Sadaasa 27, 2006 (Oromiyaa) - Waraanni Wayyaanee Agi'azii Jedhamu Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti Duuluun Miidhaa Geessisaa Jira, Ummannis Of Irraa Faccisaa Jira. Mootummaan shiftaa wayyaanne kan deeggarsa ummata Oromoo biraa hin qabne, sochii miseensita ABO Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimma Arjoo waan isa yaadesseef lolotoota isaa agazii jedhaman itti duulchisuun, ummata nagaa hojii isaa hojjetu reebuun miseensota ABO baasa jechuun hiririisa jira. Uumani garuu waan harkaa qabuun waraana haga funyaanii hidhate, meeshaa lolaa aadaan kan akka gajara, eeboo dhaan offiraa deebisuuf loltuun kabajaa sabummaa fi kabajaa ummataaf dachee isaa irratti wallaansoo guddaa gochaa jira. ********** Yakki Wayyaaneen Hidhamtoota Oromoo Irratti Raawwattuu fi Walitti Bu'insaa Sabboontotaa fi Lukkee Gidduu! Wayyaaneen hidhaa fi gidiraa uummata Oromoo irraan gahaa jirtu itti fufanii jiru. Gochaan mootummaan wayyaanee uummata Oromoo irratti gama hidhaan murtii haqaa malee hiraarsuuf gidirsuun ciminan itti fufee jira. Haaluma kanaan manni murtii wayyaanee uummata Oromoof jecha yaadamee qophaa’ee jiru raga tokko malee murtii haqa hin qabneen dhaddacha gaafa sadaasa 01, 2006 ooleen galmee Alii Ibraahim jalatti himatamtoota 49 keessaa namoonni 37 waggaa 6 erga hidhamanii gidirfamaa turanii booda, bilisa jechuun yommuu gadi lakkisu namoota 8 ammoo murtii hidhaa waggaa 12 irratti murteessee jira. Kanneen murtiin dharaa irratti murtaa’e kunniin:
1. Ahmed Zaakir,
2. Jaarraa Mohaammed,
3. Jamaal Abbaas
4. Haamzaa Usoo,
5. Abdiisaa Dammashee,
6. She Abdii Ibraahim
7. Obbo Tashoomaa,
8. Obbo Yooniis Umar yommuu ta’an namni Alii Ibraahim jedhamu galmee kana keessatti waggaa dheeraaf hanga har’aatti murtee tokko malee dararamaa jira.
Kana malees namoonni sadii (3) galmee kana keessaa darara mootummaan wayyaanee mana hidhaa keessatti irraan gahaa tureen miidhamanii lubbuun isaanii mana hidhaa wayyaanee keessatti darbuun isaa ni yaadatama. Kanneen mana hidhaa wayyaanee kana keessaa hiikkamtanis kaka’umsa qabsoof kanneen murtii dharaa argatanniifi wareegama jiruu fi jireenyaa baaftan qabsoo isin irratti wareegamtaniif hidhamtoonnii fi sabboontoti lammii Oromoo qabsoo isin irratti wareegamtan galmaan gahuuf qabsoo wal irraa hin cinne gochuun ni qabsoofna jechuun murannoo qabnu ibsina. Gama biraan ammo Caffeen mootummaa naannoo Oromiyaa yaa’ii 4ffaa waggaa 2ffaa waameen kisaaraa keessa galee jira. Guyyaa kaleessaa fi har’aa walgahii adeemsifamaa jiru irratti sabboontoti Oromoo murannoo qaban ibsanii jiru. Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa bakka buutoti KUO mormii qaban afaan isaanii huccuu/maarrabiidhaan hidhatanii osoo hin dubbatiin oolaniiru. Kanaan kan rifatan dabballootii fi ergamtooti dhala nafxanyaa gidduutti walitti bu’iinsi guddaan uumamee jira. Minaasee fi Zalaalem Jamaanee jidduutti lolli ykn walitti bu’iinsi cimaan uumamee walgahichi osoo hin adeemsifamiin ooleera. Mitikkuu Qalamaworq namni jedhamus akkasuma aafa yaa’ii caffichaa kan ta’e Mahaammed Hasenii wajjin walitti bu’iins uumee jira. Kanaaf ka’uumsa kan ta’e aafa yaa’ii caffee jedhamee namni waamamu kun nama eenyummaan isaa hin beekamne bakka bu’aa uummata Oromooti jedhee walgahii kana irratti akka hirmaatu gochuu isaa irraa kan ka’een ta’uun isaa ibsameera. Namni eenyummaan isaa hin beekamne kun nama Mesfin Daadhii jedhamu yommuu ta’u sabbata irraan uummata Oromoo bakka bu’e afaan guutee walgahii kana irratti hirmaachuu dhufuu isaatiin jedhamee jira. Haaluma kanaan walgahiin kaleessa jalqabame kun marii tokko malee boru akka xummuramu jedhamee jira. Namichi kun qabsoo sabboontota kanaatiin guyyaa har’aa walgahii kana irraa ari’atamee qaaniin akka gara mana isaatti deebi’u ta’ee jira. Gadaan gadaa Bilisummaa ti! Injifannoo Ummata oromoof!!
|