Muddee 16, 2006 (Oromiyaa) - Godina Baalee Magaalaa Gindhiir Keessatti Wayyaanee fi Lukkeen Ummata Nagayaa Hiraarsuu Itti Fufanii Jiru!
Godina Baalee magaalaa Gindhiir keessatti mootummaan wayyaanee ummata nagayaa hiraarsuu itti fufee jira Haaluma kanaan Roobii dheengaddaa loltoonni poolisii wayyaanee wanni lola Soomaliyaa deeggaruu isin dhoorge ABO tiin hariiroo qabdanii jechuudhaan dargaggoota oromoo magaalaa Gindhiiriifii naannichaa hiraarsaa jiran .Haaluma kanaan Dargaggoo Oromoo tokko kan maqaan isaa Seeyfuu Abdullaahii jedhamu mana jireenna isaatii qabanii ati ABO tiin hariiroo qabdaa jechuudhaan tumanii miidhaa guddaa erga irraan gahaniin booda mana hidhaatti darbanii jiru.
Dargaggoon loltootaan tumame kun yeroo ammaa kanatti bakka itti hidhametti haala hamaa irra jiraachuunis sabboontota naannichaa irraa hubatamee jira. Wayyaaneen itti fufuudhaanis erga Ummanni naannoo magaalaa Gindhiir lolicha isaan Soomaliyaafii dhaaba isaanii ABO akkasumas mootumaa Ertiriyaa irratti labsan ifatti Balaaleffatanii as hiraarsa bifa adda addaatiin itti fufanii jiru.Haaluma kanaan Ummata hiyyeeyyii magaalattii keessatti Gaarii Fardaa oliif gadi arihuudhaan jireenna isaanii gaggeeffachaa jiraniinis Gabateen ammaa kun jirjiiramuu qabaa jechuudhaan gabate sana jijjiiruuf immoo qarshii 100 /Dhibba tokkoo /ol gaafachaa akka jiraniifii gabatee arman dura itti tajaajilamaa turanis qarshii 120n akka baafatan ibsa wayyaaneefii ergamtoonni ishii saamichaaf qophaawoo tahuu isaanii ifatti labsachaa kan jiran ardhaa waan hin taaneef cimnee dura dhaabbannaa jedhanii jiran .Haa tahuu malee Sabboontonni naannichaa dabalanii Hidhaafii ajjeechaan QBO irraa akka of booda nu hin deebifne diinnis tolchee akka hubatu feenaa jechuudhaan haammatanii
jiran.
**************
Hidhaan Oromiyaa Mara Keessatti Itti fufe!
Akkumaa beekkamuu yeroo ammaan tana Wayyaanen abdii kutuun namoota mana hidhaattii guuraa jirti. Haaluma kanan tibba kana Godiina K/Shawaa onoota garaa garaa
keessaa sabboontota qabanii hidhaatti guuraman keessaa; Ona kuyyuu keessaa
- Daldaala Nagaash Gaarii, 2. Barsiisaa Salamoon Gonfaa
Ona Dagam keessaa gaafa guyyaa12/12/2006 wajjiraa qabamee poolisa fedraalan kan ukkaamfamee bakka buuten dhabame DABALAA XAAFAA FI Barattuu Tolashii Taammiruu
yoo ta'an.
Maagaalaa Fiichee irraa ammoo poolisa mana sirreessa Fiichee kan turee BAARAKAA ZAWUDEE haga ammaa eessattii akkaa hidhaman hin beekkamne.Kanaa malees
Magaala Hidhabuu Abootee galgala sa'a 1:00 booda Magaala keessan akkaa namni kamiyyuu hin sochoone ajaajni darbeera.
************
WAYYAANEEN UMMANNI WAAN LOLA SOMALEE IRRAA MORMII MULDHSEEF DOGOGGORSUUN ILAMAAN ISAA IBIDDATTI OOFUUF IRRATTI HOJJETAA JIRTI
Haala kanaan G.W.Lixaa Ona Laaloo Assaabii kessatti "dhaabbata mit-mootummaatu hojiidhaaf dargaggota 2000 barbaada waan ta'eef warri kutaa 10 xumurtanii jirtan akka galmooftan" jechuun Wayyaaneen humna nama waraanaaf gaafattee dhabde leenjii dhaaf sababa jedhuun dogoggorsitee galmeeffachuuf yaalaa jirti .
*************
Lukkeelee Saaxilaman!
Lukkeewwan wayyaaneef bitamanii manoota hidhaa irra deemanii sabboontota Oromoo basaasan saaxilaman.Isaanis:
1.Magarsaa Bayyanaa ...Wallagga Bahaa ganda Haroo Aagaa
2.Damoozee Kumsaa.......W.Bahaa sulula Fincaa'aa
Lukkeewwan kanneen guyyaatti durgooqr.50 wayyaaneerraa fudhachaa sabboontota Oromoo Oromummaan qofa yakkamanii dararamaa jiran mana hidhaa keessaa akka hin baane basaasanii wayyaaneef gabaasaa jiru.Akka kanaan gidduu kana Adaamaa deemanii hojii farraa kana hojjachuu irratti bobba'anii jiru.Oromoota wayyaaneen ukkamfamanii mana hidhaa shaambuu keessatti yeroo dheeraaf dararamaa jiran yeroo adabaa wayyaaneen itti murtaahe xumuratan illee ,akka hin hiikamne taasisanii jiru.Wayyaaneen farreen ummataa kanneen akka nama hidhameetti hidhamtoota waliin jiraachaa yaada isaanii akka basaasanii gabaasan dirqama itti kennitee jirti.
Lukkeewwan kanneen hojii farrummaa irraa yoo hin deebine tarkaanfiin barbaachisaa ta'e kan irratti fudhatamu tahuu sabboontotni akeekkachiisanii jiru.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|