Sadaasa 23, 2006 (Oromiyaa) - Odeessa WBO Zoonii Kaaba Bahaa Goodinoota Diida-niinnii fi Hassan Aammee.
Humni Furgaatuun WBO Zoonii Kaaba bahaa tan Goodina Hassan Aammee keessa sochootu loltoota wayyaanee fii ajajoota warra fadraalaa irratti tarkaanfii laaleessaa fudhachuun lubbuu fi qabeenya isaanii irra kasaaraa guddaa geessisan.
Akka kanaan gaafa dhuma ji'a onkololeessaa kuma lamaafi jaha(10/06) naannoo Sanbatee ona Sanbaa ganda funyaan danbii bakka ja'amtutti tarkaanfii fudhatamteen ajajoonni fedraalaa 2 fii loltoonni 5 du'anii 10 ol madaawan, akkasumatti konkolaattoonni isaanii 4 daaraawan. isaaniis konkolaataan lama(2) Izuzii, tokko Landi kuruuzer, tokkoos Haluxe. Lola kanarrti Qawweeleen PKM 2 fii Kilaash tokko fi Moobaa'ilii tokko booji'uun dantaa qabsoo bilisummaa oromoof oolfaman.
Haala kanatti gammaduun maadhoonni Sadan makkannaa, fii dheeraa bonbii harkaa fi lamaa fii Qarshii 202 bir battalumatti WBOf arjoomanii fuulduraafiis akka qabeenyaa fii lubbuu isaaniitiin WBO cinaa jiran hubachiisan.
Wayyaaneen haala humna furgaatuu WBO goodina Hassan Aammee kanatti rifachuun torbaan dabre keessa ji'a sadaasaa 06 loltoota baayyinaan fiddee ganda funyaan danbii keessa mana barnootaa barattoota keessaa yaasanii qubsiisuun akka ummata rakkisan godhaati jiran, duraaniis wayyaaneen ona kanatti oromoo fi Afar walitti diruun akka ummanni lamaan walfixan godhaa ture, ammaas ummata oromoo qawwee humnaan irraa hiikanii warra Afar immoo hidhachiisaati jiran ummata oromoo irratti duulchisuuf ufii isaanitiifiis Afar fakkaachuun ummata oromoo dhiiraa dhalaa xiqqaa guddaa odoo hin hanbisin jumlaan akka kanaan dura fixaniis odeessi keenya ni mirkaneessa.
yeroo ammaa loltoonni achi qubsiifame kuni konkolaataa kabateen isaa 00924 ED qabu fudhatanii gandoota keessaa ummata funaananii akka hidhatti guura jiraniis ni ibsama. Sabani isaatiis isin ummata Afar fii waraana fedraalaati ajjeestan jechuuni kan kana godhaa jiran.
********
Wayyaaneen ummata oromoo kan Harargee duula hidhaa fii ajjeechaa itti banuun bal'inaa rakkisaa jirti. akka kanaan torbaan kana keessa magaalaa Bordoddee kaasee hanga Dirree-dhawaatti gara nama 200 olii qabee sababa tokkoon malee hidhatti guuree qabeenya hammana hin jedhamnees irraa saamee jira, kun odoo jiruu guyyoota 22/11/06 fii 23/11/06 gandoota Dirree-dhawaa keessaa gara nama 5 nii ol qabanii akka hidhaniis barame sababa ABO gargaartan jechuun hidhaafii saaminsaan ummata akkamalee rakkisaa jiran, warri kana wayyaanee dura bu'ee raawwachiisaa jiru waraana wayyaanee waliin
1, Liqamanbar Shiinoo Abdullahi Shantee 2, Abdi gees Ibraahim Elemoo 3, Husseen Bayaan Turribbaa kanneen maqaa isaanii olitti xuqame kuni Ona mayyuu muluqqee keessatti warra wayyaanee wajjiin torbaan kana keessa duula ummata irratti banuun hidhuu fii saamsisaa jiraniidha,
Bifuma walfakkaatuun gara Qunbbiittiis kan ummata rakkisaa jiru Ismaa'il Abdullaahi Aadam Mataa nama jedhamuudha, jara kanaan sabboontoonni oromoo nannnoo sunii yoo gochaa kanarraa if deebisuu baatan tarkaanfiin maayyii akka isaanirratti fudhatamu hubachiisaan.
*********
Guyyaa sanbata lamaan(sadaasa 18-19,2006) darbe kan Aanaa baabbilee iddoo qoree fi bombaas jedhamtutti humni hin beekamin tokko tarkaanfii waljala walitti aansee fudhateen waraan wayyaanee kudha tokko ajjeesee kan lakkoofsi isaa hin beekkamne madeessee jira.
*********
Wayyaaneen lukkeewwan hedduu magaalaa finfinnee fi naannoo ishee keessatti ramaddee hojjechiisaa akka jirtu beekameera. Haaluma kanaan yeroo ammaa lukkeewwnan ishee magaalaa finfinnee iddoo adda addaatti lafa fi faayidaa adda addaa kennitee uummata oromoo irratti akka hojjetan gochaa jirti. Lukkeewwan kunniin lafa manaa fi suuqii irratti ijaarratan bakka lamaa fi sadii ol fudhatanii faayidaa guddaa itti fakkaatee uummata oromoo irratti dirqama ba'aa diinaa akka raawwataa jiran bira gahameera. Lukkeewwan kunniin keessaa:
1. Taammanaa Gonfaa ( kanaan duras of eeggannoon itti kennamee kan hin deebinee fi hojii isaa farra qabsoo oromummaa kan itti fufee jiru) yeroo ammaa magaalaa finfinnee keessaa lafa suuqii bakka sadii fudhatee ittiin uummata oromoo adamsaa akka jiru. 2. Jimaa Galataa, 3. Abarraa ( Magaalaa Sabbataatti bulchiinsa ganda 01 kan ta'ee fi barattootaa fi sabboontota Oromoo magaalitti keessaa adamsee mana hidhaa wayyaaneetti guuraa kan jiru.
Kanaafuu uummati Oromoo jarri kun gochaa isaanii kana irraa of qusatanii hin deebi'an taanaan tarkaanfii qabsoo hadhaawaan isaanirratti akka fudhatan sabboontoti oromoo jara keessa beekanii fi hojii isaanii hubatan akeekkachiisani jiru.
Haaluma Walfakkaatuun magaalaa Ambootti Uummataa fi barattoota hedduuf kan gamsiisaa fi mana hidhaatti guursiisaa kan ture dabbaleen wayyaanee Biraanuu jedhamu scholarship wayyaanee argate uummata Oromoo gurguruuf hojii walfakkaataa ambootti raawwachaa ture hojjechuuf gara Booranaatti ergamee jira. Dabbaleen kun yeroo ammaa magaalaa Moyaaleetti hojii basaasummaa wayyaanee irratti bobba'ee argama. Kanaaf mallattoo addaatiin uummata keenya naannicha jiruuf akka beeksifnuu fi suuraan dabballee kanaas naannoo inni jirutti maxxanfamee uummati addaan baafatee akka beeku ni taasifama.
Gama biraan baay'ee jaalatamaa fi qabsaawaa kan ta'e weellisaa Usmaayyoo Buusaa dhukkubsatee lubbuun isaa darbitee jirti. Usmaayyoon dhukkubsatee lubbuun isaa gaafa sadaasa 20,2006 darbitee gaafa sadaasa 21,2006 magaalaa Cirootti, firooti, weelliftooti, barattootii fi sabboontoti hedduun bahanii awwaalaniiru/gaggeessaniiru. Maatii fi firoota isaa hundaaf jajjabina hawwaa qabsaa'aan ni kufa qabsoon Oromoo itti fufa jenna.
***********
Lukkeen fi Wayyaaneen Barattoota Oromoo Gimgamaa Jechuun Barnoota Irraa cufanii Hiraarsaa Jiru!
Godina Jimmaa Ona Qarsaa ganda Bussaa Baccaanee mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Dhiibuu Bijjiit keessatti maqaa ABO as keessaa balleessina jedhuun barattoota
gimgamaa jedhanii harra torbii tokkoo ol barattoota barnoota jaraa irraa dhaabanii rakkisaa jiru.
Qabxiin jarri barattootatti dhiyeessanii rakkisaa jiran keessaa tokko:- Yaroo manni barumsaa cufamu Diraamaa OPDO arrabsuu fi ABO faarsu hojjettan jedhamnii kunoo torban tokkoo ol kan wal irraa hin cinnee barattoota gamaggamaa jiru. Barattoonni gamaagama kanaan rakkifamaa jiran keessaa:
1. Daliil Kadir, 2. Haawwii Hajii, 3. Hasan A/Jabal, 4.Tijjaanii A/Biyyaa faatu keessatti argamu.
Tijjanii A/Biyyaa kana ammoo mana barumsaa sad.2ffaa Sarboo irraa dhuftee Diraamaa kana qindeessaa turte jechuun rakkifamaa jira; mucaan kun jiraataa ganda kanaati. Akkasumas durabu'aa mana Barumsaa yaroo sanaa Iisaaq A/Maccaa yaroo ammaa kana mana barumsaa kanarraa badii tokko malee jijjiiramee jira. Sababni jijjiirraa isaa kun Diraamaa kana jara gargaartee akka jarri hojjetan gootee fi ati miseensa ABOti jechuuni; Yaroo ijoolleen Diraamaa OPDO abaaruu fi ABO faarsu achi keessatti hojjetamu ati maal eegaa jirta ? Ati jaruma waliin hojjette jechuuni. Egaa akkuma walii galaatti yaroo ammaa kana mana Barumsaa kana keessatti barnoonni erga dhaabbatee torban tokko caalee jira.
*********
DHAAMSA BARATTOOTA ORMOO YUNVERSIITII GONDAR HAALA YEROO AMMAA YUNIVERSITY GONDAR KEESSA JIRU IRRATTI!
Akkuma beekamu yeroo ammaa humni mootummaa wayyanee baay`ee dadhabuu irra darbee yerootti digamuuf, kufuuf har`a boru jechaa jiru kanatti seena waan baay`ee fokkotaa tahan hojjetee darbuuf jecha shiroota baay`ee walitti xaxaa jira. Akkuma beekamuu yeroo ammaa naannoo Oromiyaa keessaatti saba Amantii, qomoo fi sababa kan biraa waliin wal qabsiisee uummata addan ciree waliitti naquu irratti argama kun immoo abdii kutachuu isa agarsiisa. Akkasumas yunversitii naannolee Oromiyaa keessatti argaman shira isaan xaxaniin lubbuun bay`ee qabeenyii bay`een barbadahuun isaa ni beekama. Kun hundaa kan tahaa jiru Walii galtee yeroo darbe jechuun TBD diiguuf akka tahe beekama dha. Akkuma kanaan dura saba addaan hiree barattootaa wal lolchiisaa ture har`as yuversiitii Gondar keessatti waanti akkasii akka dabalamuuf shira xaxuu eegalee jira. Innis:
1. Maqaa barattoota kanaan dura naannoo Oromiyaatti reebamaniif gumaa maalif hin baanu ?
2. Akkuma beekamu kampaasiin Gondar dallaa sadii qaba inni main campus tahe maqaa Tewdros jedhuun moggaafamuu qaba jedhuu barattootni baay`eenis tahee bulchiinsi mana barumsaas kana hin eeyyamamu jechaa jiru. Kun bu`aan isaa garuu gara hin taanetti oofaa jira. Shira isaanii xaxaa jiru kanaaf yeroo ammaa kampaasiin kun qilleensota akkasiin guutamtee qilleensa`aa jirti. Namootni habashaa waanti kun maal irraa tahee? fi maalif tahee? isa jedhu otoo addaan hin baasiin callisanii poletical fate isaas otoo hin hubatiin callisanii odeessaa jiru. Kun immoo tahe jedhee kan mootummaan kun xaxaa jirtu dha. Kanaaf waan jechuu baarbaannu ykn nuy baratootni Oromoo Gondar shirri kun shira mootummaan Wayyaanee xaxaa jirtu waan taheef baratootni Habashaa mootummaa kanaaf akka ulee hin taane isaaniin jennaa sababni isaas walittii bu`insa gidduu keenyatti uumamuun fayyadamaa kan tahu mootummaa kana qofa waan taheef shira kana hubatanii akkaa irraa deebi`anii nagaa buusan jenna. Kaayyoon Mootummaa kanaa inni guuddaan ummata adda qooduun akkuman dura ibsame TBD diiguuf waan tahee qomoon eeynumtuu kana hubatee akka irratti dammaqee yeroo du'a mootummaa abbaa irree kanaa shaffisu dhaammanna. Akkuma yeroo ammaa mootummaan wayyanee sabaa Amaaraa kan hogganuu paartiin Wayyanee shira kana hoogganaa jiraachuu isaa hubachuu qabu isaan umurii dheereffachuuf baay`ee waan dhama`aa jiranii ijoollee habashootaa paartii kana hiriirtees tahee wallaalummaan hojjechaa jirtu wal hubachisuu qabu jenna.
Egaa kana irratti kan kana barressuuf ykn ibsuuf nu kaakase waanti kun kan adeemaa jiruu walii galtee ykn TBD diiguuf shira xaxamaa jiru waan taheef kun hubatamee AKKA WALII GALTEE TBD TTI IRRAATTI HUBATAMEE, AKKA OTOO QILLEENSI KUN HIN BOORAHIIN FALLI QAAMA BARBAACHISUUN ITTI KENNAMUUF YKN QINDOOMINNIS TAHE ARBANYOOCH KANA HUBATANII QAAMA AMANSIISUU DANDAHAN AKKA AMAANSIISANIFI. namoota isaanis hiriira hin barbaachisne kana keessaa akka bahaniifi. Yeroo ammaa kana baratootni habashaa dallaa sanaa wal gahii hin barbaachisnee gochaa jiru garuu bu`aatu jeequmsa kana irraa argamutu kan mootummaa kanaa waan taheef ammayyuu taanaan baakkee amma jiru kanatti dhaabachuu qaba jenna. Garuu nuy barattootni Oromoo waanti dhufu otoo dhufee waan sodaatnu tokko illee hin qabnu. Akka nuuf hubatamu kan barbaadnu garuu mootummaa kanaaf immoo ulee tahuu hin qabnu jenna. Kanaaf deeggartoota isaanii akka karaa barbaachisuun akka hubachisaani jenna. Kana keessattii miseensi OPDO illee akka hirmaachaa jirtu waantootni tokko tokko ni ibsu kanaaf of eeggadhaa jenna.
Barattoota Oromoo yunversiitii Gondar
Injifannoon uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Tarkaanfii Lukkee Irratti Fudhatame!
Harargee Lixaatti Itti Gaafatamaa Poolisii Aanaa Mi'eessoo Nagaash jedhamu lukkummaa diinaan amanamoo fi kan Oromoo hirarsuuf hojii koo jedhee diina jala deemu ta'ee waan gamsiiseef tarkaanfiin keessa deebii hin qabne irratti fudhatamee jira.
Kanarraa lukkeewwan haftan akka barattanii gara qabsoo saba keessanii deebitan yoo ta'uu baate ammoo lukkummaa keessan irraa akka dhaabbattan isin hubachiifna jechuun dhaamsi achii nu qaqqabes ibsa.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!