Ebla 14 bara 2006 Miseensoti ABO kutaa Jarmanii kora waggaa magala Munshen keessatti geggeeffatan. Kora miseensotaa kana haasaan kan banan MGS ABO J/Gaashuu Lammeessaa yommuu taàn isaanis haasaa isaanii keessatti mirga hiree murteeffannoo saba Oromoo dhugoomsuuf qabsoon bifa hundumaan geggeeffamaa jiru baayyee mirqaansaa ta`uu isaa ibsanii keessumatti FDG Oromiyaa mara keessatti geggeeffamaa jiru eenyu illee akka qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu hindandeenyee fi boodattis harkisuu hindandeenye hubachiisaniiru. Kanaaf Oromoon qabsoo amma itti jiru kana jabeessee diina ilmaan Oromoo bifa gara garaan fixuuf carraaqaa jiru kana umrii bittaa isaa gabaabsuuf caalatti harka walqabannee socho`uu qabna jedhanii jiru.
Ibsa J/Gaashuutti aansuun J/Leencoo Lataa jeequmsa Siyaasaa gaanfa Afrikaa takaalee jiru erga addeessanii booda laaqama siyyaasaa Impaayera Itophiyaa liqimsee jiru kana yoo daddaffiin fala hundee itti barbaadan malee fuuldurri isaa baayyee hamaa ta`uu isaa ibsanii handhuura gaanfa Afrikaa ka taate rakkoo Oromoo furan malee nagaa waaraan akka godina sana keessa jiraachuu hindandeenye hubachiisanii jiru. Walumaa gala kora .kana irra itti haala siyaasa adunyaa, Godina Gaanfa Afrikaa, fi Impaayera Itophiyaa xinxaluun sadarkaa qabsoon bilisummaa Oromoo irra jiruu ilaalchiise gadi fageenyaan mariiyatame. Maree kana itti aansuun gabaasaan raawii hojii bara 2005 koree hojii geggesitu konyaalee fi Kutaan dhiyaatee ballinaan gamaagamamee ibsa ejjannoo baafachuun milikii xumuramtee jira..
Ebla 15 bara 2006 Tokkummaan Barattoota Oromoo Jarmanii (TBOJ) kora 31ffaa magala Munshen kessa itti geggefate. Korri kun sagantaa seminaraa ummatni Oromoo fi firootin qabsoo bilisummaa Oromoo biyya Jarmanii jiraatan qooda irra itti fudhataniin jalqabe. Seminaari kun sadarkaa qabsoon bilisummaa Oromoo irra jiru ilaalchisee ibsa bakka bu´aa ABO, J/ Gashuu Lammesaa (I.G.Birkii Jaarmaa Biyya Amba ) kennen baname. Waa´ee mirga hiree murteefannaa saba Oromoo fi haala siyasaa godina gaanfa Afrikaa ilaalchisee J. Lencoo Lataa ibsa ballinaan kennaniru. Bakka bu´aan Aministii Internashinal waa´ee dhitaa mirga dhala namaa motummaa wayyaneen (TPLFn) Oromiyaa kessa itti geggefamaa jiru ilaalchisee ibsa kennan. Akkasumas waa´ee tooftaa fi tarsimoo misoomaa (guddinaa) ilaalchise Doktor Biyaankaa ibsa kennite. Luba Bantii Ujuluu waa´ee bu´reefamuu jaarmiyaa mirga namoominaa fi gargaarsaa Oromoo ( Oromo Human Right and Relief Organisation ) ilaalchisee ibsa kennera. Seminaari kun haala bulluqaan gaafii, deebii, fi yaada ijarsaa kennun xumurame.
Itti aansuun guyyaan gotoota Oromoo haala ho´aan kabajame. J. Doktor Mazgabuu Ifaa (dura ta´aa kutaa ABO biyya Jarmanii) barrefama seenaa gotoota qabsoo bilisummaa Oromoo ilaalu dubbisan. Akkasumas walaloon gotoota Oromoo yaadatu aaddee Sabboontuu Bahaan dubbifame. Sagantaa kana irra itti hirmattonni seminaraa akka qabsoo bilisummaa Oromoof oluuf gargaarsa qarshii gumachaniru.
Maree kana itti aansuun korri 31ffaa miseensoti Tokkummaa Barattoota Oromoo Jarmanii (TBOJ) gabasa raawii hojii bara 2005 ballinaan gamaagamun raggasiseera. Akkasumas dhimmoota jajjaboo irra itti ergii mariyatee booda Koree Hojii Geggesitu gadaa itti aanuu filachuu fi ibsa ejjannoo baafachuun milikii xumurameera.
Gadaan gadaa bilisumaati!
Injjifannoon Ummata Oromoof!
Ebla 15, bara 2006
Munshen, Jarmanii
|