Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Walgahiin ABOn hawaasa Oromo biyya Canada, nannoo Biritish Coloumbia, magaala Vancouver keessatti geegse milkii fi injifannoo boonsaan xumurame. 


Sadaasa 4, bara 2006 hawaasnni Oromo magaalaa Vancouver keesa jiraatu walitti dhufuudhaan haala QBO kan ABOdhaan dhurfamu yeroo ammaa irra gahe irratti ibsa qondaalota koree ABO kutaa kanadaa irraa kanname dhageefachuun maree bal'aa adeemsisanii jiru. Miseensonni ABO fi hawaasnni oromo naanawa B/C qubatu kun Video simannaa gootota ilmaan Oromo dhiheenya kana B/J/Kemal Gelchuu fi Colonel Ababa Garasuu fa'aan hooganamuudhaan waraana diina keesaa uf baasuudhaan qabsoo saba isaanitti dabalamnii agarsiisu erga daawataniin booda tarkkaafii gootonni ilmaan oromo fudhatan dinqisiifachuun horii gahaa tin'isa QBO tiif oolu battalumatti burqisiisanii jiru.
 
Dhuma irratti hawaasnni oromo naannwa B/C qubatu ibsaa fi kutannoolee armaan gaditti argaman dabarfachuun walgahii isaa sirnnaan xumurate.
 
1.  Injifannoolee bara kana keesaa hooganummaa ABO jalatti argaman dinqisiifachaa, QBO tan ABOdhaan durfamttu milkeesuudhaaf dirqama nurraa eegamu hunda bahudhaaf waadaa seenna.
 
2. Tarkkaaffii gootonni ilmaan oromo J/Kemal Gelchuu, J/Hiluu Goonfaa, Kolonel Abarraa Garasuu fi Kolonel Gammachuu Ayyaana akkasumas ajajoonni waraanaa fi miseensonni waraanaa dhalootaan oromo ta'an mooraa diinaa huqqisuudhaan mooraa qabsoo saba isaanii gabbisuudhaaf fudhatan seenaa saba gabroomee keesatti kan hedduminaan mul'atee hin beeknne, waan ta'eef tarkkaafii dhala oromo hunda boonsedha jennee yaadnna. Kanaaf ilmaan oromo waraana diinaa keessatti hafanii fi humnna polisa diinaa keessa jiran hundi tarkaaffii walfakkaatu fudhachuudhaan qabsoo saba Oromo galmmaan gahuu irratti qooda isaanii akka gumaachan yaamicha lammummaa dabarsinaaf.
 
3. Sochiin baratoota oromo seenaa qabsoo saba keenyaa keessatti gahee ol'aanaa akka xabatee fi ammas xabachaa jiru waan hubanneef baratoonni oromo FDG haala qindaa'een Sadaasa 9/2006 uummata isaanii gurmeesuudhaan hooganummaa ABO jalatti eegalan hanga sabnni keenya diina isaa hiddaan buqqise uf irraa gatuu cimsanii akka itti fufan yaamicha lammummaa goonaaf, nutis waan danddeenyu hundaan bira dhaabachuudhaaf waadaa seenna.
 
 
Gadaan Gadaa Bilisummaati !!!             


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net