Mudde 9, 2006 (Oromiyaa) - FDG Aanaa Midaa Qanyii Keessatti Itti Fufe! - Aanaa Midaa Qanyii Keessatti diddaan uummataa itti fufee jira. Wayyaaneen bulchaa aanaa sanaa kan ture nama Asaffaa Agumaa jedhamu, miidhaa fi gidiraa guddaa uummata oromoo aanaa sanaa irraan gahaa turee fincilaa fi mormii uummataatiin akka ka'u taasifamee ture. Haa Ta'u malee wayyaaneen ammas nama ergamaa ishee ta'e kana Aanaa dhuma kanatti deebiftee bulchaa aanaa sanaa akka ta'u gootee jirti. Sababaa kanaan fincillii fi diddaan uummataa fi bulchiinsa aanaa sanaatiin finiinee jira. Haaluma kanaan kaabinoti aanichaa bakka lamatti wal hiruun namicha kanarratti mormii guddaa kaasaa jiru. Isaanis ati nama kana dura uummata hedduu ficcisiise dha, namoota keenyaa wajjin nama wal nu lolchiise dha. Kanaaf ati annaa kanatti deebitee kan hojjettu taanaan si waliin hin hojjennu hojii gadi dhiifna jechuun meeshaa walitti dhukaasuun wal mormii guddaa irra jiraachuun isaanii ibsameera.
Kuni kanaan osoo jiru aanaa dhuma kana keessatti sabboontoti barattoota Oromoo sadarkaa hundaatti argaman walitti bahuun maatii wayyaaneen ijoollee fi maatii isaanii jalaa manaa hidhaatti dararaa jirtuuf oomishaa isaan qaban sassaabuun hojii sabboonummaa isaan irraa eegamu raawwatanii jiru. Sabboontoti barattoota Oromoo kun gumaan lammiiwwan keenyaa nutu deebisa, isin maatiin sabboontotaa jabaadhaa, karaan dhiiga jaalleeniin banamte nu hiin galma geessi. Kanaaf nuti aanaa keenya keessatti gochaa boonsaa sabboonaa tokko irraa eegamu hojjennee jirra, sabboontoti barattoota Oromoo guutuu Oromiyaa keessattti argamtanis dirqama sabboonummaa keessan akka baatan jechuun dhaamsa isaanii dabarsuu isaanii maddeen keenya achii ibsaniiru.
**********
Wayyaaneen Barataa Gochaa Hammeenyaa Ilmaan Oromoo Irratti Raawwatan!
Gama biraan wayyaaneen nama Diriirsaa Qajeelaa jedhamu magaalaa Finfinnee keessaa karaa irraa qabdee guyyaa sadii harkaa fi miila kateenaan hidhuudhaan gidiraa dhala namaa irratti hin raawwatamne irratti raawaachaa turtee halkan sa'aatii 8n deebiftee finfinnee kutaa magaalaa laaftoo jedhaamutti gatuun ishee dhagahamee jira. Yeroo ammaa kana namni kun miidhaa irra gaheen rakkoo irra akka jiruu fi ammas hordofaa akka jirtuuf ofeeggannoon itti kennamee miidhaa irra gahe akka hin dubbanne jedhamee akka bahe ibsameera.
*********
Lukkee fi Wayyaaneen Ilmaan Oromoo Qee Isaanii Irraa Buqisaniin Daldalaa Jiru!
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Cawwaaqaa keessatti ergamtoonni wayyaanee dhalootaan Oromoo hin taane gochaa farrummaa ilmaan Oromoo naannoo sana jiran irratti raawwachaa jiraachuun isaanii dhagahameera. Haaluma kanaan aanaa Addaa Cawwaaqaa keessa kan jiraatan namoota wayyaaneen qeyee isaanii irraa buqqiftee qubachiifte yommuu ta’u yeroo ammaa kana aanaa mataa ishee dandeessee jirtuu fi jiraattoota abbaa warraa 15,000 qabdi. Ergamtoonni wayyaanee bulchiinsa aanaa Cawwaaqaa ofiin jedhan kan dhiiga Oromummaa of keessaa hin qabnee fi maqaa qubattootaatiin abbaa qabeenyaa warra ta’aa jirani dha.
Bulchiinsa Aanaa sanaa kan ta’an:
1ffaa Salamoon ( Bulchiinsa Aanaa Cawwaaqaa dhalataa Amaaraa )
2ffaa. Shimallis Misxiree ( dhalataa Tigree Kaabinee Aanichaa)
Kan jedhaman gidiraa fi saamicha guddaa uummata aanichaa irraan gahaa jiru.
Haaluma kanan:
Kilinikaa gargaarsa biyya alaatiin aanicha keessatti ijaarame hanga har’aatti qubattoonni aanichaa tajaajila tolaa argachaa turanii yeroo dhihoo as maallaqa kanfalanii akka fayyadaman godhanii jiru. Kanaaf yeroo ammaa kana qoricha bilisa qubattootaaf ergamu gara horii ykn maallaqaatti aangoo isaaniitiin jijjiirrataa jiru.
Qarshii miliyoona 8 gargaarsaan argamee abbaa warraa 15,000 sangaan ykn qotiyyoon gargaarsaan akka bitamee raabsamuuf argame keessaa saga ykn qotiyyoo 103 ( dhibba tokkoo fi sadii) keessaa hir’isuun namooti maqaan isaanii armaan olitti ibsame kun faayidaa mataa isaaniif akka oolchatan dhagaha’meera. Sangoota gargaarsaan akka raabsamuuf argame kana tokkoon ishee tilmaama qarshii 1,300 tiin daldaltoota irraa fuudhaa akka turanii fi walii galatti qarshii miliyoona 8 ergame keessaa 133,900 faayidaa dhuunfaa isaaniitiif osoo uummata biraan hin gahiin hambifachuun isaanii ibsameera.
Gama biraan ammoo waajira eegumsa fayyaa qubattoota kanaanf ijaarame keessaa halkan dhaquun namoonni maqaan isaanii tuqame kun meeshaa kilaashii 2 hidhatanii waardiyyaa kilinikichaa doorsisuun qorichaa fi meeshaalee wal’aansaa eegumsa fayyaa kilinika sana keessatti argamu konkolaataa tokko guutuu fe’anii baasuun gara isaan buusan haga ammaattiu osoo hin baramiin jira. Keessumaa namichi salamoon Abbabaa jedhamu kun yeroo ammaa caffee Oromiyaa galuuf badii guddaa uummata irratti saamichaa fi gidiraa guddaa raawwachaa jira. Kanaaf egaa uummati ykn sabboontoti aanaa kanaa namicha maqaa keenyaan daldalaa jiruuf qabeenyaa keenya saamaa jiru kana irratti ka’uu qabna, gochaa isaanii kana irraa hatattamaan kan hin deebinee fi qabeenya maqaa qubattootaan saamaa jiran hatattamaan kan hin dhaabne yoo ta’an tarkaanfii qabsoo cimaa kan irratti fudhatan ta’uu isaanii sabboonti aanicha keessatti argaman ibsaniiru.
Injifannoon uummata Oromoof!
Gadaan gadaa bilisummaa ti!!
|