Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Bitoteessa 18, 2007 (Oromiyaa) - Of Eeggannoo Lukkeeleen Yaroo Ammaa Barattoota Oromoo Fayidaa Hojii Gannaa Isinii Kennina Miseensa Ta'aa Jechuuf Gowwomsuuf Meeshaa Diinaa Taassisuuf Suksukaa Jiran Maraaf Kenname!

Qa bsoon bifa adda addaatiin diina irratti dura buutummaa ABO tiin gaggeeffamaa jiru  ciminaan itti fufaa jira. Diinni ammaan kana Oromoo mara miiseensa godha jette bifa adda addaan suksukaa jirti, doorsisnii fi roorroon ammaan kana fanjii dhukaasuuf kaayyeffattan jedhamee ilmaan Oromoo irratti godhamaa jiru qabsoo keenya daraan ni finiinsa malee takkaalle hin dhukkaamsu.

Barataa Afaan Oromoo dubbachaa kanneen garaaf bitamanii kan ammaan kana yuuniversitoota adda addaa keessatti diina jala suksukuun seena barataa Oromoo kaleessa yuniversity fi kolleejjii keessatti gootummaan injifannoo cululuqaa galmeessan xureessuuf oliif gadi fiigan. Kanneen maqaa miseensummaa fi, hojii gannaa jedhuun ijoollee fireeshii burjaajessanii gara kaayyoo diinaatti ofuuf halkanii guyya hojjetaa jiraniif, diiga barattoota Oromoo lola'eetti qoosan, lafee gootota Oromoo cabeen baacan, warra amanamummaan OPDOf hojjettan " G uyyaan seenaan isin gaafatu yeroo dhiyootti ni dhufa" waan harka  keessani hin dhabdan.

  **********

Wayyaanooti Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Keessatti Gidirsanii Ajjeesaa Jiru.

Wayyaaneen ilma Oromoo maqaan isaa Ibraahim Amaan jedhamu mana hidhaa Shaashamannee irraa Ma`ikeelawwiitti darbee Ji`a sadii(3) guutuuf reebamee amma harkaa poolisotaatti du`uun hubatameera. Hidhamtootni hedduun mana hidhaa wayyaanotaa Ma'ikalaawii keessatti reebamaa jiran du'aa fi jireenya gidduu jiranis hedduu dha. 

Gabroonfataan lubbuu isaa hambisuuf lubbuu ilmaan cunqurfamoo keessumaa kan Oromoo dhabamsiisuutti jiru kana Oromoon haaloo qabatee bakka jiruu wal ijaaree socho'uun qabsoo bifa hundaa irratti gaggeessuun of irraa kaasuu qabu jechuun sabboontoti Oromoo dhaamu.

********

Wayyaaneen Waraana Kaadhimmachu Itti fufte.

Naannoo Wallagga Bahaatti Wayyaanooti Barattoota Oromoo gowwomsuu fi doorsisuun poolisii federaalaa ta'aa jedhanii galmeessaa akka jiran irra gahamee jira. Akeeki wayyaanootaa barattoota Oromoo polisa ta'aa jechuun waraana akeekaa fi seenaa hin qabnetti darbuun dhabamsiisuuf akka ta'e hubatameera, polisa federaalaa ta'uunis kan ilamaan Oromoo dhiiga dhangalaasaa fi hiraarsaa jiru ta'uun beekamaa dha.

Gama kanaan barattootni Oromoo kan goototni hiriyyooti keessan isin biraa kufan imaanaa isinirraa qabu, kaayyoosaanii dagattanii lukkee diinaa hin ta'iinaa jedhu sabboontotni!

*******

  Wayyaaneen Ilmaan Oromoo Saamaa fi Shororkeessaa Jirti, Basaasaa Saaxilaman.

Godina Ilu Abba Boora-aanaa Cooraa  kessatti nama sabboonaa Oromoo Silashii jedhamu kan Salbaajii daldaalee jiraatu polisooni sobanii ni saamte jechuun erga mana hidhaa aanichaati hidhanii dararaa turan akkasumas bilbila moba'ilaa isaa irraa fudhachuun teessoo namoota achira jiruutti bilbilanii akka shororkeessa jiran beekameera.

Godina Jimmaa aanaa Gommaa magaala Bashasha fi naannoo isheetti ammoo basastonni saaxilaman, basaasooti saaxilaman kun of beekanii yoo of hin sirreessine tarkaanfiin isaan irratti fudhatamu hamaa ta'uu sabboontoti Oromoo dhaamu.

**********

Tarkaanfii Qaeenyaa Lukkee Irratti Fudhatame.

Aana Doddoota Ganda Alamii jedhu Dura ta'aa Ganda Yuusuuf Hajji ergama Diinaa fudhachuun amanamummaan yeroo Dheeraa Ummata keenna kan Maqaa ABOtin Hidhuu fi qabeenya ummata keennaa diina saamsisuu fi Ummata hiisisaa kan ture yeroo hedduu gorsaa fi dinniina kennineefii waan diina jala deemee ummata keenna  miidhuu irra dhaabbachuu dideef akka  gantummaa sabaa fi fayidaa isaa irraa barataniif qabeenya isaa irratti Taankaarfin Guyyaa 15/3/2007 Halikaan keessa Sa'aa 6 Booda fudhatame Manni Sadii/3/ Ibidaan gubate walumagalatti qabeenyi Qarshii Kuma 30,000 Oli Barbadayeera. Ammallee Gochaa Diinuma kana irraa Dhabachuu bannaan Armaan booda tarkaanfiin irratti fudhatamu kan isa dhumaa akka ta'u akeekkachiifni itti kennamee jira.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net