Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Dhaamsaa fi Akeekkachiisa Barattoota Oromoo yun/ Finfinnee!

Haggayya 9, 2007 (Oromiyaa) – OPDOn barattoota Oromoo barnootaan baay'ee dadhabaa ta'anii fi lammii saba biro kan Oroomummaan isaan hin ilaallanne, warra kophee haxaa'an, kadhaattootaa fi kanneen biro karaaraa funaantee maallaqaan goyomsuun maqaa barattoota Oromoo yun/ Fimfinneen miseensummaa guuchisiisuun Adaamaatti walgahii teessisaa jirti. Kanas kan jalqabde wiixata. Nuy barattoonni Oromoo yuniversity Finfinnee Oromummaa fi dhimmi OPDOn itti jirtu kun nu ilaallatuu! Maqaa keenyaan barattoota kashalabbee fi kan qomoo/lammiin nu hin taaneen waa'ee keenya mariisisaa jirti. Barattoonni kun qomoonis ta'e qabxii barnootaan waan rakkoo qabaniif qofa miseensa OPDO ta'an. Kanaa hawaasi Oromoo akka isaan moggeessu gaafatna. Kanaaf goototi barattooti Oromoo yuniveersity Finfinnee ibsa ejjennoo armaan gadii baafataniiru;

1.        Barattoonni yum/ finfinnee ta'anii maqaa keenyaan daldalan har'a boru otooo hin jedhiin gochaa kanarraa akka deebi'an cimsinee akeekkachiifna.

2.        Barattoonni oromoo ta'anii kashalabboonni ammas maqaa barattoota oromoo yun/finfinneen daldalaa jiran atattamaan akka irraa of deebisan ciminaan akeekkachiifna.

3.        OPDOn saba biro Oromoo hin ta'iin maqaa barattoota Oromoo yun/finfinneen ka daldalaa jirtu itti gaafatama seenaa borii jalaa bahuuf  atattamaan akka dhaabdu yayyabnee akeekkachiifna.

4.        Barattoonni sababa qabxii barnootaan opdo tii kooluu gala jirtan OPDOn homaa isinii gochuu hin dandeessu waan ta'eef, dabalatas, yakkaa opdo waliin uummata keessanirratti dalagdan booda itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf atattamaan akka harka keessaa fudhatan ciminaan isin beeksifna.

5.        Qaamonni armaan olitti eeramtanii gochaa jedhamtanirraa of hin deebistan yoo ta'e, tarkaanfii irra darba hin qabne isin irratti fudhatamuuf itti gaafatamni mataa keessan akka ta'e dursitanii akka beektan irra deddeebinee isin hubachiifna.

Barattoota oromoo yun/Finfinnee, Hagayya 7, 2007.

*************

Ilmaan Oromoo Humna Wayyaaneen Ukkamfamaa Jiran!

Godina Jimmaa Ona Oomoo Naaddaa jiraataa magaalaa Asandaaboo kan ta'e Tijjaanii Kaliil jedhamu humnoota Tikaa wayyaaneetiin halkan irraa mana jireenyaa isaatii ukkaanfamee bakki inni bu'e hin beekamu. Erga ukkaanfamee eddoon isaa wallalamee torban 2 (Lama) ta'eera.  Akkasumas haaluma wal fakkaatuun Ona Xiroo Afataa magaalaa Diimtuuyis namoonni haaluma kanaan dhabaman akka jiran maddeen naannoo gabaasu. Yaroo ammaa kana Ona Oomoo Naaddaa, magaalaa Asandaaboo, Xiroo Afataa magaalaa Diimtuu fi magaalaa Akkoo keessatti hidhaan akka itti fufee jiru maddeen gabaasu.

************

Ilmaan Oromoo Finfinnee Keessa Jiraatan Hidhamaa Jiru!

Jiraattonni Ilmaan Oromoo magaalaa Finfinnee  fi naannoo ishee irra jiranu ilmoo Oromoo ta'uu isaanii qofaaf qabamanii mana hidhaa Maakalaawwiitti darbatamaa jiru. Isaan keessaa namni Tolaa jedhamu keessatti argama. Namni kun Abbaa maatii fi Rifeensa muree nama magaalaa Finfinnee keessa jiraatuu dha. Namoonni kaan hidhamaa jiranus fakkaattota akka Tolaa akka ta'an hubatamaa dha. Tarkaanfiin kun kan calqabame torban kana keessaa akka ta'es hubatameera. Akkasumas ammoo Waajjira Etiyophiyaa Makkalaakkayaa Ministeer (Waajjira Ministeera Ittisa Waraanaa Itiyophiyaa) kan magaalaa Finfinnee naannoo Mashaallokiyaa jedhamutti argamu keessatti ilmaan Oromoo godinaalee Oromiya adda addaatii ukkaanfamanii achi dhokfamanii jiran 1200 (Kuma tokkoo fi dhibba lama) ta'an achi keessa dhokfamanii kan toorchi godhamaa jiran ta'uu odeessi nu dhaqabe addeessa.

***********

Walitti bu'iinsa, hidhaa fi lukkee saaxilaman

Godiinaa dhiyaa Shawaa Anaa midaaqanyii itti fincilli baratootan ka'ee poolisootaa aniichaa fi bulichiinsootaa anichaa giddutti waaldhabiinisaa uumee jiraa. Sababumaa kanaan guyya gafa 18/11/99 waalidhabinisaa  poolisii fi hogaanitoota aniichaa giddutti umaameen dhukaasiin banamee haala addatiin qabanaawee jira  akka oddefanotti waalitti bu'iinsii kun kan umaame bulchiiniisoonni Aanaa poolisootaan akka nuuti isin ajaajinee itti bulaa, nama hidha siniin jenne hidha jechuudha keessattu wa'ee fiincilaa baratoota yeroo dabiree irratti.  Sababumaa kanaan umman bayee yaddo gudda kessa galee jira akaasumaas hidhama jira warren hidhaman keessa

§          Barata Miisiganu Adunna guyya 26/11/99 isaa hidhu malee maatii isaa bayye dorisisaa jiru.

Gara biraatiin immo Goodinuuma kanaitti (Geedoo) sabaaba waaliga'ii barisiisoota yeroo dabireen barisiisoota gargar basuun (kan miseenissa isaan ta'ee fi hin ta'iin) keessa doriisisaf hidha jiruu isaan keessa

§          Barsiisaa Ciimiddessa - mana barumisaa Babichaa direektaraakan ture - hojii irra sii haarinaa ofii egadhu jedhan doriisisaa jiran.

Kara biraatiin bariisoonni fi baratoonni tokko tokko saboonaa fakachuudhan ummata midha baasaasaa  jiran (Geedoo)

§          Barisisaa Faanta - Geedootti Koolleejji Micro kan barisaasa jiru (ofii egannon akka keenamuuf)

§          Badhadha Lo'aa - Mana qorichaa horii kan qabu

Itti dabalees sochii baratoota too'achuuf  baasasitoota bobafitte hojjeta jiriitti nannowwan heddu irratti hojeeta jiruttu keessa :-

§          Gedoo

§          Amboo

§          Guder

§          Bakko

§          Midaa

Yaa ta'u  malee garu barattonni fi uummanni waan irratti damaaqaniif kayo isaan jala faashala'ee jira. Sabboontoti Oromoo naannoo biraas ololaa fi basaasummaa diiggaa kana dammaqinaan hubattanii of irraa fashalsitan dhaammanna.

*********

Humni Waraana Polisaa fi Tika Wayyaanee Ummata Oromoo Irratti Duula Jabeesse!

Naqamtee fi naannoo ishee keessa sochii WBO barbaadaaf jecha uummata Oromoo naannoo jiran irratti duulli banamee mana hidhaa Mooraa Leenjii Dhidheessaa jedhamu keessatti guuramaa jiraachuun isaanii hubatame. Haalli hiehdmtooti siyaasaa Oromoo guddoo hamaa ta'uu uummati dhaamanii akka warreen mirga dhala namaaf falman fannoo diimaa, Amnasty international fi kkf dirmataniif waamicha fi iyyannoo godhanii jiru!

 

Injifannoo Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net