Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News


Fincila Diddaa Gabrummaa

Guraandhala 18, 2007 (Oromiyaa) - Yuniversity Gondar Keessatti Barattooti Oromoo Gidirfamaa Jiru.

Barattooti Oromoo yuniversity Gondor keessaa baratan lakkoofsaan 12 ta'an sababaa T-sharti Oromoo qopheessuuf tattaafataniif basaasooti wayyaanee barsiisota ilmaan tigreen gabaasanii qabxii gad aanaa akka argatan shirri hojjetan. Barattooti Oromoo barnootaan ciccimoo ta'an kanneen t-shartii qopheessan keessaa 9 qabxiin ''F '' karaa dabballoota Tigreen ajajamee dabni kun hojjetame. Akeeki isaanii kun barattoota kana barnoota irraa arihuu ture, akka seera mooraatti barattooti kun waan barnoota isaanii itti fufuu dandahaniif jecha barattooti kun akka polisaan hiraarfaman shirri dalagame. Akka seera mooraatti barattooti kun qabxiin isaanii guddaa waan ta'eef seera mooraa alatti polisootaan dararamuu fi doorsifamuun itti hammaatee moora gad dhiisanii bahuuf dirqamanii jiru.

Barattooti Ilmaan tigreen kakkaafamn Ilma Oromoo tokko akka cube/hableen waraananis hubatamee jira. Guraandahala 18, 2006 haalli yuniversity Gonder keessa jiru hamaa ta'uu fi barattooti Oromoo dhaammatu. Haalli akkanaa kun barattoota Oromoo Bahidarifis akka yaaddessaa jiru barattooti Oromoo kaaba ibsatu.

************

Hidhaan Wayyaanee Ittuma Fufeera,

Ilmaan Oromoo hidhaan dararuun amala wayyaanee ta'uyyuu yaroo ammaa kana haala addaan babal'atee jira; kan manumit murtiishee gadhiises deebistee ukkaamsaa jirti. Haala kanaan Sabboonaa Oromoo Obbo Ismaa'el Bilaattaa dorgomaa paartii mormituu ONC kan ture hidhaa Maa'ikelaawwi irraa manni murtii gadhiisee karaatti ammoo deebisanii ukkaamsanii gara sabbataatti fudhatuun tumaatii hamtuu akka irraan gahaa jiran hubatameera.

**********

Lukkeewwan Diinaa Ilmaan Oromoo Dararaa Jiran.

Lukkeewwan diinaa warra mana hidhaa finfinnee polis koomiishiniif  maaiikaalaawii keessatti ilmaan Oromoo irratti gocha suukanneessaa rawwata jiran keessaa. 1.       komaander Girmaa kaasaa, 2.       saajin Shibbiruu kabadaa, 3.        saajin Yaaloo sonfee, 4.        saajin Hailuu lammeechaa

Jaarren kun gochaan isaanii diinummaa kana akka dhaaban akeekkachiisna! Yoo akeekkachiisa kanaan of fooyyessuu hin dandeenye tarkaanfii irratti fudhatamuuf gaafatamummaan kan mataa isaanii ta'uu hubachiisna.

********

Sabboontoti Oromoo Maandheen Kaanisa Gibee Jallati Ijaaraman Wal gahii Gageeffatuun Ibsa Ejjennoo Baafatan.

1. Sochii hojii bara 2006 gamaaggaamudhaan
2. Haala yeroo amma irratti marree adeemsifannerra.

HALUMA KANAANI
1. Barrii 2006 keessatti Gotootni ilmaan Oromoo FDG gaggeessaniin warraaqsi guutuu Oromiyaa keessatti akka ibidaa gaara Oromiyaa gutuutti qabatuun ilmaan Oromoo, hayyuu Oromoo, Jeneralloota, Kollonerota, Miseenssoota paarlamaaf, Abbooti seera ciccimoo, garaa qabsooti harkisuu isa ;
2. Sadarkaan Qabsson Bilisumma Oromoo sadarkaa amansiisaa irra gahuu isa irraa kan ka'ee  wayyaanneen abdii kutannaan waan qabduuf gad dhiistuun uummata nagaa hidhuu kan itti fufsiise ta'uu ;
3. Wamichaa korree FDG irra tasifamee ooffitti fudhaachuun tarkaanfii barbachisaa ta'e qabeenyaa diinaa fi lukkee irratti fudhachuun kan diinaa fi lukkee naasise ta'uu

4. Mormitooti biyyitti kan dur qofa qofaa wayyaanee lolaa turan, yeroo gariis wal dura dhaabbachuun kan wayyaaneef haala aanjaa uumaa turan adda-duruumma ABOn tiin waliin qabsahuf jecha Tumsaa Bilisummaa fi Dimookirasii ijaraamuun isaa wanttoota gurguudoo rawatamuun isaa hubatuun ibsa ejjennoo baafatanii jiru :


IBSAA EJENNOO ARMAAN GADIITI BAFATANIIRU.


1. Wayyaaneen umurii isaa dheerefachuuf Uummata Oromoo fi kan biro ari'achiini, hidhuuni fi ajeesu
isaanii ni balaleefannaa. Qabsoo keenyas haga mirgi hiree murteeffannaa Ummata Oromoo kabajamutti itti fufna!
2. Tooftaa umurii dheerefachuuf jechaa goochaa wayyaanneen uummata keenyaan ammaantiidhaan wlitii busuudhaan rawachaa jiru ni mormiinaa.
3. Ilmaan Oromoo taatanii kan mooraa wayyaanee keessaa sadarkaa adda addaa irratti hojeechaa kan jirtan Gotoota Oromoo kan akka B/J Kamaal Gaalchuu, B/J Hayiluu Gonfaa fi kan biro fakkeenyaa godhachuun fi isaaniin hordoofun hataamaan gara qabssoo uummata keessanitti deebihuun qajeelfama dhaaba keessan irraa fudhachaa dirqama isinitti kennumu baatan waamicha goona. Abbaan irree fi faashistiin afaan isaaf galu humna ta'uu hubadhu.
4. Dhummaa irrati Qabsoon Bilisummaa Oromoo arsaa gafatuu kamiyuu kafaaluuf irra deebinee wadaa keenyaa ni haaroomsinaa.


MAANDHEEN KANISA GIBEE irra.
GADAAN GADAA BILISUMMAATI !!
INJIFANNOON UUMMATA OROMOOF !!

Ibsa Ejjennoo Maandhee

 **********

Maadheeleen HUNDEE LIIBAN jalatti hundeeffaman ibsa ejjannoo akka armaan gadiitti baafataniiru.

1. Cunqursaa fi hacuuccaan ilmaan Oromoo irra ga'u ni mormina.

2. Oromoon biyyaa fi qabeenyaa isaa irratti akka ajaju qabsoofna.

3. Lafti Oromiyaa keessattuu kan akka magaalaa Sabbataa, Buraayyuu, Dukam, Sandaafaa fi kkf invastaroota wayyaaneef ooluu isaanii cimsinee mormina.

4. Hidhamuu fi reebamuu barattoota fi dargaggoota Oromoo hambisuuf ABO faana qabsoofna.

5. Shira wayyaanee fi OPDOn uummata Oromoo irratti xaxaa jirtu kana cimsinee mormina.

6. Barruuleen eebbifamtoota Oromoo saamamuusaa cimsinee balaaleffanna; wayyaaneen gochaa eenyummaa Oromoo owwaaluuf tattaafattu ishii hin baasu, Oromoon walbira dhaabbatee eebba ilmaansaa muraasa carraa argatanii kana akka bareechus gaafanna.

7. Rakkina Oromoo irra ga'u mara quucarsuuf ABO fi WBO faana hiriiruuf waadaa seenna.

 INJIFANNOON UUMMATA OROMOOF!

 HUNDEE LIIBAN.

 GURRAANDHALA, BARA2007

 

 

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net