Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Caamsaa 13, 2007 (Oromiyaa) - Wayyaaneen Meeshaa Guddaa Yuniversity Finfinnee Keessaa Galchaa Jirti! Haalli Yuniversty Finfinnee keessatti ta'aa jiru guddoo yaaddessaa ta'aa jira. Innis guyyaa kaleessaa (08/05/2007(29/8/99)dhalootaan lammii tigirootaa kan ta'an meeshaa waansaa hin beekamne konkolaataa taaksii jedhamuun karaa doormii dubartootaa galchuurraa osoo jiranii qabamullee tarkaanfiin fudhatame tokkollee akka hin jirre fi meeshaa kan galche kun to'annaa jala oolchamullee gadi dhiisuurraa akka jiraniif meesha karaa dallaarraan galche kana waakkachaa akka jiru hubatamee jira. Meeshaan gale kun garuu ijoollee Oromoo ittiin gaaga'uuf akka ta'e beekamee jira. Haaluma kanaa ijoolleen Oromoo fi lammiin kan biroo tigiree hin taane akka of eeggatan barattoonni cimsanii hubachiisanii jiru. Kana malees Mootummaan ijoollee Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo gaaga'uuf meeshaa waraanaa dallaa keessa galchuunillee hubatamee jira. Kanaaf Uummanni keenya dhimmaa kanarratti dammaqinaan akka hordofu hubachiifna. Meeshaan gale kunillee meeshaa guddaa akka ta'e dubbatamaa jira.

********

Shiraa Oromoo Lafa Isaa Irraa Buqqisuuf Wayyaaneen Xaxaa Jirtu!

Shiraan Wayyaaneen yeroo irraa yerootti Biyyootaa ka biroo waliin walitti nu buusuuf hojjechaa jirtuu bulee dabalaa jira. Akkuma kanaan "Israa'eloota" baay'inni isaanii 100 ol ta'anii maqaa Invastiimantiin Harargee Bahaa Ona Fadis (yeroo dhihoo asitti ammo Fadisii fi Midhagaatti adda cite) keessa socho'uu egalanii baatii sadii fixuuf jedhu. Kan dhufaniis Qobboo homiishanii Zayitaa ykn Guloo baasuu dha jedhu. Kan Uummata gochaa jiranii garu kan nama gubuu dha. Kuniis Lafa qotee bulaa irraa humnaa fi kaffaltii xiqqoon fudhatanii fakkeessa Warshaa fi mana jireenyaa ijarrataa jiruu. Qobboo facaasuufisi qotaa jiru. Haalli kaffaltiin qotee bulaaf kaffalamu hoomishaa tokkootti maqaaf qarshii 2000 isinii kaffala jedhanii tooraa biqiltuu qobboo lama gidduu akka abbaan lafaa 'Lawuzii' facaafatuu fi biqiltuu isaanii bira ta'ee kunuunssu godu. Kan irra caalaa nama arsuummo kana, Lafa isaa irra fudhatanii akkuma garbaatti akka eegee kunuunssuu dirqisiisatan gabrummaa yartu.

Dhuma irraatti gatii xaa'oo toora biqiltuu qobboo qofaa naqamee akkasumas taaksii jedhanii qarshiitti 2000 irraa kukkutanii 1200 qofaatuu harkaa nama keenyaa ga'a. Kana duwwaa osoo hin ta'iin akka odeeffannoon jirutti kayyoon isaanii inni guddaan Albuuda Ona sana saamuu fi ykn guruuf dhaa kan jedhamuu hasawamaa jira. Kana WBOn naannoo sana socho'aa wan jiruuf daba isaan hojjetaa jiranii hubatee ishee rakkisnaan amma loltuu hedduu nannoo sanatti ergaa jirtii. Kanumaanis jarttii bargamaa sana eegduun olii fi gadii deeddeebisaa jirti. Uummatnii garuu haluma ittiin ofirraa ishee faccisuf tattaafataa jira.

************

Wal Gahii Dargaggoota Finfinnee Irratti Gaafiin Mirga Oromoo fi Hidhamtoota Ka'uun Wayyaanee Mormiin Mudate.

Guyyaa caamsaa 5, 2007 Wal gahiin dargaggootaa Magaalaa finfinnee keessatti ergamaa wayyaanee kan ta'e Hillaawii Yooseef jedhamuun gaggeeffame. Akeeki wal gahii kanaa dargaggoota ilaalcha wayyaanee qabsiisuu fi dargaggooti Finfinnee akka wayyaanee deeggaran ykn deeggaran fakkeessani irraa diraamaa tolfachuu dha.

Haa ta'uuti wal gahii kana irratti wayyaanota waan isaan hin eegnetu isaan mudate. Kunis dargaggooti Finfinnee gaaffii mirga dhala namaa kaasan. Gaaffii gootota mana hidhaa jiranii, goototi ilmaan Oromoo bara dheeraaf hidhamaa, dararamaa, ajjeefamaa turuun akka sirrii hin taanee fi hoogganoota Qinijjit mana hidhaa keessatti sababa siyaasa karaa nagaa gaggeessan qofaaf dabni irratti dalagamuun sirrii fi sirna akka hin taane onnatanii dubbachuun fi gaaffii kaasuun isaanii dargaggoota Finfinneef haalli siyaasaa biyyittii akkaataa itti furamu kan muldhata qaban ta'uun hubatameera.

Marii kana irratti ergamaan wayyaanee HILAAWII YOOSEEF kan marii kanaa marihachiisaa ture fi waltajjicha qorachaa ture yeroo gaaffiin ka'u sababni irnni dargaggoota Finfinneetti kaase waa'ee ijolleen kan ummataa Oromoo kaasanii kun ilaalchaa A.B.O waan ta'aniif isaan miseensa ABO waan ta'aniif adeemsaan adda baasaa demina jechuun dhaadatuun hubatame.

Wal gahiin kan dubartootaa ammoo torbee akka itti fufuu bekameera.

Dargaggootii fi Dubartooti Finfinnee diinaaf irree ta'uu hin qaban. Dhugaan jirtu baatee ummati akka hiree isaa murteeffatu irratti qabsaahuun bilchina dargaggoota Finfinnee muldhisa. Mirga dhalli namaa uummamaan qabu namootaan sarbamuun sirrii waan hin taaneef dargaggootii fi Dubartooti finfinnee gochaa wayyaanee farra dhala namaa fi demokraasii dura dhaabbachuu fi balaaleffachuu qabu.  

*************  

Barsiisota Oromoo Akka Lakkoofsa Ummaaa Irratti Hin Hirmaanne Godhaman

Innis Lukkeeleen wayyaanee OPDO`n Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Jimma Arjootti barsiisotaa baay`inni isaanii 13 ta`an Lakkoofasa Umaataa(statics)irratti hin hirmaattaan jette dhorkitee jirti. Sabaabni barsiistitni kun kana irraa dhorkamanifis isin miseensaa ABOtti malee kan OPDO miti yoo ummataa keessa deemtan siyaasaa keenyaa baleesitu jedhan didan. Barsiistotni kana irratti hirmaataan barsiisota kutaa 8ffaa, 10ffaa fi 12ffaa barsiisan ture, barsiisonni kana irraa dhorkamanis barsiisota ulaagaa kana guutan turan.

Wayyaaneen unkaa kan ummata irratti lakkaahamu irratti amantaa waaqeffannaa galchuu diduun isaanii aadaa fi amantii Oromoof bakka dhorkachuu akka ta'es sabbontoti Oromoo dubbatu.

***********

Basaasoti Wayyaanee Bakka Adda Addaatti Bobbaafaman!

Karoora Wayyaaneen Maadhee ABO fi Ummata Oromoo Basaasuuf Baafatte Saaxilame! Basaasota Akka Maadheetti Ijaaramanii Odeessa Funaanan Bakka Adda Addaatti Facaasuun Ishees Hubatameera.

Wayyaaneen namoota hedduu leenjisuun gara naannoo dhaloota isaaniitti deebsuun akka uummatta basaasaa gochaa jirti. Akeki wayyaanee odeessa maadhee ABO Argachuu fi WBO naannoo adda addaa keessa socho'aa jiru duubbee fi haala sochii isaa argachuuf dha. Basaasoti kun akka maadhe ABOtti ijaaramuun ykn miseensota maadheetti dhiyaachuun odeessa wayyaaneef akka dabarsanii kennan bobbaafam dha. Haala kanaan gidduu kana gara dhihaa Oromiyaa (amboo fi shaambuutti) namoota dhimma kanaaf leenjifaman bobbahanii jiru. Kanaaf uummati Oromoo marti dhimma kana hubatuun eeggannoo godhuu qabu mara akka godhu sabboontoti Oromoo dhaammatu.

Daba wayyaaneen nu basaasuuf wixxifattu kana irra aanuuf miseensi maadhee yeroo kaadhimamu ulaagaa qajeelfama maadhee irra guutuu sirnaan ilaaluun, erga ijaarames wal tiksuu fi wal hordofuun balaa gama kanaan dhufuu malu hanqisuuf gaafatamtooti maadhee fi gaafatamaan tikaaf qaruutummaa maadhee dirqama isaanii jabaa kana jabinaan bahuun shira diinni nurratti aggaammate kana of irraa haa qolannu!

Basaasota irratti dammaqame ammoo uummati maqaa isaanii fi gochaa isaanii dhaabaaf gabaasuu fi bakka aanjahetti ammoo of keessaa baasuu irratti ciminaan hojjetee akeeka diinaa fashalsu shakkii hin qabnu.

 ********** 

  Akeekkachiisa  

Godina Gujii aanaa Liiban keessatti bassaasonni diinaa kanneen Ummaticha walitti buusaa jirean saaxilamanii jiran. Haaluma kanaan basaasonni maqaan isaani gabaafame kanneen biroo dabalatee ergaa wayyaanotaan itti kenname galmaan gahuuf baldhinaan carraaqaa jiran. Haaluma kanaan basaasonnii kun ammaan duras Ilmaan Oromoo Booranaafii Gujii walitti buusaa kan tureefii ammas walin dhahuuf keessattu barattoota gidduu seenee walitti buusaa jira.

Kana males Guyyaa 10/05/2007tti barattootatuu walitti bu`uu hedaa maqaa jedhuun

barattoota barnoota irraa ari`anii akka guyyaa jeequmsi jalqabee irraa akka hin barannee taasisaa jiran. Kana waan taheef jedhan sabboontonni tarkaanfii fudhataa jiran kanneen irraa akka of qusatan waamicha gochaa yoo didatan immoo tarkaanfii irratti fudhatamuuf kan itti gaafatamu mataa isaanii akka tahe hubachisuu feenaa jedhaniiru.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net