Muddee 6, 2006 (oromiyaa) - Zoonii Lixa Shawaa Keessatti Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe! Lukkee Irrattis Tarkaanfiin Fudhatame!
Harra’a gaafa guyyaa 05/12/2006 gootonni barattoonnii fi qabsaa’onni aanaa xuqur hincinnii mootummmaan wayyaanee cal hin jennu jechuu dhaan mana barumsaatii gadi yaa’anii qabsaa’ota naannoo isaanii dabalatanii mootummaa wayaanee balaaleffchaa oolaniiru! Bakka dhaaba horii deemuu dhaan mooraa qaraxa keessatti guuran uummanni Oromoo mootummaa garboomfataa kanaaf qaraxa kanfaluu hin qabu! Jechuu dhaan akka jirutti mooricha diiguun sirii/ciraa isaa balleesaniiru otoo isaan kana raawwachaa jiranii lukkeen wayaanee naannoo dha to’achuuf itti bobaate irratti boombii dhukaasuun ofi irraa ari’aniiru, kanuma irraa ka’uun umanni waraanaa itti ajajamee goolii ciminaan umame yeroof gargar bittinseera barattoonni FDGn kan dhaabu bilisummaa dha malee reebichii fi hidhaan wayyaanotaa miti jechuun uumna diinaa harkaa bittinaniiru.
Akkasuma gaafa guyyaa 04/12/2006 barattoonii fi qabsaa’onni mana barumsaa Gudar hidhamuu barattoota Oromoo mormuu dhaan gaafii mormii kaasaniiru deebiin isaanii garuu ammas hidhaa fi reebicha ta’eera. Kanumaan ka’uun barattoonni 23 mana barumsaa irraa siruma/isa dhumaaf ari’amaniiru baayyeen isaaniis hidhamaniiru kana malee addatti gooli ummattoonni hedduun isini jechuun kutaa 9ffaa daree E akkuma jirutti nama 65 barumsa irraa ari’eera kanumatti kan aaran qabsaa’onni lukkee wayyaanee kan hojii isaa qabsaa’ota saaxiluu fi hirraasuun kan beekkame lubbuu isaa dabarsuuf halkan gaafa guyyaa 05/12/2006 bari’u yoo deeman iyyuu lukkeewwan wayyaanee sodaa qabsaa’ota irraan kan ka’e mana buluun hafeera. Waan ta’eef isa dhabanii mana isaatti ibidda na quudhaan qabeenyaa waliin gutumaan gutuutti barbadeessaniiru humni tarkaanfii fudhate kun kana duwwaa otoo hin taane an akka isaa waliin lubbuun warra qabsoo bilisummaatti gufuu ta’anii akka mana saanii kanatti ni barbadaa’a jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniiru kanaaf warri faaydaa yeroo ilaaltanii diina waliin taatanii lammii keessan gurguraa jirtan jiraachuu keesantu hafa malee bilisummaan uummata Oromoo hin hafu nu jedhaanii jedhaniiru.
********
Wayyaaneen Baha Oromiyaatti Ajjeefamuu Barataa Yasiin Mohamed Irratti Diramaa Hojjechuuf Qophaahuun Dhagahame!
Diraamaan Amala Worq Bulii irratti Wallagatti bara dabre hojjatamee turee anaa Haaramaayaa araddaa Daammootatti hojjatamuu jalqabeeti jira. Barataa Yaassiin Mohaammad Suufii kan finciila barattootaa irraatti hidhattoota gandaatin ajjeefame, akka wal-diiddaa dhunfaarratti ajjeefamee fakkeesuudhaan diraamaan media irratti darbuu qophaa'aa jira. Obboleessa barataa kanaaf motummaan qarshii kuma afur kannuudhan loola dhunfaarratti akka obbolessii isaa du'ee sossoobaa jiru. Namni kun qarshiif jecha seenaa goticha obboleessa isaa akka xureessuurraa of qusattu sabbontootni naannoo kanaa akeekachisaniti jiran. Kun akkanaan oto jiru, Magaalaa haaraamaayaa kessatti Motummaan daldaltoota gibra humnaa oli gaafachuun dukkaana(suuqii) isaanii duraa cufaa (ashagaa) jiraachuu odeffannoon achii argannee ni ibsa. Warreen gochoota kana raawwachisaa jiran kun dabalataanis "ABO'n hin jirtu..radio isaanii kan Jarmanii darbuu malee" jechuu dhaan uummata Afaanfajjeeysuuf tattaafachaa jiru..
***********
Daba Barattootaa fi Barsiisota Yuniversty Dillaa Irraa Raawwatamaa Jiru!
Barattootni mooraa Diillaa adabamuu isaanii gabaasni dillaa irraa nu qaqabe addeessuun isaa ni yaadatama. Dabni barattoota Oromoo irratti raawwatame ammas barsiisota irrattis raawwatamaa jira. Haala kanaan barsiisaa tokko hojii irraa arihuun yeroo adaban barsisota 9 ammoo akeekkachiisa itti kennanii jiru.
Kan biraa amoo gama moraa Awasaatiin mooraa sanaa baajii mallattoo odaa qabu fi
qixa lamaan isaati jecha Tokkummaa jedhu qabu maxanfachuun ijoollee haraa simachuf yeroo gad bahaniti ergamaan wayaanee Damissee Shittoo jedhamuu buchulloota isaa erguu dhaan dhukaasa irratti bansiisee konkolaataa lamaan hamarsisee fudhatee jiraa. Yeroo
ammaa kana sochii simaanaa ilalchisee barattoota miseensa OPDO ta'an qofaatu akka raawatu godhee jira warri kaan ammoo mana hidhaa jiruu. Kanaaf sabboontotni moraa sana baratootni haaraa jarreen kana irraa akka of dheegatanii fi akka hin gowwomne dhamaniiruu.
********
Ibsa ejjannoo maadhee Bakkalcha Bilisummaa
- Tarkaanfiin gotootni waraana bilisummaa Oromoo burqaa Tirtiraatti fudhatan ni dinqisifanna. Itti fufa isaatifis ni tumsiina.
- Weerara Motummaan woyyaanee sommaaliiyaa golga godhachuun ABO fi uummata Oroomoo irratti labsee ni balaaleefanna. Ilmaan Oromoo martinu loola umrii motummaa woyyaannee tursiisuuf raawwatamuf demuu kanarratti akka hin hirmaannee cimsiineeti gaafanna.
- Barattotni Oromoo hundiinuu lollii kun qaama keenya kan ta'ee ABO irratti waan labsameef haawaasa hubachisuu fi akka dura dhaabatan taasiisuun dirqama barattoota Oromoo hundaa tahuu beknee mormii fi sochii keenya akka cimsinu waamicha lammuummaa kenya dhiheesina.
**********
Ibsa Ejjennoo Maadhee!
Maadheleen Godina Jimmaa Ona Qarsaa, Xiroo Afataa, Oomoo Naaddaa, Sokorruu, Deedoo Shabee Somboo, Gommaa ( Aggaaroo ), Maannaa, Limmuu Kossaa fi Magaalaa Jimmaa keessa jiran bakka jiranitti walitti dhufuun IBSA EJJENNOO akka kanaa gadiitti baasanii jiru.
1. Duula Waraanaa Wayyaaneen ABO, Ertria fi Soomaliyaa irratti labsite cimsinee balaaleffanna !
2. Duula Biyya keenya hin ilaallanne wayyaaneen banuuf Foolataa jirtu kana ABO waliin ta’uun harkatti Fashalsuuf waan dandeenye hundaan bira dhaabbannee harkatti doomsina
3. Ummanni Oromoos ta’ee Sabaafsablammiin Itiyoophiyaa keessa jiranu martuu harka wal-qabannee Lola nu hin ilaallanne kana Wayyaaneen Biyya namaa Weeraruuf waxirfataa jirtu harkatti fashalsuu qabna; jechuun waamicha keenya dhiyeessina.
4. Tarkaanfii WBOn fudhaa jirutti guddaa gammadaa jirra; ni dinqisiifannas.
5. WBO duuka waan qabnuun itti birmachuuf kan yaroo kamii caalaa ni hojjenna.
6. Waraanni Mootummaa abbaa hirree Wayyaanee kana beekumaanis ta’ee wallaalumaan tajaajilaa jirtanu akkuma Loltoonni kaan tarkaanfii Boonsaa fudhatan sana isin illee takaanfii fakkaataa akka fudhattanu waamicha isinii goona. Akkasumas Lola Itiyoophiyaa hin ilaalle Mootummaan kun Umurii isaa dheereffachuuf Biyya namaa Weeraruuf oliigad-kaataa jiru kana adda durummaan isin waan ilaallatuuf Lola kana irraa gara galuunn gara qabsoo Saba cunqurfamootti dabalamuun Ummata keessan bira dhaabbattanu waamicha keenya kan
yaroo kamii caalaa isinii goona.
7. Akkuma walii galaatti qabsoo ABOn hogganamu yaroo ammaa kana sadarkaa ol’aa fi amansiisaa irra gahe kana Ummanni Oromoo Bahaa, Lixaa, Kaabaa, Kibbaa, Biyya keessaa fi Alaa jiru martuu waan qabuun:- dandeettii, qabeenyaa, Barnootaa fi giidoon itti birmatee akka qabsoo jaallan Kumaatamaan irratti wareegaman kana galmaan gahu waamicha keenya Lammummaa goona.
*********
Tarkaanfii Maadheen Ibidda Safaa Lakkoofsa 5 Jedhamun Fudhatame!
Mandheen Ibiddaa Saafa'aa lakkoofsa 5 jedhamu yeroo hedduu namootaa hojii diinummaa irratti bobba'an bifaa xaalayaatin akeekkachiisaa turuun. Namoota gochaa isaanii irraa deebi'uu didan hidhattoota gandaa barattoota hiraarsaa turan onaa Warra Jaarsoo keessatti hidhataa ganda Faajjii Ejersa kan ta'e Yaazoo Wadaajoo fi kumaandarii ganda Oosee kan ta'ee Katamaa Kabbee irraa kilaashii 2 rasaasa 29 waliin fudhachuun waraana bilisummaa Oromooti makamaniiru. Itti fufuun Mandheen kun onaa kana keessattii diinaf cininnattanii kan hojeettaan ammas irraa deebitanii akkaa hojii keessan kanarraa deebitan isin gaafachaa tarkaanfii isinirraa gahuuf itti gaafatamaan mataa keessan akka ta'u jechuun akeekkachiisaniiru.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|