Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa


Sadaasa 20, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaaneen Sahamrran Oromoo Mana Hidhaa Qaallittii Keessa Jiran Dararaa Jiru!

Wayyaaneen shamaran Oromoo Mana adabaa Qaallittii  keessatti hidhaa turan keessaa sadii mana dukkanaatti galchuun dararaa hagana hin jedhamne irraan gahaa jiraachuu hubatame. Haala kanaan Shamarran :

  • Simmany Dayyaas, 2. Iminat Haayiluu fi 3. Sawunnat Taakkalaa  yaroo ammaa kana mana dukkanaatti erga dabarfamanii torban lama ta'ee jira. Mana dukkanaa kana keessatti dararamni kana hin jedhamne irra gahaa jira.

Godina Jimmaa Ona Limmuu Saqqaatti Sabboonaan Oromoo Mahammad Suruur jedhamu baatii tokkoo oliif hidhamee  dararamaa jira;  Kan kana godhus waajjira poolisii Onichaati. Sababa tokko malee hidhaa keessatti dararamaa jira.

Namoonni dararaa hamaa ilamaan Oromoo irraan gahaa jiran kana seenaa fi seeraan yeroon itti gaafachuuf jennu dhiyeessuuf jabinaan wal ijaaruun waliin dhaabbachun murteessaa ta'uu saboononni Oromoo dhaamu.

********

Wayyaaneen fi Lukkeen Oromoo Shororkeessanii Bulchuuf Tattaafachaa Jiru! Kanaaf Ammoo Nama Nagaa Hidhuun Malleeteessisaa Jiru!

Wayyaanee fi lukkeen rifaatuu sochii Ummata irraa waan qabaniif jecha waan godhan dhabnaani ummata nagaa sababa tokko malee mana jireenya isaa irraa qabanii hidhuun fi doorsisanii mallatteessisanii dhimma qabaniif otoo hin ibsine gadhiisaa jiru. Haaluma kanaan Garba Gurraachaa fi magaalaalee xixxiqqaa keessatti ilmaan Oromoo ofitti amanan callisanii hidhaatti guuraa, kaan mallatteessisaa gadhiisaa jiru. Warri hidhamanii fi mallatteessanii gad dhiifamanis maalirraa akka ofeeggatanis hin beekamu.

Bakka akkasi irratti argamanaan lubbuu keef kan itti gaafatamu si mataakee kan jedhu nama mallatteessisu. Ajjeechaa akkamii raawwachuu akka yaadanis namaaf hin hubatamu. Ilmaan Oromoo dhimmi akkanaa isin irra gahaa jiru gochaan kun gochaa koloneeffataa, gabroonfataa fi mootummaa abdii kutatee waan ta’eef warra kana godhuf otoo hin rifannee hojii keessaan jabinaan hojjettan sabboontoti dhaammatu.

Oromoo lubbuu kee baanaan situ itti gaafatama jedhanii mallateesisuun kun Baha Harargee fi Jimmaas akka jiru dhagahama, wayyaaneen ummata nagaa hiidhuu, adda qooduu fi shororkeessuun bulchuu akka imaammataatti qabatee socho’aa jirti fakkaata, kana irratti ilmaan Oromoo hiccitii isaanii tikfachaa bilchinaan hojii isaanii jabeeffachuun roorristootaa fi gidirsitoota kana of irraa kaasuu malee falli biraa akka hin jirre wal hubachiisee tokkummaan waliin dhaabbachuu qaba jechuun sabboontoti Oromoo dhaamu!

wixxifachuun du'a hin oolchu kufaatiisheetu as kalaahaa jira;ummatni nu gahe jedheera!

Waiixifachuun wayyaandd du’a ishee hin oolchu! Ummanni Jabaatee Wal haa Jiraaru!

********

Hidhamtooti Oromoo Dararamuu, Ayyaana FDG Kabajachuu fi Tarkaanfii Fudhatametti Gammachuu Ibsachuu

1. Simmany Dayyaasaa     Amboo, 2. Himanot  Hiyilu Amboo, 3. Raabee Taammanaa Amboo fi Daragagoota dhiira lama waliin gaafa roobii 29,1999 ALH reebichaafi dararaa guddaa irraan ga’uun haga ammaatti mana dukkanaatti hidhuun maatii fi fira irraa addaan dhoorkamnii jiru. Akkasumas waggaa  gaafa guyyaa ayyaana FDG fi namoota FDG irratti wareegaman ilmaan Oromoo mana hidhaa keessa jiran bifa adda addaan kabajtanii yaadatanii oolniiru. Dabalataanis  tarkaanfiin sabboonummaa ilmaan Orommoo akka Obbo Tashaalaa Abarraa fi De. Geetaachoo Jigii fudhatan baayee nu isaan gammachiise ibsaniiru.

*******

Simannaa Barattoota Oromoo Harayaa Yuniversity Bahirdaritti!

Barattootni Oromoo 'campus peda' hanga 600 ta'anii fi 'campus poly' ammoo gara 200 ta'an walgahuun simannaan barattoota haaressa dhufanii haala addaan gaggeeffame milkiin xumurame guyyaa isaa sadaasa (17-11-2006).

Sagantaa kanarratti barattootni Oromoo duraan turan(senior) haala jireenya turmaata mooraa yuniversiitii keessaa fi sabboonummaa Oromummaa walsimsiisuun ibsa bal'aa godhanii jiru.

Kanaan alatti ammoo   barruulee tokkummaa Oromoo fi sabboonummaa Oromummaa barsiiftu mataduree "Tokkummaa Nuuf Wayya!" jettu  kan kanaa gaditti argamtu waliif raabsaa turani!

Suuraa gootota Barattoota Oromoo FDG irratti wareegamanii kan Jaagamaa faa fi gootota ilmaan Oromoo J.Kamaal Galchuu fi J.Haayiluu diina qaanessanii QBOtti makamanii waliif raabsaa oolani!

Gara biraan diinnii fi lukkeen diinaa kan Oromoon tokkoomuu fi walitti dhufuun sammuu isaan jeeqee boqonnaa isaan dhowwu sagantaa kana fashalsuuf tattaafatanillee itti hin milkoofne. Bakka bu'oota barattootaa keessaa addatti akka amala isaanii doorsisuu fi hidhuuf barbaadanillee barattootni Oromoo bakka bu'aa hin qabnu jechuun bakka bu'oota isaanii saaxiluu didanii qaanessanii jiru.

Haala kanaan simannaan barattoota hareessaa \fresh\ milkiin gaggeeffamee barattootni walfudhatanii jiru.

*********

Wayyaaneen Barattoota Oromoo Lixa Shawaa Hiraarsuu fi Barnoota Irraa Arihuu Itti Fufte!

Godina lixa shawaatti sabboontota hiraarsuun itti fufee jira. haaluma kanaan magaalaa Amboottii  barattoonni dhibba afurii oli kan ta’an mana barnoota irraa aryatamani jiru. Barattoonni kudhanii ol ta’an ammo tasa akka mana barumsaatti hin deebinetti  haqamaniiru.

warra haqamani keessaa :

1. Farajaa kuburee, 2. Abbabaa xilaahun, 3. Gammachuu abdiisaa, 4. Baayisaa huseen

5. Gaadisaa gammachuu warri jedhamani maqaan nu qaqabeera.

Akasumasi magaalaa Gincii ti barattoota Baqalaa Dalasaa fi Habirruu Birruu jedhamani hidhattooni halkani keessaa sa`aa sagali irrati balbala itti cabsanii seenuudhaan Ukkaamsanii deemuun isaanii maatiin saanii ibsaniiru.

Gochaan hammeenyaa lukkee fi wayyaaneen hojjetan kun yoo lubbuu isaanii itti gabaabse malee waan du’a isaan oolchu miti. Gochaa kana fakkaatu barattoota Oromoo irratti keessa deddeebihanii godhanis, qabsoo Oromoo ittuu ol kaasee guddise malee duubatti hambisuu hin dandeenye.

********

Doorsisaa fi Shororkaan Wayyaanee Qabsoo Ummataa Duubatti Hambisuu Hin Dandahu!

Wayyaanee fi Lukkeen Baratootaa fi Ummata Doorsisaan Afaan Qawween Bulchuuf Tattaafachaa Jiru. Haala kanaan barattoota nagaan mana barumsaa Naqamtee keessatti baratan Humna Tika Wayyaaneen Doorsifama jiru. Isaan keessaa:

1. Sanyii Taaddasaa, 2. Margaa Axinaafuu, 3. Kabbadaa Wiirtuu, 4. Boonsaa Raggasaa
5. Gammachiis Hanbisaa, 6. Qananii Margaa, 7. Biraanuu Asaffaa, 8. Ibsaa Asaffaa
9. Miliyoon Nagaasaa, 10. Isaayyas Tasfaayee Mana barumsaa irra ari’ameera.
11. Tarqeenyi --------------, Jechoota tikii wayyaanee ittin dorsisaan akkana jedhaaniti:

1. Yaadaa dadhaaba qabataan adeemtu, 2. Jequmsii tokko mana barumsaati ykn magaala keessati kanaan yoo mana barumsaa irra hinjirtaan ta’eyu mana matii keessanitti akka rasaasaan adda keessan
dhoodhoofnu hubaadha., 3. Dhaaba TBD jedhaamu Uumnaa ijoolee kakaassa jirtu.
4. Maqaan keessaan Koompiiteera poolissa keessa waan jiruuf yoo bakka barbadaan deemtaaniyu isiin nuun jala ba’u hin dandeesaan., 5. Kutaa 12ffaa xumurtaan jennaan Yuniveersiity haaqxaaniti farra dimookirasiiti jennee isin rabsinaa,Iddoo fagoo ta’eti isiin rammadna., 6. Kayyoon keenyaa bara 1999 isiinin Aduunyaa kanaarra dhaabamsiisudha.

 

Maqaa ijoolee miseensa OPDO ta'anii hojii lukkummaa dalagaa jiran (POOLISOOTA)
1. Nagaasaa Aagaa poolisii, 2. Abarra ------------- poolisii, 3. Tolemaariyaam poolisii
4. Adunyaa _________poolisii, 5. Maammoo Kitila bulchiinsa                                               

Maqaa baratoota baasasuun beekaaman
1. Mika'el Tasfayee, 2. Burqaa Taddaasaa, 3. Firiyoot Debbebee Haadha mana poolisii
4. Tigiluu Taarqeenyi, 5. Ababbaa Adaam Tigiree, 6. Tasfaa Tamanee Bassasummaf iddoo gudaa kan qaabu Maba’ilin kenaameef bakka biro deemee hojeechaa kan jiru, 7. Taarqeenyii Fiqaaduu Amaraa
8. Mulaleem Sisaay Ammaraa

Barattoonni Oromoo naannoo Naqamtee basaasotaa fi diinoota Oromoo kana hubachuun akka of irraa eegdan, haala aanjaan uumame keessattis tarkaanfii barbachisaa ta'u irratti fudhattaniif adda baafattan sabboontonni Oromoo naannoo hubachiisu.

DHAAMSA BARATTOOT MANA BARUMSAA KOOMPHIREENSIIVI NAQAMTEE IRRA.
GADAAN GADAA BILISUUMMA TI!!
INJIFANNOON UUMMAATA OROMOOF!!

 

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net