Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Bitooteessa 27, 2007 (oromiyaa) - Ibsa ijjannoo  Barattoota Yuunivarsiitii Baar Daar, Maqalee fi Goondar Mootummaan  murna bicuu wayyaanee hamma ammaatti human waraanatiniif  garee Oromoo hin tahin akkasumas bu'aa mataa ofiif socho'anii  fayyadamee saba baldhaa Oromoo bitaa jira. Murni kun ifatti akkuma eennuu beeku yeroo ammaa barattoota  fi ummata Oromoo faaya adda addaa uffatan irratti ciruu, hidhuu, butuu fi ajjeesuu walumaa galatti genocide gara hundaatti xiyyyeeffate. Gochaa walitti  buusuu  fi akka waan harka keessaa hin qabneetti of dhiyeessuu itti fufe fkn  ALH 1997 Baardaaritti; ganna dabre Haromayaatti, Maqalee, Finfinnee fi Jimmatti yeroo ammaa Goondaritti shira barattoota Oromoo irratti dalagaa ture, yeroo hedduu Oromiyaa keessatti gosoota Oromoo Boorana, Gabra, Garrii kkf kunis mootummichi murna bicuu irraa waan ijaarameef walitti buusun (polarization) malee walitti hiiqsuun (harmonization) hin bulchu.

Mootummaan kun sagantaa isaa Tigraay guddittii qabeenna saba keennan ijaaramte mirkaneessuf sochirra jiraachuu isaa haasawa barattoota TPLF jalaa miliqe hubatne; sochiin isaan godhaa jiran sirna impeeriyaaliziimii tahuu isaa  caasalee ijaarsaa (infrastructure), warshaa(factory), human waraana, daldala fkn hoteela elektironiksii fi hamma moorraalee yuunivaarsitii dhiheessii adda addaa hundaa ofiif qabatan, kanas ijoollonni TPLF booda akka qarshiin nu bitan ifaan nutti dhaadatan.

Kanaaf nutis ibsa ijjannoo armaan gadii baafanne:

1. Hanga mirgi hiree murteeffannaa uummata Oromoo fixan bahuu ni qabsoofna, gochaan hidhuu, tumuu(butuu), ajjeesuu duubatti nu hin deebisu!

2. Minaaseni  fi  OPDOn Oromoo bakka waan hin buunef ummanni Oromoo  ayyaana OPDO  bitootessa 25 irratti fincila itti akka kaasanii fi fashalsan  gaafanna!

3. Ilmaan Oromoo sabboontonni muraasni OPDO keessa jirtan diina keessan  TPLF irratti finciluun gara qabsoo bilisummaa Oromootti akka seentan.

4. Ilmaan Oromoo waraana diinaa keessa jirtan  faana J.Kamaal Galchuufaa akka hordoftan isin gaafanna.

5. Gosootni Oromoo Boorana, Gabra, Garrii wal itti bu'aatii wayyaanen umrii ishii tursiisuf gootutti dammaquun akka fashalsitan gaafanna.

6. Gochaa aanaa Mi'eessoo gaara Suufi fi Daalattiif itti gaaafatamaan Minaasee  waan tahee seeratti akka dhiyaatu gaafanna.

***********

Walgahii OPDOn Dabballoota Ishee Barsiisaa Turte Dimokraasiin Afaaniin Jedhamu Dhabamuu Muldhise fi Sabboontoti Oromoo Waadaa Isaanii Haaromsan.

Arsi lixaa maggaalla Arsii nageelle kessati gaffa bittoteessa 6-13, 2007 wallgai dabballota OPDOtin gegeefaama turee iraati OPDOn sabonntotta Orommo sodachisu fi deeggartotta parti kamiyuu haa ta'u akka saxiltaan kan jeedhu dhamssa dabarssa jiru. Kun akka dimokraasiin baanan gatii dhabee fi warri karaa nagaa socho'an illee otoo hin hafne adamsamaa jiraachuu kan muldhisu dha jechuun sabontoonni Oromoo naannoo jiran qabsoo bilisummaa Oromoo kalaachaa dhaaba keenya A.B.O irraa qajeelffamaf dirqaamma fudhachaa kaayyoo galmaan gahan waadaa isaanii haaromsanii jiru.

***********

OPDOn Hiriira Yaamte Jijjiiruu, Irraa Hafuu fi Fashalaa Jiaatuu Maddeen Dhaamaa Jiru.

Hiriraa DH.D.U.O n ykn OPDO guyyaa bitootessa 28, 2007 (19, 1999) ti waamte gara guyyaa 20/7/99 tti dabarsuuf dirqamtee jirti. Kunnis sabaabi tokkumaan barattoota Oromoo sad.2ffaa mattuu baruu fi dhadannoo adda addaa kan qabu guyyaa 27, 2007 halkaan bakkaa heddutti bitinfamee fi hojjeettotin tokko tokkoo minddaa isaanirra sabaabi ayaanaashee kanaaf busii  busuu didaani irraan kan ka'ee. Baruun bittinfamee kun bishaan, ibsa, daandii, k.k.f kan nuuf hojjechuu danda'uu Adda Bilisuummaa Oromoo qofa, Oromoon Qabeenya fi Qabeenyaasan Hin Bitamuu fi k.k.f. dhadannoo jedhu qaba. Itti dabalees  akkeekkaachisa namootaa hiriraa kan iraatti argamuuf ba'aani irraatti tarkaanfii fudhatamuuf itti gafataaman matumaa isanitti jeedhu bakka bakkatti maxxanfameeraa.

OPDOn barruu bittinfame kanaan rifattee guyyaa hiriira waamte jijjiirtes irraa hubatamee jira.

Didaan Oromoon bifa jijjiirratee yeroo dheeraaf gaggeessaa jiru daran kan jabaatee itti fufu malee kan duubatti deebihu akka hin taane sabboontoti Oromoo naannoo jiranii dhaamu.

************

Hidhattooti Oromoo Duula Duulfuuf Fehda Hin Qaban, Mormiitti Jiru. Wayyaaneen Waraana Amanamaa Gara Kaaba Biyittiitti Jijjiiraa Jirti.

Godina Baaleetti wayyaaneen ummanni ayyaana miliniyeemii kan dhufu nuuf hin kabajanii shakkii jedhu irraa kan ka`een keessattuu dargaggoota magaalaa gindhiir hirmaachisuuf jecha koreelee Ispoortii itti ramadanii sosso`aa akka jiran dhagahameera. Gama biraan  Godina Baalee aanaa Gindhiiritti hidhattoota naannoo keessan eegdanii jedhee wayyaaneen leenjisaa ture kanneen dhibba sadihii /300/ caalan leenjisee erga xumureen booda immoo gara adda waraanaatti erguudhaf itti himuuyyuu hidhattootaa hedduun mormiin cimaan akka mudachaa jiru dhagahameera. Akkuma kanaan hidhattoonni kunniin armaan dura ganda gandarraa walitti guurama'anii erga leenjifamaniin booda akka eeggatummaattiifii akka naannoo isaanii eegan kan itti himamaa ture tahuuyyuu amma immoo  kan yaadan ifatti yemmuu itti himan dura dhaabbataniiru.

Gama biraan  immoo lola Ertira waliin gochuuf deemu irratti hirmaachisuuf naannolee Oromiyaa  garaa garaa keessatti Dargaggoota walitti qabee leenjisa akka jiru hubatameera. Akkuma kanaan Godina Gujii aanaa Liiban magaala Nageellee Booranaattis gandeen irraa hidhattoota walitti guuree leenjifachaa jira. Mootummaan wayyaanee  lola Ertiraa irratti deemsisuuf deemu kanaaf namoota sirnicha isaaf amanamoo tahan kanneen Soomaaliyaa jiran keessaa kanneen dhalootaan Tigree tahaniifii kan saba birootis kan kaayyoo isaaf bitaman gara adda waraana tigraayitti yemmuu jijjiiru kanneen shakkii irraa qabu kan dhalootaan Oromoofii Amaara tahan immoo ammaayyuu gara Soomaliyaatti fe`aa jira. Haaluma kanaan torbema darbe kana human waraanaa naannoo Zuwaay ture gara Beeydhabootti ergee akka jiru madden waraanaa saaxilaniiru.

***********

Ibsa Ejjennoo Maadhee!

Godina Baalee aanaa Gindhiir Magaalaa Gindhiiritti sabboontonni Oromoo maandhelee Hambaa Seenaa, Kumsaa Gadaa, Dachaas Lakkoofsa tokko, Gaachana sabaa jedhaman
jalatti ijaaraman bakkoota garaa garaatti walitti dhufuudhaan haala QBO kan ABOtiin durfamuu ilalchisee marii marii baldhaa erga godhataniin booda ibsa ejjannoo qabxiilee adda addaa of keessaa qabu baafatanii jiran .ibsa isaanii keessaatti

1. Gochaalee hammeenyaa wayyaaneen ilmaan Oromoo biyya keessaafii alaa irratti raawwachaa jiru keessattu kan dhiheenna kana harargee bahaa keessatti gochaan sanyii
duguugummaa wayyaaneen  raawwatame cimsinee balalefanna !!
2. QBO kan ABOn durfamu hanga inni galma isaa gahutti waan nurraa barbaachisu cufaan bira dhaabbachuuf qophii dha !!
3. Ilmaan Oromoo hundinuu bakka jiran cufaa ka`anii QBOtiif waan dandayan hundaan akka bira  dhaabbatan waamicha lammummaa goona !!

kanneen jedhaniifii kanneen birootis jechuudhaan dhuma irratti miseensonni maandhelee tanaa akka armaan gadii kanatti buusii maallaqaa buufataniiru. 

Buusiin maallaqaa isaan buusan kunis  kan xumuraa osoo hin taane kan jalqabaa akka taheefii hanga dhumaatti kan itti fufan tahuu ibsaniiru.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net