| wayyaaneen Lola Sumaaliyaa kana irratti deeggarsa barbaadaaf kutaa Baalee keessatti ardoota argama hunda magaalota onaa tan akka Roobee, Goobbaa, Daallomannaa, Barbaree, Gooroo, Ginniir, Raayituu, Gaasara, Agaafraa, Adaabbaa, Dodola fi kkf keessatti ardaa irraa namoota walitti guurtee mari'achiisuu guyyaa hardhaa irraa kaaftee itti jirti achi irratti akka odeessi achi keessaa bahutti ummanni keenna wan kana dura dhaabbachuudhaan mormiin hedduun itti ka'ee jira. Wayyaaneen ilmaan Oromoo yeroo nagaa qotee nu nyaachisa, yeroo lolaa lolee nuuf du'a. Ummata akkanaa akka sangaa itti qotatan akka fardaa itti lolatan rabbitu nuuf kenne akka jechaa jiran dhagahama. Oromoo ati sangaas fardas miti nama, kana duuba ofiif loluu, ofiif hojjechuu malee lola dhimma halagaaf sababaa ulee taatee dhumattuuf hin qabdu. ********** Gumaacha Qabsoo fi Wayyaaneen Ilmaan Oromoo Dirqiin Waraananatti Erguuf Tattaafatuu! Sabbonaan Oromoo Obbo Eloo Jaarraa Kilashii tokko, Rasaasa 15 fi qarshii 10 qabsoo ummata oromoo kan ABO tiin duurfamu jabeessuuf gumaacha kennee jira fuula duraafi waan danda'uun dhaaba isaa ABO bira dhaabbatee diqama isaa bahachuuf waadaa ierra deebi'ee haarahoomsee jira. Kan biroo wayyaaneen yeroo ammaa kana Sumaaliyyatti Duuluuf Dargaggoota humnaan Baalee fi Arsii (Diida'a) keessaa humnaan gama waraanaatti leejiif guuraa jirti, kana irraa kan ka'e ummanni ilmaan keenna hin kenninu jechuun dura dhaabbataa jira dargaggoonnis biyya irraa baqataa jiran. ********* Wayyaaneen Ummata Walitti Buusuuf Hojjetu Irratti Dammaqame! Ibsa Ejjennoo Maadhee! Odeessi ammatti jiru Godina Gujii aanaa Liiban keessatti shirri mootummaan wayyaanee xaxxee gosoota Oromoo Booranaafii Gujii walitti buusuuf goote itti dhaqabamee jira. Haaluma kanaan barataa Oromoo kan gosa gujii tokko ajjeessanii Oddoo gosoota booranaa keessa buusuuf yaalamaa osoo jiranii namoonni arganii namichi kana godhus gosa Digoodii
jedhamtu waan taheef torbee lamaan dabran kana keessatti walitti bu`iinsa gosa Gujiifii Digoodii giddutti umameen lubbuun namoota 38 olii bahee hedduun madaayee jira .Haala kana kan hubatan sabboontonni naannichaa Oromoon Gosaan, Gandaafii kutaan, akkasumas Amantiidhaan akka walitti hin buune dhaamatanii jiran.
Maandheleen Godina baalee magaalaa Gindhiir Jiranis kanneen Maandhee Hambaa Seenaa, Dachaas Lakkoofsa tokko, Hubattuu Seenaa, Abdii Boruu, Muldhis Aadaa kanneen jedhaman Dilbata dabre walgahii godhataniin waa`ee FDG irratti marii baldhaa erga godhataniin booda ibsa ijjannoo qabxii shan of keessaa qabu baafatanii gumaacha qabsoo hanga bilisummaatti kan itti fufan tahuu hubachiisanii jiran. 1. Fincila Diddaa Gabrummaa kan jalaqabne kana hanga qabsoon Oromoo kan ABO tiin duurfamu fixa bahutti kan irraa of duubatti hin deebine tahuu hubachiifna!
2. Dhaaba keenna ABO jabeessuf beekkumsa, qabeenya keennaa fi hanga wareegamaatti cinaa dhaabbachuun ni jajjabeessina 3. Ilmaan Oromoo kan kanaan dura Diinaaf tajaajilaa turan yeroo ammaa kana of baranii irraa deebi'uun dhaaba keenna ABOtti makamanii nuuf hojjachuf qophii tahu isaaniitiif galatoonfachaa kanneen diina jalatti hafanii diina waliin nufixaa jiranis gochaa farrummaa
kana irraa dhaabbatanii akka dhaaba keenna ABOtti dabalaman waamicha lammuummaa isaaniif dhiyeessina.
4. Ilmaan Oromoo kan bakka mara jirru jabaannee diina jigaa jiru kan badee nuballeessaa jiru kana umrii isaa jabbeessuf tokko taanee haahojjannu 5. Poolisoonni yeroo ammaa kana garaaf jecha saba keessan hiisisaa jirtan kan borus walitti hafu numa malee tigree wan hin taaneef gochaa kana irraa akka dhaabbattan ********* Barnoota Wayyaaneen Sababa Adda Addaan Itti Jirtu Mormiin Cimaa Mudate! Wayyaaneen Oromoo Hidhuu Hojii Godhatte!! Ergamitoon wayyannee magaalaa Asallaa keesatti Barattoota Miseensa godhachuuf
Maqaa Barumsa Lammummaa fi Amalaa Gaarii jedhamuun Sadaasa 27/2006
kani jalqabuu yaalame Mormmii sabboontota baratoota Oromoo irraa ciminaan waan itti dhiyaateef harkaa fashalee ture, guyyaa lamaan booda Sadaasa 29/2006 humna Poolsiitin sodachisfamuu jaliqabaniiru. kanafuu Saboonttonni barattoota Oromoo barattoonni akka miseensa wayyaanee tahuu didanii irraa dhaabbachun, kan ajaja irraa fudhannu diina keenna kan ummata keenna ajjeesaa jiru fi qabeenya keenna biyya teenna badhaatu Oromiyaa irraa saamee Tigraayiin guddifataa jiru osoon taane qaama keenna kan tahe dhaaba keenna ABO qofa irraa ajaja fudhachu qabna kan jedhu cimsanii. Warra diina jala fiiguf dhaamsa dabarsanii jiran, akkasuma gochaa farrummaa kana irraa of qusatani qabsoo ummata isani cinaa akka dhaabatan yamichaa lammummaa godhaniru.
kan biroo ammoo Magaalaa Shirkaa keessatti ummata Oromoo maqaa ABO deeggartan jedhun wayyaaneen yeroo ammaa kana ummata heddu mana hidhaatti gurtee qabeenya
isaanii saamaa jirti, ummanni keennas diina nuufii qabeenya keenna dhabamsiisaa jiru kana dura dhaabbannee hanga wareegamaatti waan nurraa eegamu baasuun dhaaba keenna ABO waliin of irraa dhabmsiisu qabna jechuun falmaa isaa cimsee itti fufaa jira. Sabboontota hedhanii mana hidhaa keessatti yeroo ammaa kana dararaan guddan irra gayaa jiru keessaa hangi tokko maqan isanii akka itti aanu kana ta'a.
1. Umar Qodaa, 2. Badruu Abdulqaadir, 3. Ahmad Muhammad ********* Tarkaanfii Lukkee Irratti Fudhatame! Naannoo Amboo ganda boojjii cittuu jedhamtuutti namni wayyaannen leenjifamee, akka nama waraana ABO bulchu hodofuuf dirqamni itti kenname akkasumas barattoota Oromoo keessa galee nama isaan sochoosu hubachuuf dirqama hammeenyaa fudhatee socho'aa ture, guyyaa 21/03/99 tokko otoo inni hojii kanaaf deemuu namootatti bahee amansiisuuf tattaafatuu fi olola wayyaanee otoo facaasu qabsaa'ota naannoo walin waliti bu'iinsa uumameen tarkaanfii keessa deebii hin qabne irraatti fudhataniiru sababii kanaan wayyaaneen nammoota hedduu hidhaa jirti. Namni tarkaanfiin irratti fudhatame kun gochaa akkasii kanaan duras irraatti hirmaachaa akka turee fi akka dhiisu akkekkachiisi itti kennamnaanis hagan deegartota ABO naannoo keenyaa dhabamsisutti hin dhiisu jedhe dhaadataa waan tureef tarkaanfiin kun irraatti fudhatamuu maddeen ibsaniiru. Injifannoo Ummata Oromoof!! Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!! |