Ebla 17, 2007 (Oromiyaa) - Kabaja Guyyaa Goototaa Gootota Barattoota Oromoo Awaasaan Kabajame
Guyyaa seenaa keessatti hin dagatamne guyyaa goototni Oromoo lammii Oromoo maraaf qaanqee bilisummaa hardha barbadaa taatee diina/gabroomfataa/ gubaa jirtu tana qabsiisanii ofii wareegama seenaa itti kafalan ebla 15 Baatii goototaa, Sabboonttonni barattoota Oromoo Yunivarsitii Hawaasaa keessatti argaman tokkummaadhaan Ulfinaaf kabajaa Jagnoota Oromoof wareegamaniif qaban muldhisanii jiru. Kana malee fakkeenyummaa/akeeka gootonni Oromoo dhala hardhaatiif ta’aniif kabaja qaban ibsuuf “kabaja guyyaa goototaa goototaan” mata_duree jedhuun ebla 15 haala addaatiin Dilbata galgala 2:00-4:00 duungoo qabsiifatanii faaruu goototaa dhageessisuudhaan kabajanii jiru.
Ayyyaana kana fashaleessuuf galgala sana ergamtooti diinaa mooraa Yuniversity Hawasaa keessatti argaman poolisii wamanii nu tamsaasuuf yaalii heddu godhanis barattoonni Oromoo irree tokkoon utuu duuba hin deebi’in rakkoo hundaa of irraa faccisuun guyyaa kana haala addaatin kabajatanii jiru.
********
Guyyaan Gootota Oromoo Barattoota Oromoo Bahirdarin Haala Gaariin Kabajame!
Guyyaan gootota qabsoo irratti wareegamanii guyyaa har'aa sa'aa 9:00am irraa eegalee barattoota Oromoo Yuuniversiitii Baahirdaar sabboonoo ta'aniin kabajamaa jira. Gootowwan sabboontota barattoonni Oromoo ebla 15, 2007 sa'aa 9:00 am irratti dirreetti yaa'anii ergaa tokko tokko walii dhaamanii faaruu goototaa waliin faarfataniiru. Kabajni ayyaanaa dungoo ibsuun akka walitti dhiyeenyaatti doormii adda addaatti galgala kabajamuunis hubatameera.
OPDO'n illee guyyaa ebla14, bahirdaritti ayyaana koo jettee kabajjachaa jirti, OPDOn akka OPDOtti ayyaana gootaa qabachuu hin dandeessu. Gooti kan biyyaa fi saba isaaf wareegamu, malee kan sabaa fi biyya ofii halagaatti gurguru miti.
**********
Miidhaa Barattoota Oromoo Aksum Irraa Gaha Jiru.
Yuuniveersiitii aksumtti dhimma amaantaatiin wal qabsiisanii barattoota Oromoo barnoota irraa ari'aa jiru. Kan ari'aanis miseensoota ABOti jechuudhaan. Barattoonni Oromoo keessattuu musliimota, waaqeffattoota fi pirooteestaantoonni bulchiinsa yuuniveesiitichaa irra calqabee hanga hawaasa naannichaatti miidhaa isaan irra geessuuf halkani fi guyya doorsisaa jiruu.
Keessattuu barattoota musliima takka ABO ykn alqaaydaa jechhu maqaa isaanii yakkaa jiru. Barattoonni sunnii mirgaa barattooni qaban hunda sarbamaniiru. Fkn, man-soora seenanii sooratuu, man-kitaabatti fayyadamuu, yaala argaachuu, barachuu fi k.k.f irra seeramaniiru.
Yeroo sagadaa ykn waaqeffatan dhagaan darbataman, sibiila reebamaa, arrabfamaa, wardiyyonni moorichaas rasaasaan doorsisaa, iddoo isaan itti sagadanitti bobbaa bahaa, balfaa itti naqaa ykn jiksaa, qoree irrattii bulleesanii mirgaa amantaa isaaniis sarbaniiru.
Sababa kanaaf barttoonni Oromoo yuuniiversiti Aksum barachuu hin dandeenye. Guyyaa guyyaan lubbuu ofii baraarsuu jrchaa mooricha gad-lakkisaani yaa'a jiru. Barattoonni Oromoos amantaan akka qoodan yaadani garuu hin milkoofneef.
Fkn-barataa "marketing management " goodina baalee aanaa dodolaa irra kan dhuufe Hasan Buntii kan jedhamu bulchiinsa Y.A (yuuniveersitit Aksum) Dr.Mabratuu, diinii barattootaa, bulchiinsa goodinaa aksum fi poolisaa, hojjattoo mooraa (wardiyoota fi humna) fi hawaasa naannichaatiin yeroo dheerradhaaf waan itti dhadachaa turaaniif mooradha bahee hanga mootummaa tigray deemee fala tokko otoo hin argatin hafee jira. Mootummaa naannichaatii fi majiliisinnis dhimmi ykn rakkin barataa hasaniittif barattoota biroollee akka sirraayu gafatanii otoo hin milkaayin hafan.
Barataan Hasan yoo dhimma dhuunfaatiif magaala kan deemu ta'e wardiyyaan itti ramadanii eegsisu. keessattuu eerga baratichi maqaalee deemee qaama dhimmi ilaalutti (biiroo haqaa tigray fi majiliisa) iyyattee dhiibbaan itti hammaate. Battalumaa baratichi dhaabbata aksumitti deebi'een bulchiinsaa goodina fi poolisii goodinichaa irra konkolaata afuriin (4) dhufanii waan sodaachisanii fi barataan Hasan dheesee gara masjiidaa otoo deemu konkoolataa tokko hordofee koottu iddoo namni nu hin argineetti wajjin haasofnaa jedhanii gowwoomsuu yalanillee, barattoonni hedduu waan bira jiraniiff lubbuun isaa baraaramte.
Eerga dheessee masjiida magaalichaa seenu poolisin irra deddeebi'udhaan ummata musliimaa sodaachisaa turan. Garuu ummannis barataa Hasaniin masjidaa baasanii mana dhuunfaatti dhoksanii, otoo bulchiinsii goodinaa fi polisaa barbaadan konkolaata manaatiin hanga magaalaa Adwa geeggessanii lubbuu isaa baraaran.
Yeroo amma kana baratichii kun naannoo tigray keessa miliquun Oromiyaatti galee jiraachuun hubatameera.
Tokkummaan barattoota Oromoo Yuniveristy Maqalee gochaa hammeenyaa ilmaan Oromoo irratti gahaa jiru, kan mirga dhala namaa fi amantii akka kabajamu mootummaa naannoo fi wayyaanee akeekkachiiaa, yoo kun hin taane balaa uumamuuf itti gaafatamaan mootummaa wayyaanee ta'uu dhaamu.
Tokkumma barattoota oromoo yuuniiversiitii maqaale irra.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
**********
Ibsa Ijjannoo Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Baar daar Ayyaana Gootota Oromoo Irratti
Ummanni Oromoo jaarraa tokkoo oliif bittaa habashoota jala jira. Nutis barattoonni Oromoo yuuniv. Baar daar akka lammii Oromootti karaa qabsaa’onni gootonni Oromoo dhiigan saaqan: ummata Oromoo, sabummaa ofii, afaan ofii, aadaa ofii, biyya ofii beekuf qabsaayu taasisan. Ammas taanan gidiraa wayyaanee tigraay balaaleffachuun abbaa biyyummaa Oromoof wareegama qaalii baasaa jiran. Gartuun ilmaan adowaa, tigraay ijaaramiinsa impaayera itoophiyaa alam baqqanyiif sagantaa kan baase wayyaanichi durii yohaannis sagantichi bittaa minilikioin raawwatame.
Sirni bittaa jibbamaan kun ammas mallasiin raawwatamaa jira. Keessumattuu haaala sochii andm fi walgahii ebla 14 galma andm mulu’aalamii yoo ilaalle goobanoonni barameen fi saboonni biro ummata Oromoo biyya isaa irratti, hidhuu, ajjeesuf walgahii dhaadannaa mallas paarlaamaf godhe akka jirutti calaqsanii jiran; kanas nuti barattoonni Oromoo ofirraa qolachuuf akkasumas sirna kana hundeen dhabamsiisuf yoomuu kan hin teenne tahuu keenna mirkaneessina. Kana adda durummaan kan raawwatu maxxantoota garaa diinaa tahan kan garaa ofiif dursanii dha. Maxxantoonni garaa ofiif yaadan ammallee habashoota 85% ol walittii qabuun ayyaana opdo jechuuf ayyaana eprdf qopheessan ayyaana kanarratti dhaabbileen eprdf fi qarqaartonni akka sumaalef affaaris hirmaatan fkn barattoota affaar 40-50 ayyaanicharratti argame kunis qarshii 10,000 opdo irraa 40,000 immoo andm irraati ayyaanichas kan qopheessaniif waltajjis geggeessan andm dha. Walgahii baardaarbe irratti qophaahe kana walumaa galatti Oromoonni muraasni argamanis waaree dura baayyachuu habashaa jibbuun walgahicha keessaa yaa’aniiru.
Halumaa galatti ayyaanni opdon gochuuf yaalte kanarratti barattoonni Oromoo argaman heddu aarun sagantaan diinonni tigraay miseensummaa opdo keessatti saboota biro miseensummaa hayyamuun isaa heddu ummata Oromoo bituuf kan aggaamate waantaheef qabsoo daran cimsuuf kan ka’an tahuu mirkaneessan, kunis karaa fi haala fi karaa barbaa hundaan akka taheen.
Walumaa galatti ayyaana gootota Oromoo Kana irratti ibsa ijjannoo armaan gadii baafanne:
1. Walgahiin opdon Bahirdaritti goote Oromoo hin ilaallatu, inumaaayyuu kan opdo osoo hin taane kan eprdf.
2. Waraanni wayyaanee Biyyoota olla irratti gootef itti jirtu kan nu hin ilaallanne waan taheef Oromoonnif saboonni cunqurfamoon akka qabsoo dhugaa mormitootaatti hirmaatan gaafanna.
3. Walgahiin fakkaatan yuun birootti yaalame fkn finfinnee; kan minaaseen nuti amma dadhabnee dargaggeessi nurraa fuudhaa jedhu; qabsoo gabrummaa Oromoo waan taheef hamma dandeetti yaaduu isaa muldhisa, gochoota ajjeechaa dalageefuu kan isa gaafachiisu tahuu akka beeku akeekkachiisna.
4. Maxxantoonni dalagaa isaanii isaan akka gaafachiisu akka beekuu qaban mirkaneessina.
5. Sagantaan sabaaf sablammii opdo keessatti hirmaacisuu misooma kamiyyuu kan finne; humnaan, malaan bulchuu(walitti buusanii) waan taheef ni balaaleffanna.
6. Walgahiin akkasii ganna ganna kan turee opdof bu’aa tokkooyyuu hin kennine; ammallee bittaa Oromoo kan jiru kana jigsuun kan warraaqnu tahuu mirkaneessina.
7. Dararraaf ajjeechan Oromoota hidhaman Fkn aslii muhaammad fi biroo irra gahu dhaabuf mootummaalen addunyaa usa kkf akkasumas dhaabbileen mirgaaf namaaf falmatan akka hordoffii godhan gaafanna.
8. Wayyaanen meeshaa waldaa maccaaf tuulamaa kan saamta akka daddaffiin deebiftu fi beenyaa kennitu gaafatna.
9. Fashaluu ayyaana opdo tti kan gammadan tahuu mirkaneessina.
10. Qabsoo diddaa gabrummaa hamma bilisimmaatti fi wareeegama barbaachisu kafaluuf qophii tahuu keenna mirkaneessina.
Ebla 15,2007
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
GGBTI!
|