokko malee mana hidhaa keessatti gidiraa arigaa jiraan akka dawwataani fi gargaaran isiin gafana.
8) Ilimoon Oromoo taataani kanneen kayyoo dina galmaan gahuu fi socho'aa jirtaan, komee fi itti gafatamumaa seenaa jala akka of bastaan isiin gafana!
9) Ummani Oromoos toftaa dinni dalagaa jiru kanatti damaqee akka balaaleffatu waamicha goona!
10) Ilimaan Oromoo yuunversitii fi koollejii gara garaa irraa eebbifamtaan hojii adda addaa irratti bobbataan jirtaan rakkoo ummata keessan hubataan dirqamaa lamummaa akka bataan waamicha keenya!
11) Wallumagalaatti ummatni Oromoo mirga hiree ofii ofifiin murtefachuu isaa hanga mirkanahuuti waregamaa barbachisaa ta'ee akka basnee, kaayyoo goototi ilmaan Oromoo itti wareegaman bakkaan geenyu isiin gafana.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
TBOYG Irraa!
Fulbaana, 2007
*********
Lukkeen fi Basaastuun Ilmaan Oromoo Hiraarsuuf Dirqama Fudhatte Saaxilamte!
Godina Harargee Lixaa aanaa mi`eessootti wayyaaneen akkuma amala ishee ilmaan Oromoo hiraarsuu itti fuftee jirti. Haaluma kanaan ilmaan Oromoo hedduu torbee lamaan darbe kana keessa ABOtiin walitti hidhata qabduu maqaa jedhuun bakka Kaambii chaaynaa jedhamutti hiraarsaa jiran. Kana malees gargaarsa ummata magaalaa mi`eessootiif dhufus hanga ABO of keessaa baaftanitti jechuudhaan baqattoota 1000 lakkaawaman gargaarsa irraa kutanii jiran. Qaamota Mootummaa keessaa kanneen akka ummaticha hiraarsaniif ajaja itti kenne Abbaa Duulaa(Minaasee)akka taheefii kanneen dirqamicha raawwachiisan immoo:
Ajajaa 100 Zaakkoo Muhaammaad, I/A/ajajaa 10, Hayluu Aliyyii, I/G/MIlishaa
Muhaammad Adam(abbaa duula), Damee milshaa kan tahe fi nama Yuusuf jedhamuun akka tahan madden hubachiisanii jiran.
Namoonni hojii basaasummaatiin ummaticha keessa bobbaafaman immoo Hoomaa waraanaa keessa kan ummatatti makan Ahmad nama jedhamu, Ahmad nuur nama jedhamuu fi,
Tikfattee keessaa umatatti kan makame dirqama basaasummaa fudhate nama Abdurahmaan jedhamu kan soddaa Aliyyi doobbaa yemmuu tahan
Aliyyii Doobbaa immoo nama lubbuu ilmaan Oromoo suuftuu fixuudhaan ammaa Karshalletti argamu akka tahe beekkemaa dha.
************
Ejjennoo Maadhee!
1. maandhee Aaannolee 2007, 2. maandheeTulluu riphaa maandheewwan kunniin walii galuun qabsoo kana galmaan ni geenya, miidhaa ayyaana miliiniyeemii sababeffachuun uummata keenya irra
gahu ni balaaleffanna, hanga wareegama lubbuutti qabsoo kana cinaa ni hiriirra jechuun ijjannoo isaanii ibsatanii jiru.
**********
Ibsa Ejjennoo Maadhee:
Maadheen
Gumaabas Girazmach Garoo lakko 3, Huursaa Abbaa Faaroo, Laga Anunu, Laga Gubu Gommaa
Gumabas Araboo Abbaa Boor
Jedhaman jalatti ijaaraman ibsa ejjennoo armaan gadii baafatanii jiru.
Ayyaanni 'barkumee' nu hin ilaallatu! Ilmaan Oromoo marti ayyaana kana balaaleffatuu qaba! Ayyaanni kun ilmaan Oromoo irratti umurii gabrummaa dheeressuun kan karoorfame waan ta'eef Oromoon marti balaaleffatuu qaba!
Hidhaa fi ajjeechaan qabsoo keenya irraa duubatti nu hin deebisu! Ittuu nu jabeessa nu cimsa!
Haga Oromiyaan bilisoomtutti hooggana ABO jalatti hiriirree qabsoo Oromoon bilisummaa isaaf gaggeessu jabinaan ni finiinsina! Tarkaanfachiisna!
Godina Gaanfa Afrikaatti nagaa waaraa fiduuf gaheen ABO Xabatu guddaa fi jabaa dha! Humna Oromoo fi ABO alatti nagaan waaraa gaanfa Afrikaa keessatti dhufuu waan hin dandeenyeef aangawooti addunyaa dhimma naannoo gaanfaa yeroo xiinxalan dhimma kana qalbeeffatan dhaammanna!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!