Muddee 12, 2006 (Oromiyaa) - Murtii Dabaa Ilmaan Oromoo Irratti Darbee fi Hidhattooti Wayyaanee Mana Dhuunfaa Marsanii Buluu!
Manni murtii Aanaa Ammayyaa magaalaa Gindootti argamu pireezidaantii mana murtii sanaa kan ta’e miseensa wayyaanee Katamaa Ayyaanaa iddoo abbootiin seeraa bitaa fi mirgaa hin jirretti gaafa guyyaa 14/02/99 A.L.H barattoota irratti murtii dabaa irratti murteessera. Murtii isaanii kunis kan fudhatama hin qabnee fi murtii haqaa akka hin taane, daba ilamaan Oromoo irratti dalagamaa jiru ta’uu sabboontonni hubachiisu.
Maqaa Murtii waggaa Qarshii adabbii
1. Galaanaa Dagafaa 5 500
2. Adaanaa Milkeessa 5 500
3. Caalumaa Moosisaa 5 500
4. Kabbadaa Abarraa 5 500
5. Tarrafaa Mul"isaa 5 500
6. Adaanaa Gutuu 5 500
7. Shallamaa Dirribaa 4 500
8. Asaffaa Kumsaa 5 500
9. Masfiin Faajjii 4 500
10. Tasfaa Ijjiguu 4 500
11. Dirribaa Dammasaa 5 500
12. Dirribaa Jabeessa 5 500
13. Alamuu Moosisaa 4 500
14. Zarihuun G/maariyaam 4 500
Haaluma wal faakkatuun yeroo ammaa kanattii waajjira bulchiinsaa keessatti hidhattooni bakka dhufanii hin beekamne baay’inni isaanii 50 olkan ta’an dhokatanii halkan halkan qofaa gadi ba’anii magalaa fi manneen dhuunfaa tokko tokko marsanii eegaa bulun hubatameera, kun sochii WBO naannoo sanaa sodachuun bakka humni Oromoo irraa nyaataa fi dhugaatii irraa argatu adda baafachuuf akka ta’e sabboontonni dhaamu.
***********
Lola Somaliyaa Irratti Hojjettooni Oromoo Mormii Isaanii Muldhisaa Jiran!
Godina Baalee magaalaa Gindhiir keessatti mootummaan wayyaanee hojjattoota isaa ofiifis akka lola Soomaaliyaa deeggaraniifii ummatas itti deeggarsiisaniif waltajjii xumura hin qabnetti durduura deddeebisee rakkisaa jira. Haatahuu malee ummanni naannichaa lolichis kan saba Oromoo hin ilaallannee fi kan bu`aa saboota Impaayeratii hundaaf hin qabnee jechuudhaan ifatti itti himaa jiran.
Haaluma wal fakkaatuun godina gujii aanaa Liiban magaalaa Nageellee Booranaa keessatti waltajjii hojjattootaa dhiheenna kana jalqabame itti fufee jira haa tahuu malee wal gahiin kun akka isaan yaadanittis xuramaa jiraachus baatu akka hojjattoonni kunniin waltajjii kana hifatanii yaada deeggarsaa kennataniif waltajjii xumura hin qabneen affeelaa jiran. Kun kanaan osoo jiruu hojjattoota qaama hawaasaa tahan kanneen gareedhaan gurmaawanis walitti qabuudhaan waa`ee hojii mari`annaa mata duree jedhuun yaamanii erga namoonni walitti qabaman immoo lola Soomaaliyaa irratti yaada qabdan ibsadhaa jechuudhaan sodaachiisuuf yemmuu yaalanitti wanni isin jechutti jirtan nuuf gala hin jiruu jechuudhaan walgahii dhiitanii bahanii jiran.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|