Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Odeessa Biyyaa

Sadaasa 2, 2006 (Oromiyaa) - Akkuma beekamu durumaa kaasee diinonni Oromoo kophaa isaanii uummata Oromoo koloneeffatan ykn gabroomfatan osoo hin ta’iin warra akka daancee fi Habtegoorgisii, warra bara kanaa lukkee haadha garaa fi warra duudhaa Oromummaa hin qabne garuu dachii keenya irraa nyaatanii guddataniin ta’uun isaa ni beekama. Ammas kunoo wayyaaneen kanumatti dhimma bahaa jirti. Gidduu keenyaa warra haadha gara bittee maallaqa kadhattee walitti nu kaasaa turte jirtis. Amma garuu inni kunis didee harkaa mataa dhahataa jira. Guyyaan salphina ishee waan ga’eef.

Haaluma kanaan G/L/Shawaa  Aanaa Midaa Qanyiitti balaaleffannaan uummati wayyaanee irratti qabu kan cime ta’ee osoo jiruu, yeroo ammaa kana wayyaaneen lubbuu dheereffachuuf hojjettoota mootummaa, barsiisotaa fi  hojjettoota wajiira qonnaa aanicha keessa jiraniin miseensa keenya ta’aa jedhanii gidirsaa erga turanii booda miseensa isaanii ta’uu didnaan hojii dhaabsisanii miindaanis akka hin kanfaallamneef erga godhanii booda, sabboontoti hojjettooti aanichatti argaman miindaanis ta’een hojiin keessan haa dhaabbatu malee miseensa keessan gonkumaa hin taanu jedhanii qaaneessaniiru.

Haa ta’u malee akkuma armaan olitti tuquuf yaalle gantootis akkuma hin dhabamne yeroo ammaa aanaa kana keessatti murtii kana keessaa duubatti deebi’uun garaa isaaniitiif diinatti galanii warri saba isaanii gurguraa jiranis ni jiru. Isaanis:

1.      Mul’ataa Sadan, 2.   Alamaayyoo Angaasaa fi 3.   Dirribaa Angaasaa  yeroo amma wayyaaneetti galuudhaan bulchiinsa aanaa sanaa keessa warra hojjetan namoota ( Siccaalaa Dheeressaa, Baqqalaa Bantii fi Alamaayyoo Xaafaa) wajjin ta’uun miindaan hojjettoota sabboontota diina hin gabbaarru, miseensa diinaa hin taanu, jedhanii didanii akka hin kennamneef godhaa jiru. Haaluma kanaan isaantu akka hojjettooti miseensa keenya hin taane dhorke jechuudhaan:-

1ffaa Suufaa Uummataa fi 2ffaa Silashii Tankaaraa diinni hiitee mana hidhaatti akka argamanii fi reebichaan akka dararaa jirtu  ibsameera. Kanuma walqabsiisuun  namooti bulchiinsa keessa hojjetan kun yeroo addaa addaa hojii isaanii farra oromummaa irraa akka of qusataniif of eeggannoon itti kennamaa turee waan didaniif kana booda tarkaanfiin qabsoo  haadhaa keessa  deebii hin qabne akka irratti fudhataniifi sabboontoti mana hidhaatti dararamaa jiranis hatattamaan akka hiikaman  sabboontoti naannichaa ibsani jiru.

                                               

Gama biraan Waayyaaneen caccabdee burkutaa’aa waan jirtuuf ammas hojjettoota sabboontota ta’an hojii irraa ari’achuu itti fuftee jirti. Haaluma kanaan hojjetoota humna xiyyaaraa Bishooftuu fi iddoo garaa garaatti argaman keessaa namoota sabboontota jettee shakkitu 100 ari’achuuf qophaa’aa akka jirtu ibsameera.

********

Ibsa Ejjanno KBBZ kaaba shawaa –ABO irraa kennaame!   Nuti KBBZ kaaba shawaa-ABO haala yeroo  ammaa qabssoon bilisummaa Oromo kessa jiru irratti baldhinaan mari’achuudhan qabsoon bilisummaa cimee akka itti fufu gochuudhaf arsaa nu irraa eegamu bahuuf murteeffannee, ibsa ijjannoo armaaan gadii bafneerra. 1-    Tarkanfii gootota Oromoo waraana wayyanee keessa turan kan akka B/Jeneral Kamaal Galchuu, B/Jeneral Hayiluu Gonfaa ,Koloneel Abbabaa Garasuu, Koloneel Gammachuu Ayyanaa, aangowwan sadarkaa adda addaa irra jiranii fi loltootn dhibbaan lakkaawaman fudhatan ni dinqiisifana, kabaja guddaas ni kenninaaf. 2-    Kayyoo fi adeemsa Humna Tumsa Bilisummaa fi Dimokirasitiin hogganamu ni deeggarra. Galma gahu isaatifis bira dhabbannee ni qabsoofna. 3-   Qaamotn adda addaa fi murni hawasaa wallaalinanis ta’ee dantaa mataa ofiitif jecha dinaaf tajaajilaa jiran gara qabsoo ummata isaniitti akka dabalaman waamicha lammummaat goonaf. 4-   Fincilaa fi qabsoon diddaa gabrummaa zoonii keessa jiru caalatti baballaatee akka itti fufuu  fi akka sadarkaa ol’anaa irra gaaahu irratti xiyyeeffannee ni hojjenna, ni hogganna. QBO cimee galma isaa hanga gahutti qajeelfama ABO fudhachaa arsaa barbachisaa ta’e kan nu irraa eeggamu hunda kaffaluuf waddaa galla. Injifannoo Ummata Oromoof!! Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!! KBBZ Kaaba Shawaa-ABO irraa.

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net