Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa


Adoolessa 26, 2007 (Oromiyaa) - Fincilli Diddaa Gabrummaa Uummataa Oromoon Geggeefamaa Jiru Bifoota Adda Addaan Itti Fufee Jira. Godina Wallagga baha aanaa Saasgaa Ganda qote bulaa Haroo Guddinaa jedhamu keesssatti Bitootessa 24-26, 2006 tti Alaabaan ABO waajjira OPDO ganda sana keessa ol kaafamee fannifamuun kan gammade umman naannoo sanaa itti yaa'uun gammachuu isaa ibsaa oleera. Haala kanatti kan rifatte diinni uummata Oromoo kan ta'e lukkee fi kittillayyoon wayyaanee OPDO uummata doorsisuu yaaltus uummati Oromoo tokkummaan dura dhaabbachuun qaanessee of irra ishee deebisee jira.

Haaluma kanaan torban bixxilamuu gyuuaa ergamtuu wayyaanee OPDO fincila uummataan fashalaa'ee jria. Ergaa kun ta'ee booda sabboontotnni naannoo fincilli kun bifa haaraan akka itti fufu dubbatanii onoota Oromiyaa mara keessaa fi naannootti akka cechu uummata Oromoo dhaamsa dabarsanii jiru.

Baay'ee kan nama dhibu amma nuti eginee ol galma ga'aa jira waantti ykn dhamsi DGL isin nuuf ergitan Kan baay'ee aja'iba namootaaf ta'e immoo Alaabaan gaafasana fanifamee guyyaa lammaaf irra ole kun balabala mooraa bulchiinsa annaa sana irra tti ture

Yoo deemtaanii buuftan waanti dhohu waan jiruuf akka bakka sanatti hin dhihaane jennaan guyyaa lamma guutuu osoo waajira hin bahiin osoo dalaga biros hin dalagiin akkasumatti itti naanna'anii eega turan hanga namootni meesha kana sakata'uu danda'an dhufanii qululeessanitti irra tureera.

Baay'ee waan uummata boonsu dha. Ammas immoo akka kana caaluun itti akka fufu abdiin qaba Garuu gargaarsi keessan keessuma kara affuraa maal gochuu akka qabunu nu biraa akka hin dhibinee addara keessan.

*********

Barattooti Oromoo Diddaa Isaanii Muldhisaa Jiru.

Torbee kana Bitootessa 20, guyyaa ABO duula gabaa lagachuun marsaa lammaffaa guyyaa kudhaniif deemu labsetti, gootonni Oormoo barattoota sadarkaa 2ffaa Aanaa Giiddaa Kiiraamuu fi Aanaa Amuuruu Rifeensa isaanii haaddachuuni fi uffataa gaddaa uffachuun obbolootaa isaanii bara darbee FDG irratti wareegaman (Fknf B/taa Jireenyaa Nagaaroo aanaa Amuuruu) yaadachaa, ammaas FDG geggeessuun mana barumsaa cuufanii galaniru. FDG kana keessatti Aanaa G/kiiraamuutti Poolisonni 3(sadii) waraanamaniru. Yeroo ammaa kana Aanoolee lamaanirra jeequmsaa guddaatu jira. Mootummaanis humna waraanaa qubachiisee jira.

**********

Ayyaanni Lukkee OPDO Fashalaa Jira! Uummati Gabaa Dhaquu Lagachuu Eegale!

Wixata gaafa 26-03-2007 Godina Ilu Abbaa Booraa aanaa gachii magaala gachii keessatti uummanni ayyana OPDO fashaleessuun diddaa qabu agarsiisuu irra darbee alaabaa ABO bakka afuritti fannisuun jaalala ABOf qabu muli'isee jira, alaabaa kanas kaadiroonni buusuu sodaatanii polisiin federala dhufee akka buuse beekameera. Sababa kanaan uummata mana hidhaatti guuruuni akka dararaa jirti, namoota mana hidhaatti guraman keessa kan akka sabboona Oromoo Masarat Binoor Dheeressa ni argama Maandheleen biqilituu gachii lakk.1 fi 2 ammoo hidhaa fi ajjechaan qabsoo irraa duubatti nu hin deebsu jechuun amma illee dhadachaa akka jiran. Gabaan guyyaa kaleessaa kan naannoo kana jiru yoo ta'e illee osoo hin dhaabatiin akka olte beemeera.

*********.

Ayyaanni Lukkee Osoo Hin Kabajamiin Hafe! Barattooti Oromoo Ukkamfaman!

Godina wallagga bahaa magaalaa naqamteetti ayyaanni OPDO kabajamuuf ture  osoo hin kabajamin hafe, guyyaa kaleessa waamicha ayyaanaa kabajuuf namni ba'e tokkoyyu akka hinjirre argameera alaabaa ayyaanichaaf yaaftee fannifatte turtes osoo guyyaa tokko hin oolin dachaaftee galchiteetti.

Godina horroo guduruu magaalaa shaambuu mana barumsaa sadarkaa lammaffaa shaambuu keessaa barattootni human tikaa wayyaaneen butamanii achi buuteen isaanii dhibameera isaanis ;

1. Gammachiis Wiirtuu barata kutaa 12, 2. Gurmeessa  Namoomsaa  barata kutaa 12,

3. Biraanuu barata kutaa 9 Dha.

**************

Hidhattooti Oromoo Duula Duulfuuf Fehda Hin Qaban, Mormiitti Jiru. Wayyaaneen Waraana Amanamaa Gara Kaaba Biyittiitti Jijjiiraa Jirti.

Godina Baaleetti wayyaaneen ummanni ayyaana miliniyeemii kan dhufu nuuf hin kabajanii shakkii jedhu irraa kan ka`een keessattuu dargaggoota magaalaa gindhiir hirmaachisuuf jecha koreelee Ispoortii itti ramadanii sosso`aa akka jiran dhagahameera. Gama biraan  Godina Baalee aanaa Gindhiiritti hidhattoota naannoo keessan eegdanii jedhee wayyaaneen leenjisaa ture kanneen dhibba sadihii /300/ caalan leenjisee erga xumureen booda immoo gara adda waraanaatti erguudhaf itti himuuyyuu hidhattootaa hedduun mormiin cimaan akka mudachaa jiru dhagahameera. Akkuma kanaan hidhattoonni kunniin armaan dura ganda gandarraa walitti guurama'anii erga leenjifamaniin booda akka eeggatummaattiifii akka naannoo isaanii eegan kan itti himamaa ture tahuuyyuu amma immoo  kan yaadan ifatti yemmuu itti himan dura dhaabbataniiru.

Gama biraan  immoo lola Ertira waliin gochuuf deemu irratti hirmaachisuuf naannolee Oromiyaa  garaa garaa keessatti Dargaggoota walitti qabee leenjisa akka jiru hubatameera. Akkuma kanaan Godina Gujii aanaa Liiban magaala Nageellee Booranaattis gandeen irraa hidhattoota walitti guuree leenjifachaa jira. Mootummaan wayyaanee  lola Ertiraa irratti deemsisuuf deemu kanaaf namoota sirnicha isaaf amanamoo tahan kanneen Soomaaliyaa jiran keessaa kanneen dhalootaan Tigree tahaniifii kan saba birootis kan kaayyoo isaaf bitaman gara adda waraana tigraayitti yemmuu jijjiiru kanneen shakkii irraa qabu kan dhalootaan Oromoofii Amaara tahan immoo ammaayyuu gara Soomaliyaatti fe`aa jira. Haaluma kanaan torbema darbe kana human waraanaa naannoo Zuwaay ture gara Beeydhabootti ergee akka jiru madden waraanaa saaxilaniiru.

************

Ibsa Ejjennoo Maadhee!

Godina Baalee aanaa Gindhiir Magaalaa Gindhiiritti sabboontonni Oromoo maandhelee Hambaa Seenaa, Kumsaa Gadaa, Dachaas Lakkoofsa tokko, Gaachana sabaa jedhaman
jalatti ijaaraman bakkoota garaa garaatti walitti dhufuudhaan haala QBO kan ABOtiin durfamuu ilalchisee marii marii baldhaa erga godhataniin booda ibsa ejjannoo qabxiilee adda addaa of keessaa qabu baafatanii jiran .ibsa isaanii keessaatti.

1. Gochaalee hammeenyaa wayyaaneen ilmaan Oromoo biyya keessaafii alaa irratti raawwachaa jiru keessattu kan dhiheenna kana harargee bahaa keessatti gochaan sanyii
duguugummaa wayyaaneen  raawwatame cimsinee balalefanna !!
2. QBO kan ABOn durfamu hanga inni galma isaa gahutti waan nurraa barbaachisu cufaan bira dhaabbachuuf qophii dha !!
3. Ilmaan Oromoo hundinuu bakka jiran cufaa ka`anii QBOtiif waan dandayan hundaan akka bira  dhaabbatan waamicha lammummaa goona !!

kanneen jedhaniifii kanneen birootis jechuudhaan dhuma irratti miseensonni maandhelee tanaa akka armaan gadii kanatti buusii maallaqaa buufataniiru. 

Buusiin maallaqaa isaan buusan kunis  kan xumuraa osoo hin taane kan jalqabaa akka taheefii hanga dhumaatti kan itti fufan tahuu ibsaniiru.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net