Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa


Sadaasa 30, 2006 (Oromiyaa) - Presedantiin Yunibarsity Dillaa Ijoollee Oromoo Irratti Tarkaanfii Dabaa Fudhate! Barattoota Oromoo yunibarsity dillaa keessatti baratan walitti bu'insaa ilmaan tigree meeshaa waraanaa hidhatan waliin godhaniin barattooti Oromoo meeshaa waraanaa ilmaan tigree galfatanii jiran irratti qabuun saaxiluun isaanii yaadatama. Haala kanaan presedantiin yuniversity dillee barattoota Oromoo keessaa calalee arihuun dirqama dabballummaa fi lukkummaa wayyaaneen itti kennite raawwateera. Haala kanaan barattoota Oromoo lama yeroo arihu barattoota Oromoo sadii ammoo akeekkachiisa dhumaa kennuun maddeen oduu bakka sanaa nu qaqaban addeessu. Maqaan barattoota barnoota irraa arihamanii fi akeekkachiisi dhumaa itti kenname:

Barattooti Oromoo barnoota irraa arihaman :

1. Barataa Hajii Kedir Biology waggaa 1ffaa, 2. Barataa Tasfaayee Amayyuu  History waggaa 3ffaa ( council barattootaa kan ture) yeroo ta'an, 3. Barataa Barchee Deettii Geography wagga 3ffaa, 4. Barratuu Burtukaan Yohaanis Biology waggaa 1ffaa

5. Barataa Buzuuwark  Jedhaman ammoo akkekachiisa isa dhumaa itti kennamee jira. Sababni isaa waan Oromoo ta'an qofaaf dha.

Haa ta'u malee barattoota ilmaan tigree tarkaanfii reebichaa ilamaan Oromoo irratti fudhatani fi meeshaan waraanaa dormii isaanii keessaa argame keessaa barataa tokko kan meeshaa waliin qabame qofaa akeekkachiisa itti kennuun daba ilmaan Oromoo irratti hojjetaniiru.

Akeeki wayyaanotaa fi lukkee ilamaan Oromoo sodaachisanii hamee cabsuu waan ta'eef  baratooti Oromoo hafan harka wal qabatanii miidhaa isaan irra ghaa jiru keessaa tokkummaan falmachuun ala falli hin jiru.

********

GOOTONNI BARATTOOTA OROMOO JALDUU DIDDAA MULDHISAN fi LABSII WARAANAA MALLASAAN BIYYAA FI MORMOTOOTA IRRATTI LABSAME!

Kalesaa gaafa 28/11/2006 gootonni barattonni mana bar/ sad/ 2ffaa Jalduu wayyaanee irratti FDG  akka kassan dhagahamee jira.  Barattoota maqaan isanii Nuurasaa Girmaa fi Habtaamuu Baayisaa jedhamaan bara darbe FDG irratti lubbuun isaanii darbe kanas
yaaddachuudhaan kabajanii oolaniiru. Kanumaan kan ka'e poolisii FD barattootaan gaggeeffamaa jiru dhaamsuuf  konkolaataa laman gara naannoo sunii deemuun barattota irra miidhaa akka geessisan odeeffannoon achi nu qaqqabe ni addeessa.

Paartiin mormitootaa labsii waraanaa Sumaalee irratti mootummaan wayyaanee labsuuf parlamaatti dhiyesse gonkuma akka hin fudhanne dursanii mataa wayyaanee Mallasitti beeksisaanii jiruu. Kanaan kan ka'e Mallasaa dura taa'ota paartii mormitootaa ofitti yaamee kadhatus, doorsisus parttiin moormitootaa ejjennoo isaanii akka hin jijjiirre osoo parlamaatii hin dhiyatiin itti himaniiru. Ofitti waamee marii taasise keessaa yeroo ammaa sumaaliyaa keessaa ka'un 'O romo islamic group', OLF fi ILFO wajjin hidhata kan hin qabne namoota Baalee fi Arsiitiin kan ijaaramman gareen shororkeessaa addaa biyyaa keenyaa irrattii badii addaa raawwachuuf waan qophii fixanii jiranifii waliin taanee isanifii fakatootaa issani dura haadhaabannu jedhee amansiisuu yaalus hundu akka hin milkoofneefii muddama adda keessaa galee akka jiruu warreen marichaa waliin tasisaan ni dubatuu.

Guyyaa hardhaa(sadaasa 30, 2006) ammoo kijiba isaa kana dura mormitootatti ofaa bahe labsii isa dhumaa parlaamaa irratti labseera. Labsii isaas kan Biyya Somaliyaa, Biyya Eritiraa, ABO fi ONLF irratti ta’uun dhaabooti kun qixa biyya tokkootti ilaalamuun isaa hidhamtooti Oromoo mana hidhaa jiran marti akka hidhamtoota waraanaatti akka ilaalamanii ilaalchi mirga dhala namaaf kennanii fi fannoon diimaa hidhamtoota Oromoof eeggannoo hidhamoota waraanaa biroof godhamu marti akka godhamuuf sabboontonni Oromoo dubbatu.

*********

Wayyaaneen Hojjettoota Mindaa fi Fayidaan Qabuuf Tattaafatte, Wayyaaneen Dabballota Isaanii Xollayitti Akka Galan Ajajje, Labsiin Waraana Wayyaanee Mormiim Mudate!

Hojjettoota waajira qonnaa biyyattii keessa jiran kaadiree kooti jettee qabachuuf wayyaaneen faayidaa garaa garaa guutaafii jirti. Haaluma kanaan miindaa 700 irraa 1400 kan galchiteef yommuu ta'u yeroo ammaa ammoo tokkoon tokkoo isaaniif moobaayiliin isiniif bitama jechaa akka jirtu sabboontoti ibsan. Ta'us faayidaaf qabsoo uummata isaanii dabarsanii kan hin gurgurre ta'uu isaanii ibsaniiru. Mindaa kanaa fi bilbila kennamuuf kana bu'aa qabsoo Oromoof akka oolchuun itti jiru sabboontoti Oromoo walii dhaamu.

Wayyaaneen namoota amanamoota kooti kan jettu kaabinoota aanaa guutuu Oromiyaa walitti baaftee buufta leenjii Xoollayi jedhamutti ergaa jiraachuun ibsameera. Torban kana keessa socho'aa kan jiran kaabinooti wayyaanee tokkoon tokkoo aanaa irraa namoota 30 filtee leenjii baatii 1 hanga 2 turuuf gara leenjii Xoollayi jedhamutti ergaa jiraachuun isaanii  dhagahameera. Kaabimnooti isaanii kun maaliif akka deeman kan itti hin himamnee fi leenjii akkamiif akka deeman kan hin beekne ta'uu isaanii keessa beektoti ibsaniiru.

Murtiin somaaliyaa irratti waraana banuu mallasaadhaan paarlaamaa Itophiyaatti dhiyaate mormii kaasee jira. Paartileen mormitootaa hedduun sagalee 99n kan morman yommuu ta'u wayyanneen garuu waraana kana banuuf murteeffattee jirti. Qabata kanaan sochii hin taanetti deemuu akka dandeessu wayyaaneen sodaachaa jiraachuu ishee ibsaa jirti.

********

Wayyaaneen Qabeenya Uumama Oromoo Balleessitee Baduuf Gurgurachaa Jirti!

G.Wallagga Lixaa Ona Laaloo Assabii Ganda Jaarsoo Daalattii fi Jaarsoo Daamotaa keessatti kan argamu Gaattiraa Hektaara 100-ol uummata gandoolee baroora dheeraaf kunuunfamanii hardha gahan Wayyaaneen Tigirticha tokkotti  qarshii miliyoona 3 qofaatti gurguruuf jetti. Kun ammoo samicha qabeenyaa fi humna uummata sanaa ta'uu darbee qilleensa naannichaa faaluun rakkoo guddaa fiduu waan danda'uuf uummatichis dura dhaabbachuuf murteeffateera.

Zoonii Wallagga Lixaa Ona Laaloo Assaabii jiraatoota kan taa'an maanguddoo waggaa 75 Obbo Bagujaa Namarraa Fi barsiisaa Taammanee Raggaasaa isin shakkamoo dha jechuun Wayyaaneen mana hidhaa Gimbii keessatti rakkisaa jirti.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 

 

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net