Onkololessa 16, 2006 (Oromiyaa) - Walitti bu`iinsi Naannoo Jimmaatti qabate Jabaatee Itti fufe Godina Jimmaa Ona Gommaatti balaan qabate kun haalaan hammaatee jira. Akka kanaan guyyaa kaleessaa Ona Gommaa magaalaa Bashaashaa keessatti habashoonni 2 du’aniiru; warren du’an kun magaalaa Aggaaroo irraa warra magaalaa Bashaashaaf birmannaa deemanii achitti ajjeefamani. Akkaataa itti ajjeefamani fi dubartoota lama irratti raawwatame waan dubbachuuf namatti ulfaatu dha.
Konkolaataan lama gubachuunsaa sirriidha; magaalaa Bashaashaatti akkas gubate. Bataskaanni Bashaashaa 1 gubachuunsaas sirriidhuma. Guyyaa kaleessaa jiraattota magaalaa Bashaashaa waraanni wayyaanee fi Poolisoonni ummata kana Mazjiida magaalaa Bashaashaatti walitti qabuun achi keessatti eegaa oolanii yaroo Faxiriin gahu akka hin faxarres godhamanii jiru. Namoonni manatti hafan yaroo Faxirii nyaata geessaniifii poolisoonni akka oli hin galle waraanaa fi poolisootaan dhorkamanii jiru; hanga yoonaatti ummata achuma keessatti meeshaan ittifamee jira.
Taajilli geejjibaa magaalaa Jimmaa hanga Aggaaroo, Bashaashaa, Geeraa, Yaacii, Caggoo fi kkn magaalonni naannoo kanarratti argaman martuu guyyaa kaleessaa(onk, 14, 2006) irraa calqabee hanga yoonaatti tajaajilli geejjibaa dhaabbatee jira. Akkuma walii galaatti waraanan ummanni goolii guddaa keessa jira. Namoonni gochaa kana raawwataa jiran eenyummaansaanii hanga yoonaatti baramuu hin dandeenye. Fuula ofii dhokfataanii waan raawwatanu kana raawwataa jiru jedhan.
Akkuma amala irraa beekamutti dhimma kana raawwachuun Oromoo shororkeessaa fi jajjabeessaa amantii fakkeessee Hawaasa addunyaaf muldhisuun mootummaa isaa kufuuf gatantaraa jiru ittiin ol qabachuuf akka wixifataa jiruu fi dhiiga ummataatiin barcuma aangoo isaa tikfachuuf shira kana xaxaa jiru beektonni dubbatu. ******** Wayyaaneen Oromoo Amantiin wal dura dhaabuu yaaltuus Itti hin milkoofne! Godina Jimmaa Ona Gommaatti walitti bu’insi uummataa babal’atuun lubbuun namoota hedduu akka darbaa jiru hubatameera; ka’umsi walitti bu’insa kanaas shira wayyaanee akka ofkeessaa qabu keessa beektonni akeekaa jiru! Haala kanaan ummata amantiin qoodanii amantoota kiristaanaa fi Isilaamaa walitti buusaa jiru.Qabata walitti bu’insaan keessa seenuun ummata hiraarsuu itti fufanii jiru!
Haala kanaan guyyaa kaleessaa(15-10-2006) jiraattota magaalaa Bashaashaa waraanni wayyaanee & Poolisoonn ummata kana Mazjiida magaalaa Bashaashaatti walitti qabuun achi keessatti eegaa oolanii yaroo Faxiriin gahu akka hin faxarres godhamanii jiru. Namoonni manatti hafan yaroo Faxirii nyaata geessaniifii poolisoonni akka oli hin galle waraanaa fi poolisootaan dhorkamanii jiru; hanga yoonaatti ummata achuma keessatti meeshaan ittistee jirti.
Taajilli geejjibaa magaalaa Jimmaa hanga Aggaaroo, Bashaashaa, Geeraa, Yaacii, Caggoo fkkn magaalonni naannoo kanarratti argaman martuu guyyaa kaleessaa calqabee hanga yoonaatti tajaajilli geejjibaa dhaabbatee jira. Akkuma walii galaatti waraanan ummanni goolii guddaa keessa jira. Akkasumas haaluma walfakkaatuun torban darbe keessa godina jimmaa Ona Gommaa magaalaa Yaacii & Caggoo keessatti ummata hiriira ba’erratti wanaanni wayyaanee dhukaasanii 4 madeessaniiru. Namoota sadi itti dabalanii mana hidhaatti darbataniiru; namootuma rasaasaan rukutamanii jiran kanallee otuu hin hambisin hidhamani. Akkuma walii galaatti Ona Gommaa kana keessatti goolii jibbamaa kana kan uumaa jiran Tigiroota
1.Baabil Gobayyoo; 2.Phaawloos Balaay; 3.Abrahaa Asphahaa, 4.Kinfee; 5.Mitikkuu dha. Egaa namoota kanatu waraana waliin qindoomuun rakkoo umaa jirani. Akkanuma Ona Guumaa magaalaa Toobbaa keessatti namoonni jilmaan hidhamaa jiru. Gochaa kana raawwatee kan raawwataa jiru Bulchaa magaalaa Toobbaa kan ta’e Naazimuu A/Simal nama jedhamuudha. Akkuma walii galaatti toora kanarratti jeequmsi heddu hammaachaa deemaa jira. Guyyaa harraa kana magaalaa Aggaaroo; Bashaashaa, Yaacii keessatti waraanni heddumminaan gadhiifameera. Manneen jireenyaa fi daldalaas cufamee jira.
********
Akeekkachiisa Lukkee fi Ibsa ejjennoo Maadhee MALKAA ROOBII Yeroo amma kana Hooro ona Amuuru keessatti meshaa wayyane kan ta’an kan akka 1. Biqilaa Libdii, 2. Fantahuun Tayyee, 3. Fiqaduu Baqallaa, 4. Firdisaa Gammadaa, 5. Nagaraa Tufaa, 6 Darrajee Warquu, 7 Asaffaa Kumii, Kan jedhaaman kun ergamtoota wayyaannee ta’an uummataa Oonnaa kana keessa jiraan bayyeeti dararaa akka jiraan uummati nannoo dhaamacha jira. Kanaafu jarreen kun hojii amma itti jiran kan ummata dararuu Irra hin deebi’an (ofi hinqusatu tanaan )midhaa irraa gahuuf itti gafataaman mataadhumaa isaani ta`uu hubachiisuun Midhaa uummata irra ga’a jiru kana sababeefachuudhaan saboontoonni maqaa madhee MAALKA BORII jedhaaman ibsa ejjeennoo bafatani jiru. 1. Lukkewaan wayyannee ilmaan Oromoo irrati rawachaa jiraan ni morminaa. 2. Lukkeeleen wayyaanne kun Sabboontoota Oromoo ta’an hojeeta motummaa irra jiran irraa Xalaayaa galfachuun akka hojii dhaabdaan yaada jedhu ni moorminaa. 3. Dhaaba keenya ABO fi waraana keenya WBO cinaa dhaabane akka degeruu (gargaaru ni hubachifnaa) 4. Tarkaanfii Jeeneeraloonni fi Kollooneeroon fudhtaa jiraan bayyee ni dinqisiifanna warii biyyaa kessaati hafaan akka fana isaanii dhahuun keessaa fi diidaan wayyaanee irratti qabsaahan wamichaa ni dhi’eesina. 5. Qooda nurra barbachiisu hundaan dandii qabsootin ni bana. ******
Oromoon Lukkeelee fi Wayyaaneen Saamaa fi Hidhaamaa Jira
Rakkoon wayyaaneen godina lixa shawaa lafa itti uummati si hin barbaadnu jedhetti abdii kutannaa irraan kan ka’e yeroo garaa garaatti raawwatamaa turuun isaa fi raawwachaa jiraachuun ni beekama. Haaluma kanaan ammas wayyaaneen Godinuma kana Aanaa Daannoo keessatti Lukkeewwan OPDO’n Waajira KUO( Koongrasii Biyyoolessaa uummata Oromoo) saamuun dhaga’ame. Haaluma kanaan gaafa onkoloolessa 10,2006 guyyaa keessaa sa’aatii afur irratti ajaja seeraa (mana murtii) tokko malee ergaa gooftolii isaanii guutuuf jecha poolisoonni ergaan wayyaanee itti kennamee aanichatti argaman 1ffaa Charuu Taaffasaa, 2ffaa Ijaaraa Gonfaa fi 3ffaa Dirribaa Raggaasaa jedhaman Waajira marsuun namoota waajiricha turan ;- Obbo Gizaachoo Nadhii, Amaanu’eel Dilalleessaa fi Bars. to’annaa jala oolchuun qabeenyaa waajiricha keessa ture documentii fi alaabaa KBO buusanii saamuun fudhataniiru. Egaan lukkeewwan kunis ta’anii gooftoliin isaanii erga itti kennan hunduu yeroof itti fakkaateef malee qabsoo uummata Oromoo duubatti deebisuun akka hin danda’amneef baranii gocha isaanii kana irraa yoo of qusachuu baatan tarkaanfiin qabsoo hadhaawaan isaan irratti kan fudhatamu ta’uu isaa sabboontoti Oromoo naannoo sanatti argaman akeekkachiisaniiru.
Gama biraatiin G/Sh/Lixaa aanaa Midaa Qanyii keessatti wayyaaneen waan hudhamteef qabamteef waan qabattuu fi gadi-dhiiftu waan wallaalteef barattoota aanaa sana keessatti argamanii fi filannoo wayyaanee yeroo darbe keessatti sochii godhanii uummata barsiisaa fi dammaqsaa turan jechuun ammas filannoo aanaa fi gandaa fuuldura kanatti taasifama jedhamee yaadamu irratti uummata nu harkaa baasu jettee yaadda’uudhaaan mana hidhaatti guuraa jirti. Haaluma kanaan aanaa kana keessaa barattoota :-
1. Barataa Girmaa Nagaasaa ( kanaan duras alaabaa keenya gubde jechuudhaan wayyaaneen mana hidhaa ishee Maa’ikalaawwiitti ji’a 8 reebaa fi gidirsaa turtee hanga har’aatti miidhaa irra gaheen onneen isaa dhukkubsachaa osoo jiruu ammas qabdee mana hidhaattii deebisuun gidirsaa jirti
2. Barataa Dajanee Abbaabiyyaa
3. Barataa Hinnawuu Darajjee
4. Barataa Darrasaa Kuusaa
5. Barataa Wandimmuu Darajjee jedhaman mana hidhaa keessatti gidirsaa kan jiran ta’uun beekamee jira. Kanas kan raawwachaa jiranii fi ergaa diina bakkaan ga’uuf kan dhama’aa jiran
1ffaa hojjetaa dame hawaasummaa onichaa (aanichaa)tti jedhamee propoogaandaa wayyaaneetiif aangoon kan keennameef Sicaalaa Dheeressaa, 2ffaa itti aanaa bulchiinsa aanaa sanaa kan ta’e Baqqalaa Bantii fi Alamaayyoo Xaafaa namoota jedhaman yommuu ta’an gochaa isaanii kan irraa akka oofeegan ta’uu baannaan qabsoo hadhaawaan namoota kana irratti kan fudhatamu ta’uu isaa sabboontoti naannichatti argaman ibsaniiru.
INJIFANNOON UUMMATA OROMOOF!!
GADAAN GADAA BILISUMMAA TI!!