Amajjii 23, 2007 (Oromiyaa) - Arsii Kolleejjii Qonnaa Allaaggee Keessatti Diddaan Ka'ee Barattooti Oromoo Lama Rasaasa Diinaan Rukutamanii Wareegamuun Gabaafame!
Godina Harsii Kollejjii Qonnaa Allaggeetti fincila guyyaa harraa ka’een barattoonni lama (2) Wareegamanii jiru. Akka kanaan
1. Hasan Mahammad ( barataa waggaa 2ffaa ); dhalooteen isaa Walloo Kamisee dha.
2. Waaaqqanniyyoo Birahanuu (barataa waggaa 2ffaa);
dhalooteen isaa dhiha Wallaggaa Ona Najjoodha. Rasaasa poolisiitiin dhahamanii du’aniiru.
Poolisiin rasaasaan ijoollee kana dhahee ajjeese Mahammad Shaafii jedhama; Lammummaan isaa Guraagee dha. Dhalooteen isaa ammoo godina Jimmaa Ona Qarsaa magaalaa Sarboodha. Odeeffannoo kana karaa barattoota achi jiraniin argadhe; barataa Ona Qarsaa dhaqee achitti barataa jiru tokko-tu amma reefuma naadhaame. Tarii yoo isin hin argatin jedheeni isinii dhaame.
********
Basasitota baratota Basasa jirran keessaa Qabatamaan Waraqa misenisuma OPDO waliin saaxilaman.
Basaasoti ilmaan Oromoo basaasanii diinaaf saaxilaa jiran:
1.Baratu Hiywooti Dhugasa
2.Barataa Kiflee kabadee
Kan jedhaman Baratota mana barumisa Gimibi keessa Addamisa jirachu issani raga qabataman bukee gayamera.

Hiywoti
-
Kifle
*********
Saaminsa Gargaarsa Rakkataaf Dhufe Dabballooti Wayyaane Saaman! Barsiisota Oromoo Irratti Dabni Addaa Dalagamaa jira!
Godina Iluu A/Booraa Ona Boorrachaa ganda Haxee Buufata Naaxaroo keessatti gargaarsi ykn “Irdaataan” qobattoota Ona kanaaf dhufee Buufata Naataroo kana keessatti walitti qabamee jiru:- Midhaan, Zayitiinii, Saamunaan fi kkfn qarshii 100,000 (Kuma Dhibba Tokko) olta’u Dabballoota wayyaaneetiin gurguramee faayidaa dhuunfaa irra oolfamee jira.
Qabeenyaan kun akka dhimma dhuunfaa irra oolu kan taasifame Dabballoota ol’aanoo wayyaanee godina kanaatiin akka ta’e barameera. Akka kanaan Itti Gaafatamtuu kutaa Ciiraa ykn Store kan taate Caaltuu Mahammad fi Rashiid namna hojiin isaa poolisii dha. A/Manaa Caaltuu Mahammad kanaas saaminsa kana keessatti qooda fudhannaa guddaa qaba. Adda durummaan qabeenyaa qubattootaa kana kan saame dhimma jaraa irra oolfate namoota kana lachanii dha. Akka walii galaatti qubattoonni sun yaroo ammaa kana beelaan, dhukkubaan kan dhumaa jiran ta’uun barameera. Haalli qubattoonni kun keessa jiranu baayyee kan nama yaaddaa’isuu dha jedhu keessa beektonni. Byyinni qubattoota kanaas 11,000 dha.
Gara biraan ammoo Onuma Boorrachaa kana keessatti yaroo ammaa kana barsiiftonni dhiigummaan Oromoo ta’anii bakka itti gaafatamummaa ykn dura bu’aa mana barumsaa ta’an
1. Bakka jaran irraa kaafamaa jiru;
2. Miindaan irraa citaa jira.
3. Gara biraatti Dabballoonni jijjiiruu irrattii argamu. Sababni kun ta’uufis isin ABO dha maqaa jedhuuni. Kan tarkaanfii fokkisaa kana fudhataa jiru Bulchiinsa Ona Boorrachaa fi Biiroo Barnoota Ona kanaa ta’uunis maddeen eeranii jiru.
********
Lukkeen Ilma Oromoo Gajaraan Rukute! Mannii fi Qabeenyaan Lukkee Gubate!
Godina Iluu A/Booraa Ona Daarimuu Ganda Aadaa Kaamaa jedhamu keessatti gaafa 7/5/99 ALHtti ilmi Oromoo Siraaj Kadir jedhamu Dabballoota Wayyaaneetiin akka malee rukutamee miidhameera; yaroo ammaa kanas Hospitaala Mattuutti yaalamaa jira. Namni ilma Oromoo Siraaj Kadir kana kan rukute: Lukkee Oljirraa Mokonnin nama jedhamuu dha.
Hojiin Lukkee Oljirraa jedhamu kunis Itti’aanaa Bulchiinsa ganda Aadaa Kaamaa kanaadha. Namni kun kan inni ittiin rukutames Gajaraa fi Uleedhaani. Sababni rukuttaa isaa kunis miseensa ABOti; nama nurratti ijaartaa; Siyaasa ABO baballifta jedhameeti. Walumaa galatti namni kun akka malee kan miidhame ta’uun isaas ibsameera.
Dhumarratti namni kun gochaa isaa kana irraa yoo hin deebine tarkaanfiin kan irratti fudhatamu ta’uu isaa sab-boontonni naannoo akeekkachiisaniiru. Gara biraan godinuma kana Ona Bachoo Ganda Oongaa naannoo Leeqaa jedhamu keessatti torban Lama dura mana bulchaa ganda kanaa Abduu Mahammad jedhamu irratti manasaa fi qabeenyaa isaa waliin irratti tarkaanfiin fudhatamee Gubameera. Namni kun gochaa ilmaan Oromoo miidhuu irra akka of qusatu yaroo dhaa yarootti itti himumullee dhaguhuu hin dandeenye.
Kana irraan kan ka’een yaroo ammaa kana namootni heddu dhimma kana irratti hidhamanii jiru. Akkasumas obboleessi Abduu Mahammad kun Dhimma Milishaa godina kanaati jedhu keessa beektonni.
********
Ibsa Ejjennoo Maadhee!
Maadheleen ABO Godina Jimmaa Onoota adda addaa keessatti argamanu bakka jiranutti walitti dhufuun ibsa ijjennoo qabxii 4 of keessaa qabu akka harmaan gadiitti baafatanii jiru:-
1. Gidiraa Lammii Oromoo Soomaliyaa keessa baqatanii jiranu irratti Wayyanonni seera mirga dhalanamaa cabsitee irraan gahaa jirtu cimsinee balaaleffanna.
2. Rakkoo hamaa Wayyaanonni ilmaan Oromoo Soomaliyaa jiran irraan gahaa jirtu kana Addunyaan birmateefii aakka dhaabsisu gaafanna.
3.Lukkeen ummaata Soomaliyaa keessaa kan Wayyaanee waliin dhaabbatee Ilmaan Oromoo saaxilee wayyaaneetti kennuu irraa akka dhaabbatu gaafanna.
4. Ajjeechaa fi gidiraa barattoota Oromoo irraan wayyaanonni gahaa jirtu kanas cimsinee balaaleffanna jechuun baafataniiru.
********
Ibsa Ejjennoo Maadhee godina Iluu A/Booraa Ona Boorrachaa:-
Nuti miseensonni maadhee “A/Gammachiis” jalatti ijaaramne walitti dhufuun guyyaa WBO bifa ho’aan kabajannee oolleera. Haaluma kanaanis ibsa ejjennoo qabxii 5 of keessaa qabus akka kanaa gadiitti baafannee jirra.
1. Tarkaanfii WBO fudhataa jiru irratti guddaa gammanna; akkasumas kan ABO illee !
2. Lola mootummaan wayyaanee ABO fi Ummata Oromoo guutuu irratti labsite cimsinee balaaleffanna.
3. Weerara Soomaliyaa irratti Dabballoonni wayaanee Mallasaan labsan cimsinee balaaleffanna.
4. TBD ABOn durfamuun dhaabbate ni deeggarra; galma gahiinsa isaafis ni hojjenna.
5. Hanga Oromiyaan bilisoomtutti humna, qabeenyaa fi beekumsa keenyaan WBO bukkee kan dhaabbannu ta’uu keenya waadaa keenya haarofanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Godina Iluu A/Booraa Ona Boorrachaa irraa.