Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Adooleessa 15, 2007 (Oromiyaa) - Tafarraa Waaluwwaa TPLF Faarsaa Oole, Ilmaan Oromoos Yoo Wayyaaneen Akka Ammaa Kanatti Itti Fufte Biyyittiin Jeequmsa Hamaa Keessa Seenti Jedhan!

Gara biraan ammoo Walgayii Abbootii seeraa, Abbaa Alangaa, Poolisootaa fi kkfniin magaalaa Adaamaatti deemaa jiru irratti guyyaa kaleessaa Ministeera Ijaarsa Dandeetti Itiyoophiyaa kan ta' Tafarraa Waaluhaa fi Muktaar Kadir walgayicha irratti argamanii deemsisaa oolani. Ergamtichi wayyaanee kun ijaarsa dandeetti fakkeessee Gootni TPLF malee hin jiru; biyya kanaaf kan ta'u TPLF malee hin jiru. TPLF wareegama guddaa baasee kunoo sadarkaa kanaan isin gahe. Filmaanni biraa hin jiru, Ihadigiin malee jechuun namoota kanatti xibaaraa oole. Egaa mata duree dhufeef dhiisee jabina wayyaanee qofa himaa oole.

 Jaallattan jibbitan TPLF tumatu biyya kana bulcha waan ta'eef waliin hojjechuu qabdu; yoo kana hin gootan ta'e hojii irraa isin ariina jechuun Abbootii seeraa, Abbaa Alangaa fi poolisoota kanatti dhaaddataa oolee jira. Abbootiin Seeraa, Abbaan Alangaa fi poolisoonni yoo ol aantummaan seeraa hin kabajamu ta'e biyyattiinis haala hin barbaachifne keessa akka galtu beekamaadha jedhaniinii jiru.

***********

Shira Dabballota Wayyaaneen Xaxaniin Lola Oromoo fi Isaa Gidduutti Ta'een Lubbuun Hedduu Bade!

Godina Harargee dhihaa Araddaa Doobbaa keessatti shira wayyaaneen xaxxeen Oromootaafii Issaa giddutti  lola dhalateen lubbuun nama 10 badeera akkuma kanaan naannoo ganda Karaabaa bake jedhamutti lola godhameen Oromoota irraa lubbuun nama sadihii yemmuu badu Issaa irraa immoo lubbuun nama 7 Torbaa badeera akkuma kanaan humni waraana wayyaaneetiis Iissaa waliin tahuudhaan Oromoota naannichaa ajjeesaa akka jiran madden achirraa gabaasanii jiran .
 
Haaluma wal fakkaatuuniis Godina Baalee aanaa Raayituu keessattis Oromootaafii gosa Shakastaa jedhamu walitti buusuuf wayyaneen shira xaxaa akka jiran bira gahameera.

***********

Guyyaan Finfinnee Adoolassa 13 Haalaa Gaariin Yaadatamee Oole!

Guyyaan Finfinnee adoolssa 13 haala gaariin yuniivarsitii fi koollejji qonnaa jimmaatti dormii barattootaa keessa yaadatamee ooleer. Guyyaan kun guyyaa yaadannoo ta'uun hbatuun Oromoon mirga finfinnee irratti qabu kabachiisuun, mirga Oromiyaa irratti qabus akka falmatu barattooti wal yaadachiisanii jiru. Guyyaa kanatti haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti bal'inaan marii gaggeessan irratti haala hiraarri diinaa wal yaadachiisuun, hidhaa fi ajjeechaan isaan ilmaan Oromoo irratti ciminaan itti fufaa jiran qabsoo Oromoo kan fuulduratti oofu malee kan dubatti deebisu akka hin taane walii dhaamuun, of duras qabsoo itti jiran daran cinminaan kan itti jabeessan ta'uu mirkaneessanii jiru.

*************

Wayyaaneen Sababa Barattooti Oromoo Diddaa Muldhisaniif Maatii Barattootaa Gidirsaa JIran!

Godinaa shawaa dhiyaa Aanaa Midaaqanyii itti sababaa jeequmissa waaligaa'ii baratootatin kan ka'ee bararatoonni fi matiiwwan baratoota heddun mana hidha itti guramaa jiru matiiwwan baratootaa keessa

-         Obbo Naagaasaa Waaggasaa -         Obbo Idoosaa Sooboqaa

Namoonni armaan oliitti maqaan isaan caaqafamee kun ijoollee isaan kan mana barumisaa Midaa sadarkaa 2ffaa itti baratan isaanituu ceequmisaa kaasee jechuudhan ijoolle kana iddo dhaaqan fidaa jedhaan dararaa jiru. Akkasumaas maanneeni jireenyaa maatii fi baraatoota (iddo ta'aan barataan) caabisaan saakaataa'a turaan. Yaa ta'u malee garuu ragaa tookko ille hin argaanne.

Baraattoonni heddun naanno dhalootaa isaan akaasumaas nanno itti barataan irra baqataan jiraan hidhaa fi darara isaan soodachuudhan baraatoota kana keessas :-

Bakka bu'aa baraatoota kan ta'aan

  1. Barataa Girmaa Naagaasaa ( abba isaa kan armaan oliitti maqaan isaan caaqafaame)
  2. Barataa Geetachaawu Idoosaa ( akkuma armaan olii), Barataa Badhaasaa Fiijaaraa

Naannodhumaa kanaitti kitiilayoon waayaanee fi baratoonni jal-kattu waayyanne (OPDO) ta'aan barattoota fi maattiiwwan barattootaa yakku irraitti kan hiirimaatan .

  1. Barataa Abera Haagaasaa, 2. Barataa Teshoma Weegarii, 3. Barataa Darajje Mirikaanaa

Kabiinootaa Gaanidda keessa, 4. Baqqala Baanitti (Itti Aanaa Gaandda), 5. Alamaayyo Xaafa, 6. Addunna Gooniffaa (Nama kana yeroo bayye kan ummata naanno sana dararauu yoo ta'uu isaanis yeroo  bayye akka ofii eggannon itti nuuf keenaammu jedhaan gaafataan jiraan yaa ta'uu malee garu isin hin keenninee tarii madaalli mata keessan qabidu fakaataa, Namooti Oromoo gidirsitan yoo gochaa keessan kana irraa hin deebine waan isin eeggatu waan hamaa ta'uu hubadhaa! Kees Keessattu Addunna Goonifaa fi Baqqalaa Baannitti.

*************

Mariin Barsiisota Mormiidhaan Xumurame!

Adoolessa 8-13 bara 2007 Aanaa Bakkoo fi Tibbee keessatti magaloota sadi irratti (Baakkoo, shobokaa fi Tibbee) adeemsifamaa ture mormiidhaan xumurame. yaadoolee fi mormiidhaan barsiisonni dhiyeessan keessaa:

1. Dhaabni ummata Oromoof dhaabbate inni dhugaan ABO dha. Dhugaa kana haaluun immoo Amala keessan dha.

2. ABOn ummata Oromoof jecha qabsoo eegalee kufaatii Dargii irrattis qabsoodhaan galee malee akka isin dhiyeesitan kanatti karaa Bolee gale miti.

3. Otoo isin ummata Oromoof dhaabbatan taatanii maaliif Oromon gaaffii mirgaa kaasee ajeefama, hidhamaa?

4. Dimokiraasiin isin jettan gowwomsaa dha!

5. Bu'aa fi faayidaan hanga ammaatti argame illee bu'aa qabsoo ABOtiin argame dha.

6. Qubeen Afaan Oromoo eenyutu fiidee? ABO moo OPDO?

7. Seenaa qabsoo ummata Oromoof maaliif dabsitanii dhiyeesitu? fi KKf gaaffii dhiyeessuun yaada mormii dhageesisaniiru.

Injifannoon Ummata Oromoof!!!
Gadaan Gadaa Bilisummaat!!!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net