Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News


Barattooti Oromoo Halkaniin Ukkamfamaa Jiru

Amajjii 27, 2007 (Oromiyaa) - Barataan Oromoo mana barumsaa Shaambuu kan ta'e Tamasgen Qansii halkaniin ukkaamfame. Barattooti Oromoo kaanis akka mana barumsaa dhissaan baqachaa jiraan gabaafame. Barataan kun halkaan mana innii keessaa ta'uu irraa fudhaan mana hidhaatii darbatanii jiru. Ilmi Oromoo kun baraa 2003 keessas  kan mana hidhaa shambuu keessaa akkaa turee saboontoti Oromoo dhaamu. Sababaa kanaan kan ka'ee magalaa dhallotaa issaa magalaa Abe-dongoroo kan halkanif guyyaa egumsii ittii fufee dha.  barattoon heduun ammoo mana barumsaa irraa akka hin barannee hiraarsiin wayyaanotaa waan itti heddummaateef barnoota irraa akka baqachaa jiran gabaafame.

********

Wayyaaneen Sabboontota Oromoo Hidhuu Itti Fufte!

Sabboonaa Oromoo Gadaa Gammachiis (Muhaammad) Jedhamu Roobee ganda 03 keessatti wayyaanootaan Ukkamfamuun beekame. Namni qabamuu ilmaan Oromoo naannoo kanaaf sababa guddaa ta'e nama basaasaa wayyaanee ta'e Dajan jedhamu ta'uunis beekame, dajan kun gochaa isaa kana irraa yoo of hin qusannee waan isa eeggatu du'a akka ta'e sabboontoti akeekkachiisu.

*********

Lukkee fi Eergamaa Wayyaanee Kabaa Mokonnen Irratti Tarkaanfiin Keessa Deebbii Hin Qabne Fudhatame.

Lukkeen Wayyaanee, Kabaa Mokonnon jedhamu irratti humni Oromoo Tarkaanfii keessa deebii hin qabne Amajjii 23, 2007 magaalaa Naqamtee keessatti rasaasaan ajjeefame.

Kabaa Mokonnon bara 2004 yeroo barattooti Oromoo diddaa dhimma handhuura Oromiyaa Finfinnee irraa gara Adaamaatti muldhisaa ture diinummaan nama wayyaaneef hojjetaa ture dha. Murtii dabaa wayyaanootaa kanas deeggaraa fi deeggaruu irra darbee barattoota Oromoo hisisuu fi barnoota irraa arisisuun nama beekamu dha. Haala kanaan arihamuu barattoota Oromoo 350 oliif gaafatamaa dha. Akka barattooti Oromoo 350 ol ganna tokkoo oliif hojii dhabanii, gargaarsa tokko malee hiraarfamanii fi gidirfaman nama dabaa fi cubbuu barattoota Oromoo irratti hojjete dha. Kabaa Mokonnon shira wayyaaneen itti kennite osoo lammii isaaf hin naanee fi boru hin ilaallannee ilmaan Oromoo irratti daba hamaa dalagaa turuun dhuma isaa seenaa isaa osoo hin tolfatiin addunyaa kana irraa boqate.

Wayyaanee kallattii gaaffii Oromoo jijjiirsisuuf jecha gaaffii barattooti Oromoo aadaa fi afaan ofii guddisuu gaafatan fi dhimma Handhuura Oromiyaa Finfinnee irraa adaamaatti jijjiiramuu gaafatanif qophii sirbaa tokko qopheessuuf karoorfatu. Qophii kana milkeessuuf kabaan kan humna itti hin qabneen guddoo tattaafate otoo itti hin milkaahiin hafe. Qophii kana irratti sabboontota Oromoo yuniversity Finfinnee keessa jiran diinatti yakkuu fi yakkisisiuun diinaaf dabarsanii kennuu keessatti Kabaan shoora fokkataa seenaan dhiifama hin gooneef hojjete. Kabaan wayyaaneef amanamaa ta’ee baruma kana, 2004 keessaa diddaa barattooti Oromoo muldhisan haqeequuf namoota hagoo OPDO keessa jiran waliin ta’uun baandii sirbituu fi Gazexessitoota qindeessuun barattoota yuniversity Oromootti daldaluuf karoorfatu. Karoorri isaanii qophii kana waraabanii TV Itiyophiyaaf dabarsuun barattoota Oromoo yuniversity Finfinnee jijjiiramuu handhuura Oromiyaa deeggaran jechuuf ture. Baandiin kun kan OPDOn irratti ajaju fi qindeessitu waan ta’ee dirqama hokkolaa fi diinummaa fudhachuun mooraa yuniversity finfinnee galma kiloo jaha keessatti oliif gadi fiige.

Goototi barattooti Oromoo sarbamuu mirga saba isaanii itti dhagahamu, kan bitamtuun lukkee kan deeggarsa ummataa hin qabne, ummataan hin filamne maqaa barattoota Oromoo yuniversity finfinneen qophii akkanaa qopheessuun Barattoota Oromoo yuniversity finfinneef salphina ture. Kabaa faaf garuu daldala ture. Akeeki barattoota Oromoo walitti qabuu jijjiiramuu Handhuura Oromiyaa barattoota Oromoo yuniversity finfinneen mirkaneessuu ture. Kanas barattooti kana deeggaranii jiru jechuun TV isaanii irratti ittiin kijibuun uummata afaanfajawiinsa uumuuf qopheeffatan ture. Kun gootota Sabboontota barattoota Oromoon fashale. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa qaban diddaa isaanii muldhisan. Baandii OPDO kanas qaanessanii of irra deebisan.

Bara kana qindeessaan sagantaa OPDO kanaa barataa Kabaa Mokonnen jedhamu ture. Itti aansuun mooraan yuniversi Finfinnee keessatti dhimma kana waliin wal qabatee murtii dabaa Mallasaa fi Inderiyas Ishetee fudhataniin barattaooti Oromoo 350 ol ta’an barnoota isaanii irraa arihaman. Barattooti garii ammoo ukkamfamanii mana hidhaa wayyaanee keessatti ajjeefaman. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti barataa Alamayyoo Garbaa fi Gaaddisaa Hirphasaa keessatti argamu(Seenaan isaa haa yaadatu). Barattooti Oromoo dhibbaan lakkaahaman gola Oromiyaa mara keessatti dhimma abbaa biyyummaa Oromoof jecha lubbuu isaani qaalii wareeganii(Seenaan isaan haa yaadattu). Barattooti, hoogganooti waldaa maccaa fi tulamaa, Gazexessitooti fi barattoota Oromoo yuniversity finfinnee haga ammaa mana hidhaa wayyaanee keessatti dararamaa jiru. Kun sababaa mirga abbaa biyyummaa Oromoo fi mirga lammummaa isaanii gaafataniif qofaa dha.

Kabaan akka gochaa isaa irraa baratuu gorfamus dide, erga eebbifamee hojii yeroo barataa ta’ee jalqabe itti fufe. Dirqama lukkummaa OPDOn itti kennite itti fufe. Ilmaan Oromoo bakka ramadametti gidirsuuf rakkisuu malee dide. Dhuma isaa seenaa isaa fokkataa waliin akkas ta’e.

Seenaan barattootaa fi sabboontota Oromoo dhimma Oromoof wareega qaqaalaalii baasan gootummaa fi kabajaa isaan qabaniin yeroo bara baraan yaadatnu, nama akka kabaa lukkummaan diinaaf amanamaa ta’ee dalagu ammoo seenaan hammeenyaa fi salphinaan bara baraan yaadata.

*********

  Ibsa Maadhee Abdii Dhugaa!

Barri darbe 2006 seenaa Oromoo keessatti tarii isa jalqabaa kan jennu gochoonni adda addaa bifa qinda’aa ta’een qabsoo Oromoo safisuf godhamaniiru. Kanneen kessaas kan akka qabsoo diddaa gabrummaa ummata Oromoon keessattu baratoota Oromoon fudhataman seenaan tasa hin dagatu.

Kana qofas osoo hin ta’in seenaa lola addunyaa lammafaa booda kan godhamee hin beekne kan jedhame tarkaanfi gootota Oromoo raayyaa ittisa wayyaanee duraani keessa taarkaanfii guddaa kan fuudhataan keessa immoo J.kamala galchufaan fi  fakatonni issani fudhaataan yoomiyyuu hin dagaatamu. Tarkaanfiin jerra kunis tokkummaaa Oromoo fifafaca’iinsa diinaa kan addunyaatti agarsiisee dha. Seenaan yoomu jara yaadata. Dhumuma bara 2006 kana keessati motummaan wayyaanee ilaalcha ummataa gara dabarsudhaaf lola haqa hin qabne Oromoo irratti labsuun fi Somalee weeraruun lammii Oromoo Somalee keessaatti adamsanii gidirsuun kan ummata keenyaan balaalefatame dha. Lubbuu weerera ummata sumaalee irratti godhameen badu hundaaf kan itti gaafatamu wayyaanee dha. Lubbuu hokkara gara fuula duraatti gaanfa Afrikaa keessatti dhalachuuf deemuufis gaafatamummaan yakka kanaa wayyaanee dha jenna.

Dhimma kanaa fi kan biro irratti Maadheen Abdii dhugaa gadi fageenyaan eega mari’atee booda ejjennoo kanaa gadiin walga’I keenya jalqabaa bara 2007 xumurreerra. 

Weerara wayyaaneen ummata sumalee irratti geggefamee fi Lola ummata Oromoo irratti labsame balaalefachu dhaan qabso Oromoo kan ABOn  hooganamu galmaan ga’utti waan nurraa barbaachisu hunda ba’achuf waadaa senneerra.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Maadheee Abdii dhagaa

 

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net