Barattoonni Oromoo YUUNIVARSIITII JIMMAA KOLLEEJJII AMBOO gidirsaa fi hacuuccaa kaadiree fi daballeen Wayyaaneef osoo hin jilbeeffanne T-shartii bifa armaan gadii qabu maxxansiisuun Amajjii 1, Guyyaa WBO fi Bara Haaraa Oromoo kabajatnee oollerra.
Amajjii 1, Guyyaa WBO fi Bara haaraa Oromoo barattota Oromoo YUUNIVARSIITII JIMMAA KOLLEEJJII AMBOO jiranii fii Sabboontota Oromoo kolleejjii Dhuunfaa Amboo keessa jiran kanneen akka Microbusiness Ambo, Kolleejjii fayyaa Hayyoomee, Kolleejjii Fayyaa Biyyaa, Kolleejjii Chaansilar, kolleejjii Madda Walaabuu damee Amboo, Kolleejjii Mugar fi kkf, akkasumas Barattoota Oromoo sadarkaa M/B/2ffaa Amboo, Barsiisotaa fi Sabboontota Oromoo magaala Amboo bakkeewwan adda addaatti akka walitti dhufeenyaa fi walitti siqaniin Huccuu Aadaa, Alabaa WBO, Faaruu WBO, Baacoo fi sirba adda addaatiin Ayyaanicha haala dammaqiinsa fi miidhagina qabuun kabajaniiru.
Hirmaattonni ayyaana kana akka jedhanitti kolfanii taphatanii kabajuu qofa osoo hin taane Qabsaa'otaa fi Sabboontota Oromoo haccuuccaa fi gidirsaan kooluu Wayyaanee jalatti cunqurfamaa jiran,kanneen qabsoo irratti Wareegamanii fii kanneen biyya ambaatti, bosonatti halkan qorraan guyyaa aduun akkasumas beelaa fii dheebun waxalamaa qabsoo finiinsaa jiran yaadachuun dandeettii fi human qabaniin kallacha qabsoo Oromoo ABO'n ogganamu qabsoo dhiigni Sabboontotaa irratti dhangala'e, lafeen Qabsaa'otaa irratti hurraa'e haarsaa barbaachisu kanfalanii gonfachuuf yoomiyyuu qophii akka taane tokkummaa keenyaan ni ibsina! Itti dabaluunis barattoonni, Barsiisonni, hojjattoonni fi Sabboontonni kunniin haala galma ga'iinsa fi adeemsa sochii qabsoo bilisummaa kan ABO'n ogganamu irratti haala gadi fageenya qabuun irratti mari'ataniiru.
Walii gala mul'ata T-shartichaa fi qabiyyee isaa:
T-shartii adii;
Fuuldura isaatiin
Jimma University Ambo Colleje
Kaartaa Oromiyaa
ILmaan Oromoo 2008
Duuba isaatiin
No law as beautiful as Gadaa;
No word as beautiful as Oromoo;
No diet as delicious as Dhangaa;
No administration as democratic as Sirna Gadaa ;
No religion as original as Waaqeffataa ;
No rhythm as melody as Weedduu;
No celebration as attractive as Irreechaa;
It is perfect that Oromo is perfect than perfect !!!
Kan jedhu erga maxxansiifannee booda dabballeen jala kaattuu wayyaanee kan taate, OPDO'n dallicha keessa jirtuu fi naannoo magaala Amboo keessa jirtu mormuun T-shartichi alaabaa dhaaba biyya keenya keessaa bakka hin qabne, alaabaa ABO qaba jechuun gara dhirsoota isaanii Wayyaanetti gabaasuun akka hin uffatamneef murteessaniiru. Haata'u malee kun hundi osoo hin dhoorkine Sabboontonni Oromoo dallicha keessa jiranii fi dallaan ala jiran Guyyaa isaan hin beeknetti T-shartii kana uffachuun caalatti jala kaattuu Wayyaanee, OPDO, akka bofa saafaa asii fi achi wacciftuu taasisaniiru.
Erga Ayyaanichi kabajamee booda dabballoonni wayyaanee dallicha fi naannoo magaala Amboo keessa jiran waliigaluun gama human poolisa isaanitiin barattoota Oromoo T-sharticha uffatanii magaala keessa deemanii fii kollejjii keessatti mul'atan qabanii erga reebanii booda T-sharticha irraa mulqanii fudhataniiru. Kana qofa osoo hin taane, meeshaa wayyaanee dallicha fi YUUNIVARSIITII JIMMAA COLLEEJJII AMBOO kan ta'e Dr.Mitikkuu Teessoo ajaja diinni barreesse itti laate osoo hin gulaalle irratti mallatteessun akka namni tokko T-sharticha hin uffatnee fi namni uffatee argame adabbii barumsa isaa/ishee irraa waggaa lama fi hidhaa waggaa tokkootiin akka adabamu daballee fi kaadiree naannicha keessa jiran waliin murteessera.
AKEEKKACHIISA
1. Basaastonni Wayyaanee YUUNIVARSIITII JIMMAA COLLEEJJII AMBOO Sabboontota Oromoo qabdanii diinarf laattanis ta'ee laachaa jirtan, gochaa kanarraa deebi'uu baannan tarkaanfii hatattamaa gama dhaabatin isinirratti fudhatamuuf itti gaafataman isunuma mataa keessan ta'uu ni akeekkachiifna!
2. Namootni tokkummaa Barattoota Oromoo YUUNIVARSIITII JIMMAA COLLEEJJII AMBOO jibbitanii holola sobaatiin addaan diiguuf, walitti buusuuf yaaltan tasumayyuu waan isiniif hin milkoofnef gochaa akkasii irraa akka of qusattan ni hubachiifna!
3. Namoonni ala kolleejjichaa irraa galtanii nageenya barattootaa booressuun shira ergama Wayyaanee ba'uuf gochaa jirtanis ta'ee yaaltaniif tarkaanfiin wal-fakkaatan akka isinirratti fudhatamuuf itti gaafataman Bulchiinsuma Kolleejjichaa ta'uu ni hubachiifna!
4. Godinuma Dhiha Shawaa Aanaa Meedaa Qanyii keessatti hojjattootni waajjiroolee garaagaraa Aanichaa kan ta'an akka adda dureetti , Obboo Taaddasaa Gadaa fii Obboo Sicaalaa Dheeressaa namoonni Ummataa fi Sabboontota Oromoo jiran haala hadhaawaa ta'een dararaa waan jiraniif gochaa isaanii irraa hin deebi'an taanan yeroo gabaabduu keessatti tarkaanfii barbaachisan akka isaan irratti fudhatamu ni hubachiifna!
Ibsa ijjannoo Barattoota Oromoo YUUNIVARSIITII JIMMAA COLLEEJJII AMBOO , hojjattoota, Barsiisota fi Barattoota kolleejjii dhuunfaa adda addaa magaala Amboo fi Sabboontota Oromoo naannicha keessa jiran waliin bakka tokkotti ba'e;
1. Yoomiyyuu fedhiin keenya(Oromoo) ABO'n buluu, ABO'n dhaaba Oromoo dhugaa Oromoof falmu ta'uu kaayyoo dhaabichaa ni finiinsina!
2. Bara haaraa 2008tti kaayyoo fi waadaa keenya haaroffannee qabsoo bilisummaa ABO'n ogganamu duukaa ni hiriirra!
3. Garaa keenyaf jennee lafee fi dhiiga Sabboontota hin nyaatnu!
4. Xiyyeeffannoo sirna bitta Wayyaanee maqaa bar-kumee jedhuun Oromiyaa mara keessatti gootu haalan balaaleffannas ni fashaleessinas!
5. Sabboontonnii fi Qabsa'onni Oromoo mirgaa fi hacuuccaa isaan irra ga'aa jiru falmachuu irratti sarbamanii mana hidhaa Wayyaanee keessatti cunqurfamaa, gidirfamaa haraarfamaa jiran hanga hiikkatanitti gaaffiin haa hiikkatanii itti fufa!
6. Mootummaa Wayyaaneef yoomiyyuu hin jilbeeffannu!
7. Guddina Afaan Oromoof Aadaa keenyaaf duubatti hin deebinu.
8. Gochaa Wayyaaneen uffannaa huccuu aadaa Oromoo barattoota Oromoo Yuunivarsiitii biyyattii keessatti dhoowwitu, keessattu kan YUUNIVARSIITII JIMMAA COLLEEJJII AMBOO haalan balaaleffanna!
Gadaan Gadaa Milkii; Barri Bara Injifannoo ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!