Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Oduu Biyyaa


Sadaasa 22, 2006 (Oromiyaa) - Gootchi waraanni bilisummaa Oromoo  kaaba shawaatti socho`u sadaasa 13, 2006 anaa warra jaarsoo bakka gabaa ojja duree jadhamutti bulchiinsa anaa sana Girmaa Hundee fi loltoota wayyaanee afuri  walin dhukaasa banee hundashee bitinneesuu dhaan nagaan deebi`uusaa gabaasin koree kaaba shawaarraa nuqaqabe addeesse.

********

Sadaasa 16, 2006 sa'a 11:00 irratti gootni Oromoo nama amanamaa raayyaa miseenssa wayyaanee kan ta'e ajajaa poolisii Aanaa mi'eessoo Asabooti keessatti human hin beekkamneen tarkaanfiin irratti fudhatamee jira. Ajajaan polisii Aanaa mi'eessoo du'uun ummataaf boqonnaa ta’uu isaas oduun achii nu geese addeesitee jirti.

***************

Artistin Oromoo Beekamaa Artist Usmaayoo Muussaa Du'aan Addunyaarraa godaane/Boqote

Artistiin Oromoo beekkamaan Artist Usmaayyoo Muussaa guyyaa kaleessaa sadaasa 20, bara 2006ti magaalaa Ciroo, baha Oromiyati du'aan addunyaa kana irraa godaane. Artist Usmaayyon nama gameeysa, hayyuu fi qabsaawaa ture. Artist Usmaayyon nama sabboonaa jireenya isaa dura rakkoo saba isaatif uf kennee haala hedduu hamaa tahe keeysati qooda ciccimoo kafalaa hamma guyyaa du'a isaati qabsaawaa ture.

Artist Usmaayyon rakkoo saba isaatif osoo qabsaawaa jiruu mootummaan tigree
qabdee waggaa 8 oliif mana hidhaa keeysati rakkoo fi gidiraa kana hin jedhamne irraan gahaa turan. Mana hidhaa keeysati jabinaan waan reebameef sababuma sanaan dhibee irra gaheen yeroo dheeraadhaf dhukkubsataa akka ture ilmaan Oromoo isa beekan ni himan.

Tumamiinsa fi rakkoolee yeroo dheeraadhaf irra turerraa kan ka'e osoo hin fayyin du'a isaa tanaaf sababa taate. Awwaalcha Usmaayyoo kan kaleeysa sirna cimaadhan geggeeffamerrati sabboonttonni Oromoo awaalcha kanarrati argaman Qabsaawan Kufus qabsoon itti fufti dhaaddannoo akka dhageessisaa oolan oduun achirraa dhufte ibsiti.

Waaqni firoota isaatifii sabboontota Oromoo maraa haa jajjabeessu jenna.

Miseensonni Baandiin Gadaas Du'a Artiist Usmayyoo musaan gadda Itti dhagahame ibsachuun firoottanii fi ilmaan Oromo maraaf jajjabina akka kennu dhaamaniiru.

************

Lukkee fi Wayyaaneen Oromiyaa Weeraranii Walgahii yaaman. Ummanni Wal Gahii Isaanii Tuffatee Itti Dhiisee Bahe!

Godina A/Lixaa Ona Shaashamannee keessatti Poolisoonni  wayyaanee ummata Onoota adda addaa keessaa walitti Qabuun Walgayyii guyyaa Afuriif Gaaggeessuun Murtiiwwan farra QBO ta'an murteessani jiru. Onooti Poolisoonni keessaa itti walitti dhufan Ona  Shaashamannee, Nagellee, Asaasaa, Kofale, Qoree, Siraaroo fi Dodola yemmuu ta’an Murtiilee dabrafatan keessaa Fincila Ummataa ABOn yeroo ammaa nurrratti Labse kana akka Salphaatti waan keessaa hin baaneef Humna Jabaa nu barbaachisa kana godhuuf immoo Dursa Poolisoota Nu keessaa taa’aani ABOtiif hoijjatan Saaxiluun ufkeessaa baasuu dha.

Bakka isaan ka’anis Poolisoota Amanamoo ta’an bakka buusuun Fincila Ummata kana  ufirraa ittisuudha.  A/Nagelee, Kofalee  fi Asaasaa  Hatrantamaan Humni Polisaa Eggataa Miseensota 31 ufkeessaa qabu hatattamaan akka irratti Qubatu murteessanii jiru. Naannoowwan hafan Shaashamannee, Siraaroo, Kofalee, Qoree  fi Naannoowwan hafan Humni Poolisii Feediraalaa akka irratti qubatu Murteeffatanii jiru.

Poolisoonni Waltajjii kana Gaggeessaa turan Poolisoota Oromiyaa irraa dhufanii fi Feediraala irraa dhufan yemmuu ta’u Poolisoonni Murtii isaan Dabrsan kana afoo dhaabbatanii morman battalummatti itti gaafatamummaa isaanii irraa ka’anii jiru kanneen keessaa itti gaafatamaa Poolisii Ona A/Nageellee yoo ta’an kanneen murtii isaanii kana fudhatuu didanii hujii isaanii irraa ari’aman hedduu dha.

Ummanni Oromoo polisoota saba isaaniif dhaabbatanii ergamaa wayyaanee ta'uu didaniif kabajaa fi ulfina guddaa qaba! Galmee seenaa keessas kaayee isaan yaadata! Warra saree ajajamaa wayyaanee taate ammoo guyyaan qorichi isaaniif barbaadamu fagoo hin ta'u! Seenaas umuriis hin qaban jechuun sabboontonni naannoo dhaamu!
**********
Godina arsii lixaa Ona A/Nageellee, Shaashamannee fi Dodola Keessatti Dabballoonni OPDO Ummata Amantiin walitti buusuuf yaali godhanii osoo hin milkaayin hafanii jiru.

Sadaasa14 2006tti Ummata Ona Dodola walitti qabuiun maqaa Amantitiin Walitti kakkaasuuf Hedduu yaalanii jiru, keessattuu ABOn yeroo ammaa Ummata Hedduu Dhunfateera jedhanii sodaa waan qabaniif shira isaan ummata nagaa fi amantiin walitti bu'ee hin beekne shira isaanii hamaa ta'een Ummata Addaan qoodanii wal ficcisiisuuf hojjetaa jiru. Kanaaf ragaan gochaa isaan naannoo Jimmaa fi Iluutti hojjetanii ABO tti haqachuuf tattaafatan dha. Onoota Arsii keessas kijiba isaanii beekamaa kana ummatatti lallabaa oolan. Akkasumas Dabballoonni ABO hedduminaan isin keessa seenanii Karaa jijjiiraa waan jiranif ufkeessaa akka baaftan  marii keenya kan Hardhaa kana yemmuu jedhanii waltajjii banan Ummanni Walgayii dhufan Nuti kan dhufneef waa’ee misoomaa nutti himtan jenneeti malee Waa’ee ABO kan Ummata Oromoo Caalaa beeku hin jiru.

ABO Eenyu akka ta’e nu dhiisaa ijoolleen teenya kan mana baruumsa dhaquu Umriin isaanii hin gayinilee Waa’ee ABO ni beeku kanaaf Amantiidhaan Eenyu akka Ummata Walitti buusaa jirus ni beekna kanaaf yoo Dhaamsa biraa Qabaattan nutti Himaa. Yoo kanaaf nu waamtan ta’e immoo Gara mana keenyaa Gallaa jedhaniinii jiru. Keessaattu Manguddootaa fi barsiisota mana baruumsa Ona Dodolaa Adda addaa keessaa dhufan Dabballoonni OPDO Dorsisuuf Yaalanis Barsiisonni Gaaffii isaaniitiif osoo Deebii Hin kennin Jalaa Ca’isanii jiru.

Dabballonni OPDOtis Barattoota ABO yeroo aammaa Fincilaaf nurratti Kakaassaa jiru kana too’atuuf Isin keessaa Barsiisota barattoota too’atan nuuf kennaa jedhanii gaafatanis Osoo deebii hin’argatiin  Jalaa Cal’isuun dhumarrattis Milkii tokko malee  Dabballoonni OPDO walgayicha Gaggeessuuf dhufan qofa hanga walgayii irratti hafanitti Ummannii wal duraa dubaan Galma walgayichaa Gadi dhiisee bahee jira.

***********

Manni Hidhaa Wayyaanee Bakak Oromoon Itti Gidirfamu Dha, Wayyaaneen Shamarran Oromoo Mana Hidhaa Qaallitti Keessati Gidirsaa Jiru!

Mana hidhaa qallittitti kan argamaan dubartonnii Sadii Maqaan Gutuu isaanii Simanyii Dayaas, Sawinet Tamene fi Emnet Haylu jedhamaan ballessaa tokko malee harkaa isanii sibilaan hidhanii gara mana dukkanatti kan galaan yoo ta’uu rebichaan illee ijjolittii bala guddaa akka irraan ga’aa jiraan bekkameraa.  ijjolitiin bay’ee midhamaa jiruu yoo danda’ameef garaa namootaa ilalatuttu illee haa dhamamuuf. Qamaa isaanii illee osoo hin dhiqatiin ji’aa tokkoo gutuuf jedhuu firaaf illee gad basuu dhorkaniruu halaa bay’ee nama gadisisuu kessaa jiru.

Namoonnii hojiraa har’ataaman midiyaniis darberaa garuu oddefaanoof yoo ta’ee jechaaf sadannuu Oromootaa yoo ta’aan  Birgadeer jeneral Alemneh Tsige, Mejer Jeneral Alemishet Dagafaa, Birgader jeneral Kumara Asaffaa kan jedhamaan hojirraa ari’atamaniruu.

Warreen manaa hidhaa jiraan murtii jalaa qaqabaani murtiin isanii immoo billisaa ta’uuf jiru jalaa Fayilaa isaanii dhoksuun fayiliin kessaan dhabameera jechuun ji’aa sadiif isaa olittii belamuun gidirsaa jiru.

Gadaan gadaa bilisummaa ti!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 

 

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net