Mudde 31, 2006 (Oromiyaa) -Ummanni Beegii Jimlaan Qabamanii Mana Hidhaa Gimbii Keessatti Dararaa Ilma Namaaf Hin taane Argaa Jiru.
Midha ummata Anaa Bagi irra ga'a jiru ummata magala Bagii 497 Kan ta'an Akka magala Gimibitti hidhamani jiran bekamera. Kannen hidhamani jiran kun Lola Amaniti jedhame yoo himameyyu himmati issan irratti baname garu Mootummaa irrati kaka'u akka ta'e fi sababa kanaan qabamuun mana hidhaatti darbamuun isaanii hubatameera.
Kannen muritii dabaa ummata Oromoo irratti raawwatan :
- Abba seeraa Wayyaanee Jonii Baniti, 2. Ashabbir Wariqina, 3. Habitee Tafarraa dha.
***********
Oromoon Naannoo Naqamtee Lola Somaliyaatti Deemaa Jiru Morme! Dhukkubni Ummata Fixaa JIra! Wayyaaneen Lola Nu Gargaaraa Jechaa Jiru!
1. Magalaa Naqamteeti gafa 20/12/2006 Daballoonii wayyaanne Godiinnaa fi Onaa wal-ga’ii wamtee uummati akka dirqama warannaa Somaliya deemaaniif walga’ii gootenaan uummati immoo;
. Isiin bara baraan misooma misooma jetaan, Nuti belaan dararama jira akkamiti warana demna hin deemnu!
•Isintu dangaa darbee malee enyutu dangaa keessan dabinaanii kan isiin dirqama deema nun jetaan?
•Ammayuu nuti asi biyya keenyaati biyyaa dhabnee, mirgaa dhabne jira! kanaafu nuti Somaliyaa waranna osoo hin tanee bilisumma kenyaaf falmanna jedhaan walga’ii isaan digaan bahaniiru, Nannoo walga’ii sanatis jequmsii tanaan Homnii poliisi deeme
gargaar diige.
Lola wayyaaneen ittiin maallaqa argachuuf, sagalee ummataa ukkaamsuuf mirga hawaasaa ittiin hacucuuf banaa jirtu kana keessatti ummatni Oromoos ta`e sabooti cunqurfamoo keessatti hirmaachuu dhiisuun akka saba isaaniif dalagan qixa qixaan somaliyaatti akka dhaabota saba isaanii barbadanii itti makatan sabboontoti Oromoo dhaamu.
2. Gadiinna W/bahaati Onnaa Sasigga Gandaa Dangaali Gongoo keessati Kilinikiin Fayya bara 2003 kan ijaramee hanga dhuma bara 2006ti hojira akka hin oliin uummati nannoo sana balaleefacha jira sababiin isaas immoo Gandii sun ABO wan ta’eef Dhukubni Dadaarboof
Dadaarboo hin ta’iin akka uummata nannoo sana midhuuf kanaafu uummati Nannoo sana Dhukuba bussadhaan, Garraa kassaadhaan, mata bowuuti akka midhama jiru dhamachaa
jiru.
********
Lukkee fi wayyaaneen Ilmaan Oromoo sobaan yakkuun hiraarsuun itti fufan!
Abdii kutannaarraa kan ka'e kittillayyoonni Wayyaanee namoota nagaa hiraarsuu itti fufaanii jiru. Akka kanaan jiraataa zoonii Wallagga Bahaa Ona Haratoo kan ta'e qonnaan bulaa obbo Darajjee Sinyooree jedhamu hooggantoota Ijaarsa Dandeettii Shaambuu fi Ona Haratoo kan ta'an kittillayyoonni Fiqaaduu Abarraa fi Dagabaas Waaqwayyaa kan jedhaman Gaafa 04-12-06 boombii harkaa tokko mana obbo Darajjee Sinyooree keessa ofumaa kaa'anii kana eessa fidde jechuun reebichaan erga hedduu miidhanii booda mana hidhaa Shaambuutti hidhanii hiraarsaa jiraachuun isaanii beekameera.
**********
|