Onkoloolessa 13, 2006 (Berlin) - Waldaan Tokkummaa Barattota Oromo Jarmanii (TBOJ) Onkololessa (October) 13 bara 2006 magalaa gudditti Jarmanii kan taate magalaa Berlin kessa itti hirira nagaa qophesse milikii midhagaan xumurera.
 |
 |
Hirmaattota Hiriira magaalaa Barlin |
Hirira kana irra itti kannen qoda fudhatan ummata Oromoo sababaa adda addaan biyya Jarmanii kessa magaloota adda addaa jirachaa jiranii dha.
Kayyoon hirira nagaa kanaa sagalee ummata Oromoo biyya (Oromiyaa)irraa bilisummaa dhabotee caranaa jiru fi gatii qalii kan qabsoon bilisummaa irraa gaafate kanfalaa jiru motummota angawoo fi hawaasootaa adunyaa dhageesifachu dha.
Kayyoo armaan olii kana akkataa sadiin (3n) hojii irra olchine:
- Waajjirota dimmi ilaalu fuula dura hiriru fi karaa irra itti dhadannolee gargaraa afaan Jarmanii fi Ingiliziin dhagesifinera. Dhadanoole dhagessifaman kessaa haga tokko tuquf: Barattota Oromoo ajjesu fi hidhun haa dhabbatu!, Sivilii Oromoo ajjesun haa dhabbatu!, ogganoota waldaa Macaa fi Tulamaa mana hidhaa kessaa haa hikaman!, Hidhamtotiin siyasaa Oromoo haa hikaman!, Motummaa abbaa irree gargaruun haa dhabbatu!, motummaa yakkamaa mallaqaan deggeruun haa dhabbatu!, Motummaan wayyanee nagaa fi tasgabii hin fedhu!, Nagaa fi tasgabii tajaajilaa!, Gafilee saba Oromoof debiin haa kennamu!, ABO haa jiratu, fi kkf turan.
- Dhibbaa mirga dhala namaa kan motummaa wayyanee dhan ummata Oromoo irra itti geggefamaa jiru ilaalchisee faanfileta (ergaa gababaa) afaan Jarmaniin qopheefame karaa irra itti namoota lakkofsaan hedduf hirameera.
- Xalayaa iyyannoo (Appeal letter) afaan Jarmanii fi afan Ingiliziin qophefame kan fuula Afur (4) qabatee fi harshamota (dokumentii) deggeru fuula kudhan (10) qabu wajjirota armaan gadii kana itti kenninera. 1ffaa, Wajjira mummitii ministerota Jarmanii, 2ffaa Wajjira imbastii Inglizii biyya Jarmanii itti, 3ffaa Wajjira komishena Awuropaa kan biyya Jarmanii jiru, 4ffaa Wajjira imbasii Amerikaa (USA) biyya Jarmanii itti, fi 5ffaa Wajjira ministera dantaa alaa Jarmanii itti kennaneera. Hundii isaanii iyyannoo kenya yeroo gababaa kessa itti qaamilee dimmi ilaalu itti dabarsun akka debii nuuf ergan nuuf himaniru.
Akkataa armaan oli itti xuqame kana itti sagalee saba Oromoo ganama kessaa saatii 10: 00 AM irraa egalee haga guyyaa kessaa saatii 1:30 PM dhagessisa olle.
Ergii hirira nagaa akekame injjifannoo bonsaan xummuranne boda sagantaa laqaanaan boda vidiyoo gotota Oromoo moraa dinaa iyyomsuun gara moraa qabsoo bilisummaa Oromoo itti makaman do`achun bayye itti gammanera.
Hunda kessaa, gafii fi debii jeneralotaa fi kolonelotaa dhaggefachun hamilen qabsawota bilisumaa Oromoo daran oli ka´u isaa do`anne itti gamanera.
Sagantaa do`ii vidiyon boda walgayii waliigalaa geggefanne kessa itti: Hawsonni Oromoo biyya alaa (Diyasporaa) jirru, haala amma ummatni kenya kessa jiru fi dirqama ummatni kenya nu irraa eggatu fixaan baasuf jabinaan waliin tarkanfachuu akka dandenyu dhaamsa walii dabarsinera. Xummura irra itti nagaa Oromummaa walii dhaamun gammachuu guddaan hundinu gara magaloota irraa dhufe itti nagaan debinera.
Gadaan gadaa bilisumaati!
Injjifannoon Ummata Oromoof!
KHG TBOJ
Onkololessa (October) 13 bara 2006, Berlin, Germany
|