Muddee 15, 2006 (Oromiyaa) - Godina Arsii Lixaa Ona Sraaroo Ganda Shaashaa Goyiqee keessatti Fincilli Ummataa Jabaatee kan itti fufee jira Ummatni Oromoo Ona siraarroo Sadaasa 9 bara 2005 irraa eegalee tooftaawwan adda addaa baafatuun kan itti fufe yoo ta'u Bara Keessattuu Ummatni Ganda Shaashaa Goyiqee keessa jiraaqtu Lukkeewwan Diinaa Ummata keessa Deemaa basaan irratti tarkaanfii Du'aa fudhataa turaniiru Lukkeewwan bara dabre tarkaanfiin
irratti fudhatame keessaa Bulchaa Gandaa Shaashaa oyiqee Maammanuu Fusee , Hidhattotaa Gandaa Kadiir aacifoo fi Nuuree Dhaqqaboo jedhaman yoo ta'an Manni irratti gubame kudhanii oli nita'u.
Ummatni Oromoo Ganda Shaashaa Goyiqee keessa jiraatan Sadaasa 30 ,bara 2006 Fincila isaa bifa haarawaan itti fufuudhaan Lukkeewwan Diinaa Ummata Sidaamaa, Ummata Oromoo, fi Ummata Hadiyyaa fi Walayiittaa gidduu Deemuun Ummata walitti Buusaa turan Shan Irratti Tarkaanfii Irra Deebii hin qabne Du'aan adabanii jiru. Kana Booda mootummaan Wayyaanee Fincilli Ummataa kuni akka malee naasise waraana isaa Zoonii Sadi'iin Ummata irratti bobbaasee jira Ummatni Oromoo Ganmda Shaa shaas Sabaaf sablammoota biroo kanneen akka Saba sidaamaa, Walaayyittaa fi hadiyyaa Dabalatuun Fincila isaanii cimsanii gara bosona naannoo isaanii jiru Seenuudhaan Waraana wayyaanee Zoonii Arsii Lixaa , Zoonii ambaataa, Zoonii Walaayyittaatiin Marsee afoo dhaabbatuun Gootummaan
Falmaa hadhawwaa godhanii jiru keessattuu Gootichi Oromoo obboo Shugguxee jiboo Sadaasa 9 ,bara 2005 irraa Eegalanii Sabboontota oromoo Kakaasuudhaan Tarkaanfii adda addaa Lukkeewwaan diinaa irratti fudhataa kan turan yoo ta,u SADAASA 30, BARA 2006
AKKKUMA Lukkeewwan Diinaa irratti tarkaanfii fudhataniin gara bosona bahanii ummata isaanii wajjiin Falmaa Godhaa turaniiru Mootummaan Wayyaanee Kana afoo dhaabbatuu Dadhabe Muddee 3fi 4 qabeenya Obboo shugguxee Jiboo Sangootaa fi Re'oota isaanii Qaluun Waraana wayyaaneee Naannicha irratti Qubate Nyaachisaa turaniiru Haadha mana isaanis gara waajjira Poolisii Ona siraaroo fiduun dararaa guddaa irraan geessisaa kan tuiran yoo ta'u Gootichi Oromoo Obboo Shugguxee Jiboo Sadaasa 30 bara 2006 irraa Kaasanii hanga Muddee bulii 5, bara 2006tti Gootummaadhaan waraana afoo dhaabbatanii osoo Falamatanuu Muddee bulii 5 bara 2006 sa'aa 9 irratti Sabboontota biro 4 wajjiin waraana
wayyaaneetiin Wareegamanii jiru. Gootichi Oromoo Saba isaanii biratti Gootummaa fi sabboonummaa isaaniitiin kan Jaalatamanii fi kan kabaajaa guddaa Qaban yoo ta'an Bilisummaa Saba isaaniif jecha Osoo harka hinkennatiin Gootummaan waraana wayyaane 6 ajjeessuun Lubbuun isaanii dabritee jirti. Sabboontota Obboo Shugguxee Jiboo wajjiin hanga dhumaatti oosoo waraana wayyaaneetiin falmatan du'an keessaa Obboo Soomanoo Budaachoo Lammii Hadiyyaa yoo ta'an Darggaggoo ashannaafii Naabaa kan jedhamu immoo lammii Walaayittaatti kanneen hafan Lamaan Oromtoota yoo ta'an Lammii Sidaamaa fi Oromoo keessaa kanneen Madaayan hedduudha.
Waraanni Wayyaanee Du'a Gooticha
oromoo obboo Shugguxee Jiboo dhagaye Loon Ummata qalatuun Gammachuu isaanii Dhukaasa Dhukaasaa bulaniiru Gara Magaalaa Ajjees dhufuun Guyyaa gabaan Magaalaa Keessa Deemuun Dhukaasa addaan hincinne yeroo Dheeraaf dhukaasaa kan turan yoo ta'u Ummata Shoroorkeessuunis magaalichi Gara Fincilaatti harkaa jijjiiramtee jirti qabeenyi ummataas Saamamee jira. Mootummaan Wayyaane Reeffaa Gooticha Obboo Shugguxee
Jiboo saboota kaanis Maatii isaaniitiif kennuu Dhorgatee kan jiru yoo ta,u Ummanni Ona Siraarootis Du'a Gooticha Oromoo obboo Shugguxeefi Reeffaa isaa dhooggatuun Mootummaa
Wayyaane Qbsoo kaaneef irratti nucimsa malee ufduuba nun deebisu jechuun dhaadatanii jiru Qabsoo gootichi keenya waraana Wayaaneetiin osoo Falamtu irratti Wareegame kana hanga Bakkaan geenyutti Cimsinee itti fufna Gumaa Gooticha keenyaas nibaafna TBD Ummatni keenya hujii irra olchuun FDG Saboota biro wajjiin Jalqabne kanas Cimsinee itti Fufna Lubbuu Gooticha keenyaa Obboo Shugguxee Jiboo Rabbiin Jaannataan nuuf haaggammachiisu jedhanii jiru.
***************
Godina arsii Lixaa onaoota Kofalee adda adda keessatti FDG Bifa haarawaan Jabaatee itti fufee jira akka kanaan Muddee bulii 1 bara 2006tti Barattoonni mana baruumsa Bombootaa Alaabaa ABO Mana baruumsaa keessatti Oli baasuun Dhaadannoolee adda adda haggeessisaa Olaniiru. Sabboontonni Maatii Barattootaa Tarkaanfii Boonsaa barattoonni isaanii fudhatan kanatti akka malee kan gammadan Mooraa mana baruumsaa seenuudhaan Adaan nuu eebite jechuun Barattoota |Cinaa Dhaabbatanii Geerraraa dubartoonni
immoo Ililfataa Olaniiru. Lukkeewwan diinaa Alaabaa Buusuuf Hedduu Carraaqanis osoo hinmilkaayin alaabichi Gana saa'aa Sadi uirraa Hanga saa'aa jahaa Balali'aa Oleera.
Kanumaan kan wal fakkaatu Onuma Kofalee ganda Qotee Bulaa Hacaqata jedhamu keessatti FDG Ummaatan jabaatee itti fufee jira akka kanaan Muddee 3,2006tti bakka
Gabaa Halanganaa jedhamu keessaati Alaabaa ABO Oromoo gabaa garaachatti baasuun Guyyaa guutuuf ummanni Daaw'ataa Geerraasaafii Dhaadannoowwan adda adda Dhageessisaa Olaniiru Sabboontoonni Oromoo tokko tokko Alaabicha argan Obsuu dadhabanii jalatti Kufuudhaan Booyaa turaniiru Alaabichi guyyaa guutuuf Gabaa Garaachatti Fannifamee Balali'aa kan Ole yemmuu ta'u Lukkeewwan diinaa akka hinbuufne Bira Dhaabbachuun irraa ittisaa Olaniiru. Lukkeewwan diinaa Alaabicha akka buusan ergamanis Ummanni Humna isaanii Oli waan ta'eef Ummatuma waliin daaw'ataa Olaniiru. Dhumarrattis Yeroo ummanni Gara Mana isaanii Galuuf ka'u Alaabicha buusuun Kabajaan gara
mana isaanii galaniinii jiru. Gama biraan Godinuma Arsii Ona Kokkosaa keessatti FDG
Bifa Haarawaan Jalqabee jira Ummatni magaalaa Kokkosaa Suuraa barattoota Oromoo FDG irratti Wareegaman Magaalicha keessa facaasaniiru Waajjiroota mootummaa Adda ddaa keessaa fii balbala gubbaatti maxxansuun |Mootummaa wayyaanee akka malee Naasisanii jiru Kana Malees Waraqaa gumaa barattoota keenyaa nibaafna jedhuufi Yeroon Lukkeewwanii dhumattee jirti jedhu Facaasuun Mootummaa wayyaanee Naasuu Guddaa Keessa |galchanii jiru Keessattuu suuraawwan Barattootaa Biiroo isaanii keessatti facaa'e hedduu kan isaan naasise yoo ta'u Kana boodas Seensafi magaalaa Kokkosaa Irratti Waraana Poolisii feediraalaa Hadi naquudhaan Ummata dararaa jiru Seensa magaalaa
Kokkosaa irrattis Sakattaa fi Saaminsa adda addaa Ummata irratti gaggeessaa jiru. Konkolaachiistoota Gara magaalaa Kokkosaa dhufan isintuu barruu fuudhee dhuifa jechuun badii tokko malee Hayyama Konkolaachistootaa irraa guuruun Qr 200 lama lama
Kaffalchiisaa jiru.
*******
Dararaa Ilmaan Oromoo Irra Gahaa Jiru!
Yaroo ammaa kana Wayyaaneen muddama keessa seenuun waanuma gootee ummata shororkeessitu barbaacha mana jireenya sabboontota Oromoo bakkoota adda addaatti gochaa jirti.
Haala kanaan Finfinnee keessa manaa fi bakka hojii sabboontotaa sakatta'uun waraqaa eenyummaa isaanii funaanuun irraa fuudhaa ilaalaa doorsisaa akka jirtu hubatameera.
Haaluma wal fakkaatu ammoo irra hamaa ta'een gaafa 03/04/99 ALH guyyaa irraa sa'aa 12:00 irratti humni 'nageenya' wayyaanee mana Obbo Nuradiin Abdurahamaan dirree jedhamu kan magaala Harar ganda arattanyaa jiru marsuudhaan abbaa mana Nuradiin Abduramaanii fii Haadha mana isaa iftuu jedhamtu warreen isaanii wajjiin mana keessa jiru nama torba (07) waliin qabanii mana hidhaa qajeelcha poolisii naannoo Hararii eega hidhanii bulchan booda ganama kana sa'aa 04 irraa eegalee obbo Nuuradiin Abduramaan kan jedhamu Harka isaa kaatenaan hidhanii biiroo dahinnatii iddoo shaash garaaji jedhamu geessanii dararaa irratti agarsiisaa jiran kana malees obboleeytii isaa tan najahaa Abduramaan jedhamtu akka ciree isaa geeysuu qajeelcha poolisii naannoo Hararii dhayxe atiis miseensa abo ti jechuun qabanii kaateenaan harkaa miila isii hidhuun waajjira basaasaatti dararaa jiran.
Kun gohaa shororkeessummaa abdii kutannaa akka ta'es irraa hubatamee jira!
***************
IBSA EJJENNOO MAADHEE
Nuti miseensonnii maadhee biiftuu bilisummaa alatti gurmoofne lakkoofsaan maadheelee 53 kantaane wagaa 1 ffaa F.D.G barattootaa fi hawaasa oromoo Sadaasa 9.2006 kabajame sababaeefachuun walgahii haala yeroo ilaalchisee taasifannee turre irratti balinaan marii keenya erga gaggeessinee booda ibsa ejjennoo armaan gadii sagalee tokkoon baafanneerra.
1. Gumaa sabboontota oromoo sochii F.D.G keessatti wareegamanii baasuuf yoomiyyuu qabsoon keenya ittifufa!
2. Shiraa fi gooltummaa abdii kutanaa mootummaan T.P.L.F tumsa bilisummaa fi dimokiraasii gufachiisuuf sabaa fi sab_lammoota gidduutti xaxaa jiruu fi dhiiga waldhangalaasisaa jirtu cimsinee ni mormina!
3. Olola lukkeen wayyaanee O.P.D.O.n maqaa misoomaa tiin afarsituu fi gachaan gara jabeenyaan saba keenya irratti raawwatamaa jiru qabsoo kenyaa irraa ofduuba nuhindeebisne cimsinee nibeeksifna.!
4. Ilmaan oromoo mootummaa wayyaanee tajaajilaa jiran fi sabboontota ormomoo irratti tarkaanfi adda addaa fudhachiisaa jiran kan akka itichaa bashaanaay galaasaa deebisaa barattu daraartuu urgahaa fi barataa Abdii boruu gochaa seena xureessu kana irraa yoo of qusachuu baatan tarkaanfiin keessa deebii hin qabne akka isanirratti fudhatamu irra deebinee ni akeekkachifna !
5 Gocha saamichaa mootummaan wayyaanee barullee eebbaa barattoota oromoo kan bara 2006 irratti raawwatte duula ilmaan oromoo akka wal-hinbarre gochuuf raawwatame waan ta'eef dura nidhaabbanna !
6 Qabsoo bilisummaa oromoo kallachumaa A.B.O.N gaggee famu hanga bilisummaatti waan nurraa barbaachisu maraan cinaa akka dhaabbannuufi gara kuteenyaan qabsoo keenya akka finiinsinu irra deebinee ni mirkaneessina !
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|