Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Lukkee fi Wayyaaneen Jeequmsaa fi Rakkoo Ummata Oromoo Irratti Uumaatii jiran!

Muddee 30, 2006 (oromiyaa) - Guyaa Muddee 15,2006 (Jimaata darbee)waaree booda mana barnoota sadarkaa lammaffaa Haaramaayaa keessatti waardiiyaan Abdii jedhamu barataa tokkoo irratti ABOtu mana barnootaa sene jechuun qawwee waan itti dhukaaseef jequumsii ciimaan ka'eera. Barattottni dhagaa gurachuudhaan nama kana ajjeesuuf yeroo ka'anitti humni diinaa kan Poliisootaa fi waraana woyyaanee haammatee dallaa mana barnootaa weeraruu dhaan barattoota baay'ee rebaniti jiru. Kun ta'uus loliicha qabaneessuu waan dadhabaniif namticha qawwee dhukaasee ture fudhani demaniti jiran.

Yeroo ammaatti Mana barnootaa kana keessaatti poliisootni barattoota fakkaachuun ragaa barnootaa maleetti barattootaa waliin kutaa barnootaa keessa akka olani fi basaasootni diinaa kanneen akka Muraadii Amiin Xiqqaa  jedhaman barattoota irratti ramadamni hojjachaa jiran. Kanaafu barattootni mana baruumsa kanaa namoota kana hubannoo keessa  sochii of mul'isuu fi icciitti tamsaasuurraa akka of qusatan barattootni dhaamniti jiru. Sochiin roga hundaan godhamu bifa dhokataa fi icciittaawwan akka hojjatamu qabuu fi namoota kanarratti tarkaanfii fudhatamu hundaafu itti gaafattamtootni matuma isaani akka tahan ibsaniti jiru.

Kun oso kanaan jiru, Maqaa ganda keessa karaa isiinif baafna jedhuun qayee /dallaa namoota sabboontootaa diiguurattii akka bobbaahan gabaasni magaalaa H/Maayaarraa nu ga'ee ni ibsa. Kun kan raawwatamaa jiruu bulchinsa magaalaa H/Maayaatin yennaa tahu, qayeen namoota diinaaf dhiheenya qabani tokkoollenu tuqamaa akka hin jirree fi namoota baay'eeraahis gunaa(gubboo) irraa akka gurachaa jiran hubatameera.

Gara biiraatin bulchiinsa Godiina Haarargee bahaa keessatti araddaa hundarraa sababa waraan Somaaliiyaa irratti labsameen walqabateen aradatti nama 20 akka laatan kan gad himamee yeroo tahu, Uummatni Oromoo waraannii kun kan isaan hin ilaallannee tahuu hubatani duula kanaaf ilmaan isaanii bifa fedheenu akka hin kanninee fi umrii bittaa wayyaannee akka hin dheresine sabbontootni dhaamaniti jiru.

 

Lola somaaliyaa irratti labsameen walqabatee kaampilee magaalaa haarar keessa argaman kessatti Mishigiin (dahaannoon, Battallii) qotamaati jira. Kana malees kaampilee waraanaa kan akka Military Police jedhamuu keessatti qotee bultoota fi tikfattoota baay'ee kan Oromiyaa fi Naannoo Somaalee keessaa ukkaamfamni guraman waraanaaf akka leenjisaa jiran bira ga'ameera.

 

Kana malees Naannoo haararitti iddoo Dirree Xayyaaraa jedhamu akka tolchaa(Haaroomsaa)jiran huibatanmeera. Iddoon kun qubsuma Helicoptaraatif kan yaadamee akka ta'ees bekkameera.

Magaalaa Haaraitti daldaltoota xixxiiqaa jiran irraa buusiin waraanaa sassaabamaati jira.Kunis kan godhamaa jiruu yoobuusiikana raawwachuu baattan hin gurgurattan,haayyama daldalaa waan hin qabneef issiin ariina fi sababoota  biraa tin sodaachisuuni.Haaluma kanaan daldaltoota kudraa,jimaa fi bobeessaa gurguran irraa matatti qarshii 5 akka laatan dirqisiifamaa jiru.

Kana Malees kaffaltiin ibsaa ji'a kanaa otoguyyaan kaffalti hin gayiin akka sassaaqbamuu motummaan wayyaanee labseeti jira. Kun kanta'ee yeroo jalqabaatif ji'a kanatti yennaa tahu namootni baay'eenis kaffalti adabaatin hiraarfamaajiru.

-Godiina Haaragee bahaa keessatti anaalee argamanitti hojii biraa hunda dhaabuudhaan liiqiin qoteebulaaf kennamee ture haatattamaan akka sassaabamu ajajni ciimaan darbee. Haaaluma kanaan kore haatattamaa anaa hundatti ijaaruun liqiin bifa xaa'ootin, waldaya hojii gamtaatin, fi kkf'nin qoteebulaaf laatame ture haatattamaan dhalaan waliin akka sassaabamu godhamaa jira. Yoo qotee bulaan qarshii kaffalluu dhabees lowwan isaa fi horiinisaa martinu akka saamamee gurguraaf dhihaatu godhamaa jira. Kana malees nama  somaaliyatti dulurraa gaaffii liqii nidhifna, yoo waan kaffaltan qabaachuu baattan Somaaliyatti dulaa jedhamaati jira.

************

Wayyaanee Ummata Saamuu, Walitti buusuu fi Hidhuu ittuma jirti!

Waayyaanneen akkuma amala isaanii jiraattota Magaala Naqamtee keessa gaariidhaan ykn Fardaan hojii ba'a irratti boba'an irra tokko tokko isaani irra qarshii 60 ol eerga guurtee booda; warra taaksii ykn uumata konkolataan deddebisantu isin himate jechuun eerga maallaqa isaani irra saamte booda waltti buusuuf yaali gudda goote; Jarri garuu nuti wal hin lolu tokko taane waayyaanne irratti ka'u qabna jechuun itti dhaadhataniiru. Haali kun waayyaanne baayee yaaddesse jira.


Godinuma kana keessa aanaa Jimmaa Arjoo fi Nunnu qumba keessa loltoota Agaazi jedhamu waayyaanneen keessa uumata hiriirsa akka jiran kanaan dura gabaafameera. Agaazonni nurra hadeeman jechuun Oromoon waayyaanne keessa yeroo gaafatan dabballoonni Ormoota ykn alagaa ta'ani wajjin walitti bu'uun bakka lamatti qoodamanii jiru. Yeroo ammaa Oromoon marti bakka jiruu hundatti wal jabeeffatee diinaa fi fira isaa adda baafachuun yeroo qabsoo isaa jabeeffatu ta`uunis hubatamaa dha.

Aanaa Nunu qamba keessatti barreefama uumata kakkaasu facaaftaniitu jechuun Oromoon hedduun mana hihaa waayyaanneetti guuramaniiru. Baayeen isaaniis bakka geefaman hanga yoonatti hin beekamne.

**********

Wayyaaneen Dhaaba Maqaa Oromoo Dhahatee Dhaabbate Balleessuu Irraa Duubatti Hin Jettu! Oromoon Dhaabaa fi Marabbaa Hawaasaa Qabachuuf Wayyaanee Of Irraa Kaasuun Murteessaa Dha!

Muddee 16 bara 2006 Lukkeelee wayyaanee muka alaabaa Kongireesa Biyyoolessa Oromoo muranii gatuun, gaafa ummatni iyyee balaaleffatu ammo Nama Taaddasaa Hordofaa jedhamu, situ ummata nutti kakaasa jechuun reebanii dararaa guddaa irraan gahanii jiru.Galtoonni wayyaanee aanaa sana kan akka Geetachoo Ejjetaa yeroo adda addaatti badii dalaganiin ummata walitti naqaa turan. Kana duras namni Geetaachoo Ejjetaa jedhamu kun  maallaqa gargaarsa ummataaf ramadameen Mana Baaburaa fi mana Daadhii banachuun bakka maallaqa saamee ammo namoota sobaan adabuun bakka buufachaa ture.

Ganda Kaabbaa jedhamtutti ammo galmeen namoota 1. Goobanaa qajeelaa, 2. Tasfaayee Ittafaa

3. Geetachoo Wiirtuu, 4. Soorumaa Olanaa Irratti qabamee jiru gubamee bakka galmeen kun gubate qarshii dhibba tokko mata mataatti adabamanii jiru. Haaluma kanaan Barataan Lammeessaa Bultii jedhamu irratti ammo dararaa guddaa geessisuun ari'anii magaalaa arjootti galchanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun namni Peexiroos Daggafaa Akkumaa jedhamu kan kana dura dhiiga ilmaan Oromootti taphachaa ture,Namni kun sagantaa inni baasuu ummatni harkaa fudhachuu didnaan amma immoo barattoota yunivarsiitii jimmaatti ramadamee isaan basaasuun waan deemeef sabboontotno barattoota Oromoo Yunivarsiitii Jimmaa akka irraa of eeggetani dhaamanii jiru.

Ammas barataa Malkaamuu Ittaanaa Galataa jedhamu reebuun dararaa guddaa irraan gahanii jiru. Kanaaf lukkeelee wayyaanee ummata dararaa jiran kun gochaa isaanii kana irraa of hin eeggatani taanaan tarkaanfiin keessa deebii hin qabne akka irratti fudhatamu Sabboontonni dhaamanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun Ummatni Aanaa Nuunnuu Qumbaa bakka adda addaatti waraanaa ilmaan Oromoo fi ABO irratti mootummaa wayyaaneen Labsamee balaaleffachuun, Lubbuun keenyaa bilisummaaf malee diinaaf hin wareegamtu, Hanga bilisummaan Oromoo dhugoomutti ABO waliin qabsoofna jedhaniiru.

*********

Ibsa Sabboontota Barattoota Oromoo Mana Barumsaa Babal'aa

    [ kabajaa ayyaana gootowaan barattoota Oromoo wareegamanii]

Nuyi barattootni Oromoo mana barumsaa babal’aa kan taane guyyaa yaadanoo gootonni barabarattoota Oromoo guutummaa Oromiyaatti wareegamanii Odaa jimmaati yaane kabajanera kan Odaa Jimmaati godhaneefis sababni dur abbotiin keenyi achittii yaa’un waan marayyuu mari’atuu nutis egaa kanuummaafi hiriraan yaane guuyaa Wareegama gootoota baratoota Oromoo haala baredaan kabajane yeruma kana dhimma adda addaa kasne mari’anera.

1.       guyyaa kanatti mana barumsaa keessaatti dursa walitti qabamnee hiriiraan sirnaa gadda ibsuutti gara ODAA JIMMAA Oromootti itti wal gahaa turan kan mana barumsaa Babal’aa irra kiloon meetiraa sadii{3} fagaatu deemuun odaa kana jalatti wal geeyee gootota barattootaa yaadaneerraa.

2.       yeroma kana bartootaa mana barumsaa babal’aa kaneen mootummaa finiciltanii alaabaa gubdan himatamaa jiraniif fala adda addaa barbaaduun gargaarsa barbaachisu gumaachineerra! 

3.       dhimaa barattoote kanaas ilaalchisee gara fuulduraatti maal akka isaa quunnamuu danda’uu fi nuyi barattootni mana barumsaa babal’aa illee maal akka gochuu qabnu marii ciimaa gooneerraa. Murtees dabarsineerra.

4.       haala namoota mana barumssaa keessaa fi alatii qabsoo keenya gufuu ta’uuf caarraaqaa jiranii kaasnerraa.

5.       haala kanaan mana barumsaa Babal’aa keesaatti barsiisotni kaneen akka Tolasaa Ajjamaa fi Fiqaaduu Beekaa jedhaman barattoota basaasuu irratti  kan bobba’ani dha. Afaan damma dibatanii barattoota keenya miidhaa jiru. Egaa barsiisotnii kunniiniif kaneen isaa jalatti ijaaramanii jiran hatattamaan dalagaa isaaniirra akka of qusatan akeekachiisna.

dhumairratti waadaa qabsoo hanga dhumaa seennee jirra barattootni bakka biros iyyanii iyya akka dabarsaan qabsoo gotoowan baratooti kun iraa kufan galmaan akka gahan dhamna dhaaba kenya A.B.O. ni jabeefanna.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net