Caamsaa 7, 2007 (Oromiyaa) - Shira Uummata Oromoo Matakkal Irratti Dalagamaa Jiruu fi Balaaleffannaa Ajjeechaa Barataa Oromoo!
Nutti ummattiin Oromoo Mattakkal keesaa jirannuu jarra waggaa bara dheeraf nannoo benshaangul godina mattakkal jalatii jirata turee. Hatta'u yuu malee ummatii Oromoo walluma galaatii nannoo ja'aa keesatii sadarkkaa tokkoffaa ta'u yoo battulee sadarkkaa lammaffaa ta'utuu keesattii argammaa. Garu moottumaan biyyatii keesatii kan argammaan gosottaa shaan(5) qoffadha jedhee adda basee jirra. Isaan kesaa ammo:
1. Gummuzii, 2. Bertaa, 3. Shinashaa, 4. Ma'oo, 5. Komoo
Jedhee bakka shanitii qodee jira. Garu ummataa Oromoof sabotta biroon wajiif biyyaa isaan irraa garraa biyyaatitii boba'aan godhee oddeesaa jira. Hatta'u yuu malee ummattii Oromoo kan waggaa dheraa biyyaatii keesa jirattaa akka tureef abbaa biyyaa akka ta'e ni bekku. Gibiirra ummata Oromoo irraa samaniin biyyaa isaan gabiffachaa biyyaa Oromoon keesaa jiruu garu hiyyuumaatii hanibsaa jiruu.
Bara 2007 kana keesaa akka ragaleen mana barnoottaa tokko tokko irraa arganetti maqqaa Oromoo jedhyyuu hafe maqaa(lelochim) jedhuun bakka bu'ee jira kun immo shiraa mottumaan kun akka umman Oromoo Mattakkal afaan isaaf addaa isaa hin dagsiineef irratii hojjetee waan ta'eef ummani Oromoo kam iyyuu shira mottummaan kun dalagaa jiru irratii hubatee qabsoon dhaabaa isaa A.B.O cinaa hirriruu qabnaa.
Barkkumee motummaan wayyanee lalabacha jiruu kun qabsoo ummatii Oromoo waggaa bara dheraadhaf gegeesaa jiru kana guffachiisuuf jecha waan isaan qinda'eef ummattin Oromoo bakka jirru maraa waan kana irratii damaqee kayyoo isaa jalla fashalsisuu akka qabu wammicha lamummaa dabarsiinaf. Ajjeechaa, Hidhaa fi dararraa mottumaan wayyaan barratootta Oromoo yunivesiitii Finfiinee irraatii rawaachaa jiruu ni balaleefaanaa gummaa isaan ni bafnaa.
*****
Odeessa Yaadannoo Gootowwan Wareegamtoota Oromoo Turee Qaqabe.
Guyyaa ayaadannoo gootowan Oromoo Godina B/wallagaa onoota garaa garaa keessatti ayyaneffatamuu isaa ibsme: Haaluma kanaa Gaafa 16/04/2007 haala ho’aadhaan onoota Limmuu Galiilaa fi Haroo Limmuu keessatti Barattoota, Barsiisota, Qonnaan bulaa fi Daldaltoota ona kana lamaaniin kan ayyaneffatamee oole yammuu ta’u keessumaa barattoonni fi barsiisonni mana barumsaa :
1. Daagim Sillasee Sad/1ffaa, 2. Limmuu Galiilaa Sad/ 1ffaafi 2ffaa, 3. M/B Qayyaamus Sad/1ffaa
4. M/B Haroo limmuu Sad 2ffaa guyyaa armaan ollitti xuqame kana Ona Limmuu bakka boolalee jedhamutti sirna ho’aan yaadatanii oolaniiru. Ayyana kana irratti gootowwan qabsoo irratti wareegaman Daqiiqaa muraasaaf erga sammuu isaaniitti yaadataniin booda kaayyoo wareegamtoonni irratti wareegaman fiixaan ba’insa isaarratti mare bal’aa geggeessuun ibsa ejjennoo gaggabaaba ta’e ibsataniiru innis:-
1. Olola diinni dhaaba Keenya irratti kaachisu kallattii maraan ni cabsina !
2. Dhaaba Keenya cina dhaabbachuun gumaa gootowwan Keenya yoom iyyuu baafachuu fi kaayyoo isaan irratti wareegamn bakkan ga’uuf dura dhaabbannaan diinaa halkanis ta’e guyyaa nu dhorkuu hin danda’u !
3. Tarkaanfiin uummanni Oromoo Bilisummaa isaaf fudhatu yoom iyyuu tanaan gocha shororkeessummaa ti, gocha farrummaati, gocha jeeqxotaati jechuu fi kan kana fakkaatu hololuun wayyaaneen Addunyaa irratti fudhatama argachuuf gootu fudhatama kan hin qabnee fi kan isheen ittiin Mataa uummata Oromoo irra turuuf gochaa jirtu ta'uun ishee akka beekamu lukkeewwanis kana akka beekan ni hubachiifna ! Jechuun ibsataniiru.
Onuma kana keessaa utuu hin ba’in Barattoonni Mana barumsaa Ona limmuu guyyaa gaafa 5/1999alhtti Barreeffama dhaaba isaanii faarsu fi lukkee diina akkeekkachiisu barreessuun Facaasuun Lukkeewn diinaa Ajajaa Poolisii ona sanaa kan ta’e Dhibbaala Geetaachoo Gammadaa fi Taaddassaa kan jedhamu Kutaa qorannoo Yakkaa ona sanii kan ta’n Gochaa farrumma isaan uummata Oromoo irratti hojjetan irra akka of qusattan akeekkachiisaniiru.
Ona Ebantuu keessaa ammo Kostir Abbarraa itti gaafatamaa dhaaba ergamtuu, Taakkalee Tolosaa B/B dhaaba ergamtuu, Jiraa jaarsoo, Lamuu Qanaatee Kan jedhamu armaan dura ani ABOn bakka bu’ee jira jechuun uummata harkaa maallaqa guuruun dantaa mataa isaarra oolfataa kan turee fi uummata maallaqa harkaa guurrate kana ammo dabarsee diinaaf kennaa kan jiru namoonno kun ammo ona xuqame kana keessatti basaasummaa irratti bobba’uun uummata fi sabboontota toorchii gochisiisaa kan jiran ta’uun ibsame kanaaf egaa uummanni gara tarkaanfii fudhachuutti kan adeemaa jiru ta’uun ibsameera.
Haala wal fakkaatuun barattooti Oromoo Yuniversity Maqalee keessattis guyyaan yaadannoo goototaa gootota barattoota Oromoo Yuniversity maqalee hedduun ayyaaneffatamuun hubatameera. Ayyaana kaam irrayyu sirriitti haala ho'aan kaan doormiitti hanga ijoollee 40ttillee, kaan immoo moonaa ala gaaddisa mukaa jalatti, kaan hootela adda addaatti sirriitti kabajamee oolleera.
**********
Hidhaan Ilmaan Oromootti Jabaatee Jira! Murtii Dabaa Ilmaan Oromoo Irratti Dabarsuunis Itti Fufe!
Go/Sh/Dhihaatti Aanaa Ginda Barati keessatti diinonni keenya Uummatarraan kan ga'aa jiranidha. Kana jechuunis namoota :
1ffaa. Takiluu Asaffaa Daldalaa fi jiraataa A/G/BaratGanda 01 kan ta'ee kan yeroo baay'ee hidhamaa ture ,
2ffaa. Lataa Naggasaa Barataa Mana Barumsaa S/2ffaa G/Barat kutaa 11ffaa kan ta'ee fi yeroo baay'ee hidhamaa kan ture,
3ffaa Addis nama jehdamuu fi maqaan abaasaa kan addaan hin baane ykn hin beekamne yoo ta'an namoota kana Aanaa G/Baratirraa qabanii fidanii mana hidhaa maa'ikalaawwiitti hidhaniiru. Sabaabiin isaan namoota kana ittiin qaban wanti tokkolee yoo baakamuu baate kan dhaqee qabe immoo sakuriitii federaalawaa fi poolisoota Aanaa sana kan hin taanen halkan dhaqanii akka qaban odeeffannoon achirraa nuqaqqabe ni ibsa.
Nammoonni kun sababasaan qabamaniif Bulchiinsi Aanaa sanaallee kan hin beekne sababa deeggartoota paartilee mormitootaa fi "ABO" tiin yeroo baay'ee namoonni kun arii'atamaa akka turan ni beekama ammas sababuma kanaan akka qabaman ni hubatama. Kan biroo immoo Aanaa Amboorraa immoo Barataa Ashannaafii Matakkee kan ta'e eerga bara 1996(2004)hidhaatti deddeebisaa kan TURAN FI WAGAA SADII HIDHAMEE KAN BA'E IRRATTI MANA MURTII AMBOOtti dhiyeessanii gaafa gyyaa 26/8/99 Jimaata Waggaa sadiif Murtii hidhaa kan itti murteessan yoo ta'u murtiiseeraan alaa itti murteessuu caalaayyuu Mana Adabaatti dabarsuu osoo qabanii hanga yoonaatti Waajjira Poolisii Aanarratti hidhuun akka waarri dhaqanii hin gaafanne rakkisaa akka jiranii fi nyaata illee warraarraa fuudhanii kennuufii diduudhaan Warri isaa yaaddoo keessatti kufanii jiraachuu gabaasaan bakka sanaa nu ga'e kan ibsu caallaayyu anis kanan dhaqee hubadhedha. kanaaf dhimma kanarrattii akka xiyeeffattan isin gaafanna.
***********
Lukkee Saaxilame
G/Lixa Wallaggaa Ona Mana sibuu keeessaa Namoonn uummata hiraarsa fi uummataa sabbontota tan akkasuma barattoota dabarsanii kennan saaxilamuun akkeekkachiisi chimaan itti laatamee jira. Galmeen namoota kanaas dhaaba biratti galmaahee yoo gochaa isaanii farrummaa irra hin deebine tarkaanfiin keessa deebii hin qabne akka fudhatamu akeekkachiisu.
Ganda Dargee Toobbaraa kan ta’n gochaa isaanii irraa hatattamaan akka deebi’an ykn akka of qusatan uummanni naannoon sanii wal ga'uun waa’ee jara kan bal’naan marii bal’aa godhee hubachiisuun kunammoo yoo kan isaanii hin liqimfamne taate abidda of irraa buusanii nama irraa buusu akkuma jedhame haala barbaachisaa ta’een lukkeewwan kan tarkaanfii keessa deebii hin qabne irratti fudhachuun ara galfii gadhanna jedhan.
Onuma kan Keessaa utuu hin bane Kaabinoota ona kanaa keessaa ammo :-
1. Taakkalee Gabbisaa Itti Gaafatamaa dhimma nageenyaa kan ofiin jedhu
2. Fi Poolisii Adam jedhamu Taayitaa argachuuf kaataa kan jiru uummataan Meeshaa seeraan alaa qabattanii jirtu mana keessa dhokfattanii jirtu fidaa jechuun uummata homaa tokko hin qabne mana hidhaatti guursisuun reebicha suukanneessaa irraan geessisaan kan jiru yammuu ta’u uummannis ta’e hojjetoonni isa waliin jiran illee gocha isaa kan xirreeffachaa jiraachuu isaanii irra dabree kun itti fufuu hin qabu sirreeffamuu qaba kan jedhu hasaa balaa ta’eera.
Nani Taakkalee jedhamu kun ammo Ganda Qorkee02 magaala mandii keessa uummata qomoon waltti buusuun erga wal lolchiiseen booda Hisisuudhaan reebsisuudhaan hanga ammaa kanatti galaafi baha dhrkataa kan jiru yammuu ta’u Namni kun 2006 Ganda Guunfii Jedhamu keessatti nam maqaan issa nuu hin laatamin kan ajjeese ta’uun isaa fi seeratti dhayaachhn kan irra ture amma Uummata irratti shoomamee kan jiru tauun isaa ni yaadatama kanaa uumman onichaa tarkaanfii irratti fudhachuuf akeekkachiisaniiru .
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati