Fulbaana 22, 2007 ( Oromiyaa) - Godinaa shawaa lixaa bakkota adda addaatti barkumeen wayyaanee gaddaan yaadatamee oolee!
Onootaa Jalduu, Gincii fi araddaa Jawwee Bonii, Qarsaa, Sariitii keessatii ummanni Barkumeen kun kan Habashoonni dhufaa darbaa itti Oromoo gochaa garaa jabinaa irratti fudhachaa turaan addatti immoo wayyaaneen diimookiraasii golgaa godhattee ummata Oromoo hidhaa, ajjeessaa, hojii fi barnootaa irraa arihaa turaan tahuu yaadatanii oolan.
Haalumaa wal fakkatuun maadheen Ejersa dhagaa rakkoo, Barbaadeesaa hundee diinaa fi gumaabaas Nuurassa Girmaa guyyaan kun kan itti gaddan malee kan itti dhiichisaan miti jechuun OPDO balaalefatee, Hidhaamtoota Oromoo yaadachuun olaniiru.
Tarkanfii WBO Fudhachaa jirus dinqisiifachuun yeroon Oromoo dinaa isaa itti haxxahu amma tahuu hubachisaniiru.
************
Halla 'barkumee' wayyanee lalichisee Ummatii Magaalaa Gimibi Guyyaa Gadaa Godhatee Oleraa.
Halla 'barkumee' wayyanee lalichisee Ummatii Magaalaa Gimibi Guyyaa Gadaa Godhatee Oleraa. Guyumaa kana Baga bar-dhumee Gessee Jedhani itti Qossaa olaniru
Akasumasii kan hidhamee dubisaa olaniru. Achumanisii Guuyya itti wal ijjaranii qabsoo bilisummaa Oromoo hojjetan Godhatani olaniru. Guyyaa kana guyyaa qabsoon Oromoo itti jabaatuu fi guyyaa gaddaan yaadatmu Godhatani olaniruu. Guyyaa kana polisonni wayyanee Galgala sa'a tokko keessa Ummata nannoo Gaba malifuu Rebicha cimma irrati gagesaniru. Darigagesa Jarisa jaritii osso hin jedhini rebicha sukanesaa ta'e irrati rawataniru. Kunii kanani itti fufee jennan bayee yaddessa dha jecha ummati nannoo hadheeffatanaii dubbachaa jiru.
*************
Ilmaan Oromoo Sirna Wayyaanee Keessatti Gidiraa Argaa Turan Keessaa Namoota Muraasa Lakkiste!
Wayyaaneen namoota waggaa 10 hanga 16 hidhaa ishii jalatti gidirsaa turte keessaa hanga tokko gadhiisuu ishii odeessa ibsu:
1. Ob Biraanuu Hayiluu, jaarsa waggaa 85 kan waggaa 15 dura Wallaggaa Lixaa, Anfilloo irraa hidhaman, waggaa 23 irratti murtaa'e.
2. Darajee Damee Wallaggaa Lixaa irraa qabamee kan murtiin du'aa irratti darbee booda manni murtii walii galaa gara hidhaa waggaa 23tti gad buuseef, waggaa 15 erga hidhamee booda kan hiikame,
3. Fayisal Abdurahamaan bara 1992 keessa kan Harargee bahaa keessaa qabamee murtiin umurii guutuu irratti darbe,
4. Sheek Usmaan Abdallaa kan bara 1992 keessa Harargee bahaa keessaa qabamee murtiin umurii guutuu itti kenname,
5. Asilii Oromoo, kan 1992 keessa qabamtee murtiin du'aa itti darbe gara hidhaa umurii guutuutti gadbuusan,
6. Raabii Huseen, Finfinnee irraa tarkaanfii jalduu booda kan qabamee hidhaan waggaa 20 kan itti murtaa'e,
7. Daksiisoo Galatoo,naaoo Arsii ,Zuwaay, irraa qabamee kan hidhaan umurii guutuu itti darbe
8. Mahaammad Abduramaan, waggaa 15 kan itti murtaa'e
9. Daanyee Balaachoo, Naannoo Ada'aa Liiban, Bushooftuu, irraa kan qabamee murtiin waggaa 15 itti darbe, kkf maqaa dhiifamaan akka gad gallakkiste beekamee jira. Namooti hidhaa dhiphaa keessaa hidhaa baldhaatti darban kun akka gara namoota 38 ta'an himameera.
Abbaan Duulaan namoota gara kuma ja'aa oliif akka dhiifama godhe isaan keessaa garakuma shanii ol akka hiike, kaaniif akka bara hidhaa hir'ise ibseera. Kun immoo kuma hedduu hidheee kuma shan hiikuu akka ta'e odeessa nu ga'aa jirurraa ni hubatama.
*************
Hidhaan Oromoo Jabaate, Basaasaa fi Lukkeen Saaxilamte!
Godinaa shawaa lixaatti wayyanee fi ergamtoonni ishee ummata hidhuu fi miidhuu hojii guyyaa guyyaa godhatan.
Ummata hedduu 'barkumee; gufachiisuu yaaltan, Deegartoota ABO jechuun kan dhibbaan lakkawaman hidhuun, Mana sakkatana jechuun maallaqaa fi qabeenya saamuun, adabbii fakkeessun mallaaqaa dhibbaa 100 haga 300 irraa saamaa jirti.
Bara 2004 irraa egaltee haga ammati baratoota dhibbaan lakkawamanii fi hojjatoota hedduu barnoota fi hojii irraa arihuun hawaasa hiraarsa jirti. Kana immoo balinaan itti fufuuf basaastota bifaa haraan miindaa olaanaa kanfaluun bobastee jirti.
Kan bobbafaman keessa maqaan isaanii Dirbabaa Gonfaa, Tolassaa Tuujubaa, Birruu Yaadaa, Girmaa Araarsaa, Tsaggayee Assafaa sabboontota jala buhaanii akka basasaniif dirqamni itti laatamee bobbofama. Sabboontonni onaa jalduu fi Dandii basastota kana irra akka of dhaaman. Maadheen Barbadeessa hundee diinaa fi Ejjersa dhagaa rakkoo basastonni kun gochaa isaanii irraa dhaabbachu bannan tarkaanfii kan irratti fudhatan tahuu hubachiisan.
***********
Maadheen ABO Guyyaa 'Barkumee' Wayyaaneen Gaaddaan Yaadatan! Godina Gujii tii fi Baalee keessatti sabboontonni maandhelee Falmattuu enyummaa, Coqorsa Liiban, Biiftuu walabummaa, Hambaa Seenaa, Hubattuu seenaa, Gumaa Efreem Adoolaa, jedhaman jalatti ijaaraman miliniyeemii wayyaanee gaddaan yaadatanii oolanii jiran. 'Barkumeen' diinaa kun kan Oromoon itti cabe, tuffatame, gaaffiin isaa deebbii itti dhabe, harkaa fi harmi irraa cite, ajjeefame, hidhame, gidriaa fi hiraarsii hedduu itti arge waan ta'eef uummati guyyaa kana dhiiga ilmaan isaan irratti dhaabbatee kabajuu akka hin dandeenyee fi dirqamaan bobbaafamaa tures hubatameera.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!