Mudde 6, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaaneen Duula Oromoo Irratti Labsite Baha Oromiyaatti Eegalte! Har'a ganama (05-12-2006)wayyaaneem halkan salaasaa manneen sabboontota Oromoo marsanii buluun meeshaa awwaalamteee kanneen akka famjii, kilaashii fi rasaasa, dokomentii ABO jira jechuun sakataatee jireti. manneen kumn kana Abduramaan Ibraahiim (Abduramaan Dirree) Mohaammed kan jedhamuu fi Mana Baqqalaa Kan jedhamu Kan Magaala Harar Zoonii Naannoo Haakim jedhamu Araddaa 17 keessa jiranii dha. manneen kana keessaa walii gala nama 20 kanneen nagayaa fira isaanii gaafatuuf dhufanii fi kanneen koollejii dhunfaa keessa baratani dha. namoottan kana keessa baratoonni sadi koollejii Horni jedhamu keessa baratanii dha. mana Abduramaan dirreer keessaa nama 9 fuudhan tarreessa maqaa saanii akka nu qaqabeen isinii dhaamna. Uummanni kun hanga ammaa qajeelcha poolisii naasnnoo Hararii keessa jiran.
*********
Ummatini Beelaa fi Dhukkubaan Dhumaa Jira! Wayyeeneen Diramaa Hojjetuuf Lammii Biyya Alaa Naqamtetti Qabuu Ibsate!
Qubatoon Onaa Abee Doongooroo hangaa 3/12/2006 namoo ti 97 dhukkubaa fi beelaan onaa Abee Dongoroo keessaa qubataanii jiran du’un isaanii Qajeelchaa egumsaa fayyaa G/Wallaga Bahaa gabaasamuun isaa hubatame.
Gafaa guyyaa 3/12/2006 Magalaa Naqamtee keessati Nama lammiin isa Sudaan ta’e fi Lammiin isa Somalee ta’ee galgalaa sa’a 4:30 irrati tu’annoo jala oluun wayyaanooti haasahan. Kun shira wayyaaneen dalagdu ta’uu ummanni irratti dammaqeera. Wayyaaneen lola amma itti galuuf wixxifataa jirtuuf sababa godhachuuf diramaa (filimiif) qindeeffachuuf hojjetan dha malee namni ormi biyyaaf balaa ta’e akka hin jirree hubatamaa dha.
**********
Haala Wayyaaneen Keessa Jirtuu fi Oromoon Itti Wal Jabeessaa Jiru!
Akkuma beekuma wayyaaneen yeroo ammaa kana kan qabdee kan gadi-dhiiftu wallaaltee lubbuun kokkeetti rakkatee haada isheef ta’uuf jiru ormaaf fo’aa jirti. Kuni ammo matuma isheef haada osoo hin ta’iin sansalata itti ta’ee jira. Haaluma kanaan yeroo ammaa wantoota isheen lubbuu waan ishee dheeressu fakkaatee hojjetaa jirtu keessaa Muraasni:
1. Paartilee mormitootaa biyya keessa jiran shororkeessitoota wajjin lola nurratti labsaa waan jiraniif sadarkaa tokkoffaatti isaan rukatamuu qabu.
2. Raayyaa Ittisaa keenya irraa amanamummaa dhabneerra waan ta’eef haaraa ijaaruu qabna, keessumaa lammiin oromoo kan ta’an hunda warraa muudama ykn taayitaa qaban sadarkaa taayitaa isaanii irraa gadi-buufamuu qabu. Akkasumas hojii irraa ari’amuu qabu.
3. Somaaliyaa qofaa osoo hin ta’iin ABO fi Shaabiyaa, Adda Bilisa Baasaa Ogaaden, fi paartilee biyya keessa jiranitu lola nurratti labsaa jira jechuun proopoogaandaa sobaatiin guyyaa guyyaan uummata burjaajessuu yaalaa jiru, ta’us uummati waan hundaa addaan baasee waan beekuuf harkatti fashaleessaa jira.
Yaada Uummata Biyyattii Labsii Mannii Maree Bakka Bu’ootaa Dabarse irratti Walitti qabaman:
1. Lolli wayyaaneen adeemsisuuf deemtu nu hin ilaallatu, qabeenyaanis ta’ee ogummaan, humnaan akkasumas beekumsaan deeggarsa tokko illee hin kenninu, nuyi hanga dandeenye aarsaa kanfaluun dhaaba dhiiga ilmaan isaan ijaarame ABO duukaa hiriiruun waanjoo gabrummaa ofirraa buufna.
2. Labsiin lolaa ABO fi Ertraa irratti paarlaamaan wayyaanee labsatte uummanni biyya keessaa reefuu bilisummaa keenyaaf karaan saaqame jechuun deeggarsaa fi gammachuu qaban ibsaa jiru.
3. Maadheeleen jiranis yeroo ammaa akkaata Onaa keessatti ijaaramanii jiraniin karoora mootummaan wayyaaneen baafatte kana fashaleessuuf qophii ta’uu ibsaa jiru.
4. Raayyaan ittisa biyyaa keessumaa kanneen lammiin Oromoo ta’an eenyuun lolla, lolles bu’aan nuti irraa argannu maali? Bu’aan argannu yoo jiraate lubbuu keenya akka hin taanetti wayyaaneef wareeguu duwwaa dha jechuun mammaaksa “ Lama Na Hin Suufan Jette Jaartiin “ Jedhu kaawwataniiru.
5. Barattoota Oromoo iddoo jiran maraa irraa dhaadannoo Barumsi bilisummaan booda jedhu( 3B) jechuun kutannoo qaban bal’inaan ibsataa jiru.
6. Hojjetoota seektaroota garaa garaa ilaalchisee keessumaa ogummaa isaaniitiin hojjetaa warri jiran nuti qorannoo fi ergama maxxantoota wayyaanee dadhabneerra waan ta’eef gama barbaachisu hundaan aarsaa barbaachisu hundaa ni gumaachina, hanga Oromiyaan bilisoomtutti qabsoon Oromoo gama hundaan finiinuu qaba.
7. Miseensota paartilee mormitoota Paarlaamaa ilaalchisee, Kaayyoo qabanii fi tokkummaa qabaniifi akkaasumas imaanaa fi dirqama uummanni isaan bakka bu’an itti kenne bahaa jiru, ammas kan isaan irra eegamu hundaa qabsoo bilisummaa uummata isaaniif jecha gama hundaan kan gumaachan ta’uu isaanii ibsaniiru.
8. Poolisoota federaalaa fi Oromiyaa keessa jiran ilaalchisee, nuti kaleessa osoo hin beekiin qabsoo uummata keenyaa irratti gufuu guddaa taanee turre, har’a garuu kan kanaan duraaf dhiifama gaafachaa ammaa booda garuu qabsoo uummata keenyaa hanga bilisummaatti galmaan gahuuf duuba osoo hin ta’iin fuuldura hiriirra, meeshaan baanne wayyaanneetti garagalfanna jechuun murannoo qaban ibsaniiru.
**********
Akeekkachiisa Basaasaa fi Lukkee!
Go/W/Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaatti lukkeewwan wayyaanee OPDOn akkuman bartee warroota garaa isaaniitiin bitaman akkuma sa’aa sooggidda jala qabaniitti qarshiidhaan bituun gochaa farrummaa uummata aanichaa irratti raawwataa jiru. Baasaastuun Geetaachoo Ejjetaa jedhamu uummata aanichaa biratti dhokatee basaasaa kan turee fi gowwomsaa kan ture yeroo ammaa uummata aanichaa biratti saaxilamee jira. Basaasaan kun bara 1997 eegalee hanga har’aatti namoota sabboontota baay’inni isaanii 197 ta’an maqaa deeggartoota ABO ti jedhuun mana hidhaa wayyaaneetti gursisee daraaraa guddaan irraan geessiaa akka turee fi Galataa Itaanaa kan jedhamu qabatuma kanaan dabballoota wayyaaneetiin reebsisee mooraa mana hidhaa keessaatti lubbuu isaa kan dabarse akka ta’e keessa beektoti jala bu’anii nama kanaa fi hojii isaa hordofaa turan ibsaniiru. Haaluma kanaan namichi kun lubbuu sabboontotaa wan baasisee fi gidiraa irraan gahaa tureef badhaasni inni wayyaanee biraa argate bulchaa gandaa ta’ee muudameera. Namichi kun gochaa isaa uummanni aanichaa bakka hundaatti irratti dammaqee waan jiruuf hatattamaan gochaa farra Oromummaa kana irraa akka deebihu dhaamu. Yoo hin deebi’u ta’e tarkaanfiin qabsoo hadhaawaa kan isarratti fudhatan ta’uu isaanii sabboontototi aanichaa ibsaniiru.
*****
Wayyaanee fi Lukkeen Abdii Kutannaan Ummata Saamaa Jiru!
Guyyaa gaafa 25/03 /99 ALH galgala keessaa sa,a 9 yammuu ta’u dabballooni opdo fi poolisoonni Godina baha Wallaggaa ona Nuunnuu Qumbaa Waajjira KUO ykn ONC onichaa cabsanii seenuudhaan qabeenyaa achi keessa jiru hundumaa erga saamaniin booda barataa manni Warra isaa olla waajjirichhaa ta’e maqaan isaa Adimaasuu Abdiisaa jedhamu halkanuma sana itti dhukaasuudhan manaa baasanii hamma ammaatti lafa inni bu'e dhabamee kan jiru yammuu ta’u uummanni onichaa jabinaan naannoon isaa fi mana isaa akka eeggatu dhaamsa waliif dabarsaa jira. kun immoo abdii kutannaa diinaa kan agarsiisuu dha waan ta’eef ummanni jabaachuu qaba jedhaniiru.
Wayyaaneen dhalattota Oromoo Oromiyaa keessatti duwwaa osoo hin ta’iin Tigraayiittis saamuu itti fuftee jirti. Haaluma kanaan barattooti oromoo gara maqalee deeman lubbuu fi qabeenya isaanii wareegaa turani, ammas itti jiru. Akkataa kanaan bara kana keessa duwwaa (2006) barattoti oromoo 2 oromummaa isaatiin yuuniiversiitichatti wareegamuun isaanii ni yaadatama. Ammaa ammo gidduu kana wayyaneen barattota oromoo yuuniiversiiticha jiran 6 irratti saamicha qarshii 2100 fi meeshaa fi huccuu isaanii doormii seenuun Tigirooti akka saaman gootee jirti. Isaan saamichi irratti raawwatame kunis:
1. Indaaluu Taaddasaa ( qarshii 100)
2. Warquu Gabbisaa ( qarshii 300)
3. Haroo Duubaa ( Qarshii 500)
4. Kabbadaa Dhinsaa ( qarshii 400)
5. Alamaayyoo Toleeraa (huccuu inni qabu shaanxaa isa waliin )
6. Abbabaa Gabbisaa ( Qarshii 800 fi huccuu inni qabu shaanxaa isaa waliin ) Saamamuu isaanii madden naannoo sanaa beeksisaniiru.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|