Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Walgayiin Qondaalotaa fii Dabbalootaa Koonyaalee Biyya Kanada Milkiin Xumurame.

Onkoloolessa 29, 2006 - Walgayin Qondalootaafii dabbaloota ABO koonyaalee Magarasaa barii,Saartuu Bonayya,Milkeessaa gadaa fii Gadaan Gadaa bilisummaa kan kutaa Kanadaa keessatti argaman Seeminaara barnoota ufi keessaa qabu, gaamaaggama dirqama dabbalootaa fii haala qabatamaa amma dhaabnni keenya keessa jiruufi dirqama nurraa eggamu irratti walitti qabuudhaan mariileen guyyaa lamaafii 28/10/06-29/10/06 magaalaa Edmonton,Albartaa keessatti raawwatamaa ture injiffanoon Xumuraamee jira.

Walgayii kanarratti qondaalota kutaa keessaa J/Amiin Jundii Itti Gaafatamaa Jaarmayaa Kutaa Kanada fii J/Tamam Baatii Itti Gaafatamaa Beeysisaa Kutaa Kanada argamuudhaan ibsaafi barnoota barbaachisa tae laatanii jiru. Maayyii irrattis qondaalonni walgayii kanarratti hirmaata kun marii kana booda ibsa ejjannoo dabarffachuudhaan walgayiin kun milkiin xumuraamee jira.

IBSA EJJENNOO

Nuti qondaalonni koonyaa Milkeessaa Gadaa, Konyaa Magarsaa Barii , konyaa Gadaa Bilisummaa fi Konyaa Saartuu Boonayyaa ibsa fi barnoota garagaraa karaa koreewwan ABO kutaa Kanaadaa muuf kenname qaamaa qalbiin caqasuudhaan barumsaa fi hubannaa ga’aa eega arganneen booda ibsa ejjennoo armaan gadii sagalee tokkoon dabrfannee jirra:

  • Barnoota karaa dhaaba keenyaa nuuf kenname kanas dalagaatti hiikuudhaan kan duraanii caalaatti qabsoo keenya shaffisiisuuf, akkasumas waan barbaachisuun qabsoo bilisummaa keenyaa bira dhaabbachuuf ammas irra deebinee waadaa keenya nihaaromsina
  • Tumsa Bilisummaa fi Dimokiraasii dhaabni keenya jaarmiyaalee siyaasaa biroo wajjiin uumes nideggerra, kaayyoo isaas bakkaan ga’uuf waan barbaachisuun bira nidhaabbanna
  • Haala yeroo ammaa mootummaan wayyaanee gamtaa fi tokkummaa uummata keenyaa, sab-lammootaa fii saboota oromiyaafii olla oromiyaa jidddutti jiru jequufi toofittaa fokkataa baaffattee ummatoota nagayaan wajjiin jiraataa jiru amantiidhaasn walirratti duulchisaa jiru nibalaalleffanna, sababaa kanaanis miidhaa ga’aa jiruuf mootummaan wayyaanee itti gaafatamuu jalaa akka hinbaane akeekkachisaa , uummanni keenyas shira kanatti dammaquudhaan akka irraa ufi eeggatu nihubachiifna
  • Tarkaanfii gootichi Oromoo Jen/Kamaal Galchuu fi qondaalonni biroo mooraa diinaa huqqisuudhaan mooraa qabsoo uummata isaanii gabbisuudhaan qabsoo bilisummaa keenya saffisiisuudhaaf dhiyeenya kana fudhatan nideggerra, kanneen hafanis tarkaanfii wal-fakkaatu akka fudhachuudhaan meeshaa isaanii diinatti akka garagalchan nihubachiifna
  • Haala mootummaan wayyaanee nageenya biyyoota ollaa anatu siif beekaadhaan seenuudhaan nagaa gaanfa Afrikaa booressaa jiru nibalaalleffanna, motummoonni addunyaas haala kana callisanii akka hinilaalle gaafachaa balaa uumamu hundaafi wayyaaneen itti gaafatama akka jalaa hinbane akeekkachiifnna.
  • Sochii mootummaan wayyaanee kittillayyoota isaatiin biyya alaa keessatti tokkummaa uummata keenyaa diiguuf deemsisaa jiru irraa gamtaan of tiksuuf jabinaan nidhaabbanna
  • Ayyaana waggaa fincila diddaa gabrummaa uumatni keenya biyya keessatti sadaasa 09, bara 2006 bifa haaraan eegale ilaalchsee guyyaa kana yaadachuudhaan akka kabajanu yaamicha nidhiyeessina

 

GGB

Itti Gaafatama Beeysisa

ABO Kutaa kanada.

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net