Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila Diddaa Gabrummaa


Muddee 3, 2006 (Oromiyaa) - Zoonii Jimma Keessaa Qulqulluun Ilmaan Oromoo Mana Hidhaatti Darbataamn! Alaabaan Oromoo Fannifamuuf Jecha Waraanni Jimmaatti bobbahee!

Sabboontoti Oromoo yakka tokko malee hidhaman gara karchallee jimmaatti geeffaman. Isaan keessa:

1. Hajii Na'iim Shee Mahammad-nnuur, 2. Abdallaa A/Garoo, 3. Abdoo A/Maccaa

4. Ahimad A/Gumbul, 5. Mahammad A/Boor, 6. Mahammad A/Diggaa guyyaa kaleessaa BEELLAMA TOKKO malee gara Karchallee Jimmaatti geeffamaniiru.

Maddi namoota Ona Qarsaa kana hiisisaa jiru kun:-
1. ABO godina Jimmaa keessaa Ona Qarsaa keessatti Caaroo naqateera;

2. Onoota godina kanaa illee kan biroo Mootummaatti kan jallisaa jiru Ona Qarsaa waan ta'eef Ona Qarsaa keessaa CAAROO ABO CIRAMUU QABA isa jedhurratti duulanii jiru. Akkasumas Onni Qarsaa SENTERII SIYAASAA taateetti jedhamee godinumaa irratti xiyyeeffannoon addaa itti kennamee jira.

Godina Jimmaa Ona Shabee Sombootti Alaabaan ABO magaalaa Shabee keessatti bakka 5nitti hidhame. Akkakanaan bakki inni itti hidhame:-

  • Mannaaraa (Bus station ) magaalaa Shabee, 2. Galma magaalaa Shabee, 3. Waajjira Poolisii Ona Shabee, Ol lixuu Magaalaa Shabee, 4. Lafa Gabaa magaalaa Shabeetti gaafa guyyaa 19/3/99ALHtti hidhamee guyyaa kaleessaa hanga Sa'aa 3.30tti ummanni itti bahee ilaala ture.

Alaabaa kana buusuuf Poolisa Oraalii tokkoo fi Faxnoo Oraalii tokko tu Jimmaa olitti Fa'amee dhaqee buuse. Hanga Alaabaan kun hidhamee turetti ilmaan Oromoo magaalaa kanaa fi naannoo kanaa gammachuu guddaa fi mirqaansa guddaan Ililchaa akka turan maddeen keenya dabalanii eeraniiru. Akkasumas Poolisoonni heddu kan itti gammadan ta'uu isaanii illee hubatameera. Tarkaanfii Boonsaa kana fudhachuu irratti Dargaggoonni Ona Shabee Shoora olaanaa akka xabatan Dura Bu'aan Koree Ona Shabee ibsanii hirmaannaa isaanii kanaaf galanni Bilisumaa dha jedhaniiru. Tarkaanfiin kun isa calqabaati malee kan xumuraa akka hin taane Dura bu'aan Ona kanaa dubbataniiru; itti fufa jedhanii jiru.

Guyyaa kaleessaa kana magaalaan Shabee jeequmsa guddaa keessa oolte. Guyyaan kaleessaa ammoo guyyaa Gabaa Ona kanaa dhaabbatuu dha waan ta'eef Gabaan illee jeequmsa guddaa keessa oole jedhu madden. Dabballoonni Wayyaanee Ona kanaa WBO magaalaa kana galeera jechuun Faxnoo fi Poolisa godinaa irraa Oraalii 2 waammachuun akkuma amala isaanii Dargaggoota adamsanii hidhuu fi ummata magaalaa kanaa goolaa jiru. Akkasumas Onuma kana magaalaa Sombootti Alaabaan 1 Waajjira Bulchiinsa ganda kanaatti guyyaa kaleessaa hidhamee ooleera. Walumaa galatti humnootiin wayyaanee WBO magaalaa Shabee fi magaalaa Somboo seeneera jechuun weeraranii ummata hidhaa jiru.

Gara biraan ammoo Onuma kana keessatti Lukkeen Ummata rakkisaa jiran irra gahameera. 1. Idiriis Nuurii Dhimma nageenyaa magaalaa Shabee, 2. Naasir A/Maccaa Dhimma nageenyaa Ona Shabee, 3. Awwal A/Gumbul Bulchiinsa Ona Shabee, 4. Kadir A/Duraa Basaastuu Onaa kanaati. Egaa namoonni kun yaroo ammaa kana ummata ol lixuu fi gad-bahuudhorkataa jiru. Namoonni kun gochaa ummata rakkisuu kana irraa yoo dafanii hin deebine tarkaanfiin cimaan akka isaan irratti fudhatamu Dargaggoonni Ona kanaa hubachiisaniiru. Dabalatas Dargaggoonni kun nuti alana jibbaa OPDO irraa qabnu hojiin kan agarsiifnu ta'uu keenya itti agarsiifna jedhaniiru.

**********

Godina Arsii Ona Arsii Nageellee keessatti Wayyaaneen Qonnaan Bulaa Oromoo Lafa Bara dheeraa Irra jiraataa ture irraa Buqisaa Jiru!

Godina Arsii Lixaa  Ona A/Nageellee Naannoo hara shaallaa Gandoota Qotee Bulaa Daaqoo Harroo, Tulluu Hora Gamaa, Haadha Boosee Jedhaman keessatti Lafa Qotee Bulaa ummata irraa Buqqisaa ilmaan Tigreetii Qoodaa jiru. Lafa Qotee Bulaan Oromoo Baroota dheeraaf irraa jiraataa turee fi Irraa Qotataa ture Mootummaan Wayyaanee Ummata irraa Buqqisaa maqaa Investimantii jedhuun Ilmaan Tigraayiif Qoodaa jira. Lafti yeroo ammaa kana Qonnaan  bulaa Oromoo irraa kaasaa jiran kuni karee meetira 3600 yemmuu ta'u Namoonni lafti kuni Raabsamaafii jiru laakkofsaan 40  Qonnqqn Bulaan naannoo Hara Shaallaa kanneen Lafa isaanii irraa Buqqisaa jiran lafa keenya irraa hin kaanu jedhanii falmatanis Mootummaan wayyaanee Poolisii Feediraalaa itti Bobbaasuun  Kaan Hidhuun kaan Doorsisaa jira.

Ona Arsii nageellee Keressatti Dargaggoota Oromoo Lola mootummaan wayyaanee Somaaliyaa irratti banaa jirutti Ofuuf Ona kana keessatti Sadaasa 18,2006 tti Nama Raayyaa waraanaaf galmaayuu barbaaddan jechuun beeksisa kan baase yoo ta'u Hanga hardhaatti namni tokkollee hin galmoofneef  Lukkeewwan Diinaa haalli Dargaggoota Oromoo kuni akka malee isaan Rifachiise Walgayii hatantamaa kaabinee isaanii waamuun rakkoon Ummanni Humna waraanaatiif galmaayuu Dideef maali jechuun kan walgaafataa turan yoo ta'u Deebiin mana keessaa deebi'eef ummatni lolli Somaaliyaa irratti banamaa jiru kan Nu ilaaluu miti jedhaa jiraa. Kanaan alattis Ummata ABO waan dhuunfatee jiruuf Nama argatuu irratti Rakkoo guddaatuu ni uumamaa jira jechuun deebisanii jiru. Kana boodas malli keenya malli jechuun kan walgaafatan yoo ta'u dhuma irrattis maqaa waraana jedhu dhiisnee Maqaa Poolisii jedhamuun akka Galmaayan Beeksisa baafna jechuudhaan murteeffatanii jiru. Haalli kun godina arsii magaalaa Shaashamannee keessattis Bifuma kanaan namni galmaayuu kan dide yoo ta'u isaanis Tooftuma Maqaa Poolisii jedhuun  akka Beeksisaa baasaa jiran irra gahame  jira.

Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa Lola Bu'aa Ummata keenyaaf hinqabne Biyya Somaaliyaa irratti bane jiru kan Ummata keenyaaf bu'aa takkallee hin qabnee waan ta'eef Sabboontonni Ona Arsii nageellee fi shashamannee didiinsa isaanii hanga dhumaatti akka itti fufan Dhaamanii jiru. Lolli amma labsames Somaliyaa qofaa irra osoo hin taane Eritiraa, Ummata Oromoo fi ilamaan cunqurfamoo irrattis dabalata waan ta'eef Oromoon fi ummatoti biroo lola kana irraa qooda fudhachuu dhiisuun dhumaatii sirna bututaa kana jabeessan sabboontoti dhaammatanii jiru. Gama biraan Mootummaan Wayyaanee Abbootii Qabeenyaaaa irratti saaminsa raawwachaa jira. Sadaasa 26 irraa eegalee Karaa Shaashamannee irraa gara Finfinnee fidu bakka hedduu Dhaabbachuun ummata shaashamannee irraa gara Finfinnee meeshaa fe'atee deemu Karaa irratti Dhaabsisuun Kafaltii seeraan alaa Kaffalchiisaa jira. Kuntaalaan Qr sadi sadi kaffalchiisaa kan jiru yoo ta'u kaffaluu isaaniitiif ragaan kennamuuf takkallee hin jiru konkolaataa finfinneee irraa gara Shaashamannee dhufus dhaabsisuudhaan Waan kottee jechuun Guyyaa adiin ummata saamaa jiruu.

Godina  A/Arsii lixaa Ona kofalee keessatti Mootummaan wayyaanee Ummata Kiristaanaa fi ummata Islaamaa walitti buusuuf Shira xaxaa jira. Sadaasa 26, 2006 tti Ergamaan wayyaanee tokko Konkolaataa laakkofsa afur taateen balbala Masjiidaa irratti buusuun yeroo ummanni Islaamaa Sagadaaf Qophaayutti  Masjiida keessa Seenuun waan Ummata Islaamaa Arsu Dubbatus Ummanni Islaamaa Ona Kofalee Lukkee Diinaa Shira Xaxuuf masjiida keessa seenee ummata Arrabsu kana irraa wal dhoogguun Gochaan kuni Gochaa Mootummaa wayyaaneeti jechuudhaan baasanii gara Poolisii yoo geessanis Poolisoonni battalumatti gadi dhiisanii jiru. Kana booda UMMATNI Islaamaa fi Ummanni Kiristaanaa walitti dhufuun Shira mootummaan wayyaanee xaxaa jiru kana harkaa fashaleessuu qabna jedhanii jiru Mootummaan wayyaanee yeroo kanatti Ummata Amantaan walitti Buusee Namoota ciccimoo gama lamaaniituu keessaa hidhuuf akka karoorfataa jirus irra gahamee jira.

Ummatni islaamaa fi kiristaanaa ona kofalee keessa jiru Shira mootummaan Wayyaanee Xaxaa jiru kana hubatuun Irraa isaa tokkoomsee FDG irratti godhamaa jiru akka jabeessinu jechuun Dhaamsa isaanii dabrfatanii jhiru. 

**********

Barattooti Oromoo Amboo Qabamanii Hiraarfamaa Jiru! Godina Jimmaa Ona Qarsaa Keessattis Ilmaan Oromoo Hiraarfamaa Jiru!

Barattoota heddu qabamani keessaa torban kana keessa mana hidhaa gudari gara karchallee Ambbootti darbaniiru ijoolleen kun garmalee hiraarfamaa akka jirani maatiinsaanii ni dubatu. Wayyaaneen shira irratti xaxuuf jecha meshaalee kan akka qawwee, rasaasa, boombii fi posti kaardiinlle akka ragaatti irratti funaanaa jirti. Godinuma kana anaa xuqur Incinniitimmoo  ittisa biyyaaf leenji`uuf galmaayaa mindaa gaariitu siniif kaffalamaa jechuun wayyaanonno akka uummata mooksaa jirani sabboontonni heeranii uummani  waraana isa inilallanneen lubbuusaa akka balaaf hisaaxillee akeekkachiisaniiru.

Gara biraan ammoo  Ona Qarsaatii namoonni hidhamaa jiru. Akkanaan:- 1.Shee Mahammad
A/Boor Qarsuu Tolii 2.Ahimad A/Gumbul Qarsuu Tolii 3.Mahammad A/Diggaa Qarsuu Tolii 4.Abadallaa A/Garoo magaalaa Sarboo tii hidhamaniiru. Namoonni kun yaroo ammaa kana Caasaa ABO ni beektuu baasaa jedhamanii reebechi hamaan irra gahaa jira. Keessumaa namni reebicha poolisootaan heddu miidhamaa jiru Xahaa A/Garoo Sheekiiti; erga hidhamee is bultii 17 caaleera; achi keessatti miidhaa cimaatu poolisa Ona Qarsaatiin irra gahaa jira. 

*********

Ibsa Ejjennoo Maadhee Didee Falmataa Biyyaa!

Maadhee Didee falmataa biyyaa  jedhamun kan beekamu Godinaa Lixa wallagga Ona Boojji Dirmajii keessatti argamu haala yeroo amma Qabsoon Bilisummaa irra ga'e ilaalchsuun walga'ii geggeeffatee ibsa ejjennoo baafachuun walga'ii isaanii injifannoon xumuratan.

-   Duuti barataa Shibbiruu Damusee yuniveristii Maqalee keessati diinaan raawwatame guddaa nu gaddisiiseera kanaaf haala fedheen yoo ta'e iyyuu gumaan isaa fi gumaa barattoota Oromoo kan biro irra ga'ee deebii quubsaa ta'e diinaaf ni laanna.

-    Lola wayyaaneen uummata olla keenyaa Somaaliyaa irratti  labsite uummata keena kan hin ilaallanne fi ollummaa nuti Biyyatti wajjin qabnu kana balleessu waan ta'eef sabni Oromoo akka irratti hin hirmaanne fi lola Oromoo irratti labsames akka bilchinaan of irraa qolatu dhaamsa keenya ni dabarsina.

-          Bilisummaa keenya hanga galii isaa ga'utti qajeelfama ABOn nuu laatuun dirqama keenya ni baana.

-    Ilmaan Oromoo ogummaa loltummaa kan qaban sadarkaa gara-garaa irra jiran hundi wal qindeessuun human gabiroonfattuu diina saba keenya irraa ni deebifna jechuun waadaa qabsoo walii seenuun haaluma kanaan Waamicha qabsoo murna isaan fakkaatu hundaaf dabarsuun ibsa ejjennoo baafatan;

-     Ilmaan Oromoo Ogummaa loltummaa qabdan bakka biraa jirtan maraa fakkeenya keenya fudhachuun nuti Hidhannee kaaneerra waan ta'eef isinis hidhattanii akka kaatan waamicha lammummaa isinii gooneerra.

-     Sirna kana keessaas ari'amuun akka qodaa cabaa darbatamtanii kan jirtanis ta'e achuma sirnicha keessa jiraachaa guyyaa darbatamuu keessanii eegachaa kan jirtan yeroon gara ejjennoo nuti fudhannee kanatti akka makamtan waamicha dhiyeessina! Sabni Oromoos kanuma isin irraa eega.

-          Utuu ilaallu mana keenya, Biyya keenya lammii keenya rasaasan dhabaa jirru hanbisuu kan danda'u qabsoo keenya qofa malee kan bairaan hin jiru. Kanaaf tarkaanfii nuti amma fudhannu murteessa waan ta'eef lafa jirtuu dammaqi kan jedhuu fi kkf ibsachuun qophii isaanii xumurataniiru.

Wareegamuun jaala keenya weellisaa fi artist Oromoo Usmayyoo gadda isaanitti dhaga'ame ibsuun maatii isaafi hiriyyoottan isaafs dhaamsa jajjabinaa erganiiru.

***********

bsa Ejjennoo Maadheelee Kollejii Adaamaa

Maadheelee Kolleejjii Adaamaa walitti dhuffaan erga marrii bal'aa godhani booda Maadheeleen armma gadii kuni ibsa ijannoo bafatani jiru. Guyyaa Sadaasa 29/2006.

1ffaa. Finnissa Qabsoo, 2ffaa. Gadaa Bilisummaa, 3ffaa. Safituu Barrii, 4ffaa. Fonqoolicha Gabrummaa, 5ffaa. Haawii Bilisummaa, 6ffaa. Boonsa Sabaa, 7ffaa. Boona Sabaa.
8ffaa. Barrii Bilisummaa, 9ffaa. Falimataa biyyaa, Jedhamaan kuni ibsa ijannoo qabxxii shaan qabuu bafatani,

1. Baratoonni Oromoo kan badii tokko malee ari'amaan akka mana Barumsaatti deebi'aan!

2. Saboontoota Oromoo hidhuu, Reebuu fi Ajeesuun haa dhabatuu!
3. Gumaa ilimmaan oromoo ni bafinnaa!
4. Waaldaan Macaafii Tuullammaa deebi'ee haa banamu!
5. Inveestiimeentti jeechaa Qotee bulaa Oromoo laffaa isaa irraa kasuun haadhabatu!
Jala deemituunni diinaa waarreen akka

**********

Ibsa ejjennoo Maadhee Barii Walabaa fi Akeekkachiisa Lukkee Magaalaa Gudariif Kenname!

Sabboontonni Oromoo godina  lixa shawaa keessa jiran kan maadhee BARII WALABAA jedhamnu ijaaraman Onoota(aanolee) afur irraa walitti dhufuun ergaa armaan gadii dabarfatanii jiru. Dhaamsa fi ergaan isaan dabarfatan keessaa.

  1. Tarkaanfiin gootichi warana bilisummaa Oromoo yeroo ammaa fudhachaa jiruttii baayee gammannee jirra ittiinis ni boonna.
  2. Olola fi shororkaa wayyaaneen qabsoo uummata Oromoo gara dabarsuuf gocha jiru  cimsinee ni balaaleffanna.
  3. Waraanni wayyaaneen somaaliyaa irraatti banuuf tattaaffii godhu birmadummaa biyyaa tokkoti kan cabse dha. Kun deeggarsa seera Addunyaa fi mootummoota gamtoomanii Afrikaan deeggarsa hin qabu! Birmadummaa Eritiraa fi bilisummaa Oromoo cabsuuf kan akeekkate dha. Waan ta'eef cimsinee ni mormina!
  4. Doorsisini lukkee wayyaanee qabsoo keenya irraa duubatti nu hin deebisu! itti nu cimsa malee !
  5. Qabsoo bilisummaa Oromoof finiinaa jiru cimsuuf dandeetti qabnu hundaan  cinaa hiriiruuf  daballee waadaa ni seenna!

Akkasuma lukkeen lukkeelee kanaa hafaniis yakki isin saboontotaa fi baratoota Oromoo irraan  ga'aa jirtan badiinsa keessan yoo ta'e malee  qabsoosoo waan duubatti deebisu akka sinitti hin fakkaanne beektanii gochaa keessan irraa akka of qusattan jenna !

GADAAN GADAA BILISUMMAA TI!!

INJIFANNOO UMMATA OROMOOF!!

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net