Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa


Sadaasa 18, 2006 (Oromiyaa) - Ummanni keenna Magaalota akka dheeraa, Sagure, Asallaa, Ittiyya, Hasaasa fi Badiyaa keessati Ayyanaa Fincila Didda Gabrummaa Waggaa tokofaa ilaalchisee Magaalaa fi Badiyaa naaannoo kannini keessati haala garin ayyaneefata oolee jira.  

Yeroo kanatti humna basaasa hedduu magaalota keessati gadi naquun wayyaanee bakota isan watiti dhufan hedduu fashalsuuf yaaltus osoon milkaayin ummanni keenna haala gariin ayyaneffatee oolee jira.

Ayyaana Sadaasa 9/2006 halaa gariin qindaa'ee ture kana fashalsuuf garu ergamitoon wayyannee ummata keenna magalota akka Dheeraa fi itayyaa keessaa namoota hedduu  mana hidhaatti guruu fi Mana keessan sakattaan jedhani qabeenya isani samuun namoota hedduu mana hedhati guurtee dararaa jirti.   bakkoota walitti dhufuun dadhabametti ummanni keenna mana manatti waliti bahee ayyaana kana haala gaariin kabajataa ooluun dhamsota adda addaa fi dhaadannoolee garagaraa dhageessisa oolani jiran fkn 1. Wareegama malee bilisummaan hin dhuftu! 2. Ajaja Dhaabdi keenna ABO nuuf kennu hanga wareegamati fixan baasuuf qophidha! 3. Tumsa Bilisummaa fi Dimokirasii kan dhaba keenna ABOn duurfamu nideeggarra! 4. Hidhaa fi Ajjeechaan kaayoo kenna irraa duubati nun deebisu! 5. Ajjeechaa wayyaneen Ilman keenna kan Barumsaaf biyya isanii dhaqan irratti rawwate nibalaalefanna! 6. Gumaa barattoota keennaatis haaloo isaani nibaafana! kkf dhageessisa olani jiran.  

Wayyaaneen yeroo ammaa kana sochi kutaa kana keessatti babal'ataa deemu kana ABOttu duuba jira jechuudhaan ummata hedduu hidhuu fi qabenya isani samuu iti fuftee jirti akka kanaan warreewwan Magaalaa Dheeraa keessaa Sadasa 10-11-2006 qabamanii qabeenya isaa samame keessaa Obbo Sayoo Galatoo mana isaa seenanii qabeenya hedduu kan qawwen kilash keessati argamu saamanii jiran.  

Waluma galati guyyaa kana magalaa dheeraa keessaa nama 6 oltu hidhamee yeroo ammaa kana mana hidhaa keessata dararan adda addaa irra gayaa jira. Akkasuma magaala Itayyaa keessatis namota hedduu diinni hidhee qabenya isani samuun isanis mana hidhaa keessati darara adda addaa irraan gayaa jira. bifa wali galaatiin hidhaan yeroo ammaa kana Kutaa Arsii (Diida'aa) kana keessati wayyaaneen yeroo ammaa kana ABO deggartan jechuun ummata fayyaalessa magaalaa fi baadiyaa keessaa hidhati guuraa jirti.  

Gochaan wayyaaneen garjabinnaan ummata keenna darara jirtu kuni yoo jabaannee irratti hojjanne kan garaa isani jabeessu waan taheef hamilee ummata keennaa yoo ilaallu abdii guddatu namati bula kanaafuu haali ummanni keenna yero ammaa iti jiru bareeda.

**********

Godina Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti mootummaan Wayyaanee namoota nagayaa hidhuu itti fuftee jirti. Haaluma kanaan Sabboontota Oromoo kanneen FDG ni gaggeessan jedhee shakku jumlaadhaan hidhaa jira. Akkuma kanaan namoota maqaan isaanii   1. Obbo Kurkuraa Bulloo, 2. Obo Bulloo Roobee,3. Obbo Nigusee Mi`eessoo 4. Obbo Guddataa Guutamaa, 5. Obbo Gammadaa Huseen, 6. Obo Hassan Alaakaa, 7. Obbo Umar Abubakar, 8. Obbo Huseen Gammadaa Waardiyaa mana barnootaa kan tahe, 9. Obbo Adaam Gammachuu   Kannen jedhaman yeroo ammaa kanatti mana hidhaa wayyaanee keessatti hiraarfamaa akka jiraniifii sabboontota ilmaan oromoo hedduu adamsuuf akka qophaawaa jiran hubatamee jira.  

Basasonni wayyanee kan yeroo ammaa Magaalaa Shaashamannee keessati Ummata keenna basasuun hisisa jiran maqan isanii akka armaan gadii kana ta'a. 1. Taayyee nama jedhamu basaasaa  wayyaanee guddaa kan tahe 2. Hayyaloom Mangashaa, 3. Ajajaa 1000 Waaq jiraa, 4. Komaandar Darajjee Ajajaa poolisii shaashamannee, 5. Damissee Shittoo kantiibaa magaalaa shaashamannee, 6. Fayyisaa Raggaasaa itti aanaa kantiibaa magaalaa shaashamannee, 7. Adaanaa takla Goorgis bulchaa ganda diidaa Boqeeyemmuu tahuu namni kun armaan dura ani miseensa ABOti jechuudhaan keeniyaa seenee ture, 8. Muhaammad Burqaa bulchaa ganda araadaa 9. Abdoo munaa damee ololaa fii siyaasaa naannoo araada, 10. Gabbitaa Gamaachuu bulchiinsa lafaa magaalaa shaashamannee, 11. Bushuraa huseen 12. Fayyisaa Galatoo, 13. Huseen quxessaa   magaalaa  kuyaara 14. Aadam abba ashee magaalaa kuyyara, 15. Gidaayi hayyiluu magalaa kuyaara Fi kanneen akka isaanii gocha akkanaa irratti hirmaachaa jiran baayyee dha maqaa isaan yoo nu dhaqabe isiniif erga.   Namoonni kuniin garaaf jecha Dina jalati galani ummata keenna hisisa waan jiranifr guchaa akanaa kana irraa yoo deebi'uu baatan balaa isanifi qabeenya isani irra gayu kan itti gaafatamu mataa isanii tahuu hubachifna.                 

Gama biraatiin Godina Gujii magaalaa nageellee Booranaa keessattillee haaluma wal fakkaatuun  soda sabboontotaa irraa qaburraa kan ka`een Abbootii amantii dabalatee akkasumas namoota beebeekamoo hawaasicha keessatti fudhatama qaban hedduu hidhee kanneen hafanis mana jireenya isaanii loltoota Poolisaatiin marsisiisee erga sakkata`een booda namoota maqaan isaanii.  

1. Obbo Sheek Huseen Oromoo, 2. Obbo Heessaa Badhuu, 3. Obbo Muhaammad Abdii Kannen jedhaman yemmuu mana hidhaatti naqu kaneen akka Addee Adii Waariyoo tan jedhamtu sabboontitti takkaa immoo mana ishee sakata`aa oolanii jiru. Bifa walii galaatiin sabboontota sabichaa kanneen FDG keessatti ni hirmaatan jedhee ofirraa sodaatu maraa mana hidhaatti guuraa jira. Haa tahuu malee sabboontonni naannolee naannolee kanneenii hidhaafii ajjeechaan qabsoo sabichaa irra boodatti akka hin deebifne dhaadachaa FDG jalqabne hanga Bilisummaatti kan itti fufan tahuu ibsanii jiran. ******

Yakkaa ilamaan Tigreen Yuniversity dillaa keessatti dalagamu!

Akkuma dursinee isiniif ibsine haalli dallaa yunivarsitrii dillaa tasgabbiui akka hin qabne ni bektu. Amma haalli hardha dallaa jiru daran rakkisaa ta’eera. Kanaafuu amma barattoonni mooraa gad lakkisanii bayuuuf qophii dhumaa irra jiran. Sababiin isaa eda galgala ilmaan Tigree lama meeshaa waraanaa qabatanii barataa keenya tokko lubbuu isaa balleessuuf yeroo qaban itti irra ga’amee polisiif harkaan harkatti kennamanii ture garuu barattoonni lamaanuu gad lakkifamaanii amma numa keessa jiru. Egaa nuti har’a haala kana hunda karaa ittiin addunyatti ibsannu miidiyaa barbaanna.

*********

Wayyaaneen Ragaa Sobaan  Ilmaan Oromoo Yakkamaa Gochuuf Yaalaa Jirti!

Akkuma beekamu wayyaaneen hidhamtoota sabboontota Oromoo guutuu Oromiyaa iddoo garaa garaa argaman irratti gochaawwan hadhaawaa fi jibbisiisaa hojjechaa jiraachuun ishee ni beekama. Ta’us garuu diinni keenya yeroo diinummaa ishee  nurratti raawwattu ittumaa akka cimtu si taasisa malee  nu hin laaffisu.

Guyyaa har’aa wayyaaneen sabboontota Oromoo sababa Oromummaa isaatiin qaallittiitti hiitee jirtu keessaa haga tokko mana murtii federaalaatti dhiyeessiteetti. Hidhamtooti kun yakkaa tokkollee akka hin qabne ni beekama. Ta’us poolisoota ishee akka ragaatti irratti dhiyeessuuf  yaaltus waamicha ishee kabajanii sabboontota irratti raggasiisuuf kan dhiyaatan garuu dhalattoota tigree kan ta’an poolisoota 3 duwwaa dha.

Isaanis:   

  1. saajin Yimaam, 2. poolisii. Jamaal Geetaachoo, Asraat Bazuu

Kan jedhaman waajira poolisii magaalaa finfinnee kutaa Gullallee irraati. Ragooti isaan sabboontota kana irratti dhiyeeffachuuf yaadan namoota 63 yoo ta’an tigiroota sadan dhiyaataniin ala warri kaan sabboontota irratti raga sobaa bahuuf fedhii waan hin qabneef hafaniiru. Kanatti kan gaddee fi ragootiin isaan waammatan sabboontota irratti raggasiisuuf fedhii kan hin qabne ta’uu isaanii kan hubate abbaa alangaan mana murtii wayyaanee kun yakka isaaniif abbaan alangaa addaa ramadameera. Kanaaf inni ragaalee qulqulleeffatee hanga dhiyaatutti beellamni biraa nuuf haa kennamu jechuun gaafateera. Haaluma kanaan beellamni isaanii gaafa 21, 3/99 A.L.H beelamamee abbaan alangaa jedhames hanga sanatti ragoolee kana hin dhiyeeffatu taanaan dhimmichatti murtii tokko akka kennu abbaan murtichaa ibseera.

Namoota har’a mana murtiitti dhiyaatan keessaa Gaazixeessaa Shifarraa  Hinsarmuufaa FI galmee Ashannaafii Addunyaatiin kan himataman namooti 25 ni argamu.

INJIFANNOON UUMMATA OROMOO!!!

GADAAN GADAA BILISUMMAATI!!!!

 

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net