Sadaasa 21, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaaneen Barattoota Oromoo Sobaan Yakkuun Hidhaa Waggaa Shanii Haga Jahaatti Irratti Murteessan!
Godiina kibba lixa shawaa keessatti barattoota mana baruumsa Ammayyaa sadarkaa 2ffaa keessa turan armaan dura alabaa biyyattii busuun alabaa adda Bilisummaa oromoo faannistaniira sababa jedhuun ragaa sobaa tiin barattoota kudhanii afurirrattii hidhaa waggaa shanii hanga jahaa fi adaba qarshii dhibbaa shanii ittti murteessaniiru.
Maqaan barattoota kanaas akka armaan gadiitti tarraaya
1 Dirribaa Jabeessa, 2 Zarihuun G\mariyaam, 3 Kabbadaa Abarraa, 4 Asaffaa kumsaa
5 Aadanaa Guutuu, 6 Tasfaa Injiguu, 7 Shallamaa baqqalaa, 8 Masfiin faajjii, 9 Caalumaa, 10 Galaanaa, 11 Dirribaa jedhaman keessatti argamu.
Nammoonni ragaa sobaa bayanis
1. Dajanee kumasaa, 2. Galaanaa Ambaassa, 3. Tasammaa namoota jedhamaniidha.
Haaluma wal fakkaatuun yeroo amma kanatti Wayyaneen sodaa FDG ka'uu mala jedhuun uummata jumlaan walitti qabanii hidhaa jiru. gochaa kana kan raawwataa jiran Axxaarii Budin warra jedhamanitu fininfinnee dhaqe akka ta'es ummanni naannoo sanii dubbataa fi gochaa ammeenyaa kana balaaleeffataa jira.
***********
Sadaasa 15,2006tti Ona A/Nageelleefi Naannoo ishee Manguddootaafi Hojjatoota Mootummaa waajjiroota adda addaa keessa hojjatan walitti qabuun akkuma amala isaanii ABO Bal’inaan isin keessa seenee jira Barattoota Fincilaaf Kakaasaa jira booda yoo Mootummaan Tarkaanfii tokko fudhate Rakkoon keeessan waan ta’eef Mariin keenya kan Hardhaa Gufuu Misoomaa kan ta’e ABO irratti mari’atuufi kanaaf hundi keessanuu irratti Yaada kennadhaa jechuun kan walgayii isaanii Banan yemmuu
ta’u Ummatni garuu Mariin isaan Banaan kuni kan akka malee isaan dheekkamsiise inni kaan Gungumuun inni kaan wacuun akka isaan walgayii sirnnaan hingaggeessine jeeqanoii jiru
Boodas yaada kennaa yemmuu jedhamanitti namni tokkollee yaada isaan dhiiyeeffatan irratti yaada kennuu didanii Jalaa Cal’isanii jiru. Cal’isuun Ummataa kuni akka malee kan isaan Ruifachiisee Dabballoonni OPDO Jaarsota tokko tokko Maqaa dhayuun akka yaada kennan gaafatanis osoo hinmilkaayin hafanii jiru Ummannis osoo yaada isaan itti dhiyeessan tokko irratti yaada hinkennin dhumarrattis walgayicha gadi dhiisanii bahanii jiru.
*************
Wayyaanee fi Lukkeen Ilmaan Oromoo Hidhaatti Guuraa Jiru! Oromoon Qabsoo Isaa Jabeessee Jira!
Wayyanee fi Lukkeeleen Uummata Oromoo mana hidhaatti guraa jiru. Godina Wallaggaa Lixaa Aanoota Gimbii fi Laaloo Assabiitii namoota waggaa darbe Wiirtuu Leenjii Poolisii Sanqalleetti hidhamanii, booda dhimmi isanii Mana murtiin ilaallamee yakka tokko illee akka hin dalagne mirkana'ee bilisa gad dhiifamanii turan. Garuu amma mana hidhaatti naquutti jiru. Namootni bayyeen bakki itti hidhaman illee hin beekamu.
Oduu biraatiin ammoo Aanaa Laaloo Assabii keessatti hidhattoonni OPDO'n humna daffee qaqabaa jette moggafitee Leenjii loltummaa " Bir shalaqoo" tti kan fudhatan kamisoo Abarraa, Baqqallaa Aagaa kan jedhaman meeshaa hidhatanii jiraniin uummata samaa utuu jiranii uummati walitti dirmanii qabamuun OPDO qaneeseera, OPDOn saamtuu ta'uus ummataaf ifaan mirkaneesse. Samicha hidhattoonni OPDO kun rawwachaa turaaniin ofummaa namoota nagaa mana hidhaatti sobaan yakkuun rakkisaa turan.
Abbaa Dulaa Gammadaa jedhee kan off waamu Minaasee W/Giorgiis Uummata nagaa waliin jirachaa turan ilmaan Oromoo Aanaa Ayira Gullisoo jala turan addaan baasuuf yaalii inni karaa kittilayoota akka Kuusaa Kabbadaa fi Luba Abarraan gochaa jira. Minaaseen magaalaa Aayiraatti hasaa godheen Gullisoon "maqaa koo nagaafatan Isin ammoo misooma na gaafattan, kanaaf waan isini gaafattan isiniif nan godha. " jedhee uummata afaan faajjeessuuf yaale. Hattuun silaa akkatti kijibee waa nama irraa hatu itti beeka miti, inni garuu hattuu gaariis miti, sa'a keenya Tigreen eelmattu dha. Namooti walga'icha irratti hirmaatan gaaffii qabna yeroo jedhan, nuti gaafii deebisuu hin dhufne jechuun namoota sossodachiisu yaaleera.
**********
Oromoon Qabsoo Isaa Cimse, Wayyaanee fi Lukkeen Hidhaa Jabeessan!
Ayyaana yaadannoo FDG Ona boojjii Mana Barumsaa sadarkaa 1faa fi 2ffaa keessatti haala ho’aadhaan Sadaasaa 9/bara 2006 barreefama dhaaddannoo garaa garaa qabu onaicha keessa facaasuudhaan kan akka Gumaan barattoota keenyaa badee hin hafu, Hanga Oromiyyaan bilisoomtutti fincilli diddaa gabrummaa itti fufa; Bookkisi Mallas Oromoo tti dhaadate duubbatti qabsoo keenyan of bilissummaaf wareegamaa fedhe ni baasna malee qabsoo irra nu hin deebisu, Obbo tashaalaa Abbarraa Anntummaa issan lammii isaaniif qabaniif isaan dinqisiiffanna! hoogantoota ofiin kan jedhan lammii isaaniif hojjetootu irraa eegama malee garee tokko qofa tiksuuf Eenyummaa isaanii gurguruu hin qaban jechuudhaan guyyaa kana kabajatanii oolaniiru.
Haala kanatti kan rifatani ergamtoonni diina ona kanarraa Sabboontotaa fi barsiisota onicha hidhaa fi doorsisaan dararaa jiru. Isaan rakkoon guddaan irra ga’aa jiru kana keessa:
1ffaa Barsiisa Bantii Qajeela Daarakteera Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Biilaa kan turee fi Ergamtuu diinaa hin ta’u jechuudhaan daarakteerummaa irraa kan ari’ame
2ffaa /Barsiisa Biraanuu Tolosaa barsiisaa mana barumsaa sanaa kan ta’an
3ffaa Obbo Kummarraa Galataa B/bu’aa WFDO onichaa kan ta’an alaabaa qinijjittu mana keetii argame jechuudhaan 4ffaa Obbo Tasfaayee Badhaasaa daldalaa dhuunfaa kan ta'an barreefama ABOtu mana kee keessatti argame kan jedhuun namoota kana sobaan yakkuudhaan gidiraa cimmmaa irraan ga’aa jiru. Oromoon barsiisotaa fi sabboontota Oromoo maraaf kabajaa fi ulfina qaba.
Itti fufuudhaan Onichuma keessa utuu hin ba’in guyyaa gafa sadaasa 18/ 2006halkan sa’a 8;30 irraa eegalanii maqaa miliishota leenjifna jedhhn magaalaa Biilaa 01keessatti dhukaasa banuudhaan uummata jeeqqa kan bulan yammuu ta’u gochi kun immoo akka seera addunyyaattis ta’e akkuma seera biyyattiittis yakka ta’uun isaa beekamaa dha.
Onuma kana keessa namoonni saboontota adamsanii qabuu fi dabarsanii keennuun uummata dhiphisaa kan jiran: 1ffaa Abiraham Waaqwayyaa Daarakteera mana barumsaa sad 2ffaa biila kan ta’e dabballee diinaa. 2ffaa Isaayyaas Taayyee Dabballee ona sanaa yammuu ta’an Barattoonni; Barsiissonni; Saboonttonni Ona kanaa yeroo gabbaabaa gidduutti hatattamaan gocha isaanii kana irraa hin deebi’an yoo ta’ae tarkaanfiin keessa deebii hin qabne kan irratti fudhatamu tauu isaa hubachiisu.
**************
Wayyaanee fi Lukkeen Imaammata Oromoo Doofummaatti Hambisuuf Qabaniin Ilmaan Oromoo Barnoota Irraa Arihuu Baldhinaan Itti Fufanii Jiru! Oromoon Diddaa Isaa Jabaatee Itti Jira!
Haala kanaan mana Barumsaa AMBO SAD 2ffaa barattoonni 375 ol ta’an sababa mirga saba isaani gaafataniif qofa ''jeequmsa kaasuf jedhamtanii shakkamtani'' jedhamanii qorannaa wayyaaneetiin rakkachaa jiru. Isaan keessaa barattonni 43 ta’an isin irratti mirkanaa’eera jechuun mana barumsaati ari’amaniiru. Warri hafan immoo hanga isin irraatti mirkanaa’utti of eeggannoo cimmaatiin baradha jedhamani jiru. Garuu jedhu barattoonni gochaan hammeenyaa diinni nurratti hojjetu kun nuun yoo nu cimse malee duubattii nu hin deebisu jedhu.
Sababa lukkee fi wayyaaneen kana godhaniif gidduu darbe qabsaa’onni naannoo Amboo jiran alaabaa ABO bakka adda addaatti fannisuun deeggarsa ummataa kana hin jedhamne argachuu fi gammachuun ummataa waan guddateef diinni fi saroota isaanii naasisaniiru. Lukkee fi wayyaaneen waraana ABOtu seene jedhanii oliif gadi fiiguun sodaa WBO irraa qaban ifaan muldhisan.
Alaabaa Oromoo kan fannifame naannoo namni baayinaan itti ooluu fi karaa namnni baayinaan deemu irraatti Kaawame. OPDO fedhii fi hawwii Ummataa bakka jiru waan beektuuf, waan sarummaa isaanii muldhiseef, walgayii qabachuun sababa kanaan barattooota Oromoo qulqulluu tarkaanfii mana barumsaa irratti arihuu fudhachuun hawaasa Oromoo duubatti hambisuuf akka rakkoo isaa keessaa hin baane danqaa itti ta'aa jiru.
Kana malees lukkee fi wayyaaneen mana namaa sakatta’uuf nama nagaa hidhuu fi reebuu murtteeffattee kate ofiifis walgayii irraatti walnyaataa jiru. Wal dhibdeen isaan gidduu jiru; gareen tokko ummata nagaa reebdanii namoota nurraatti kakaaftu malee waan isin fiddan hin jiru, bu’aa hin qabu, jechuun yaada kaasaa. Barattoota Oromoo mana hidhaatti guuruu fi barnoota irraa arihuun ittuu ummata nurratti kakaasee badii keenya ta'a jedhanii yaaddoo isaanii ibsatu, warri kaan ammoo humnaan cafaqnee ummata kana gadi qabu qabna warra jedhantu jiru. OPDOn tokko tokko dirqamanii malee nuti hojii kanatti hin amanne jedhanii dubbachuun hawwannoo qabsoo ummata isaaniif qaban muldhisaa jiru. Kan nama ajaayibu fannifamuu alaabaa kanaatti yoo xiqqate Lukkeeleen hojii dhaabanii wa’ee kanaa irratti mari’achaa turan odeeffannoon keessaa nu qaqabe muldhisa, Gochaan kun mallattoo ABOn funyaan isaanii jala jiraachuu muldhisa malee, gara fuula duraatti warra lukkee wayyaaneef amanamoo ta'an irratti tarkaanfiin jajjabaa akka fudhatamuu dandahu qabsaa’onni naannoo dhaamu. Diinnis qalbiin isaa hatamee jira, lukkee fi wayyaanonni, nuti akkasumaan mallattoof teenya malee ummanni ABO waliin jira, isaanis uummata keessa galanii jiru jechuun walgayi isanii irraatti kaasuun dhagaameera.
FDGn bifa jijjiirratta malee hin dhaabbatu jedhu qabsaa’onni naannoo kannafuu diini jabina ummata Oromoo baree tarkaanfii humnaa fudhachaa jiru bu’aa akka hin buufne baruun yakka hojjetaa jiru of irraa xiqeessuuf tattaafachuu qaba. Guyyuu waan hojjetu waan irratti lakkaahamuuf otoo lukkee fi wayyaaneen yakka dalagaa jiran kana of irratti hin heddummeessiin aangoo ummata baldhaatti dabarsanii kennanii fi mirga hiree murteeffanna Oromoo dhugoomsuu irratti gufuu ta'uu baatanii gaarii dha, jechuun sabboontoti Oromoo dhaamu.
Dhuma irratti qabsoon haqaa bilisummaa haqaa fida waan ta’eef rakkina yeroof diinni nurraan ga’u ilaallee akka hin rifannee jennee dhaamna akkas ta’uu baanaan garbummaaan waggaa dheera nurratti laakaa’e kun ammas itti fufuu danda’a. Akka qabsoon goototni Oromoo hedduu irratti wareegaman kun bakkaan gahu fi bu’aa qabaatu qabsoon keessaa fi kan alaa waljabeeffachuun tarkaanfatuu qabsaa’onni gamaaf gamanaas wal dhaga’ee, wal gula deemuun, walii ajajamuu, qajeelfama yeroon raawwachuu fi walii abboomamuun barbaachisaa dha. Kanaaf isin warri biyya ambaa keessa jirtan kara sbotiin dhaamsa karaa interneeta darbuu fi waraqaan isa hin qaqabneef qaqabnef waamichaa fi dhaamsa gara garaa kan isaan kakaasuu danda’u kala'uun dhageechisuu qabdu. Nuti warri biyya kessa jirru ummata ijaarree of barsiisuun dirqama keenya yoo ta’u uummanni immoo haqa itti himamuttii amanee fudhcuun dirqama isaati, kanaaf qabsaa’onni naannoo tokko tokko tarkaanfii diinni fudhachaa jirutti na’uudhaan akka hin rifanne, diinni isaan sodhachisuun ishee jabina isaanii muldhisa. Laafaa eenyutu gatii kennaaf, sabboontonni Oromoo mana hidhaa jiran gootota Oromooti, warri doorsifaman abdii Oromooti, warri ciminaan hojjetan egeree saba kanaati. Gabroonfataan badii jala gahe waan inni gochuu dandahu yoo jiraate kanuma, ummata hiraarsuu, hidhuu, gidirsuu, ajjeesuu beelessuu dha, kun seenaa addunyaa fi Impayeera Itiyophiyaa keessatti illee waan muldhate dha.
Yoo ija hubannoo qabuun ilaallee tarkaanfiin humnaa kan eegaluu yoodhugaan dhabamtee fi maalli yoo harkaa dhumte dha gaafii gaafatamee deebii yoo dhabe deebiin isaa isin waarri gaafii akkasii kaaftan ABO dha jechuun ummata darara ummaani yeroo kana akkas taanaan ABOn dhaaba haqaa ta’uu isaa mirkaneeffata, yeroo ammaa kana ummaanni of hin beekne ille hin jiru waa’ee ABOs qixeessee ni beeka.
QABSOON HAQUMMAA FI CIMINA OF KEESSA QABU BILISUMMAA HAQAATTI NAMA GEESSA.