Muddee 16, 2006 (Oromiyaa) – Dabballoonni Wayyaanee Karaa Abbootiin Amantii Lukkummaan Akka Hojjetamu Hojjechaa Jiru! Namootni tokko tokko dhimma isaan ilaallatu dhiisanii akkasumaan dhimma qabsoo Oromoo keessa galuu dhaan ofiis Oromoo ta’anii gufuu saba Keenya dura ka’aa jiran kan ilaallatu dha namoonni kunis namoota waldaa amantaa keessa hojetanii fi namoota abbootii amantii ta’nii dha.
Isaaanis:
1ffaa obbo Maarqos Kitilaa daarakteera misooma waldaa makkanee yesuus Birbir Diillaatti daarakteera misoomaa kan ta’e
2ffaa Luba Mulaatuu Gaaddisaa Pirazidaantii sinoodosii birbir diillaa kan ta’e
3ffaa luba Indaaluu Mankir luba waldaichaa kan ta’e yammuu ta’n namoonni kun yeroo baayyee irra deddeebi’uu dhaan mootummaan kun uummata Keenya waan godhe hin qabu mootummaa nagaadha jechuu irra dabranii akka dabbalee amanamaa tokkoo OPDOdhaaf ta’uu dhaan yeroo ammaa kana wayyaaneedhaaf ummata waldaa kiristaanaa keessa dhaabatanii lallabaa fi jiru kanaaf uummanni naannichaa fi amantoonni sabakaa sana jalala jiran namoota kana akeekkachiisanii irraa deebi’uu hin dandeenye kanaaf namoonni kun armaan booda kan hin deebine yoo ta’an ejjennoo mataa keenyaa kan irratti fudhannu ta’uu Keenya akka nuu beekamu jechuun akeekkachiisaniiru.
**********
Hidhaan Oromiyaa Mara Keessatti Itti fufe!
Akkumaa beekkamuu yeroo ammaan tana Wayyaanen abdii kutuun namoota mana hidhaattii guuraa jirti. Haaluma kanan tibba kana Godiina K/Shawaa onoota garaa garaa
keessaa sabboontota qabanii hidhaatti guuraman keessaa; Ona kuyyuu keessaa
1. Daldaala Nagaash Gaarii
2. Barsiisaa Salamoon Gonfaa
Ona Dagam keessaa gaafa guyyaa12/12/2006 wajjiraa qabamee poolisa fedraalan kan ukkaamfamee bakka buuten dhabame DABALAA XAAFAA FI Barattuu Tolashii Taammiruu
yoo ta'an.
Maagaalaa Fiichee irraa ammoo poolisa mana sirreessa Fiichee kan turee BAARAKAA ZAWUDEE haga ammaa eessattii akkaa hidhaman hin beekkamne.Kanaa malees
Magaala Hidhabuu Abootee galgala sa'a 1:00 booda Magaala keessan akkaa namni kamiyyuu hin sochoone ajaajni darbeera.
**********
Wayyaanee fi Lukkeen Ummata Oromoo Naannoo Shawaa Lixaa Hiraarsaa Jiran!
Wayyaaneen qajeelfama haaraa dhihooo kana baafateen namoota gurguddoo kan akka doktoraaaf, barsiisaa, daldalaa fi qotee bulaa qabdee hiraarsaa jirti. Guyyaa sadii asitti namoota heduu qabdee bakka adda addaati fidee godina irratti qorachaa jiru. Gochaan isaanii kun immoo kufaatii irraa ishee waan oolchu hin ta’u kanaaf jedhu qabsaa’onni shawaa lixaa nuun hidhaa fi reebichi akkasuma ajjeechaan qabsoo keenya ni cimse malee duubatti hin deebine kanaaf nama qabuu fi reebuu irraa bu’aan hin argamu diinni kana baree abdii isaa akka kutatu jenna warra hidhamaniin immoo jabaadhaa gatiin keessan bilisummaa dha jenna.
FDGn waan laafe miti bifa isaa jijjiirratee lafa jalaan wayyaanee raasaa jira isaanumti mataan isaanii jeequmsa barattoota harka meeqa nuuf wayya adeemsii ammma lafa jalaan ta’aa jiru kun miseensa keenya keessa illee galee baayyee nu diigaa jiraa jechuun dubbatu inni kun kan duraa irra kan bilchaate dha jedhu.
**********
Ejjennaa fi Odeessa Godina Kibba Bahaa!
Godina Baalee aanaa Gindhiir Dargaggoonni Magaalaa Gindhiirii fi naannoo ishiitti
argaman bakkoota garaagaraa irratti walitti dhufuudhaan waa`ee qabsoo bilisummaa Oromoo irratti baldhinaan erga mari`ataniin booda TBD kan deeggaraniifii fiixa bahiinsa isaatiifis kan qabsaawan tahuu ibsachaa lola maatummaan Wayyaanee ummata Oromootiifii dhaaba keenna ABO akkasumas ummata Somaaliyaa tiifii Ummata Ertiriyaa irratti labse balaaleffatanii ilmaan Oromoo waraana wayyaanee keessa jiran hundaafuu akka armaan dura Jeneraalotaa fi Koroneelota dabalatee walumaa galatti fakkii Seena qabeessa ilmaan Oromoo waraana wayyaanee keessaa of baasuun fudhatan akka hodoftanii jechuudhaan maqaa dhaaba keenya ABO tiin yaamichaa lammummaa tiifii dhaammannaa seeanaa kana dabarfannaa jedhanii jiru.
Sabboontonni kunniin kana males guutummaa Ummata Oromootii fi sabaafii sab lammoota Biyyattiii cufaaf yaamicha qabsoo bilisummaa gochaa lolicha kanas akka balaaleffatan gaafatanii jiru. Godina Gujii aanaa Liiban magaalaa Nageellee booranaa keessatti mootummaan wayyaane ogeessota Fayyaa dhalootaan Oromoo tahan hiraarsaa jiraachuun itti fufee jira. Haaluma kanaan dhiheenna kana ergamaan wayyaanee tokko shamarree Oromoo takka gudeedee maatiin shamarre sanaa himannaa himannaa irratti dhiheessaniin akka ogeessa fayyaatiin mirkanaahu jedhee ajaja waajjirri Poolisaa kenneen yeroo gudeedamuu isii ogeessonni mirkaneessanitti humnoonni tikaa wayyaanee Dooktaroota qaamaan itti dhufuudhaan murtiin isin kennitan sirrii waan hin taaneef shaffeessaan akka jijjiirtan jechuudhaan sodaachisanii jiran. Itti fufuudhaanis ogeessota kanniin waan murtiin keessan sirri hin tahiniif waggaa tokko keessatti mindaa keessan irraa Qarshii 1000 tokko kafaluu qabdanii jechuudhaan wayyaneen saammacha itti fuftee jriti. Wayyaanee fi Lukkeen qawween fayyaa namaa sakata'uu eegalan fakkaata.
***************
Maadhee FINCILA BARATTOOTA AJJEE Lola Somaliyaa Morman!
Maandhee haliilaa Lakko tokkoo jalatti ijaaraman keessaa kan Ajjee irraa diinaan
ari`aame siin jedhe sanaafii kan baraa tokko akka Maandheetti ijaaramanii waan isaanirra eeggamu cufaa bahachuuf maqaa Maandhee Fincila Barattoota ajjee jedhuun ijaaramanii jiran.Haaluma kanaan maandheen tun guyyaa ardhaa kana jechuun 14/12/2006 marii gooteen lolli Soomaaliyaa kan Ummata Oromoo hin ilaallanneefii kan bu`aas hin qabneef waan taheef walumaa galatti Ummanni keenya Ummanni Oromoo Bifa kamiinuu lolicha
kana irraa akka hin hirmaanne jechuudhaan dhaammatanii jiran.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Maadhee FINCILA BARATTOOTA AJJEE |