Caamsaa 19, 2007 (Oromiyaa) - Dhaamsa Tokkummaa Barattoota Oromoo Yuniversity Maqalee!
Yoommiyyuu diinni namaaf hin ciiftuu akkuma beekamu tokkuma uummata Oromoo gargar diigdee humna aangoo ishii dhereffachuu akka barbaaddu beekamaa dha. Nyapha keenya warra duraa kan ta'an opdo'n uummata Oromoo akka garbummaa jala turan mataa isaanii fi uummata keenna tokko tokkollee gowwomsaa jiru.
Kanumma mi'eeffattee itti gaafatamaan opdo kan godina addaa yuniversiitii maqalee Jamaal Amiin, kan yuniversiitii maqalee isa hanqatee yuniversiitii Aksum dhaqee barattoota Oromoo dogongorsee wal-ga'ii teessisee akka issan tokkummaa isaanii diigan gochaa jira. Kunis:
1. Miseensummaa opdo guuttan malee moonaa keessa turuu hin dandeessan ykn hin eebbifamtan jechuu isaa,
2. Moonaa kana keessa miiseensa hanga kana qabna jechuun akka ijoolleen amantummaa dura walirraa qaban akka wal shakkan gochuu isaa.
3. Yuniversiitichatti barataa tokko kan afaan danda'u ta'ee abashaa kan ta'e dhalootaan kan arsii irraa dhufe maqaan isaa Waasihun kan jedhamu aangoo keenneefii ijoollee adda baasee doorsisuu isaa.
4. Yuniversiitichatti waajira addaa banuuf carraqqiirra jiraachu isaanii. opdo'n ummata keennaf hin yaadduu, diinni waara garaa isaaniif yaadan meeshaa cabaa godhanii itti fayyadamaan waan ta'eef barattootni yuniveersitichaa tookkumma isaanii cimsanii akka turan akka cimsitanii ergaa nuuf dhaamtan jenna.
Tokkummaa Barattoota Yuniversity Maqalee!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
**********
Dhaamsa Sabboontota Oromoo Mana Hidhaa Qaallittii Keessatti Argamani
Sabboontoti Oromoo mana hidhaa qaallitti keessa jiran qabsoo isaan jalqaban akka uummati fi ABO ciminaan itti fufan dhaammatan. Isaanis bakka jiranitti haga wareegama lubbutti ge'ee lammummaa ba'achuuf haamlee guutuu fi cimnaan kan of qopheessinu ta'uu uummanni keenya akka nuuf hubatu, hidhamnus qabsoon keenya kan hin hidhamnee fi hinumayyuu akka itti cimaa deemnu diinni kaanye haa hubatu. Nuti hidhamuu keenyaan hamileen keenya tokkollee akka hin dadhabnee fi qabsoof kan nu kakaase ta'uu hubachiifna, namooti qabsoo bilisummaa saba isaaniif hidhamaa turan kan akka Nilson Mandellaa fi Malcom x hidhaa bara dheeraa duuba kaayyoo isaanii galmaan gahanii jiru. Ilmaan Wayyaanee OPDO' mana hidhaatti nu galchuun akka seenaa koloneeffattooti hojjetan irraa adda baafamee hin ilaalamu. Galmeenis seenaas kana sirnaan galmeessee qabachuu qaba.
Sababaa dhiibbaa diinni isinii fi qabsoo irra keesseen mirga hidhamaa eeguu dhabuun akka qabsaa'onnii fi Sabbintonni Oromoo Dhuftanii Mana hidhaattii nu gaafachuu Dhabuun keessan akka waan tokko isinitti hin dhagahamnee fi cimtanii qabsoo keessan akka itti fuftan isin gaafanna,
ABOn Wabii ilmaan Oromoo Ta'uusaa Ammas ni amanna!
Hanga dandeenyes bira ni dhaabbanna,
Oromoon dhiiga Oromummaa Of keessaa qabdan hundi Wal taatanii qabsoo keessan akka itti fuftan isin gaafanna!
Nutis gama keenyaan bakki jirru otoo nu hin daangessine mana hidhaa kana mana leenjii bilisummaatti jijjiiraa jirra! Hidhamnee jirra osoo hin taane qabsaa'ota horachaa akka jirru diinnis firris akka hubatu hubachiifna!
Eerga jedhanii booda keessumaa Maanguddoon Oromoo fi Sabboonaa kan ta'an dhaamsa armaan gadii dhaamanii jiru nuti kan hidhamne osoo nuti asii hin ba'in hojii Uummata Oromoo boonsu hojjechuu Qabna. Ilmaan Oromoo yakka malee hidhamani jiran marti yeroo ammaa kana ''ani nan hidhame osoo hin taane gara qabsoottin seene'' kanaaf Uummanii Oromoo haa jabatuu haa qabsaa'u! Bilisas of haa baasu! Oromoon bilisoomuu qaba!
Malee goowwomsaa diinni keenyi akka uummata keenya walitti diree umurii bittaa isaa dheereffachuuf shirri xaxu nu hin goowwomsu! Kanaaf ammoo sababootaa fi gowwomsaa isaan gochaa jiran keessaa
Diinni mooraa keenya keessa seenaattii, maallaqa nyaadhaatii wanta barbaaddan isiniif goonaatii bu'aa argadhaatii mana hidhaa keessa ba'aa, dabballee keenyas ta'a, TVtti bahaati nuuf dubbadhaa uummata keessan dogoggorsaa kan jettu hin fudhannu, warra gochaa farrummaa akkanaa dalagan dura dhaabbanna, diinni akeeka Oromoo gandaa fi amantaan qooduuf tattaafattus dura dhaabbanna, gochaan gandaa fi amantaan qabsoo Oromoo qooduuf godhamu marti maddi isaa diina ta'uu hubadha! gochaa farrummaa diinaa kana hin keessumsiifnu! Bilisummaatti ba'uun qaba malee uummata keenya irra qanbarrii gabrummaa bara baraan irratti fe'uun amma irraan kaasee haa dhaabbatu! Oromoon tokkummaa isaa jabeeffatee diina irratti ka'uu qaba! Kanaaf Ilmaan Oromoon Marti jabaachuu qaba! Nutis cina hiriirra! Gootummaan hidhamuun Seenaa gaarii galmeessuu dha! Of gurguruun garuu Hoolaa qalmaa ta'uu caalaayyuu seenaa hin taanee fi shamaa of irraatti galmeessuu dha! jedhanii jiru. Kanaaf Oromoon martuu akka jabaatu dhaamsa walii galaa dabarsanii jiru.
***************
Wayyaaneen Polisoot Leenjisee Waraanatti Erguuf Akka Yaade Madeen Gabaasan!
Mootummaan Wayyannee Poolisii Magaalaa Adaamaa keesasa jiran Ji'a tokkof leenjii sensisee garaa waraanati erguf ajaaja itti keenullee erri guddaan akka moorman dhagayameera kanniin keessaa namoonni 4 Hojjii gadi lakisanii deemaniru.
Haaluma walifakatuun armaan durasi Aana Arsii Nageelee Mooraa Waraanaa keessaa Abuubakar kan jedhamuu Loolitun isaanii Mootummaa Lagachuun Jiibuuti seenera.
***************
Wayyaaneen Uummatatti Duulaa Jirti!
Wayyaaneen uummata naannoo Giddaa Kiiramuutti humna hidhataa cimaa guuraa akka jirtu hubatame. Sababani isaa naannoo sanatti WBO socho'aa jira yaada jedhuun dha. Ummatni naannoo kana hubatee eeggannoo isa barbachisu mara godhu sabboontoti Oromoo dhaamu.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!