Bitooteess 5, 2007 (Oromiyaa) - Minaasee Walda Giyorgis Ummata Garjeedaa Dubbisuu Sodaatee Karaatti of Irra Deebihuu Maddeen Keessaa Saaxilan.
Yeroo darbe WBOn godina dhiyaa tarkanifii haleellaa diina irratti fudhateen nama 17 ol hojiin ala gochuusaa ni beekama. Haala kanan kan rifate ergamaan wayyaanee Minaasee W/Giyorgis bakka sana deemeen uummata amansiisa jedhee dhaadataa akka ture fi booda irra haala naannoo jiru sodaatee karaa irraa deebihe himama, Minaaseen Gambeelaa irra of irra deebihee gara dhufetti socho'uun deemuun maddeen odeessa keessaa nu qaqaban addeessu.
Otoo minaaseen bakka sana deemee waan isa mudatuu dandahu tilmaamuun nama dhiba jedhu sabboontoti naannoo, dhiyoo kana waraanni wayyaanee sodaa humna WBO dhiyaa irraa qabuun sakata'aa baldhaa dhiya Oromiyaa irratti gageessuun isaa ni yaadatama.
********
Zoonii Booranaa Keessatti Shirri Wayyaanotaa Itti Jiran Walitti Bu'iinsa Gosoota Oromoo Ammallee Babaldhisaa Jira.
Godina Booranatti shira dabballoonni xaxaa turanii fi jiranitti ji’uma bitootessaa kana keessa, bara 2007 walitti bu`iinsa gosoota Oromoo Booranaa fi Gujii giddutti babaldhatuun lubbuun namoota torbaa yemmuu baatu namoonni sagalii madaawanii jiru. Akkuma kanaan yeroo ammaa kanatti walitti bu`iinsi kun naanoo aanaa areerrootti itti fufee jirachuun hubatameera
********
Wayyaaneen Diraamaa Biraaf Akka Qophaahaa Jirtu Hubatame.
Silaa diiramaan wayyaanee hin dhumu gidduu kana akka itti qophaahaa jirtu himama. Innis ilmaan Oromoo sobaan yakkuun hidhaa itti guddisuun jiruuf jireenya isaanii irraa buqisuun shira aadaa isaanii godhatan dha. Torbe darbe keessatti maallaqa warshaa shukkaaraa keessaa OPDOn saamsiste kijibaan Malaqii kun bosona Abbay Commaan keesa hin baane jedhani bosona keesa guyya 4 turuun hojii fakkeessaa dalagaa turan. Ammas maallaqa kana arganne jechuun ilmaan Oromoo yakkuuf akka diraamaa qopheeffataa jiran hubatamee jira.
********
Ilmaan Oromoo Sagantaa Gaaddisa Dhugaa Ilaaltan Jedhamanii Hidhaman.
Anaa Haaramaayyaattis magaalaa Haaramaayaa keessatti torbee darbee keessa haalkan jimaataa darbee sagantaa televisioni Gaaddisa dhugaa yeroo ilaalaa jiranitti namoota 17 maaliif kana ilaaltan jedhamani guramani hidhamani jiru. Warreen goocha kana goosiisan haawaasicha naannootti adda baafamani kan beekaman waan ta'eef goocha farrummaa isaani kanarraa akka dhaabbatan keekachifamaniru(haawaasichaan). Dorsiisni fi hiraarsii haawaasa magaalaa kanarratti godhamaa jiru ammaas bal'inaan itti fufeeti jira.
********
Wayyaaneen Sakata’aa Magaalota Oromiyaa Keessatti Bante.
Godina Wallagga Bahaa Wayyaanoti shororkaa fi sodaa qaban irraa kan ka’e sakta'a baldhaa bananii jiru. Haala kanaan uummata nagaa goolaa jiran. Magaalooti godina kana keessa jiran hedduun basaasotaan kan guutaman yeroo ta’u yeroo ammaa keesattu magaala Shaamboo mudama gudda keessa jirti. Halkaan uummani keenyi akka malee loltota wayaneen dhanama fi gidirfamaa jira. Jibjibii sa'a 7:00 boode sochiin hin jiru. Kan yeroo biiftuun seentu kan Socho’uu dandahu loltuu duwaa dha.
*********
Dabaa fi Cubbuu Ilmaan Oromoo Irratti Maneetii Hidhaa Wayaanee Keessatti Irra Gahaa Jiru. (Diramaa Guraandhalaa)
Gabaasi kun golee suphituu olola Wayyaanee keessaa kan miliqe baheedha. Golee suphituu Wayyaanee kana keessatti olola hedduutu suphamaa jira, oolas, waan ifaan beekamu hedduu waan taheef dabaa fi cubbuu dalagamu mara ibsuun nama dhiba.
Sabihimaan Wayyaanee Roobii, Guraandhal 21.2007 galgalaa oduu fi gabaasa oduu suphamee, babbareede tokko ijaa fi gurra jamaan gaheera; Dhugaa isaa otuu hin ibsin dura mata-duree isaa irratti waliif haa gallu. Qaanmi keessa beeku diraamaa kanaaf mata duree
“ Diraamaa Guraandhalaa” jedhee moggaase.
********
Sabboontota Oromoo Hidhamaa fi Hirarfamaa Jiru!
Anaalee godina Haarargee bahaa kanneen akka Dadar keessatti namoota ammaan dura Jibuuti dhaqee gale hunda walitti qabuun siyaasaa ABO barattaniti debitan jedhame tumamaa fi hiraarfamaa jiru. Haala kanaan namootni baay'een jibuuti irraa baroora muraasa dura arihatamani gara qayee isaanitti debi'an martinu hiraarfamaa ti jiru.
Gara biraatin Goodina haarargee bahaa anaa Qarsaatti magaalaa watar irraa ilmaan Oromoo ji'a lama dura hidhaman(kanneen akka Ibsaa Adam kan yeroo ammaa Dirree dhawaatti hidhamee jiru) SBO dhaaf isinituu gabaasee jechuu dhaan sabboonnaa Oromoo Abdallaa Haassan magaalaa qarsaatti hidhuudhaan uleedhaan hiraarsaa jiran. Kan kana raawwachaa jiran dabballoota wayyaannee kan Abdurazzaaq(bulchaa anaa Qarsaa) fi Xilaahun(ajajaa polisaa fi Milishaa) faa dha. keessattu namtichii Xilaahun jedhamu kun bara dargittis Obboleessa isaa waliin ta'uun uummata Oromoo jumlaan akka ajjesisaa turee seenaadhaan kan galmaa'ee jirudha.
Obboo Abdallaa haassan Masgiida magaalaa wataritti uummtni Oromoo baay'ee dha fulduraas baay'chu qaba. Ilmaan keessa xiqqeessaa fi kkf olola dinaati malee nuuf yaadameeti miti jechaa uummata isaa barsiseeti jira jedhamee ergamtoota diinaa kanaan reebamaa jira.
*********
Namni Lammiin Tigree Tokko Magaalaa Naqamtee Keessatti Ajjeefamuu Hubatame .
Gaafa Roobi galgala ( 28/02/07) Magaalaa Naqmtee keessatti lammiin Tigree qaraan bakka hedduu waranamuun ajesame hubatame. Namni kun hojiin issa daldalaa lammummaan isaa Tigre haa ta'u malee bakki jireenyi isaa Finfinnee dha. Akka shakkiin jirutti namni kun hojii basaasummaas dalaguu dandaha jedhama. Haalli ajjechaa isaas kan itti yaadamee dalagame dha jechuun sabboontoti dhaamu. Bakki lammiin Tigree kun ajjeefame Mana cisichaa Walaggaatti akka ta'e hubatameera.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!