Ebla 8, 2007 (Oromiyaa) - Duulli Gabaa Lagachuu Wayyaanee Rifachiise!
Godina Baaleetti duulli gabaa lagachuu haala gaariin itti fufeera. Akkuma kanaan Godina Baalee aanaa Gindhiirii fi Sinaanaa akkasuma naannoo ishiitti duulli gabaa lagachuu baldhinaan itti fufee jira. Haaluma kanaan ummatichi qabeenna keennaaf qabeenna
keennaan hin bitamnuu! jechuudhaan Garbuu, Qamadii, Jimaa, Muuzaa fi Shonkoora dabalatee qabeenna isaa gabaa baasuu dhabuudhaan irree isaa diinatti muldhisaa
jira. Haala kanatti kan rifate mootummaan Wayyaanee Namoota nagayaa goolaa jira. Haaluma kanaan Hidhattoota Gandaa namoota 20(Digdama) dabalatee namoota hedduu ABOtiin walitti hidhata qabduu, Namoota basaasota keenna irratti tarkaanfii fudhate wanni
himuu diddaniif waraana wal quba qabdanii maqaa jedhuun hiraarsaa jira Gama biraan immoo Humnoota Poolisaa dhibbaa (100)ol Gandeen akka Odaaroobaa, Ardaa
tarree tii fi Caancootti ramaduudhaan ummaticha akka hiraarsa gochaa jira. Sabboontonni naannichaas Hidhaa fi reebichi qabsoo teenna irraa of booda nu hin deebisuu jedhaniiru.
************
Duulli Gabaa Lagachuu Milkaahee Jira!
Waa'ee gabaa lagachuu iraattii Jaarmaayaan haalaan dalagee jira. Ammas Ayyaana OPDO irraatti akka Ummanni hin hirmanne godhaniru. keessatu Maadheen
- Gaaraa Duroo jalaa jiran, 2. Guma Anolee jala jiran, 3. Burqaa Sabaa jala jiran.
4. Koolleejjii Barattoota baalee Roobee jala jiran, 5. Arsii Dida'a jala kanjiran.
Miseensoon fi deeggartoota Maadhee kanin keessatti argaman huunduu ayyaana ergamittoota Diinaa irratti akka hin hirmanee akka gaaritti hammeenya diinaa ummata keennaaf ibsaan. Duula gabaa lagachuu fi ayyana kanaaf wayyanetti akka hin baanes irritti hojjataatan. Hedduu isaa ittis milkaayuun uummati qabeenya isaa gaabaa baasuu lagate, wayyaneen ummanni keenna magaalaa lagachuu irraa kan rifatte ABOttu isin ajaje jechuun ummata keessaa hidhaa jirti. Ummatichi qabsoo keenna irraa hidhaa fi ajjeechaan duubatti nu hin deebisu jechuun itti fufee jira. Ergamittoon kunis sodaa irraa kan ka'en dhoosadhan namoota hagoo waalin kani uummanni irratti hin argamin ayyaanefannee jedhani oduu hafarsaa jiraachuus hubatameera.
*********
Dargageessi Oromoo Waan Biyya Koo Irra Deema Jedheef Ajjeefame, Polisiin Wayyaanee Meeshaa Waliin Gane, Basaasoti Wayyaanee Saaxilaman.
Aana Arsii Nageellee keessatti Ijoollee Oromoo Magaalaa turtee Garaa Badiyyaa galitu Galgalaa Sa'aa Tokko fi walakaa keessaa Hidhatonni Wayyaanee essaa galtan jedhanii ijoolee gafatani jennan ijoolleen malituu isin galchee Biyyaa keenya keessa akka barbaneetti demna ijoolleen jennan nama 6 keessaa tokkoo Lataa Yaadoo mucaa jedhamu ajeesan Guyyaa 2/4/2007ti. Akasumas kan biroo Aana Zuuwwayi Dugdaa Habuuraa bakka jedhamu keessa Poolsiin tokko Meshaa hidhatee waalin sirnichaa wayyanee Lagaateera keessaa bahee jira Maqaan isaa Tajuudiin kan jedhamu.
Kan biroo Aana Arsii Nageellee Ganda Boombasoo jedhamu keesati Basaasaan Wayyaanee Ahimmad Kadiiroo jedhamu mallattoo Alaabaa ABO ufatetti Ummata sobaa akka jiru saxilamee jira. kan biraa Magaalaa Adaamaa Mana Barumsa Sadarkaa 1ffaa
Lak.4 keessa ijoolleen tigiree waan Uummata Oromoo xureessu dubbannaan tankaarfin Baratoota Oromoon irratti fudhatamee Guyyaa 3/4/2007 kan tumitoo maqaan basasoota kanin.
1. Firiiwooti, 2. Misiraaqqii.
*********
Shira Wayyaanotaan Wal Diddaan Barattoota Gidduutti Dhalate,
Magaalaa Baatuu(ziwaay) Mana baruumsa Mana Sagada Kaatolikii "Donbooskoo" jedhamu keessaatti waldhabiinsi barattoota jidduttii fi barattoota fi dabballoota OPDO
jiddutti Eebla 26, 2007 uumame hanga har'aati itti fufee jira.
Ka'uumsi waldiddaa kanaa barreefama gabatee gurraacha daree barnoota irratti "Oromoon saree dha." jedhamee Afaan Amaaratiin barraa'e ture. Kanas kan godhan dabballoota wayyaaneetu Amaarri kan barreesse fakkeessanii sabboontota Oromoo, Barsiistota Saba Amaaraa ta'anii fi sabboontota barattoota Oromoo wanta (arrabsoo) kanaan miira'an ittiin yakkuuf ta'e jedhamee kan qidaa'e ta'uun barame.
Haaluma kanaan guyyaa rakkini dhalatee jalqabee hanga har'aatti rakkoo dhalatee sababa ni ta'u jedhamanii warreen shakkaman bilisa gadi dhiisudhaan. Hiphoota fi oftuulutotatu duubaa qindeessa jechuudhan namoota jiba irraa qaban yakkuudhan hidhuu fi hojii irraa ari'uuf qopha'aa akka jiran barame.
basaasaa wayyaanee kan ta'ee fi asiin duras jiraatota Magaalaa hiraarsudhaan kan beekkame namni fissahaa jedhamu wal gahii maatii irratti argamuudhan barattoota fi jiraattota magaalaa 40 oli ta'an jibba mataa isaanii irratti hundaa'udhaan "isaantu rakkincha kaase. isaantu duuba ijjatee jeequmsa kana gaggeessa. Isaan miseensa ABO''jedhanii ifatti erga haasa'anii booda dhoksaadhan maqaa jarreenii Ajajaa Poolisii Zoonii Shawa bahaatti laateera.
**********
Wayyaaneen Ilmaan Oromoo Hidhuu Fi Gidirsuu Itti Fufte!
Kana dura wayee Loltoonni wayyaanee Warshaa shukkaara Finca’aa gararraatti (Nannoo Acaaneetti) afurii ol dhumtee, saddet madaahuu fi kaan caccabdee turtee gabasuun ni yaadatama. Yeroo amma garuu Guyyaa dilbata darbee( 01/04/2007) Egaltee OPDOn Uummataa Qotee bulaa waliitti guurtee Hitee gidiraa agarsiisaa jirti.
Akkuma kanaan Naannoo Accanee jedhamuurra Qotee bultoota 40 ol qabdee Magaala Finca’aatti bakka Namoonni hin geenyee fi hin argineetti hiitee rebichaan itti taphataa Waraana ABO hisin keessa jiru baasaa jechuun gidirsaa jirti Uummanni bakkee amma hin hidhmiin jiruu ammoo Waranni Bosonaa Eenyuufuu hiluu hin qabu osoo argineeyyu hin dubbannu meeshaa wan baatuuf ni sodaanna Meshaa gaarii qabayi Loltoota keessaniyyuu qilleenssa irratti lafaa isaan naqee kanaaf nu warra homaa hin Beeknee mal godhaa jettanii bultanii katanii nu doorsiistuu maliifiss qotee bulaa nu Keessaa funantanii hitanii gidirsituu, hunduma keenyaa maliif garaa nu hammeessituu Off dhuftanii nu tutuqtanii lola bara darbee Qotee bultoot Guduruu nutti kastuu jechuun jechootii aarii qabuu fi onnachiisuun ergamtoota (kittillayyoota)Wayyaneetii himanii ishee rifachiisaa jiru. Ammaf Warra hidhamaan keessa kan maqaan isaanii nu ga’ee:
Obbo Waggaarii Bantii qotee bulaa
“ Taddee Bultoo “
“ Gobooshoo Tarrafaa “
“ Masgabuu Sooreessa “
“ Xiyaaree Dhinsaa “
“ Bay’isaa “ kan itti fufee na ga’uu akkuma na ga’een nan erga.
Kan biro Ona Guduruu Barattoonni Mana Bar/sa sadarkaa olaanaa lammaffa Komboshaa
Warqaa barreessanii bittinsanii fi maxxansan; Akkas jedha,
- Bitootessi 17 guyya Wayyaneen OPDO bixiltee uumtee malee guyyaa Uummata Oromoo
Bakka bu’uu miti, Wayyaneen Oromoo ittin nyachuu fi yoo dide ajjesuuf wan ta’eef;
- OPDOn diina Uummata keenyaati, kanafuu Qotee bultoota keenyatti Loltuu wayyanee
(diina) fiddee qe’ee isanii irratti, Lagaa warabbatanii dhuganii fi qotanii hikanii milla itti
Dhiqataniitti Lagaa Handoodee fi Morowwaatti ficcisiistee, dhigaa isaan dhagalaasisite;
- Gumaan Warra keenyaa, Dhiignii Abbootii fi Obbolowwan keenyaa akka dhangalaateetti
hin haftuu, Hijollewwan isaanii wan taaneef guma ni basinaa. Gumaan nurratti hin haftuu.
- Kallachii Dhugaa qabsoo Uummata Oromoo ABO dha. WBOn irree keenyaa.
- Diinnii fi Kittillayyotnii olii fi gadii figaniyyu Oromiyaan guyyaan bilisoomtuu dhiyateera.
Jechuun barreessanii wan maxxansanii fi rabsaniif guyya kaleessa( 05/04 2007) barattoota 20 ol ta’anii qabdee hiiteetti. Warri hijoollee garuu hijoollee keenya nuuf hikaa dubbiin bar’engadda Hundumaa keenyatti akka hin dhufnee jechuun akeekkachiisaa jiru.
Barattoota hidhamaan keessa yeroof kan maqaan argamee;
Barataa Gammachuu Shibashii kutaa 10
Barataa Masarati Gabayyoo 10
Barataa Tarikuu Mariid 10
Barataa Tasfayee 10
Yeroof maqaan na ga’eeru kana dha. kan fulduratti na ga’uu akka na ga’een na gabaasa.
***********
Wallaga Anaa Anifilo keessatii Kiteleyoonii Wayanee sochii Bal’aa WBOn Gochaa Jiruu sodachuuni iraan kan ka’e waliigayii Gafaa Guyaa 20-7-99(ALH) Galima bulichisa Anaa Anifilotii Godhataniini Degeritotaf WBO irratii Duulla gegesufi marii Ademisisaniru Waligayichisii Erigamafii lukee wayanee kani ta’e Yaaddessa Issayasiin kanii gegefamee yeroo ta’u Misenisotaa kani ta’ani Eriga Dina kana Galimanii Ga’ufii Diriqama Gudaa Keessa senaniru.
Dubiin ijjoo Waligayicha
1. WBOn nannicha keessa Sochani Sodaa tokko malee irratii qabisa’u
2. Anaa Anifiloo keessa Garijedaa yattiif fi Dolanii Degeritota ABO waan ta’anifii ummata nanichaa jijjirufii irratii hojjechuu
3. Bara 2000 ALH ti Bunii nanoo Anifilo bayinanii hin godhatuu jedhamee wanii jirufi ummata jijjiranii galinii misenisumaa Akka Gudatuu Gochufii ittini jiru.
4. Aanaa Anifiloo Waa hunidaa iyuu Anaa walinii osso initanee Godina wajini Dorigomiisisuu Kabinoti fi misenisoti ciminanii akka hojetani wadda sensisu ture waligayii kana irrati kiteleyonni ta’ani bubisani :
1. Izadinii ALii, 2. Manitesinott Alamuu, 3. Itayee Abatee
Yada gofitolini isaanii degarunii kanii QBO Dura dhabbachuun issani bekamera.
Dabalatasii Namotti Arimani gaditii maqani issani ibisame minidani allat qarichini Dabalamefii umata magala mugii akka basasanii fi Qabisisani wani Godhamefii uumatii naannichaa akka irratii damaqani dhamisa kana dhamina.
************
Kabajaan Ayyaana OPDO Fashale!
Maadheen KG_9 jala hiriiree jiru Kolleejjii Qonnaa Hoolotaatti ayyaana kabajannaa OPDO irratti mormii diddaa qindeessuun sagantaa lukkootaa fashalseera. Kanas, OPDOn ayyaana waggaa 17ffaa ishee kabajachuu irratti barattoota Oromoo kolleejjichaa walitti qabuun kabajachuu yaaltuyyuu gootonni barattoonni moorichaa harkatti fashaleessaniiru. Kunis kan ta’e Wiixata hanga Roobii ( ebla 2-4, 2007) tti ture. Kanas waraqaa adda addaa OPDOn nu hin bulchu! Bakaas nu hin bu’u… fi kkf jedhu bittinsuun fashaleessaniiru. Madhee KG_7 jalattii hiriiree kan jiru namni dhuunfaa Boonsaa Maatii jedhamu gumaacha qabsoo Uummata Oromoof jajjabeessu qarshii gumaacheera. Maadheen Abiishee Garbaa-06 jedhamu, kanaan booda qabsoo uummata Oromoo keessatti gama barbaachisaa ta’een aarsaa barbaachisu kafaluuf waadaa galaniiru. kanas waan qabsicha jajjabeessuuf barbaachisu kafaluurraa kaasee hanga wareegama lubbuu keenyaatti hanga Oromiyaa fi uummanni Oromoo bilisoomutti aarsaa barbaachisu kaffalla jechuun waadaa qabsoo galaniiru.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!