Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa


Sadaasa 28, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaaneeni fi Lukkeen Dabballootaa fi Kabinee Isaanii Xollayitti Akka Socho'an  Ajaja Dabarsan!

Yeroo ammaa dabballoonni wayyaanee tiif miseenssi kaabinee onaa (aanaa) hundaa Oromiyaa keessa jiran marti hatatamaan akka kaampii (mooraa) leenjjii waraanaa XOOLLAAY godina jimma keessatti argamutti akka galan ajajin itti kennamee sochii jalqabaniiru. Baatii tokkoof leenjjii fudhattan jedhaman. Kunis akkuma yeroo dargiin dhuma kufaatii isaa godhee ture, wanti Xoollayitti walitti qabaniif leenjjii waraanaa akka fudhatan ta'ee akka kufaatii dhufaa jiru irra of ittisan godhuuf kan jedhamu yoo ta'u shakkiin jiru tokko ammoo qorannoo keessatti mormiin yoo ka'e achitti hidhanii tarkaanfii itti fudhachuuf kan jedhu jira. Hundumaafuu shororkaan kana hin jedhamiin himuun nama rakkisu isaan gidduttti umamuun isaa hubatameera. 

**********!!

Godina Wallagga Bahaa Keessatti Ummanni Beelaa fi Dhukkubaan Dhumaa Jira! Mootummaan Ummata Kana Gargaaraa Hin Jiru!

Godinnaa Wallaggaa Bahaa Keessaa qubattoon Onaa Leqaa Dulachaa keessa balla bellaaf dhukuubatinii naminii 47 du’e lakoofsaan kan hin bekamnee immoo du’a fi
jireenyaa keessa jiru.

Akkasumaas Onaa Haroo Limmuu keessa Bakka Shoonkooraa fi Rifeenti jedhaamu keessa qubattoonni jiran 

• Midhaan nyaata dhabanii
• Qorichaa walaansaaf ta’u dhaabanii
• Kan ittin hojetataanii nyaataan dhaabanii du’aaf jireenyaa kessa jiru. Biyya mootummaan jiru keessatti ummanni yeroo bifa kanaan dhumatu mootummaan callisee ilaalu diina malee waan biraa ta'uu hin dandahu.

**********

Wayyaanee fi Lukkeen Muddamaa Keessa Jiran Keessaa Bahuuf Ilmaan Oromoo Hidhuun Furmaata Sehanii Itti Fufaa Jiru!

Akkuma beekkamuu OPDOn yeroo ammaan tana cinqamaa keessa jirtu irraa kan ka'ee Barattoota fi qotee bultoota deggartoota ABO jechuun mana hidhaattii guuruu itti fufteetti haaluma kanaa guyyaa 14/11/2006 aanaa Giraar Jaarsoo Gandaa Ejersa Kaawoo jedhamuu keessa Qotee bultoota ammaaf maqaan nu gahee kanneen akka: 1. Birhaanuu Abarraa 
2. Charuu Zawudee, 3. Nagaash Maakoo fi kaannen ammaaf maqaan nu hin geenyee jiraachuu isaani maaddeen hubachiisaniiru. Haalumaa kanaan qotee bultoota walitti qabuun jaarreen kun faarraa dimookiraasiti kanaaf warreen akkanaa kana dabarsitanii akkaa kennitan
jechuun dabballoonii aanichaa ennaa uummataa mari'achiisan ummannii isinituu faarra Diimokiraasiti malee isaani miti ,barattota keenyaa barumsarraa ariitanii kanatu isinii sifaahee ammaa immoo gara keenyaa dhuftaan jechuun wal gahii isaanii addaan kutanii bahan jedhaa maddii oduu achii nu qaqqabee.

Kun kanaan otoo jiruu barattoota bara darbe jeequmsaa kakkaastan jechuun sobaan hitee turtee yeroo ammaan tana himataa irratti banuun aanaa dagam keessatti barumsaa isaani addaan kutuun deddeebi'aa jiran keessa.

1. Miliyoon daadhii, 2. Kabbabaa lammaa, 3. Darajjee Lammaa, 4. Guddisaa Nagaash
5. Baayyisaa Taaddasaa, 6. Shuumii Tolchaa, 7. Katamaa Dhufeeraa yoo ta'an barumsaa isaanii illee akka hin hordofnee dhorkamaniiru. haalli kun onootaa akka warra jaarsoo, Kuyyuu, Hidhabuu abootee keessattillee ittii fufeera.

******

Wayyeenee fi Lukkeen Ragaa Kijibaan Ilmaan Oromoo Hidhaatti Gidirsaa Jiru!

Godina baha walagaa ti  Anaa Jimmaa raaree Ganda  Baball'aati  FDG   darbeen baratoota hidhani ragaa sobaa  ba'ni amalle gochasaaniraa debi'u didani dinaaf bitamani sabasaanirati ragaa sobaa bahuf qophaahaniru isaanis:
  1. Unatuu Magarsaa,   2. Getu Zalaqaa,   3. Tasfaayee Tarafaa,   4. G/silaasee Gutamaa
  5. Masaayi  Xannaa

Namoota shira kana xaxanifi xaxaa jiran

1.        Obo Cimdi Torban ( paarti sirna dargi kesa kan turee ), 2.        Mulgeetaa Tsagggaaye( basaasa Wayaanee ), 3.        Balaayi Hunduumaa (hidhataa fi basaasa Wayaane), 4.        Leeliisaa Dasaalee (daariktara Mana barumsaa Baball'aa)

kesaayyu namichi kun namoota ragaa sobaan akka bahan bitee qopheesufi amansisuu irratti gahe gudaa kan taphate dha. Namooni kun gochaa isaanii fokkisaa kana irraa hin debi'ani taanaan akka isaan diina waliin hiriiraa jiran fi rakkoo boru dhalatuuf itti gaafatamaan matuma isaanii ta’uu hubachiifna.

********

Ibsa ejjennoo  maandhe Odaa Jiimmaa 

Nuyii misensoota maandhee Odaa Jiimmaa kan taanee mariifii waliti dhufeenya yeroo dheraaf goneen Ibsa Ejjennoo harmaan gadii baafanee jira.

1.        Jalqabaratti ejjennaa Ilmaan Oromoo Waraana Wayaanee  iratti fudhatan qabsoo sabasani ABOn  gagefamutti makaman dinqqisifanna, jabaadhaas jennam, 2.        Akkuma dhaabni keenya ABOn  wamicha  wareen Oromoo ta'ani  Motummaa du'aisaadhiyaate walin hirirani sabasaani basaasan if aka QAbsoo sabasaani  ABOn gegefamuuti debi'an nutis ira debinee akka Maandheti debi'a jenna, 3.        Ejjeno barbaachisaa dinaratii fudhachuf qophaawo ta'ukeenya ni ibsina., 4.        Motummaa  caasaan isaa digamee kufuf room'ee kana  ofiraa darbuuf yomiyyuu caala qophofna, 5.        Gumaa  Qabsaa'ota Oromoo Qabsoosabaaf  Qabsooraa kufani guumaasaani ni baasna, 6.        Waan dhaabni keenya ABOn nudabarsuu fudhachuuf qophaa'o dha, 7.        Kana boda yeroon garadhumaa ta'ef  dinaaraa waan qusanu hin qabnu dinati garaa jabaana, 8.        F.D.G haalaan haromsinee itti fufna !

*********
Tarkaanfii Lukkee Irratti Fudahtame fi Wixxifatuu Lukkee fi Wayyaanee!

Godina Iluu A/Booraa Ona Hurrumuu ganda Baaroo keessatti torban kana keessa qabeenyaa Lukkee diinaa irratti tarkaanfiin fudhatameera. Akkanaan Lukkee
wayyaanee kan ta’e Ashaaggiree Maamaaruu jedhamu jiraataa ganda Baaroo kanaa kan ta’e qabeenyaa isaa Xaafii Sangaa 5 fi Buna Sangaa 3 waliin ciramee balleeffameera. Tarkaanfii kanas kan fudhate Ummata naannoo kanaa ti. Ykn miseensa maadhee naannoochaa ti. Dabballeen dabballee wayyaanee ganda kanaa ti. Namni kun sabummaan isaa Amaara. Lukkee kanarratti tarkaanfiin kun kan fudhatameef gorfamees kadhatamees deebi’uu waan dideef; yaroo dheeraas ummata rakkisaa tureera. Dabballoonni wayyaanee tarkaanfii kanatti rifatan ummata naannoo adamsanii hidhuutti jiru.

Akkasumas ganda Baaroo kana keessatti kanaan dura Lafa Loon Ummataa dheeddu Dabballoonni Wayyaanee Ona Hurrumuu taayitaa isaaniin Safaartoota Tigirootaaf hiranii kennan Ummanni itti bahee Lafa kana walii hiruun Safaartoota irraa aryatee kan ofii godhateera. Egaa akkuma walii galaatti yaroo ammaa kana ganda
Baaroo keessa Mootummaa fi Ummta gidduu rakkoo cimaatu uumamee jira.

Gara biraan godina Jimmaa Ona Deedoo magaalaa Sheekii keessa jeequmsi baballatee jira. Akka kanaan Dabballeen OPDO jeequmsa kana irratti sodaa guddaa
waan qabaniif magaalaa Sheekii kana toohannoof akka ta’uufitti bakka lamatti baasanii jiru; ykn ganda 2 godhanii jiru. Yaroo ammaa kana magaalaa kana keessatti Sa’aa 1.00 PM booda nam-tokko yoo bakkeetti argame ni rukunna jechuun Faxnoon Ummata magaalichaaf labsa dabarseeraaf. Walumaa galatti ummata magaalatti
dabballoonni ni jeeqaa jiru. 

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 

 

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net