Muddee 31, 2006 (Oromiyaa) - Ibsa Ejjennoo Barattoota Oromoo Gimbii Dhimma Weerara Somaalii irratti baname.
Waa’ee weerara wayyaaneen somaaliyaa maqaa shororkeessummaatiin weerarte ni mormina jechuun barattoota Oromoo mana B/S/2ffaa koopireenheensiivii Gimbiin ibsa ejjennoo baafatanii jiru.
Waraanni wayyaanee biyya isaa ala daangaa cehee biyya namaa qabachuun isaa weerara kana dura ilmaan Oromoo irratti abbootiin isaanii nurratti raawwatan nu yaadachiisa. Kanaaf ilmaan Oromoo fi cunqurfamoo marti dhimma kana dura dhaabbachuun gahee weerartuu biyya keessaa fi alaan uummattootaa fi biyyoota irratti duulaa jirtu kana bakkaa kaasuu malee falli biraa akka hin jirre hubachuun warraaquun barbachisa jechuun barattooti Oromoo mana barnootaa comprehnsive Gimbii ibasa baafataniin hubachiisanii jiru.
************
IBSA IJJANNOO HAALA YEROO IRRATTI BARATTOOTA OROMOO YUUNIVAARSITII BAAHIR DAAR IRRAA KENNAME
Akkuma beekamu mootummaan wayyaanee maloota adda addaa baasudhaan sabaa fi sablammoota cunqursa daangaa hin qabne geggeessaa jira. Mootummaan gartuu Tigraay yeroon inni itti gaaffi abbaa biyyummaa saboonni itti kaasan fudhate hin jiru. Yeroo ammaa ummatni impaayera Itoophiyaa keessa jiran guutummaatti wayyaanee tufaniiru. Kanas aangawoonni isaa akkasumas ajajoonni waraanaa qabsoo saba isaaniitti deebihuun mirkaneessaa jiru.
Barataan Oromoos gaaffii adda addaa fkn Waa’ee hidhamtoota Oromoo; Waldaa Maccaaf Tuulamaa; mirga hiree murteeffannoo kkf kaaseera garuu mootummaan murna bicuu Tigraay abbaa irrummaa daran dabaluu malee hin jijjiiramne.
Ammas woraana ummatoota ollaa akkasumas dhaaba ummata Oromoo ABO irratti waraana labse; kunis ummatuma Oromoo irratti waraana labsuu waan ta`eef nutis dhalli Oromoo balaaleffachuurra dabarree hamma wareegama feesisu kafaluu maqaa ummata Oromootin ummata keennaf waadaa galla.
**********
Ibsa Ejjennoo Waldaa Tokkummaa Barattoota Oromoo Yuniversity Finfinnee!
Haalaa yeroo ammaa irratti hunda`uun WTBOYF ibsaa Ejjennoo kana baafate jira, Innis;
1. Waraanaa Mootummaan Wayyaanee labsee ni mormina.
2. Oromoon biyyaa isaa Oromiyaaf malee akka hin lollee, waraanaa isa hin ilaalannee keessaas akka hin gallee ni hubachiifna.
3. Barattootni Oromoo yuniversiitii fi sadarkaa gad aanaa irra ariyatamaan akka hatattaaman barumsaa isaanitti deebi`an ni gaafannaa.
4. Waraanni wayyaaanee mooraa yuniversiitii Adaamaa keessaa jiru mooraa barnootaa keessaa akka ba`u ni gaafannaa. Waraannii Ummata keessaa bahee akka mooraa waraanaatti deebihus cimsinee akeekkachiisna.
5. Hidhamtootni siyaasaa Oromoo marti hatattaamaan akka nuf hiikamaan ni ibsina.
6. Maqaa investimentiin ummataa Oromoo qe`ee isaa irraa buqqisuun haa dhaabbatu!
7. Lukkeen wayyaanee nama lamaa fi sadii taatee maqaa keenyan waraanaa labsamee hundi keenyaa ni deeggaraa jechuu hin dandessuu! kan jedhu dha.
**********
Ibsaa ejjennoo kana Maadhee Burqaa Hayyuu jedhamuun beekamutu baafate.
Mootummaan wayyaanee yeroo Adda addaatti waraanaa jalaa bahuu hin dandeenyee seenee Lubbuu ilmaan Oromoo Kumaan lakkaa'amaii galaafatee jira. Waraanaa Eritiraa waliin godhameen lubbuun Ilmaan Oromoo gar malee badee, dhiigni ilmaan Oromoo fi cunqurfamoo akka malee dhangala'ee jira. Ammas waraannii ABO, Adda Biyyoolessa Ogaaden, Mootummaa Ertiraa fi Somaaliyaa irratti labsame kanuma kan keessa deebi'u dha. Kanaaf nuti waraana kana balaaleffachuun ibsa ejjennoo armaan gadii baafannee jirra.
- Waraannii Somaaliyaa irratti Labsame kun ummata Oromoo hin ilaalattu
- Ummatni Oromoo, Barattootni, qunnaa bulaan mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuun bilisummaa Oromoo daran cimsuu qaba.
- Fincila Diddaa Gabrummaa jajjabeessuun sagaleen Ummata Oromoo daran akka adduunyaa irratti dhaga'amuuf hojjechuu qabna.
- Lukkeelee wayyaanee ummata Gowwoomsanii dargaggoota Oromoo gara waraana xumura hin qabneetti oofaa jiran gochaa isaanii kana irraa of eeggachuu qabu.
- Looltuun Oromoo Mooraa wayyaanee keessa jiran akkuma J. Kamaal Galchuu fa qawwee isaanii gara mootummaa koloneeffataa kanaatti deebifachuun seenaa hojjechuu qabu
**********
Ibsa Ejjannoo Maadheen Burqaa Bilisummaa, Hawwii sabaa fi Murti Mutoo baafatan:
Maadheelleen kun kamiisa darbee marii bal'aa erga gaggeessan booda ibsa ejjannoo armaan gaditti tuqamee baafataniti jiran.
1. Lola Paarlaamaan wayyaaneeSomaaliyaa fakkeessee ummata oromoo fi Aboirratti labsee nibalaaleefanna. Akka hin milkofnees wanta danda'ameemaraan nihirira.
2. Tarkaanfii WBO'n lukkeewwan diinaarratti iddoo adda addaatti fudhachaa jiruu cimsiineeti deggarra. Itti fufiinsa akka qabaatuus nihirirra.
3. Nutimiseensootni maadheewwan kanaa dhaaba keenya ABO ciinaa hirriiruudhaan barrii 2007 kan bilisuummaa akka nuf tahuuf qooda nurraa eggamuu gumaachuuf qophofneeti jirra.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan gadaa bilisummaati!!