Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Oduu Biyyaa

Muddee 17, 2006 (Oromiyaa) - Saamicha Wayyaanee fi Ejjennoo Maadhee Gaachana Finfinnee!

Yeroo darbe FDG sababa godhachuun mandheen Gaachana jedhamu Finfinnee keessatti hundaa'ee gochaa shoororkeesituun waayyaannee ABO irratti maqaa xureessuuf yaalaa jirtu eerga gudaa balaalefatani booda waan hundumaan bilisummaa Oromoo degaruuf waada seenaniiru. Loltuun ABO gamoojjii fi baddaa, aduu fi bokkaa utuu hin jedhiin lammiisaaf lolaa akka jiru eerga irratti maryaatanii booda. Nuttis torban keessa guyyaa tokko utuu laaqana ykn irbaata keenya dhiifnee maallaqaa ta’ee meeshaa lolaan ykn waan barbaachisuun akka degarsa barbaachusu godhan waada seenaniiru.

Godina Iluu Abbaaboora, aanaa Cooraa keessatti miseensonni mandhee Sadetan Cooraa jedhamuu jalatti ijaaraman gochaa waayyaannee eerga balaalefatanii booda, waan hundumaan amma abbaan biyyummaa Oromoo dhugoomutti akka bira dhaabatanii waan barbaachisuun dagaran waada seenaniiru. Akkuma kanaan Oduu dhugaan achi irraa nu qaqqabee

a. Waayyaanneen akkuma ammala sheenaa kana keessatti saamicha itti fuftee jirti; maqaa mana bulchiisa aanaa ijaarra jechuun; - Qonnaan bulaan tokkoon tokkoonsa hanga qarshii 120 - Daldalaan hanga qarshii 350 - Barsiisonni ji'a hin murtoofneef miindaasaniira 15% akka kaffalani gochuun dabaloonni waayyaanne maallaqa uumata irra saamani ittiin mana jireenya isaanii ijaarachaaf garaa isaanii guddifachaa jiru waan ta’eef adaraa gurra uumataan nuuf ga'a.

b. Waxabajjii 2006 kaase hanga har'atti murtii tokko malee aanaa kana keessaa barattoonni 46 fi barsiisoonni 2 utuu badii tokko hin dalagni mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiraachuunis nu qaqabee jira.

""""""""""

Ilmi Oromoo Biyyaa Arhatamaa Jiru! Ilmi Oromoo Baqalaa Gizaw Yebasaa Jedhamu kan Doonii Ethiopia irra hojjachaa turee sirna wayyaanee lagachuun gaafa guyyaa 4, DEC 06 Belgiumitti magantaa (kolu galtummaa) gaafatee. Akkasumas dararaa fi ukkaamsaa dabballoota (kaadirooti) wayyaaneen irraan gahanaiin hacuccaan ilamaan Oromoo wayyaanotaan irratti hojjetamaa jiru balaaleffachuun kan magantaa gaafate ta'uu hubachiisuun qabsoo bilisummaa Oromoo kan Addi Bilisumma Oromoo godhu keessatti hirmaachuun haqa ummata Oromoo harka Oromo galchoof falmatu ibsateera. Haala kanaan BEKELE GIZAW YEBASSA kanan jedhamu sobaan wayyaanotaan yakkamee dhaaba ABO jedhamu kan ummata Oromoon deeggaramu fi biyya keessatti jabinaan socho'aa jiru waliin uummata jeequun hojjachaa akkasumas meeshaa jeequmsaaf biyyoota adda addaa irraa ABOf fiduun badii ummata irratti waan dalageef yakkamaa dha jedhamuun doorsifamaa ture. Waan sobaan yakkame kanaaf ammoo akka lammata itti hin deebine yoo deebihe tarkaanfiin barbachisaa ta'e akka irratti fudhatamu waan keekkachiisameef lubbuu isaaf sodachuun biyya isaa dhiisee bahe ibsateera.

FUL 1999 ALH TTI hojiif gara biyya alaa yeroon deemee ture miseensooni TPLF (NOV.1999 ALH) sanyiin isaanii Tigree ta'an halkan otoo dooniin DJIBOUTI irra gara EUROPE otto deemaa jirruu halaka bakka ciisutti natti seenuun meeshaa waranaa biyyatti galchaa ture ABOtti ragaa waan kenniteef midhaan irra ga'ee jira naan jedhanii harka koof luka koo hidhanii nareebanii yoom akka isaanitti himtte nutti himi ta'uu baanaan bishaanitti si barbanna jechuun natti taphataa turani. maqaan isaanii:

YONAS LIBEN, GOJELA BESHIR, ABREHA BIRHANE NAMOONNI JEDHAMAN MISEENSOONNI TPLF darara narra geesisanii jiru ammas isaan wajjin doonii irra jiraatee hojjachuuf lubbuu isaaf waan isa sodachiseef akkasumas biyyattis mana warra isaa sakkata'aa waan turaniif ammalle lammii isaa fi firoottan isaa irratti gidiraan adda addaa gahaa waan jiruuf, biyya abbaa isaa gad dhiisee socho'uuf dirqamee akka jiru hubatameera.

"""""""

Wayyaanonni Lubbuu Ilmaan Oromoo fi Ilmaan Cunqurfamoo Maallaqaan Bituu Barbaadu!

Wayyaaneen Ilmaan Oromoo fi Ummattoota Cunqurfamoo Lola Somaliyaatti Guuruun ibiddatti naquuf, ilmaan cunqurfamoo hojii Isinii argineerra, leenjii gabaabaa fudhadhaa, mindaa guddaa argattu jechuun dargaggoota akka walitti guuruuf beeksisa baasaa jiran hubatame. Haala kanaan yeroo ammaa kana loltuu leenjisuuf Finfinneettii qarshii 1000, Bishooftuu fi naannoo bishooftuutti 700 isin qacarra jedhanii beeksisa maxxansanii jiran hubatameera. Huursoottis qondaaloti wayyaanee leenjifamaa jiruun hubatamera.

Gadaan gadaa Bilisummaa ti!!
Inijifannoo Uummata Oromoof!!


 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net