Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Akeekkachiisa Warra Sobaan Ilmaan Oromoo Qulqulluu Mana Hidhaa Keessa Jiran Irratti Ragaa Bahaa Jiraniif!

Muddee 12, 2006 (oromiyaa) - Sabboontotii fi baratoonni Oromoo FDG irratti hidhaman yeroo ammaa mootummaan abbaa irree wayyaanee ragaa sobaa irratti dhiyeessee yakkaan himataa jira. Haaluma kanaan ragaan yeroo ammaa godinaalee Oromiyaa sadii keessaa dhufan keessattuu Shawaa dhihaa aanaa Caliyaa, Ambo, Xiqur Incinnii, Jalduu, godina Shawaa Kaabaa fi Shawaa kibba-dhiha

Walisoo, Alem gana, Bacho, Kuyyuu, Fichee, akkasumas Arsii irraa dhufaa jiran waan ijaan argan otuu hin taane waan hin arginii fi waan hin dhagahin hunda itti dabaluun ragaa cimaa tahuun ilmaan Oromoo qulqulluu mana hidhaa jiran irratti bahaa jiran. maallaqaan Hammeenya wayyaanee kana galmaan gahuuf lukkeeleen tokko tokko bitamanii ummata Oromoo irratti raga sobaa bahuun yakka ol’aanaa dalagaa jiru.

Kanaafuu:

    1. Ragaalee waammate kana mootummaan walitti qabee durgoo cimaa guyyuun kennuufiin akka dhiyeeffachaa jiru;
    2. Ragaaleen dhufan kun warreen himati irratti baname gaafa qorannoo jala turan humnaan dirqisiisanii waan sobaa akka jecha isaaniitti kennisiisan article 27 kennan warra ragaalee shaakalsiisuun gariin isaanii barreeffatanii dhufanii akka dubbisaa turan;
    3. Ragaaleen dhufan kun harki caalaan isaanii poolisoota mootummaa ta`uun;
    4. Ragaalee warri dhufan kun yommuu naannootti deebi`anis hojii basaasaa irratti waan boba`anii jiraniif;

walumaa galatti kanaa fi kan kana fakkaatu tole jedhanii sobaan ragaa ilmaan Oromoo mana hidhaa jiran irratti dhiyeessuun yakkuuf hojachaa jiruu.

Kanaafuu ;

  1. Namnii kammuu sab-boontoota irratii ragaa bahuuf goorsa mootumaa fudhatee dhufuu diina qabsoo Oromoo ta’uu hubachiifna!
  2. Namoota goocha akkasii raawachaa jirtaan akka irraa deebiitan isiin akkeekachiisaa, yoo irra deebi’uu baattan, rakkoo issiiniifii matii kan keesanii irra gahuuf itii gaafatamaan mataa keesan ta’uu isiin hubachiifna!
  3. Kumn kufuus kumatu dhalata, kumn hidhamuu, kumni itii fufa malee qabsoon hin dhaabbatu. Kanaaf, warii dogoogooraan faallaa kanaa dhaabbatan akka irraa deebiitan isiin akeekkachiisna!
  4. Qabsoon keenya amaa kan maayiiti. Kanaafuu, mootummaa Oromummaan yaka jedhee lafaraa nu duguuguuf labsii labse ciinaa dhabbatanii hojachuun kana boodaa badii seenaan nama gaafachiiftuu ta’uu Oromoo cuftii beekee qabsoo saba isaa ti makamuun yeroon isaa amma ta’uu hubachiifna.
  5. Maadheen tarkaanfii Addaa ABO namoota sabboontota Oromoo irratti ragaa sobaa bahuun yakka hojjachaa jiran irratti tarkaanfii barbaachisaa ta’e hundaa kan fudhatu ta’uu ni hubachiifna.Kana booda tarkaanfiin diinota qabsoo Oromoo irratti fudhatamu bal’inaa fi qindoominaan kan itti fufu ta’uu addeessina.
  6. Ummatni Oromoo gumaa sabboontaota Oromoo sobaan yakkamanii mana hidhaa wayyaanee keessattti dararamaa jiranii baasuuf waan irraa eegamu hundaa akka bahu waamicha Qabsoo dhiyeessina.

*********

Wayyaaneen Dhala Oromoo Mana Hidhaa Jiran Dararuu Itti Fufan!

 

Sabboontota Oromoo mana hidhaa wayyaanee adda addaa keessatti argaman irratti sababa hin beekamneen hiraarsuu fi gidirsuun ciminaan itti fufee jira. Haaluma kanaan mana hidhaa wayyaanee Qaallittii keessatti yeroo dheeraaf kan dararamaa turtee fi kan murtiin du'aa irratti murtaa'e Aslii Mohammed rakkina basaastonni wayyaanee mooraa hidhaa sanaa keessatti uumaniin gaafa Adoolessa 23, 2006, rakkina uumamee tureef ragaa ta'i, hin taatu taanaan situ uume jechuun man dukkanatti darbuun reebicha hamaa dhala namaa irratti hin raawwatamne irratti raawwataniiru. Miidhama irra gaheen hanga har'aatti guddaa akka dhibamaa jirtu dha. Sababa kanaanis ol'iyyannoon mana murtii beellama qabdu irratti akka hin dhiyaannee fi maatii ishee wajjinis akka wal hinqunnamne dhorkamtee rakkina guddaaf saaxilamtee jirti. Kana malees yeroo ammaa kana shamarraan sabboontotaa kanneen mana hidhaa sana keessa jiran isintu gorsa, isintu kakaasa jechuun Sabboontota Aslii Mohaammed fi Tsahaay Gabree jedhaman dhimma hin beekamneen qorannoo fi reebichaan hiraarfamaa akka jiran maddi achi arganne ibseera.

********* 

Ibsa Ejjennoo Maadhee!

 

Wallagga Bahaatti sabboontotni Oromoo maqaa maadhee Birbirsa Saqalaa jedhutti ijaaraman QBO jabeessuuf maallaqa gumaachanii jiru. Isaanis:

Marsaa Galataa, Ibsaa Mul'ataa, Galataa Olii, Caalaa Kitoo, Hordofaa Bayyanaa, Waawoyyaa Nafaabaas, Dabaloo Margaa, Shaanqoo Hinkoosaa, Bakkalchoo Oborroo, Jiijjii, Oljirraa Margaa, Boonaa Dhugaa,

Abbaa Biyyaa daaddee yoo ta'an, Gumaacha Qabsoo Adda Bilisummaa Oromoof gumaachanii jiru. Sabboontotni kanneen walitti dhufanii haala qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn gaggeeffamaa jiruu irratti bal'inaan mariihatanii ibsa ejjennoos baafatanii jiru.

 

  • 1, Hanga Qabsoon Bilisummaa Oromoo fiixa bahutti tokkummaan kaanee diina keenya dhabamsiisuuf ni hojjanna.
  • Ilmaan Oromoo gabrummaa of irraa darbachuuf bakka jirrutti Fincila Diddaa Gabrummaa finiinsinee itti fufuu qabna,
  • Dhaabni keenyi ABO dirqama nutti kennu hunda ofitti fudhannee hojiitti ni hiikna,
  • Ilmaan Oromoo waraana wayyaanee keessaa bahanii WBOtti dabalamuun tarkaanfiin fudhatan nu boonsee jira. Ammas tarkaanfii akkanaa bal'inaan fudhachuun mooraa diinaa akka laaffisan waamicha ni dhiyyeessina.
  • Waraana wayyaaneen biyyoota ollaa irratti labsite ni balaaleffanna.

 

********

  Basaasaa Magalaa Dheeraa!

 

Magaalaa Dheeraa keessatti basaasa wayyanee kan ta'e Ajajaan Poolisa Aana kanaa Obbo Getiyyee Lammaa kan jedhamu isin miseensota ykn deeggartoota ABO jechuun maqaa ABOtin ummata rakisaa jira.  yoo gochaa farrummaa kana irraa dhaabbachuu didan tarkaanfiin keessa deebii hin qabne kan akka basaasicha Itti Gaafatamaa Damee Milishaa kan Aanaa dheeraa kan ture Esheetuu Dajan (Esheetuu Darajjee) irratti fudhatame isaan irrattis kan fudhatamu tahuu isaan hubachiifna! balaa isaan
irra gayuuf kan itti gaafatamu dhiirsa isaanii kan taate Tigree fi matama isaanii tahuu hubachiifna.

****************

Ibsaa Ummata Magaalaa Sabbataa fi Naannoo Ishee!

  • Uummati magaalaa Sabbataa waraanaa wayyaaneen labsite kan hin deeggarre ta’uu isaanii ibsani
  • Basaastoti ergamtooti wayyaanee gidiraa fi gochaa farrummaa sabboontota irraan gahan magaalaa sabbataatti itti fufanii jiru.
  • Sabboontoti Aaanaa Alamganaa fi Qarsaaf Qondaaltittii walitti dhufuun qabsoo uummata Oromoo ciminaan akka finiinu fuulduratti tarkaanfachiisuuf marii guddaa godhanii ibsa eejjennoo baafataniiru.

Wayyaaneen gidduu darbe kana uummati magaalaa sabbataa mootummaa cinaa ta’anii waraana Somaaliyaa, ABO fi Ertiriyaa irratti labsame kan deeggaran ta’uu beeksisaniiru jettee media wayyaaneetiin propoogaandaa sobaa oliif gadi labsaa jiraachuun ishee ni yaadatama. Haa ta’u malee uummati magaalaa sabbataa fi naannoo ishee walgahii isheen waamtee turte irratti kan hirmaannee fi wayyaaneen walgahii kaadirootaa fi basaastota galma tokkotti walitti qabdee amanamoota ishee erga mariisiftee booda akka waan uummanni magaalaa sabbataa waraana kana deeggaruutti media isheen maqaa uummatichaa ballleessuuf akka ta’ee fi yoomiyyuu waraana kana gama kamiin iyyuu kan hin deeggarre ta’uu isaanii fi  cimsanii kan morman beeksisaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun magaalaa Sabbataa keessatti basaastoti wayyaanee garaa isaaniif gidira uummata irraan gahan har’as yeroo kufaatiin wayyaanee jala gahe kanatti itti fufanii jiru. Haaluma kanaan Magaalaa kana keessatti kanneen dararaa cimaa sabboontota irraan gahaa jiran keessaa:

1.       Inspeectara Poolisii Salamoon

2.       Ajajaa 100, Baqqalaa 

3.       Barataa Shimallis Abdiisaa

4.       Barataa Dayyaas Tuuttaa

5.       Barataa Siyyuum

6.       Taammiraat Tamasgeen

7.       Burtukaan Ijjiguu kanneen jedhaman sabboontota hedduu mana hidhaatti guursisuun gidiraa cimaa irraan gahaa jiru. Ergamtooti kun hojii isaanii kana irraa hatattamaan kan hin deebine yoo ta’e tarkaanfiin keessa deebii hin qabne kan irratti fudhatamu ta’uu isaa sabboontoti naannoo sanaa ciminaan akekkachiisaniiru.

Aanaa alamganaa keessatti  ergamtoonni lukkee wayyaanee OPDO fi Tigrootaa lafa qonnaan bulaa irraa guuranii gurgurataa jiru. Kanfaltii tokko malee lafa qonnaan bultootaa naannoo Walattee jedhamu keessatti Investarootatti gurgurataa jiru. Sababaa kanaan qunnaan bultooti hedduun rakkina guddaa irratti kufanii akka jiran madden keenya achii nu qaqabe ibseera.

Gama biraan ammo Sabboontoti Oromoo aanotii lamaa walitti bahuun haala qabsoo uummata Oromoo finiinsan irratti erga mari’atanii booda waraana wayyaaneen ABO, Somaaliyaa fi Ertiraa irratti labse irratti ibsa ejjennoo baafachuun addaan bahaniiru. Sabboontoti Aanaa Alamganaa fi Qarsaaf Qondaaltittii gidduu kana walitti dhufuun marii guddaa godhanii ibsa ejjennoo baafachuun addaan bahuu isaanii madden keenya naannoo sanaa ibsaniiru. Marii guddaa taasisuun ibsa ejjennoo bafatan akka armaan gadii ta’a:

  • Qabsoo bilisummaa keenyaaf finiinee jiru kana galmaan gahuuf, tumsa dimookraasii fi bilisummaa ABO cinaa hiriiruun gama nurraa eegamu hunddaan wareegama barbaachisaa ta’e hundaa kanfaluunf qophii ta’uu keenya cimsinee beeksifna.
  • ABOn kallacha Uummata Oromoo ti, Oromiyaa bulchuuf dhaaba keenyaan ABOn ala mirga tokkollee hin qabu.
  • Warraanni wayyaaneen ABO, Somaaliyaa fi uummattoota cunqurfamoo irratti labsite gonkumaa nu hin ilaallatu, cimsinee mormina, uummata Oromoo marti cimsee mormuu qaba.
  • Hanga Oromiyaan bilisoomtutti wareegama barbaachisaa ta’e ni kanfalla, ololli wayyaaneen qabsoo bilisummaa Oromoo irratti adeemsisaa jirtu, du’aa fi hidhaan wayyaanee qabsoo keenyatti nu cimsa malee gonkumaa duubatti nu hin deebisu
  • Daandiin jaallan dhiigaan baasan galmaan gahuuf qabsoo keenya cimsinee itti fufna, kanaaf guutuu Oromiyaatti qabsoon keenya haalaan cimee itti fufuu qaba jechuun waamicha isaanii uummata Oromoo maraaf dabarsaniiru.

********

Ibsa ejjennoo Maandhee MON2006

Walgahii guyyaa Kalee sanbata duraa 30/03/99 ALH gooteen Haala mootummaan Wayyaanee Gaafa Afrikaa keessatti Adeemsisaa jirtu  Ballinaan Irratti Wal mariyattee Hubannoo Armaan Gadii Kana Irra geeysee jirti.

Wayyaaneen Duruma irraa kaastee Aangoo irra turuuf kan filatte sabaa fi sablammoota itiyoopiyaa keessa jiran addaan qooduun walitti buusuu dha. Kuni jalaa baramnaan karaa ollaa isiitti dabruun  suudaan, keeniyaa fi kanneen biraa irratti lola labsaa turte. Arra kuniis tahuuf dinnaan Maqaa gargaarsa mootummaa cee'umsaatiin gargaara jedhuun lola ilmaan Oromoo duguugsuuf karoorfatte Somasaliyaa irratti labsitee jirti. Lolli kun irra caalaa kan miidhu ummata Oromooti malee gara biraa miti. Kan isiin ibiddaaf irbaata godhuu deemtuus ummatuma Oromooti. Osoo madaan lola baadimmee nurraa hin qoorin kana nutti deebisuun tuffii ilmaan Oromootiif qabdu nu agarsiisa. Yeroo ammaan tana keessatti Araddatti nama 20 kan leenii waraanaa fudhatu fidaa jetteeti jalee isaanii OPDO dararaa jirti. Kanaaf waamicha keenya akka armaan gadiitti dabarsina.

1. Mootummaan wayyaanee ummata Oromoo hidhii, Ajeesuu fi dararuu malee  bu'aan nuuf buufte waan hin jirreef dargaggoonni Oromoo hundinuu waamicha isiin gootu diduun Fincila diddaa gabrummaa akka finiinsan waamicha keenya dabarsina.

2. Ilmaan Oromoo Raayyaa waraana mootummaa wayyaanee keessa jirtan lolli somaaliyaa irratti labsame kan isin hinlaalchifne waan taheef akka irraa qooda hin fudhanne, akka seenaa teessan ofi hin xureessine jenna. Meesshaa harkaa qabdan dina keessan wayyaanetti akka garagalchitan waamicha isiniif goona.

3. Warreen Miseensa OPDO taataniim dargagoota Oromoo dogongorsitanii  waraan isaan hin ilaalchifne keessa galchuuf tattaafataa jirtan akka gocha kana irraa of qusattan yoo hin taane tarkaanfii isinirratti fudhamtuuf  kan itti gaafatamtan matuma keessan tahuu akka beeytan jenna.

**********

 

 

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net