Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila Diddaa Gabrummaa


Muddee 7, 2006 (oromiyaa) - Barattoota Oromoo Dararuu fi Hidhuun Itti Wayyaanee fi Lukkeef Hojii ta'e! Reebichii fi  hidhaan  aanaa Gindabarati  keesstti  barataarratti fudhtamu ciminaan ite fufee jira. Yeroo ammaa yakka  tokoo malee barattooti mana  hidhaa poolisii aanichaa keessatti dararaan irra gahaa jiru keessaa : 

 1. Barataa  Dhufeeraa  Nagaraa,  2. Haabtaamu  Geetuu, 3. Abbabaa  Fayisaa, 4. Caalaa  Addunnaa, 5. Misgaanaa  Addunnaa, 6. Dhaabaa  Raggaasaa, 7. Naggasaa  Dirribaa, 8. Lataa   Baayisaa, 9. Fiqaaduu, 10. Biraanuu Baratooni  kuun  balessa  tokoo malle  rebbamaa fi gidiraan adda addaa irratti raawwatamaa jira.

Godinaa lixa shawaa  aanaa Amboo magaalaa gudaritti hidhattoonnii fi ergamtoonni diinaa barattoota hiraarsuu  itti fufaniiru. haaluma kanaan M/B sadarkaa olaanaa Gudari  irraa barattoonni kudha shani waggaa lamaaf barumsa kan dhorkamani yoo ta`u heddu saaniimmoo yakka toko malee hidhamaa jiru. kanamalees barattoonni kutaa barumsa ":social science "baratani martinuu  akka  barumsa dhaabani akeekkachiifni kennameefiira. {barattoota kanaan hidhattoonni "foonaa M/B yoogeessani adda keessanitti rasaasa naqina" jechuun akka dhadataa jirani barattoonni nihimatu.}

A. Warreen waggaa lamaaf barumsa  dhorkamani

1.     Abarraa lataa, 2.   warqituu abarraa, 3.    dabalaa beeksisaa, 4.   mulugeetaa tafarraa, 5.      dagafaa fiqaaduu, 6.   Irkoo aabataa, 7.    milkeessaa dirribii, 8.    magarsaa bogaalaa

B.    Warreen Hidhamanimmoo

1.     Fayyeeraa Ababaa, 2.   tasfaayee kabadaa, 3.    diribii Naggaa, 4.   dajanee namoomsaa, 5.     tasammaa fayyeeraa, 6.    cimdeessaa camadaa, 7.    dhaabasaa imaanaa, 8.     Injiguu qana`aa, 9.     waaqijira

Kana yoo ta'an barattootni kun akka kanaan qabsoo haqaarraa hin deebine ammoo ejjennoo isaaniirraa hubatameera .

*********

Wayyaanee fi Lukkeen Akka Amala Isaanii Barattoota Irratti Boombii Dhoosan! Sirba Qonnaan Bulaa Oromoo Lukkee fi Wayyaanee Rifachiise!

Guyyaa 04/12/2006 Godina K/Shawaa onaa Hidhabuu Abootee Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Hidhabuu Abootee keessattii Lukkeewwan wayyaanee Boombii dhoosun Barumsi akkaa adda citu godhaniiru. Haaluma kanaan Barattootni Mana barumsa kanaa haga kana dhugaa isaa baaftanitti hin barannu jechuun mana barumsaa gadi lakkisanii bahaniiru. Yeroo ammaan tana haalli baruuf barsiisuu dhaabateera.


Kun kanaan osoo jiruu galgalumaa sana qonnaan bultoonnii Hidhabuu Abootee lakkoofsan hedduu ta'an sa'a12 irrattii Magaalaa sirbaa qabsoon hoo'isuun dabballoonnii Wayyaanee naasuu hin jirree keessa bu'uun humni akka godiinarraa ergamuu gafatan jedha maddii oduu achii nu qaqqabee. Qonnaan bultoonni kun sirboota isaanii keessatti Gootota qabsoorratti wareegaman faarsun, WBO faarsun, sirboota isaanii kan biroo, Yaa muraa maqasii hin taanee yaa Mallassii Dubbiin Mangee deemtee Dhuftee ammasii jechuun magaalaa keessa naanna'uun dhiichisanii nagaan gara dhufanitti deebi'an jedha oduun nu qaqqabe. Yeroo ammaan tana lukkeewwan wayyaanee aanichaa sodaa hagana hin jedhamnee keessa bu'aniiru. Humni waraanas Magaalaa dhuunfateera.

**********

Ibsa Koree Bulchiinsaa fi Bilisummaa Zoonii Finfinnee!

Koreen Bilichiinsaa fi Bilisummaa Oromoo Zooni Finfinnee Haala yaroo amma keessa jiru gad fageenyaan erga xiinxalleen booda, ibsa ejjannoo armaan gadii dabarfatani jiru!

a)     Mootummaan Waayyaannee yaroo ammaa lola biyyoota ollaa wajjin eegalee jira. Lolli kun biyyatti kana bira taree gaanfa Afrikaa mara rakkoo cimaa keessa kan galchu dha. Lola kana keessaa uummanni Oromoo waan isa hin galchine waan taheefi, itti hirmaachuu hin qabu jenna. Kana malees, waayyaannee akka saree maraattee olii fi gadi raafamaa waan jirtuuuf uummata keenya nagaan jiraatu maraa cinuunuu dandeessi. Kanaafuu, uummanni keenya saree kana irraa dammaqinaan of eeguu qaba jenna.

b)     Qabsoon Bilisummaa Oromoo ABOn hoogannamu sadrakaa amansiisaatti tarkaanfatee jira. Kanuma irraa kan ka'een humnootiin adda addaa walitti dhufaanii TBD (Tumsa Bilisummaa fi Dimokiraasii) uumanii jiru. Jijjirraan hiriia humnaa kun TBD waayyaannotatti dhukkubbii guddaa tahee jira. Dhukkubni waayyaannee kun akka hin fayyine gochuun fala mala hin qabne taha. Kanaafuu, nuti gama keenyaan TBD akka jabaatu humnaa fi qabeenya qabnuun mara cinaa ni dhaabbanna.

c)     Uummanni Oromoo kijiba dinaa fi lukkeeleen waayyaannee gootuuf gurraa isaa cufatee qabsoo isaa daran cimsuun mootummaa saba bicuu jigaa jirtu tana utubaa ishee biqqisee of irraa gatuu qaba! Kanaafis nuti miseensotiin koree kanniin waan nurraa eegamu mara gochuuf qophii tahuu keenya ni mirkaneessina!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!  

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net