Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Caamsaa 22, 2007 (Oromiyaa) - Barataan Yuniversity Jimmaa Ukkamfame! Sirri Barattoota Irratti Raawwatamu Itti Fufe! Diinotni yuunivarsitii Jimmaa keessatti dalagaan barattoota Oromoo ukkaamsanii fudhachuu irratti lukkee isaanii wajjiin ciminnaan bobba'aniiru.

Akka kanaan barataa yeroodhaaf maqaan abbaa isaa hin gabaafamne  kan maqaan isaa Mohaammad jedhamu guyyaa gaafa18-5-2007 halkan keessaa keessa naannoo sa'atii 11:00 doormii ciisicha isaa keessaa fudhatanii hanga ammaatti eessa akka buufte dhabnee yaaddoo guddoo keessa jirra. Barataan kun yeroo gabaabduu keessatti gad yoo hin dhiifamne diinnis ta'ee lulleek akka gatii isaanii akka argatan sabboontotni naannoo akeekkachiisaniiru.

Haaluma kanaan barataa bara darbe jeequmsa kaafte jechuudhaan barattoota Oromoo 7 barumsarraa ari'anii turan keess barataa Mohaammad  Adam  barataa muummee seeraa baratu ammas xiiqii qabattee dhufte fincila kaasuuf deemta maqaa jedhuun akka inni barumsatti hin deebine dhoorkaniiru.

Warroota Oromoo ta'anii angoo Yuunivarsiticha keessatti qaban dhimma barataa kanaa osoo furuu danda'an osoo argani sodaa diina irraa qabaniif diina waliin ta'anii shira irratti dalagameef barattootni Oromoo ciminnaan balaaleffataru.

***********

Lakkoofsa Manaa fi Uummataaf Unkaan Qophaahe Mormiin Mudachaa Jira.

Godina Gujii keessatti Koodiin amantaa waaqeffannaa lakkoofsa manaa fi uummataa keessaa dhabamuun mormii cimaa kaaseera akkuma kannaan Namoota koodiin kun dhabamuuf morman keessa namoonni ari`amaa jiran. Kanneen ari`aman keessaa Barsiisaan Kibabuu Bantii keessatti argama Barsiiftota Lakkofsaaf qophaawan kanneen kan basaasuuf itti ramadamee ammas gaffilee hin taane kaaftanii jedhee hiraarsaa jiru. Kaabinee wayyaanee kan tahe nama Muhaammad Waaqayyaa jedhamuu dha. Kun kanaan osoo jiruu Oromoota Gosa Warjii saba Tigreetti akka lakkaawaniif ajajni barsiiftota kanatti kennamara. Gama kanaan yeroo mormiin ka`utti Gosa somaalee kan tahe gosa Garrii Oromotti akka lakkaawamu goonee jirraa jechuu dhaan Lakkoofsa Oromootis karaa dandayan cufaan xiqqeessaa akka jiran namoonni keessa quba qaban saaxilaniiru.

Akeeka wayyaaneen lakkoofsa Oromoo xiqqeessuuf hojjetaa jirtu kana Oromoon marti hubatee, bakka jirutti naannoo kamuu keessa jiraatu Oromummaa isaan boonee akka Oromootti lakkaahamuun shira wayyaaneen lakkoofsa Oromoo xiqqeessuuf xaxxu kana irra aanu sabboontoti Oromoo dhaamsa dabarsu.

**********

Lukkee fi Basaasaa Saaxilaman!

Godina Gujii Aanaa Liiban Magaalaa Nageellee Booranaa keessatti Namoonni Sabboontota Oromoo hiisisan, ummaticha walitti buusan saaxilamaniiru akkuma kanaan namoonni maqaan isaanii Qaraarsaa Gurraachaa, Saglii Badhaasoo, Mataa moluu Dhukkoo, Yohaannis Gaanbeelaa jedhaman ummata Oromoo keessattu gosoota gujiifii Booranaa walitti buusaa turanii amma gayaniiru.

Keessattuu namoonni maqaan isaanii Qaraarsaa Gurraachaa jedhamuufii namnii Saglii Badhaasoo jedhamu kun gosa lameen kanneen keessaa walitti funaanamanii kaabinee zoonichaatiiniifii Tigroota waan kana irratti boba`aniin wal tahuudhaan gosoota kanneen walitti buusaa jiran. Basaasaan maqaan isaa Qaraarsa jedhamu kun kaabinootaan sobamuudhaan Boorana Noonnituu fi Danbituudhaan akka wal dura dhaabbatan gochaa jira. Kana malees Barattoota keessa seenuun sodaachisanii akka ABO cinaa hin hiriirreef tattaaffachaa kan jiruufii barattootas gosaan walitti buusaa kan jiru Saglii badhaasoo akka tahe hubatameera. 

**********

Maadheen Caalii 805 Jedhamu Haala Yeroo Irratti Marihatuun Ejjennoo Fudahte.  

Kunis kan ta'u danda'e namni yeroo dheeradhaaf maadhe kana wajjin qunnamtiigodha ture yeroo ammaa midhadhaaf yoo ta'u baate illee fagaate waan deemeef dha.

  1. Maadheen keenya kun Caamsaa 13, bara 2007 walgahi gaggeeseen akkuma kanaan dura gumaacha turretti qabsoon ummata Oromoo hanga fixaan bahutti itti fufuuf waadaa galmee, haaluma kanaan qarshii 800 gumaachinera..
  2. Gareedhanis ta'e dhunfadhaan qabsoo ummata Oromoo cimsuuf damaqina fi waliif dhufeenya ummata Oromoo cimsuun hundumarraa kan eegamu ta'ee, keesumaa ogeeyyi Oromoo irraa aarsa guddaan akka eegamu jala muramee dubataeera.
  3. Yeroo kamiin caalaa yeroo ammaa qabsoon ummata Oromoo finninaa akka jiru hubatameera. Humni diinaa galgala'aa akka jiru hubatameera. Bilisummaa gonfachuuf qabsoo kana onneedhaan ittifuun barbaachiisa qofa utuu hin ta'iin dirqama. Haaluma kanaan dhimmoota armaan gadi irratti xiyyeefannoo fi tarkaanfii cimaa fudhachuun barbaachiisa akka ta'e jala muramee hubachiifameera.

Diina ummata Oromoo kan ta'aan dabbaloota Wayanee irratti tarkaanfiin bakka adda addaatti tokko tokkoon fudhatama ture cimee itti fufuu qaba.

  1. Dinagdee keessatti utubaa diinaa kan ta'aani jiraan qabeenya buna, meettii, albuda, kkf Oromooti. Qabeenya kana ammo kan itti deddeebi'anii guuraan konkolaatoota qabeenya Wayanee fi bitamtoota ishee ta'ani dha. Kanaaf human adda addaatiin bakka adda addaa nannoo Oromiyaa keessatti tarkaanfii irratti fudhachuun dugugguraa dinagdee diina cabsu waan danda'uuf kan  bula miti, Fakkeenyaaf konkolaataan Wayanee Gambeelafi Somalee keessatti ajabiin ( Convoy) adeema. Naannoo Oromiyaa keessatti naasu tokko malee halkanii fi guyyaa adeemuun jira dadhabina keenya malee jabeenya keenya hin ibsu. Kanaaf diina naasisuun, ajjeesuun, hamlee cabsuun, jilbeenfachiisuun guyyaa bilisummaa keenya asi nuuf dhiyeessa jennee ni amanna.
  2. Mootummaan Wayaanee sirna dimookiraasii fudhachuutti adeemuu ni danda'a namni jedha yoo jiraate sammuu isaatu dhibamadha malee gonkuma nagaadha jedhani dhageeffachuun hin ta'u. Kanaaf qabsoon waranaa ofiins ta'ee, qama mootummaa kana falmaa jiru fi falmuuf yaadu wajjiin walqunnamti godhamee cimee jabaachu qaba. Kaayyoo fi qabsoo ummata Oromoo fiixaan baasuuf garee diina diina utuu hin ta'iin lallaftuu fi dadhabduu Oromoo irratti illee tarkaanfii fudhachuuf garaa laafu hin barbaachiisu.  Adeemsi ejennoo ofi qulqulleesu fi diina ofirra faalaa adeemuun walsimee adeemu qaba.
  3. Qabsoo ummata Oromoo har'aa cimsuuffis ta'ee aangoo  bor dhufu abdachiisa taasisuuf garaakutatoota Oromoo ogummaa adda addaatiin leenjiisuun hogganumaaf qopheesuun kan dagatamuu akka hin taane marii gaggeeffamee keessatti hubatameera.

Qabsoon Itti Haa Fufu !

Gadaan Gadaa Bilisummaati !

Haa Milkoofnu Jenneera !

Maadhee Caalii 8005

************ 

Toftaa Diinaa fi Lukkee Diinaaf Hojjetan!

Aana Dodoota Magaalaa Dheeraa keesati ergamitoon Diinaa Sabboontoota Bifa Sadiin Maqaa isaan galimeesan osuu isaan hin beekin dinaf keenaniru Oromoo kan ta'e maqaa ABOtin Sabaa Amaaraa kan ta'e Maqaa Qidoommiinatin ergamitoon Diinaa kana kana goodhan.

1. Nuguusee Baqqaala. Itti gafatammaa Damee Minshaa kan Aana Dodoota.

2. Asafaa kan jedhamu Iti gafatammaa Meeshaa Waraana.

3. Sulxii Gaboo Bareesa Dhaabaa.

4. Mindaa Xasaaw Hojata Biroo Barnoota Baratoota fi Barsisoota kan basasuu. Namoon kun goochaa kana irra yoo dhabatin tankarfin akka irratti fudhatamuu sabboontonni dubataan.

***********

Akeekkachiisa Lukkee fi Basaasaa!

Namoti kun yeroo amma kana Amboo fi naanno isheetti kan hoji basasaa irratti bobba'ani jiranii dha. Isaanis:-

1) Kinfee Lulee:- ( Hojjetaa Amboo College kutaa Agri Production-He is a controller. Dabbalatees barataa extension waggaa 1ffaa  Department of Devt Management-barsiisoota dallaa sanaa basaasuurratti kan bobba'e fi gorsa kan dide.)

2) Obboo Alammayyoo Kumsaa:- (jiraataa magaala Amboo ganda 01 Lakk. Manaa 500 hojii daldalaarratti kan hirmaatan. Bakkoota adda addaa deemuun basaasaa kan jiran gorsa kan didan.)

3) Barataa Amsaaluu Andualeem fi barataa Baantegezee Taammannaa  lamanuu kutaa 10ffaa Mana Barumsaa Ol'aanaa Sadarkaa Lammaffaa Amboo  kan ta'aan batattoota Oromoo diinatti dabarsanii laachaa ka jiran of eeggannoon itti laatamuu qaba.) Farreen Qabsoo Oromoo kun yoo shaffisaan gochaa itti jiran irraa hin deebihan ta'e rakkoo isaan irra gahu maraaf gaafatamummaan kan isaanii ta'uu sabboontoti naannoo hubachiisnii jiru!

 

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net