Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa


Sadaasa 17, 2006 (Oromiyaa) - Abdii kutannaan wayyaanee Gochaa Hammeenyaan muldhachaa jira! Sochii Oromiyaa mara keessatti godhamaa jiru irraan kan ka`e Wayyaanneen abdii kutachuu irraan tarkaaniffii akka reebichaa, hidhaa fi ajjeechaa miseensota ishee shakituu fi yeroo mara gaaffii mirgaa gaafatan irratti hammeenya dalagaa jirti. Kunis lubbuushee gabaabsuuf ni ariifachiisa. Haala kanaan godina wallagga bahaa keessatti ummata nagaa fi miseensota ishee shakkuun gochaa hammeenyaa dalagaa jiraachuun hubatame.

*********

Zoonii Jimmaaa Ona Deedoo Keessatti Alaabaan ABO Fannifamee!

Godina Jimmaa Ona Deedootti Alaabaan ABO 3 gaafa guyyaa 6/3/99 ALHtti magaalaa Deedootti hidhameera. Akka kanaan

1. Waajjira Barnootaa Ona Deedootti hidhame.
2. Magaalaa dhuma Deedoo Sheekii keessatti bakka Gabaatti.
3. Bakka Kattaa jedhamuttis hidhamee

Bulee hanga gaafa 6/3/99 guyyaa irraa Sa’aa 3.00tti bakkoota kana 3tti hidhamee balali`aa oolte. Hidhamuun isaa gaafa guyyaa 5/3/99 halkan irraa hidhamee bulee hanga gaafa guyyaa 6/3/99 guyyaa irraa 3.00tti balali`aa ture.

Haaluma kanaan yaroo wanti kun raawwatamu Alaabaa kana buusuuf Ummata magaalaa kanaa baayyinaan erga Poolisoonni waamaniin booda fuuldura ummataatti fi Poolisoonni hundi dhiyaatanitti Alaabaan kun kabajaan buufamee gara waajjira Poolisa Ona Deedootti geeffame. Sana booda wal-gayii hataattamaa Bulchiifni Ona Deedoo fi Poolisaa taa’anii akka namoonni shakkaman qabamanu murteessani. Yaroo ammaa kana Daldaltoota 5 ol qabamanii hidhamanii jiru. Dargaggoota magaalaa Sheekii heddus qabuuf ademsaa jiru.

Magaalaa Deedoo kana keessatti yaroo ammaa kana uggura yeroo PM Sa’aa 1.00 booda namni bakkeetti argame akka rukutamu labsamee jira. Gara biraan Konkolaataan Atomoobiliin Lakk. Gabatee isaa 30891 Finfinnee ta’e Poolisootaan too’atamee jira. Abbaan Konkolaataa kanaa Ahimad nama jedhamuudha. Ahimad kun ammoo qabamuuf barbaadamaa jira. Sababni konkolaataan kun qabamee fi namni kun qabamuuf barbaadamaa jiruuf Abbaa mana Muziiqaa Madda Walaabuu Finfinnee waan ta’eef; akkasumas Dameen Mana Muziiqaa Madda Walaabuu magaalaa Deedoo keessatti namni kun banee waan jirtuuf situ harra Fifinnee dhufe; mana Muziiqaa asitti bantee jirta jedhamuuni.

Akkuma walii galaatti magaalaan Deedoo kun yaroo ammaa jeequmsa guddaa keessa galtee jirti. WBO nis naannoo kana galeera jedhamee shakkii guddaa keessa galanii ummata goolaa jiru. Maadheleen hojii boonsaa kana raawwatan akkas jedhu ``nuti miseensonni maadhee Ona Deedoo keessatti argamnu tarkaanfiin kun hiree ummata keenyaa deeggarfachuun amma illee kan itti fufu ta’uu isaa hubachiisaniiru. Kana irratti ilmoon Oromoo martuu akka bukkee keenya dhaabbatus jedhaniiru.``

**********

Ilmaan Oromoo Hidhuu Fi Gidirsuun Itti Fufe!

Godina Iluu A/Booraa magaalaa Mattuutti namoonni lama wayyanotaan hidhamanii baayyee gidirfamaa jiru. Akka kanaan 1. Ba/saa Hayiluu Laggasee, 2. Ballaxee W/Samaayat jedhamanu miseensa ABO jedhamanii erga hidhamanii Baatii 1 ol ta’anii jiru.  Haaluma kanaan Ballaxee W/Samaayat kana Alaabaa ABO hodhitee waggaa waggaan raabsitee ummata goolta jedhamee yakkamuun gidirfamaa jira. Namni kun yaroo ammaa kana kanaan yakkamee mana murtii ol’aanaa godina Iluu A/Booraatti galmeen isaa darbee hiraarfamaa  kan jiru ta’uu isaa maddeen achii kulkulfatanii dubbatu.

 

Barsiisaa Hayiluu Laggasee ammoo duraan miseensa OPDO turtee otoo jiruu, amma nugantee nurratti holola oofta; ABO faarsita jechuun himatamee yaroo beellamaatiin mana murtii Onaa magaalaa Mattuutti deddebifamaa jira. Egaa akkuma walii galaatti yakka tokko malee namoota kana gidirsaa jiru.

Gara biraan godina Jimmaa Ona Qarsaa keessatti namoota hiikamanii turan deebiftee hidhaa jirti. Nama 6 ammoo guyyaa kaleessaa gara Karchallee jimmaatti beellama tokko malee geeffamanii jiru.  Egaa namoota waliin himataman waliin nama 6 waliin Karchallee buufamanii jiru. Kaan waajjira Poolisii magaalaa Sarbootti hidhamanii jiru. Akkasumas sabboontota haala cimaa dhaan eegamaa jiru; magaalaa keessa, Daandii Konkolaataa Jimmaa hanga Gibee waraana fi Poolisa dabalattee halkanii fi guyyaa eegamaa jira.

 

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 

 

 

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net